Rakkoo barsiisota yunivarsiitii daabboo muuziin nyaataa ‘PHD’ baratanii

Barattoota fullisaanii hin mullannee

Barsiisaan BBCn dubbise tokko, ‘‘barsiisaa kopheesaatiin adda bafta. Sababiinsaa kophee tokkicha bara dheeraaf sababii kaawwatuuf cinaatti jalataadha. Kopheen barsiisoota hedduu afaan baasee na gati jechuuti hafa, jechuun rakkoo jireenya barsiistoota himan.

Haata’u malee, walakkaan mindaa barsiisaa kophee tokko waan hin binneefu, jallataasaa kaawwachuun barattootasaanii dura bara baayyeef akka deeman kaasa.

Kanaaf, barattoonni injinariingii wagga shaniif dallaa yunivarsitii keessa turan kophee ykn jaakkeettii yeroo baayyeef kaawwataniin isaan adda baasuu akka danda’an dubbat. Barattoonni qaabachu baatanis barsiisaan of shakkun miiraan akka hubamu hima.

BBC gabaasasaa kanaan barsiistoota Yunivarsitii Finfinneetti, keessattuu kanneen digrii sadaffaa (Phd) isaanii baratan irratti xiyyeeffachuun, seenaa barsiistoota sadii akkasiin qindeesseera.

Barsiiftoonni Phd isaanii barachuuf yunivarsitoota biyyattii adda addaa irraa Yunivarsitii Finfinneetti ramadaman rakkoo diinagdee cimaa keessa jiraachu kaasu.

Barsiiftoota ‘kaadhimamtoota doktaraa’ ta’an kanneenis seenaasaanii yoo barreessinu dhiibbaa qabaachu malu hirisuuf maqaasaanii eeruu dhiifneera.

‘Guyyaas galgalas shiiroo qalloo nyaanna’

Barsiisaan jalqaba BBC dubbise Yunivarsitii Finfinneetti barataa gosa barnootaa Ikonomiksiiti. Nama gaa’ila dhaabbateefi abbaa ijollee sadiiti.

Barsiisaan kunis ‘‘Ijoolleefi haadha warraakoo baadiyaatti dhiiseen dhufe. Yoo Finfinnee fide maal nyaatu ykn eessa bulu? Ani mataankoo doormii keessa namoota afur waliinan jiraadha. Isaafuu birri 1,500n kanfalaan jiraadha’’ jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ijoollee sadan qabuuf ji’aan maatiif kuma torban erga. Kan harkatti hafu birria kuma tokkoo yoo ta’u, namni tokko attamiin kanaan lubbuusaan tursiisa? Jechuun gaafata.

Kana malees kanfaltii mana barnoota ijooleetiif birria kuma lama namarraa liqeeffate akka kanfalu hima. Kan hunda caalaa isa yaaddeessu ammo osoo ijoolleen dhukkubsatanii hoo? Kan jedhu ta’u kaasa. ‘‘Garuu hanga ammaa nagaadha, isaaf galata Rabbii’ jedha.

Yeroo tokko tokko yoo rakkoon itti cimu obboleessi akka gargaaruuf gaafachuufi inni ji’aan birria kuma afuri akka erguuf kaasa.

Waa’ee ijoollee koo sitti himuu? Ijoolleen barsiisaa bashannana hin beekan, uffata hin jijjirratan. Ammuma ojjaa dabalan kttaan waan itti gabaabbatuuf nan naha. Abbaan ijoollee yoo guddataniif ni gammadaa miti silaa? Ani garuu nan naha sababiin uffata bituufii hin dandeenyeef.

‘‘Barnoonni digrii sadaffaa yeroo baayyee wagga afur fudhata. Kanneen wagga 6tu hin xumurinis jiru. kann sammusaanii miidhames jiru. Mee Araati Kiiloodhaa gara 6 kiiloo deemi. Nama ofiin haasa’u daandiirraa hind habu. Sun barataa PHD ta’a.’’

