Haala rakkisaa keessatti Yunivarsiitii Dambi Doolloo hogganuun maqaa gaarii kan horatan Dr. Lataa Tesfaayee eenyu?

Madda suuraa, Kominikeeshinii Godina Qellem Wallaggaa
Yunivarsiitii Dambi Doolloo hogganuun maqaa gaarii kan horatanii fi 'Hayyuu sammuu qaraati' jedhamuun kan leellifaman Dr. Lataa Tasfaayee boqochuun dhagahameera.
Boqochuu isaanii hordofuun Yunivarsiitiin Dambi Doolloo fi Bulchiinsi godina Qeellem Wallaggaa ibsa gaddaa baasaniiru.
Dr. Lataan hojiidhaaf biyya Ameerikaa bakka deemanitti lubbuun darbuun kan ibsame yoo ta'u, gama mootummaatiin akkaataa du'a isaanii irratti hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.
Dr. Lataan eenyu turan?
Dr. Lataa Tasfaayee Godina Qeellem Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo Ganda 05 jedhamutti dhalatanii guddatan.
Hiriyaan isaanii Obbo Barnabaas Daani'eel BBCtti akka dubbatanitti, Dr. Lataan barnoota isaanii achuma magaaalaa Dambidoolloo Mana barumsa Oliikaa fi Qeellamiti baratan.
Barnoota Fiiziksiitiif jaalala addaa akka qaban kan himamuuf Dr. Lataan digirii jalqabaatii hanga PhD barnootuma Fiiziksii fi isaan walqabataniin eebbifaman.
Barnoota PhD lama- Yunivarsiitii Finfinnee fi Yunivarsiitii Biyya Afrikaa kibbaa Free state jedhamurraa eebbifaman.
Yunivarsiitii Walqixxee fi Yuniversitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaattii tajaajilaa kan turan yoo ta'u naannoo bara 2011 ammoo dorgomanii mo'achuun pirezedantii Yunivarsiitii Dambidoolloo ta'an.
'Guyyaa tokko haala raajii ta'een du'arraa oolan'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Lataa Tasfaayee yeroon isaan pirezedaantii Yunivarsiitii Dambidoolloo ta'an yeroo magaalattiinis ta'e naannawaan suni rakkoo nageenyaatiin raafamu keessa akka ture yaadatu hiriyaan isaanii Obbo Barnabaas.
"Yeroo suni yeroo rakkisaa ture. Yunvarsiitichuu gara hojii dhaabuutti yeroo deemaa turedha. Isaan lubbuu isaanii qabsiisanii yunvarsiitichaa fi naannawa sanatti nagaan akka bu'u, maqaa gaariin Dambidoolloo akka deebi'u godhani" jedhu.
Walwaraansa hidhattootaa fi qaamolee nageenyaa mootummaa gidduutti magaalattiitti deemaa tureen guyyaa tokko lubbuun isaanii haala 'raajii' ta'een ooluus himu hiriyaan isaa kuni.
"Yeroo sana magaalattii keessa qaama lamaan gidduu lolatu ture. Guyyaa sana Dr. Lataan magaalaa Dambidoolloo keessa mana maatii isaa ture. Hidhattoonni bosonaa mana maatiisaa cabsanii seenan. Dr. Lataan saanduqa uffanni keessa kaa'amu keessa dhokatanii guyyaa sana du'a oolani" jedhu.
Yunivarsiitiin Dambidoolloo hojiiwwan kalaqaa adda addaatiin maqaan isaa akka waamamu, nageenyi naannichaa akka tasgabbaa'uuf shoora guddaa bahuus dubbatan.
Dr. Lataa Tasfaayee yeroo Pirezedaantii Yunivarsiitii Dambidoolloo turanitti, Mootummaa bakka bu'uun filannoo irratti hirmaatanii bakka bu'aa uummata aanaa Sayyoo fi Magaala Dambidoolloo ta'uun paarlaamaa seenan.
Erga pirezedaantummaa Yunvarsiitii Dambidoolloo irraa ka'anii booda miseensa Paarlaamaa fi gorsaa mootummaa olaanaa ta'uun tajaajilaa akka turanis eerama.
Tasa du'aan boqochuu hayyuu kanaa hordofees fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa hedduun suura isaanii qooduun gadda itti dhagahame ibsachuurratti argamu.
Du'a isaanii ilaalchisuun ibsa kan baase Kominikeeshiniin godina Qellem Wallaggaa "Dr. Lataan Hayyuu jabaa biyyattiin qabduu fi jijjiiramoota gama maraan godina Qeellam Wallaggaa fi akka biyyaatti dhufan keessatti nama adda durummaan eeramu" jedhe.
Dr. Lataa Tasfaayee bultii ijaarratanii abbaa ijoollee lamaa akka turan BBCn hiriyaa isaanii kanarraa odeeffateera.















