Ajaji Tiraamp godaantota ari'uurratti dabarse eenyuun ilaallata? Lammiilee Itoophiyaaf yaaddoodhaa?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp wayita yeroo lammaffaaf Amajjii 20, 2025 gara Waayit Haawus deebi'u ajaja kallattiin raawwachiisu hedduu labseera.

Ajaji kun ajaja hoji-raawwachiistuu (exucutive order) kan jedhamu yoo ta'u, dhimmoota irratti xiyyeeffate keessaa inni ijoon waa'ee godaantotaati.

Akkaataa ajaja Tiraamp godaantota seeraan alaa irratti labseen sakatta'iinsi, hidhaa fi gara biyyaatti deebisuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u hanga ammaatti namoonni kuma tokko ta'an hidhamaniiru.

Kun erga Tiraamp gara aangootti deebi'ee lakkoofsa isa guddaa ta'uu fi ammas sakatta'iinsi akka itti fufu qaama dhaabbata Baqattootaa fi Gumruukaa kan ta'e Immigration and Customs Enforcement ibseera.

Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessurraa eegalee godaantota galmee seeraa fi eeyyama jireenyaa hin qabne gara biyya irraa dhufaniitti akka deebisu waadaa seenee ture.

Pirezidantichi namoota kunneeniin yakkamtoota jedhaan.

Duula filannoo Tiraamp keessa kan turee fi Meeriilaand bakka bu'ee dirgomaa kan ture Mikeel Yaadataa miseensa kaabinee Paartii Rippaablikaan.

Dhimma baqattootaan walqabatee xiyyeeffannaan Tiraamp inni ijoon kanneen ajaji mana murtii irratti ba'ee akka biyyasaaniitti deebifaman murtaa'ee fi amma dhokatanii jiran ta'uu BBCtti hime.

Tiraamp hanga yoonaa namoota gara biyyaa deebifamuu qaban kuma tokko adda baasuu kan hime Mikeel Yaadataa, kan ari'aman (deport) warra mana hidhaa jiranidha jedhe.

Eenyuun ilaallata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidant Tiraamp erga aangoo qabatee dhimma baqattootaa ilaalchisee ajaja pirezidantiin kallattiin raawwatu 21 ta'an mallatteesseera.

Baqattoonni Itoophiyaa hedduun Ameerikaa keessa jiraatan labsii Pirezidant Tiraamp kanaan guddoo yaadda'aniiru.

Tiraamp erga gara Waayit Haawus deebi'ee godaantota miiliyoonaan lakkaa'aman biyya irraa dhufanitti deebisuuf waadaa seene ni raawwachiisa sodaa jedhuun kanneen burjaaja'an hedduudha.

Ameerikaan namoota gara biyya irraa dhfanii deebisuuf adda baaste miiliyoona 10 qabdi kan jedhu Mikeel Yaadataa, kunneen bara bulchiinsa Baraak Obaamaarraa adamsamaa jiraachuu dubbata.

Kana keessatti Tiraamp xiyyeeffannaansaa garee gurmaa'anii yakka raawwatan M-13 jedhamuun kan beekamanii fi baayyeensaanii Honduuraas, Meeksikoo, Kuubaa fa'a irraa dhufaniidha jedhe.

''Tiraamp xiyyeeffannaansaa garee M-13 jedhaman Ameerikaa keessaa baasuudha. Gareen kun maandheffatanii kan jiran magaalaa Chikaagoo iddoo jireenya Pirezidantii duraanii Baraak Obaamaati. Los Anjalas, Filooriidaa, Teksaas keessas jiru,'' jedhe.

Akka miseensi paartii Rippaablikaan kun jedhutti Tiraamp namoota kunneen ''nan dhaabaa na filadhaa. Namoota kunneen sirriittin beeka'' jechaa ture.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) erga Waraanni Addunyaa Lammaffaan obba'ee baqattootaaf dawoo kennee eegumsa gochaafii kan jiru yoo ta'u maallaqa guddaa kan ramaddu Ameerikaadha.

Jaarmiyaaleen UN hunduu maqaa namootaatiin daldalu jedhee kan amanu Tiraamp maallaqi ramadamu seeraan baqataa bira ga'aa hin jiru jechuun Amajjii 20 irraa kaasee baajata kana ramaduu akka dhaabu labseera.