‘Hiriyootakoo yoon argu daandiin jijjiradha’

Ijoolleen dur waliin barannee baayyeen bank keessa hojjatu. Kaan ammo dhaabbata mit-mootummaa keessa hojjatu. Osoon argeeniin nan hawwa garuu sababii haala jireenya kootiin irraan baqadha. Fageenyaatti yoo argu daandiin jijjiradha.

Yoo sin affeera naan jedhan aferamu barbaaduus garuu natti dhagahama. Hiriyaankoo tokko dhaabbata miti-mootummaa keessa hojjata. Mindaa dolaara 2,500 ta’u argata. Jireenyasaatti nan innaaffa.

Kaan yoo daandiirratti na argan ‘maalii si dhukkubeeti? Akkasiin of hin gatiin. Hin badiin si gargaarraa’ naan jedhu.

Ani Waaqni nagargaaree harka hin kenniineef malee kan daandiitti bahanilleen jiru. Kan gaa’ilasaanii hiikan, dhiphinaan kan araada keessa seenan jiraachu beeka.

Yeroo tokko tokko haatii warraakoo yoo rakkattu ni bilbilti. ‚‚Hanga yoomiitti haala kanaan nu jiraachiifta? Maaliif barnooticha dhiifte hojii hin barbaadne?‘ naan jetti.

Umuriikoo barsiisuunan dabarse. Muuxannoo malee attamiinan baankii ykn dhaabbata miti-mootummaa keessatti mindeeffamu danda’arre amma? Daandiin jalqaba filadhetu na miidhe.

Hiriyoonnikoo barnoota itti fufuu baatanis mana G+2 fa’i ijaarrataniiru. Ani doormii keessan nama afur waliin jiraadha umurii kanaan.

'Eessattan daandiirraa maqee?‘

Wayitan maatiikoo gaafachu dhaqee manaa hin baanu. Ijoolletti waan baayyeen waan bareeduuf fudhee magaalaa hin bahu. Kun natti dhagahama. Akka abbaatti akkan hin kunuunsineen yaada.

Jireenyaan eessarratti daandiirraa maqee? jedheen of gaafadha. Hiriyoonni koo hidhii naaf xuxanii ‚‚barsiisaa taatee hafte‘‘ naan jedhu. Isaanis sirriidha.

Beektaa jireenyakootti tokkoofaa kanan hin baane kutaa 9ffaa qofaatti ture. Kanaafu eessattiin dogongoree laata?

'Barataa Phd ijoollee sooressaa qayyabsiisu'

Hiriyaankoo barsiisaa Fiziiksiiti. Manneen barnootaa dhuunfaatti barsiisuuf yaalee hin milkoofneef. Amma dhokatee sadarkaa lammaaffaf iyyataa jira. Maatiisaa bira deemee hin beeku. Yeroo hunda gadi cabeen isa arga.

Barattoonni Phd kaan atobiisiin deemanii dhokatanii ijoollee sooreessaa qayyabsiisan deebii’an jiru. Ogummaan kun akkasiin nu ajjeesse.

‘Guyyaa guyyaan daabboo shaayiin nyaanna’

Dallaa 6 kiiloo keessatti manni nyaanni ‘bayaayinatu’ jedhamu birria 600tti gurguramu jira. Eessaa fidanii akka nyaatan amanuun dadhaba.

Ani garuu ganama daabboo lamaafi shaayiin nyaadha. Kun birria 30. Yeroo hundaa cireekoo Waayiti Hawusiin nyaadha. Kaaffee karra 5ffaarra jirtu sanaa.

Laaqanaafi irribaatas achuumaan shiroo qalloo nyaadha. Kunis duraan 50 ture amma 70 galeera. Barsiisaan foon nyaatu jiraachu hin beeku. Kann akkakoo ijoollee qabu hafee barsiisaa qeerroonu kan foon nyaatu hin se’u.

Nuti daganneera foon nyaachu. Ijoolleenkoo osoo nyaatanii natti tola ture.

‘Haati warraakoo surree naaf bitte’

Barataan PHD hundi dhokatee hojii garaagaraa hojjachuuf yaala. Kan sarvee hojjatu, kan sadarkaa lammaffaa barsiisu, kan maqaasaa jijjiratee sooreessa qayyabsiisu jira.

Galii inni guddaan waraqaa qorannoo barattootaaf hojjachuudha. Anaaf takkaa naaf mikaa’e hin beeku.

Kophee haaraa kana bitadhe waggaa 10 har’a hojii tokko World Vission’f hojjadhee kafaltii birri kuma sadii argadheetan. Ergasii kophaa haaraa bitachu hin dandeenye.

Waggaa sadan har’a haatii warraakoo maallaqa argattee surrii jiinsii naaf bitte, Waaqni isheef haa toluti. Barataa PHD waggaa lama guutuu uffata tokkoon barate beeka.

Kaadhimamaa doktaraa lammataan BBC dubbise ammoo Yunvarsitii Baahir Daariitti kann baratuufi gosti barnootaasaa kann hin ibsamneedha.

Duruu rakkoonan baradhe, barsiisummaan abaarsa jedha. Haadha warraafi daa’ima tokko akkasumas obboleetii barsiisu tokko akka qabu dubbata.

Sababii maallaqa geejibaa hanqatuuf haadhasaa osoo hin argiin waggaa 7 dabarsu kaasa. Akkasumas haatiikoo ollaa keessatti ‘ilma barsiisaa yunivarsitii qabdi. Doktara ta’eera‘ akka jedhamtu sababiin beekuuf nan qaana’e. Sodaa kanaatiin maatiifi sirarraa baqadhe.

Haatiikoo rakkatte waan na barsiifteef ishee qaanneessuu hin barbaanne. Yeroo yunivarsitii seenu abbaankoo qotiiyyota afur gurguree na barsiise.

Yeroo sadarkaa lammaffaa baradhu haatiikoo daandii sa’aatii afurii miilaan imaltee Gindar Mana barnootaa Faasilidasiitti waanan nyaadhu natti baachaa turte.

Hanga ammaattuu na nan gaabbuu baradhee jireenya haadhakoo jijjiruu dadhabuu kootti.

'Haatiikoo bilbiltee boosse‘

Dhiheenya kana haatiikoo naaf bilbiltee amma garaan na hammaate naan jette. Maaliif? jennan, yoon si barsiisu akkas taate jedhee hin eegne ture. Maatiikee qabattee akka ayyaana na waliin dabarsituun barbaada. Maallaqa si hin gaafanne‘ naan jette.

Baayyee natti dhagahame. Namoonni biyyaa waan baayyee naan jedhu ‘Baruumsi kee hin dhumuu?

'Barnooti kee hindhumuuyi? Jireenyikee maaf hin jijjiramne? Naan jedhu.

Ilmi abbaa abalu kutaa 10 xumuree kunoo mana waa fakkaatu ijaarrate. Situu barnootatti ciche malee namni kaan akkasii miti’ naan jedhu.

‘Erga ansoolaa keenya jijjirannee waggaa saddeet guute’

Yeroo tokko baayyee rakkaadhee jennaan dhoksaadhaa mana barnootaa sadarkaa lammaaffatti barsiisuuf mindeeffame. Yoo Phd barattu hojii hojjachuun hin hayyamamu. Ani garuu dhokadheen hojii eegale.

Barattoonnis uffannaa fi kopheekoo ilaalanii kolfu. Anis ‘mudameen lakkoo tasgabbaa’a qoosaarra hin jirru, barnootarra malee jedheen. Isaan keesaas tokko ‘Ati barattee eessa geessee?’ jennaan hunduu kophee koo ilaalanii kolfa itti fudhan. Osoon barataa digrii sadaffaa ta’ukoo baranii maala jedhu lata?