Baajata irraa kutuu qofa osoo hin taane baqattoota seeraan ala US keessa jiranillee ari'uurratti fuulleffateera.

Torbee darbe keessa namoota kuma tokko ari'uuf qopheessee jiru keessaa namoota 160 hedduunsaanii lammiilee Kolombiyaa, Meeksikoo, Honduuras fi muraasni ammoo magaalaa Tirinaadaad ta'an ari'eera.

''Kunneen duraanuu hidhaa turan. Mana hidhaatii baafamanii deemaa jiru,'' jedhe Mikeel Yaadataa.

Garuu yeroo ammaa ani waraqaa hin qabu jechuun naasuu fi burjaajiin uumamaa jiru... hanga hin hannetti, hanga hin sobnetti , yakka ajjeechaa fi qoccoollaa saalaa hanga hin raawwanneeti wanti namarra ga'u hin jiru.''

Amajjii 20, 2025 irraa eegalee tajaajilli dhimma baqatootaa fi koolugaltummaa yeroof dhaabbatee jira. Iyyata baqataa simachuun ilaaluunis dhaabbatee jira.

Kun ammoo pirezidantichi sakatta'iinsa fi qorannoo gadi fagoo gaggeessuuf yeroo waan barbaadeefi malee kanaan booda Ameerikaan baqataaf bakka hin qabdu jechuu miti jedha miseensi paartii Rippaablikaan kun.

''Garee qindaa'anii yakka raawwatan (gangsters) karaa seeraan alaa US keessa jiran erga adda baafatee dhimmasaanii xumuree booda adeemsi dhimma baqattootaa keessummeessuun akka itti fufu nan beeka.''

''Ameerikaa dhibbaa dhibbatti baqattoota hin fudhattu wanti jedhu hin jiru. Kun heera irras hin jiru, seerri biyy kanaas ni dhorka. Tiraampis ajaja akkasii hin baasne,'' jedha.

Akka Mikeel yaadataa jedhutti namoonni biyyoota Afrikaa irraa maallaqa hedduu ''saamuun'' US keessatti dhokatanii gamoo ijaaranii fi hojiiwwan adda addaa hojjetaa jiranis labsii kanaan xiyyeeffannaa keessa galaniiru.

''Magaalaan an keessa jiraadhu (Meeriilaand) kana keessaallee hanga tokko qabamuu dhagaheera. Namoonni kunneen maallaqa saamanii warra dhufan, waraqaa warra hin qabne. Yoo gara biyyaa deebi'anis warra maallaqa hedduu biyyaa qabanidha. Isaan kunneen hordofaa jira.''

Baqattoota Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii qaba?

Ameerikaatti ogeessa seeraa kan ta'an Dr Daraaraa Ximootiwoos labsiin Tiraamp kallattiin baqattoota Itoophiyaarratti xiyyeeffachuu baatus daafoonsaa hunda qaqqabuu waan hin oolledha.

Ameerikaa keessatti namni eeyyama hin qabu jedhamu yoo yeroon turtii viizaa jalaa dhumatee, yeroo kenname keessatti gara debei'uu baate fi kanneen karaa seeraan alaa daangaa ce'uun seenaniidha.

Eeyyama malee seenanii yoo biyya sanatti argaman eeyyama hin qaban jedhmu. Ameerikaa keessatti namoonni akkasii miiliyoona 10 ta'u.

''Namoonni dhimmi isaanii karaa mana murtii yookiin dhaabbata immigireeshinii ilaalamaa jiru eeyyyama hin qaban jechuu hin dandeenyu,'' jedhan Dr Daraaraan.

Hanga seerri murteessutti akkasaan hojjetanii jiraatan mootummaan Ameerikaa ni eeyyamaaf.

''Afrikaa yookiin Itoophiyaarraa haga ammaa nama rakkoo jabaa keessa seene hin agarre,'' kan jedhan Dr Daraaraan, ''garuu namooni Itoophiyaa Ameerikaa keessa jiraatan hedduu waan ta'aniif wayita sochiin kun taasifamu kan keessa miidhamu jira jedheen yaada,'' jedhan.