Kaan shamiizii keetiin adda si baafne naan jedhu sababiin jijjirraa hin qabneef. Yeroo dheeraaf magaala bahee hin beeku. Uffata erga bitadhe waggaa shan ta’eera. Namaanis walitti hin makamu, nana baqadha.

Guyyaan hunda caalaa garaan itti na hamate ture. Gaa’ila dhaabbadheera. Ansoolaakoo yoon ilaalu garaatu na hammaata. Dur yeroo jireenyii gaarii turen bite. Yoon yaadadhu waggaa saddeeti guuteera edaa ansoolaan keenya.

‘Osoon barataa qaxalee hin ta’in maal qaba ture’

Namni hinbaratiin kan manaafi qabeenya qabu baayyeen beeka. Jireenya fooyya’aa qabu. Akkasi jedhamu baatuus, maafan baradheen jedha yeroo tokko tokko.

Namaan adda bahee qofaakoon haasa’aa qofaa jiraadha. Nama taatee nama walin jiraachu dadhabuun maraatummaadha miti?

Sababii kiisiinkoo duwwaa ta’ef manaa hin bahu. Kan biraa hafe, haadha warraakoof yeroon fudhuu kanan biteefiin alatti kennaa biteefii akka hin baakneen tibban yaadadhe. Mucaakoofis akkasumas.

Ani barsiisaa ta’uu fi isaanis maatii barsiisaa ta’un miidhaman. Kanaafan yeroo tokko tokkoo osoon duraan barataa qaxalee ta’u baadhee kanan jedhuuf.

Kaadhimamaa Pdh- sadaffaa Yunivarsitii Arbaa Minciitti Maarkeetiingi baratu, tokkoos gaa’ila dhaabbachuun mucaa tokko qaba.

Innis erga Phd galmoofteen booda seemistara lamaaf koorsii idileen baratta. Achiin wixiinee waraqaa qorannoo kee (synopsis draft) dhiyeeffatta jedha.

Koorsiin boodas maxxansi sirraa eegama. Barruu irratti xinxala (Article reveiw) si eeggata. Kan maxxansu qabdus barruu maqaa qabu (Reputable journal) irrattidha.

Isaafis waan kanfalamuuf maallaqa hin qabneen doolaara 100n kanfale. Jalqaba doolaara 900 na gaafatan. Biyyaafi haala jireenyaakoo ergan gadi fageenyaa barreesse boda kan kadhaa meeqaan baatii hedduu boda doolaara 100n naaf maxxansan.

Barsiiftoonni Phd gargaartoota pirofesaraa (Associate Professors)dha. Maxxansiisi kan sin jedhanis si yaadanii osoo hin taanee ofiisaaniitiif. Maqaa gaarii itti argatu. Isaan pirofesar guutuu ta’u barbaadu. Yoo maxxansiifte malee qabdii hin galchu siin jedhu.

Yaadi barsiisaan waan nyaatu rakkatu barruutti maxxansuuf yoo rakkatu.

Mindaa harakakoo galu birrii 9,900. Dabalataanis birrii 1,350 waraqaa ittiin hojjachuuf jira. Yoo Phd barachou seentu boqonnaa barnootaa (study leave) guutta. Kaan jechuunis barnootaan ala hojii omaatu hinhojjadhu jettee waadaa galuudha.

Dura hojiin yeroo ni hojjatama ture. Fakkeenyaa barnoota galgalaa ykn review barsiifna ture. Kan biraa waan ‘Overload’ jedhamu ture. Yoo kireditii 12 ol barsiite seemistartti si kanfalama ture.

Yoo PhD eegaltu sun hundi ni hafa. Ammuma ol siqxu jireenyi cimaa adeema jechudha. Mana kireeffannee jiraachu waana hin dandeenyeef haadha warraafi mucaakoo dhiiseen dhufe. Gaa’illis akkauma barnootaa fageenyarraa taeera.

Sammuu mucaakootiif jecha maqaakoo hin dhahiin malee, guyya guyyaadhaan daabboo muuziidhaanan nyaadha. Ana qofaas osoo hin taanee hunduu muuzii daabboon nyaattaa osuma nu hudhuu barataa jirra.

Maatii qabattee birrii kuma sadii foon nyaachuu hin hawiitu. Kiraan manaa bowoo gara biraati. Mana jijjirrachuuf firaashii baattee yoo deemtu barataan ati barsiifte si arga. Baqqaa sitti dhagahama.

Mootummaan mana citaallee ykn dhoqqee ijaaree osoo nu kennee maal qaba? Barsiisaa yunivarsitii taatee baaldiifi firaashii baattee mana jijjirta. Kun waan guddaa ta’eetti dhugaa dubbachuuf?

Kireessitoonni barsiisaa ta’ukee yoo baran dhabu maala jedhanii dursa akka kanfaltu si gaafatu. Kan barsiisaatti hin kireessinees jiru. Booda keessa barsiisaa kan ta’u dhamabu danda’a natti fakkaata.

‘Sammuunkoo sirrii miti’

Barnootichi hangasi cimaa miti. Barnootarratti xiyyeeffachu hin dandeenye. Yaadakootu bittinnaa’e.

Yaadanan bada. Xiyyeeffannaan dhaba kompitara bane. ‘Qorannoodaan rakkoo hawaasaa furuun hafee anu rakkoon koo yooman fure?’ jedheen yaada.

Biyyikoo mindaa naaf kanfalti nan galateeffadha. Garuu humnsheetiin ol ykn gadi ta’u hin beeku. Kan dhimmisaa isaan ilaalatu beeku. Ani jiraachuuf rakkachuukoon beeka.

Ani ijoollummaarraa qabee barsiisaa ta’un barbaada ture. Ergan eebbiifameen booda Baankii Awaashiitti hojii argadheen ture. Lakkii barsiisaa naaf wayya jedheen dide.

Isaan booda maatii waliin wal dhabne. Dhiheenya kana hiriyankoo bilbilaan waan naaf erge. Innis viidiyoo ‘barsiisaan waamichaaf affeerame tokko akkaawwii dhaiyaateef erga nyaatee booda kan hafe kiisiitti yoo naqatu’ argasiisuudha. Anis sababii viidiyichi jireenya koo dubbatuuf nan nahe.

‘Hiyyeessa hiyyeeesaan gadiiti’

Barsiiftoonni hiyyeeyyii miti nun jedhu. Garuu nuti hiyyeeyyii hiyeeyyiin gadiiti. Kunu nutti xinnaatan jedha.

Hiriyyoota Yunivarsitii Finfinneetti Phd barataa hojii isaaniif hin malle hojjatan beeka. Barsiiftoota Yunivarsii garuu firaashii buufatanii gareedhaan kutaa xiqqoo keessa bulan beeka.

Keessattuu barsiiftoonni maatii qabnu baayyee miidhamneera. Amma amma sarara jireenyaan filadheetti gaabbaan jira. Ijoollummaa kaasee barsiisaa ta’u filachuunkoo dogongoraa laatan jedha.

Barsiistootan baayyee dinqiisiifachu waan turaniifan dogongore. Waanan isaan jaaladhuufan barsiisummaa filadhe.

Barsiiftoonni na barsiisan anaa qixxee ykn anaan gadi argatu. Kaan warri waajjira mootummaa hojjatan garuu yeroo yeroon guddina argatu. Atamiinan barsiisaa wagga 20 dura na barsiise waliin mindaa wal fakkaatu argadha?

Kuni sirrii miti. Attamiin haatiifi ilmoon wal qixa ta’u? Abba ana barsiise waliin mindaa wal fakkaatu argachu hin qabu. Mootummaaf kan dhagahu yoo ta’e rakkachu keenya itti nuuf himaa mee maaloo.

Sila foon yeroo meeqatti nyaata? Naan jetteeyyu? Barsiisaa kamtu yoo foon yaatu agarte? Ganama daabboo muuziin nyaadheen baha. Yoo daree baanus muuzii bitannee gara manaa deebiina.