Namoonni karaan ittiin eeyyama argatan keessaa tokko kan yeroof akka Ameerikaa keessa taa'anii hojjetan eeyyamu- Temporary Protected Status (TPS) jedhama.

Kun yeroof namoonni Ameerikaa keessa taa'anii akka hojjetan waraqaa kennamu.

Pirezidantiin duraanii US Joo Baayidan namooota Itoophiyaaf eeyyama kana kennee ture. Tiraamp waan kana kaasuu barbaada.

Kanaaf Tiraamp yoo waraqaa TPS kana namoota qabanirraa mulqe namoonni baayyeen rakkoo keessa seenuu danda'u jedhan Dr Daraaraan.

''Kan biraan ammoo namoonni as dhufanii osoo waraqaa hin argatin yeroo dheeraaf turanii ammallee hin argatin jiran jiru. Isaan kunneenis mootummaan gara biyyaa deebisuu danda'a jedheen yaada.''

Ammoo eeyyama jireenyaa (green card) qabaataniillee namoonni yakkoota akka qoricha sammuu hadoochu daddabarsuu fi hattummaan akkasumas qoccollaa saalaan kanneen himataman mootummaan ari'uu danda'a jedhan ogeessi seeraa kun.

Poolisii Immigration and Custom Enforcement

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisii Immigration and Custom Enforcement yeroo sakatta'iinsa raawwatan

Miseensi paartii Rippaablikaan Mikeel Yaadataa Ameerikaatti baayyinaan waraqaa hin qaban kan jedhaman warra karaa daangaa dhufaniidha jedha.

''Kanneen keessaa ammoo lammiileen Itoophiyaa baayyee muraasa. Hin jiran jechuu dandeenya.''

Baqataan Itoophiyaa bal'inaan kara UN (resettlement progarman) yookiin koolugaltummaa gaafachuun (asylum approval), gariin ammoo karaa firaa yookiin gaa'ilaanidha Ameerikaa kan seenan.

Barnootaanis deemanii koluglatummaaf gaafatu.

''Namni adeemsa kanaan dhufe biyya kanatti ammas akkasumatti itti fufa. Garuu yeroof adeemsi isaa dhaabbateera. As ga'anii waraqaa galfataniiru taanaan dhimmisaanii waan irratti cufamu miti,'' jedha Mikeel Yaadataa.

''Yeroo ammaa burjaajiin uumamaa jira. Dhaqaa harka kennaa, jechaa jiran. Labsiin kan ba'e warra yakka raawwatan (M-13) irratti. Baqataa nagaan homaa hin ta'u.''

Ammoo of eeggannoo gochuu, seera eeguu, waraqaa eenyummaa qabatanii deemuudha malee rifaatu fi burjaajiin hin barbaachisu jechuun gorsa.

''Hanga ammaattis warra ajajai mana murtii irratti ba'edha kan baafamaa jiran. Warri haaraan itti dabalaman kanneen qoccollaa saalaa, ajjeechaa fi yakkoo biroo warra raawwatanidha. Kanarraa bilisa taanaan wanti namoota keenya sodaachisu biraan hin jiru.''

Garuu namoota gara Ameerikaa dhufaniif adeemsi isaan keessa darbuu qaban ji'a ja'aa hanga jia saddeetii harakifachiisuu danda'a jedha.

Ameerikaa keessa kan jiraniif garuu yaaddoo miti. Kan yaaddessu warra ajaji mana murtii irratti ba'edha. Akkasumas warra yakka raawwatanii mana hidhaa jiran.

Kana keessatti lammiileen Honduuras, Kolombiyaa, Meeksikoo, Venezuweelaa yoo ta'an akkasumas namooonni Itoophiyaa eegumsi yeroo (Temporary Protective Service) kennameef yaaddoo keessa jiru.

''Baayidan akkuma dhufeen namoota kuma 60 ta'aniif waraqaa eegumsaa kana kenneef. Keessattuu waraana Tigraay booda Baayidan namoota TPLF hedduuf eeyyama kana waggaa lamaaf dheeresseefii deeme. Isaan kunneen irraa mulqamuu akka danda'u odeeffannoo qaba. Mootummaan kana dubbatee jira,'' jedha Mikeel Yaadataa.

Namni kana hunda keessaa hin qabne homaa waan sodaatu hin qabu. Yoo daangaa cabsee knn seene ta'ellee dhimmasaa ogeeyyii seeraan ga'achuun kallattii ittiin waraqaa argatu falachuu danda'a jedha.

''Dhihoo kana dubartiin tokko boossee natti himte. Kunoo dhaqii harka kenni osoo mootummaan si hin qabin naan jedhan jette. Mootummaan akkas hin jenne.''

Maqaa baqataatiin waan baayyeetu hojjetama kan jedhu Mikeel Yaadataa ''warri faayidaan irraa hir'atu burjaajii akkanaa uumaa jiru,'' jedhe.

''Gaafa haalli akkasii uumamu namnis burjaaja'ee walsaaxiluu eegala, mootummaatti wal kenna. Haala kanaan warra barbaadamu keessattu of makta taanaan hireemasaaniitu si mudata.''

Oppireeshinii mootummaan baqataa qabuuf gaggeessu jiraa?

Poolisiin karaarratti ba'ee waraqaa eenyummaa nama gaafataa nama rakkisuun addana hin jiru jedha miseensi paartii Rippaablikaan Mikeel Yaadataa.

Garuummoo mootummaan Ameerikaa namoota miiliyoona 10 kanneen ajaji mana murtii irratti ba'ee bara bulchiinsa Obaamaarraa kaasanii adamsamaa jiran qulqulleessuuf karoora baafatee jira.

Nama waggaa 15 faa barbaadametu jira jedha Mikeel Yaadataa.

''Wayita wanni akkanaa mudatu inni nagaan keessaa miidhamuun waanuma eegamu. Haalli kun Collateral damage jedhama.''

Kanaaf ammoo nama dhimma kee beeku qabaachuun murteessaadha akka Mikeel jedhutti.

''An wayitan filannoof dorgomaa ture kaayyoon kiyya ijoon kana akka ta'e dubbachaan ture. Lamimilleen Itoophiyaa akka hin taanetti asitti dhufanii rakkachuurra akkuma lammilee Awurooppaa fi biyyoota kaanii viiszaa seera qabeessaan karaa e-Visa akka dhufan yaada koo ture.''

''An kominitii keessa wayitan tures dhimmoota akkanaa quban qaba. Namoonni keenya hedduun waan hin beekne keessa seenanii akka miidhaman natti himaa turan,'' jedhe.

Namoota miiliyoona 10 kanneen dokumantii hin qabne, ajaji mana murtii irratti ba'ee akka ari'aman murtaa'ee dhokatanii US keessa jiran irratida oppireshiniin kan gaggeeffamu.

Isaan kunneen miliqanii jiru. Poolisiin argachuu hin dandeenye.

''Mootummaan Ameerikaa nama miiliyoona 335 ta'u karaatti ba'ee hunda warqaa eenyummaa gaafata inni jedhu waan yaadamu miti,'' jedha Mikeel Yaadataa.

''An paartii keessa, kaabinee keessa jira. Garuu waan akkanaa dhagahee hin beeku. Poolisiin karaatti ba'ee nama sakatta'ee nama hordofee biyyatti nama deebisu hin jiru. Oppireeshiniin akkanaas hin jiru.''

''Kan jiru garuu fakkeenyaaf yakka raawwattee yoo poolisiin si qabe, akka carraa nama ajaji ari'amuu irratti ba'e yoo taate sababa kanatti yoggasuma gaggefefamuu dandeessa.'' jechuun ibsa.

''Ajaja hoji raawwahciistuu waan ta'eef yakkamaa taatee yoo qabamtee fi eeyyami sirraa ka'ee kan jiru yoo ta'e kallattummaan biyyaa baafamta. Akka durii mana murtii dhiyaattee, daanyaa dura dhabbattee miti.''

Poolisoota Immigration and Customs Enforcement

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qaama jaarmiyaa Baqattootaa fi Gumruukaa kan ta'an poolisoonni Immigration and Customs Enforcement wayita sakatta'iinsa gaggeessan

Namoonni barbaadaman kunneen teessoo dhokfatanii jiraatu kan jedhu Mikeel Yaadataa ''Poolisiin teessoo isaaniin hordofee yoo dhabu hin jiran jedheema dhiisa. Ati garuu ollaama sana jiraachuu dandeessa. Namni karaarra si barbaade hordofee si qabu hin jiru. Kan ati qabamtu gaafa yakka raawwattee seera duratti dhihaattudha,'' jedhe.