Laaqanaaf buddeen gogaa birri 25 binnee shiroon nyaanna. Galgala qo’annaarra turre yoo dadhabne muuzii guyyaa binnee daabboon nyaannee bulla. Kutaa keenya gogaa muuziitu guute sababii hundi keenya an waliin jiraannu barattoota Phd taaneef.

Dhugaa dubbachuuf ALI bara 2016 keessa yeroo lama ykn sadii caalaa foon hin nyaannee. Isayyu namatu na affeereti.

Barataa Phd Yuunivarsiitii Jimmaarraa manajimantii baratu

Garuu walitti dhufeenya hawaasumamaarraa ittifameera jedha. Fakkeenyaaf, hiriyaankoo tokko miizee naaf ta’I jedhee na gaafate. Lakkii qorannoof magaalaan baha jedheen bilbilakoo cufee bade.

Namaan baayyee walitti hin dhufu. Hiriyoota koo yoo arguus akka laaqana waliin nyaanna naan hin jenneef, dafeen biraa deema.

Yeroo baayyee kanan nyaadhu laawunjii dallaa yunivarsiti Jimmaa guddiicha keesaayi. Gonkumaa alaa hin nyaadhu. Isayyu malaanan nyaadha.

Fakeenyaaf cireerratti nayyata fuul jedhamu jira. Baaqeelaadha. Birrii 35nan nyaadha. Nama quufsa gaariidha. Aannan daaboodhaan birrii 35 isan baayyiisa.

Dhokadhee barsiisuuf nan yaala. Yeroo hunda maaliifan gara hojii kanaa seenee jdheen gaabba. Firoonnikoo, maatiin haadha warraakoo waanan dureessa itti fakkaadhuuf maallaqa rakkanneen naan jedhu. ‚Barnootarran jira. Anayyuu hin gahu dhiifaman jedhaan.

Kiraa manaatiif birrii kuma laman kanfala. Kutaa tokko keessa firaashii buufadheen bula. Fuudheera garuu barnootaaf maatii baadiyayatti dhiiseen akka qeerrootan jiraadha.

Osoon as fide maallaqa hin qabu. Yroo hunda waa’ee mucaankoon dhiphadha. Mucaankee guddatee barsisaa akka ta’u barbaaddaa? osoo naan jette lakkii jedha. Anaan haa dhaabbatu.

Ani amma Phd koo xumuruuf yaalaan jira. Kana hunda kanan rakkadhu daballii birrii kuma lamaa qofaaf ta’u yoon yaadu ammo abdiin kutadha, jedha.

Kaadhimamaa Phd shanaffaa, Yunivarsitii Finfinneetti baratuuf gaa’ila hin dhaabbatin kan biraas BBC dubbiseera.

Ani carroomaadha, maatiin na gargaaru. Baayyee hin rakkadhu. Garuu hiriyoota koo keessaa kann gaa’ilsaanii diigan, bitaa itti galee kann baajaajii oofu beeka.

Amma dhiisee deemee kutaa biyyaa jira. Barnoota kanarra baajaajii oofuu naa wayya jedhee dhiisee deeme.

Maqaleetti ammoo barsiisaan suohaa baajaajii hojjatu tokko jira. Kannen waraqaa eebba maastarsii ijoolleef hojjatanii jireenyasaanii deeggaratan jiru.

Nama galgal deemee uffata moofaa gurguruun Phd baratu beeka. Kanneen karaa Liibiyaatiin baqannaaf bahuun gammoojii keessatti afanis beeka. Kanneen qo’achiisan ammoo baayyeedha.

Ijoollee sooreessaa qo’achiisuun carraadha. Eessatti aragameeti. Namaan argama. Jijjiramuudhaaf rakkachuun waanuma jiruudha. Garuu kana hunda rakkaattee baatee mindaa jireenya kee si hin gargaarreen mindoofta. Sadarkaafi maqaa haaraadhaan hiyyummaakee akka haaraatti eegalta jechuudha.