Kanaafuu hanga dubbiin kun gara tokkotti deebi'utti daafoo kana ofirraa qabuuf yakkumarraa of eeggachuudha jechuun gorsa.

''Hanga ammaatti garuu mana hidhaatii baasanii gara biyyasaaniitti ergan malee oppireeshinii gaggeessanii miti. Poolisiin manarra deemee nama funaanus hin jiru. Yoo manni sun teessoo nama eeyyamni koolugaltummaan irraa ka'ee ta'e sakatta'uu danda'u.''

Namoonni keenya kanaan burjaaja'anii maallaqa baasanii ogeeyyii seeraafaa bitachaa jiru kan jedhu Mikeel ''Kun sirrii miti. Walaba taanaan wanti maallaqa nama baasisu hin jru,'' jedha.

''Ammoo naannoo ofililee eeggachuun gaaridha. Fakkeenyaaf yoo namni waraqaa eeyymaa hin qabne waliin jiraatte sababa sanatti atis waliin qabamuu dandeessa.''

''Poolisiin waliin si qabee si gaafachuu danda'a seerri jedhu jira. Kanaaf yeroo murteessaa kana keessatti of eeggannoo ofii cimsatanii yoo jiraatan wanti nama tuqu hin jiru.''

Hanga hunduu iddootti galutti tasagbbiin eeguu qaban jedha Mikeel Yaadataa.

''Burjaaja'anii walkennuurraas of qusachuu qabu. Namoonni dabarsanii poolisiitti wal eeruuf qophaa'aa jiran akka jiran quban qaba. Iccitii keessan wal hin saaxilinaa.''

Ameerikaan bara bulchiinsa Tiraamp maal fakkaachuuf deemti?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Godaantota ari'uun bara Obaamaas, bara Baayidanis, bara pirezidantota kaaniis tureera. Garuu kan Tiraamp bayyee falmisiise.

Inumaa bara bulchiinsa Obaamaa godaantonni miiliyoonaan lakkaa'aman waan ari'amaniif Obaamaaf maqaan masoo ''deporter in chief'' jedhu ba'eefii ture.

Joo Baayidan wayita aangoo qabatu godaantota miiliyoona 1.5 gara biyya irraa godaananiitti deebise.

''Tiraamp garuu nama kuma 400 qofa ari'e, sanuu kanneen hidhaa keessa turan ari'e,'' jedhe Mikeel Yaadataa.

Ammoo Obaamaan wayita aangoo qabatu baqataan bakka guddaaa akka argatu lallabaa ture, garuu lakkoofsa guddaa isatu ari'e.

Ogeessi seeraa Dr Daraaraa Ximootiwoos bara bulchiinsa Obaamaa nama miiliyoona afurtu ari'ame jedhan.

''Tiraamp garuu isaan caalaa nama ari'uuf kutatee jira.''

Ammoo akkaataan itti gara biyyaa deebifamanillee kan Tiraamp kun adda. Xiyyaara siiviliitiin osoo hin taane kan waraanaan biyyaa baafaman.

''Kun mootummaan akka hin gaafatamneef yaadameeti. Osoo xiyyaara siiviliin ta'ee silaa namni dogoggoraan ari'amellee warra xiyyaaraa himachuu danda'a. Kan xiyyaara waraanaa garuu himachuun hin danda'amu. Kanaaf akkasaaf salphatuuf jedheet akkas godhe,'' jedhan Dr Daraaraan.

Erga Tiraamp yeroo lammaffaaf gara Waayit Haawus deebi'ee baqattoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kanneen eeyyama seera qabeessa hin qabne muddama keessa galaniiru.

Bulchiinsi Tiraamp kun Ameerikaa baqattootaaf dawoo ta'uun seenaa yeroo dheeraa qabdu irraa amantaan akka dhibu gochuu danda'a jechuun kan sodaatan jiru.

Labsiin kun waggoota afran dhufaniif kan itti fufu yoo ta'e baqattoota adamsuunis cimee kan itti fufu fakkaata.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.