Qormaata qormaata biyyaaleessaa qoramuuf jiru

Baatii muraasaan dura barsiiftoonni yunivarsiitti argamnu qormaata biyyaaleessaa sadarkaa 2ffaa qoruuf akka qophoofnu itti himame. Achiin‚ mudamni eegale‘ jedha barsiisaan kana keessa darbe tokko.

“Yoo qoruu dhaqxe durgoo argatta. Carraa waggaatti al tokko argamu waan ta’ef akka lotariitti ilaala.’’ Dorgommii kana keessaa gargaaraa pirofeessaraa, doktaroota, barsiiftootatu jira. Barattoonni Phd kadhaadhaan haalli itti galan ni jiraata.

Falmichi torbanootaaf itti fufa. Dhimmicha tasgabbeessuuf ittigaaftamtoonni akeekkachiisa kennu eegalu. Qortoonni eddoowwan nageenyaaf yaaddoo ta’na fa’itti ramadamu akka danda’na akeekkachisa kennan. Akeekkachiifni kuni kaadhimamtoota Phd hambiisuu hin dandeenye. Dhummarrattis warri carooman filataman.

Barsiisaan Yunivarsitii Aksuum irraa qormaata kanaaf ramadame tokkos eddoowwan yaaddeessoo kan akka hidhattoonni ABO Shanee keessa socha’na naannawa Dambi Dolloo fi Naqamteetti, kan Faannoon keessa socha’u naannoolee baadiyaa Dabarqiitti konkolaataa waraanaan dabaalamanii deemuu BBCtti hime.

Barsiiftuun ulfa geessee tokkos isaan waliin akka turte yaadata barsiisaan kun. Egaan qabsoon kun hundi durgoo argachuun jireenya ofii deeggarachuufiidha. Yoo dunees haa dunu jennee itti seennee jedhe.

Kanfaltiinsaa guyyaatti birrii 400. Yoo qortu ammoo 550 garuu gibirrii irraa hirratee birrii 357.50 harka si gaha.

‘Waaddii maraqiin itti haa baayyatu’

Barsiisaan gara biraa BBCn dubbise qormaata biyyaaleessaa kana qoruuf filatamuun carrumuudha jedha. ‘‘Dhugaa dubbachuuf yeroo meeqaan boda waaddii kan nyaanne yeroos ture,’’ jechuun yaadata.

‘‘Gatiin waaddii qaaliidha. Gaarummaansaa baadiyaatti ammi waaddii ni baayyata. Shan taanee waaddii sadii ajajanna. Yoo ajajnu akeekkachiisa tokko kennina. ‘‘maraqiin itti haa baayyatu’’ kan jedhu.

Bariisaan biiroo keessa bulu jiraa?

Kanaan dura Yunvarsitii Maqaleetti barsiiftoonni tokko tokko doormii barattootaa keessa buluu jalqabusaanii BBCn gabaasuunsaa ni yaadatama.

Barsiitoonni yunivarsitichaa BBCn barreeffama kanaaf dubbiise kan biraa akka jedhaniitti barsiiftoonni kiraan manaa isaan qore, aariin kan gara araadaatti galche dhukatanii biiroo keessa buluuf dirqamaniiru jedhu.

Barsiiftoonni maatii guddaa qaban ammo sababii qaala’insa kiraa manaatiif jecha maatii bittiinsuuf dirqamaniiru. Barsiiftoonni ijoolleesaanii waliin jiraachuf rakkatan, maatii gara baadiiyaa fagootti bakka dhalootasaaniitti erguun baayyee kan barame ta’eera.

‘‘Qaala’insi jireenyaa nama gaa’ila dhaabbateerraa gara liigii qeerrootti gadi nu buuseera’’ jedhu.

Yaaddannoo: Barreeffamni kun kan qixaa’e osoo daballi mindaa hin taasifamniin dura ture.