Obboleessa Jaarraa Abbaa Gadaa biyyaa baqatee amma namoota beekamoo Ameerikaa wal'aanu

Maqaan isaanii Dr. Nasraddiin Ibraahim Hamiid jedhamu. Dhalatanii kan guddatan magaala Harar Jegol keessatti. Isaan ogummaadhaan ispeeshaalistii yaala keessooti.
Seenaa isaanii Dallaa Jegolii hanga Atilaantaa, muxannoo hojii isaanii fi waan biyya isaaniitti hojjechuuf sochiirra jiran irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Dr. Nasraddiin obboleessa xiqqaa qabsaa'aa Oromoo Jaarraa Abbaa Gaddaa (Abdukariim Ibraahim Hamiidi) dha.
Magaalli isaan itti dhalatan Harar (Hadaree Biyyoo)n magaala dallooftee fi manneen walqabatoo fi daandii keessa keessaa dhidhiphaa malee dirree bal'aa hin qabne waan taateef ijoollummaa isaaniitti taphaaf lafa fagoo deemaa turuu yaadatu.
"Adaree Biyyoo keessa dirreen itti taphatan waan hin turreef kubbaa miilaa taphachuu fi bishaan daakuuf kiiloomeetira sadii afur deemaa turre. Suni yaadannoo ijoollummaa yoomuu hin dagannne" jedhu.
Barnoota isaaniitti barataa qaxalee sadarkaa keesaa hin dhabamne ta'uu kan himan Dr. Narsaddiin, A.L.I bara 1983 ogummaa Fayyaatiin Yunvarsiitii Finfinnee hospitaala Xiqur Ambassaa seenan.
Waggoota afurii oliif barnoota Medicine' baratanis haala sochii siyaasaa yeroo sana tureen barnooticha adda kutuuf dirqamuus kaasu.
"Yeroo sana shororkaa siyaasaatu ture. Yunivasiitiilee keessa haalli bareedaa hin turre. Anis irra hedduu sababa siyaasaatiin barnoota kiyya xumuruu hin dandeenye. Sanirratti animmoo obboleessa Jaarraa Abbaa Gadaati" jedhan.
Godaansa gara biyya alaa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Nasraddiin dhibdee siyaasaa bara sana tureen erga barnoota adda kutanii gara biyya ollaatti baqachuu himu.
Egasii adeemsuma keessa biyya amma ogummaa jaalataniin itti hojjechaa jiran Ameerikaa seenuuf hiree argatan.
"Adoolessa bara 1991A.L.I karaa qubachiisa baqattootaan Ameerikaa seene. Biyyi namaa kuni yeroo dura seentu hedduu mijawaa miti. Gargaarsa hin qabdu qabsoo guddaa sigaafata" jedhan.
Ta'us hiree guddoo Ameerikaa keessa jiruun jireenya ofii fooyyeffachuuf tattaaffii guddoo gochuus himu. Kanaaf ammoo barnoota fayyaa adda kutan sana itti fufuu ture.
"Taaksii oofeera, kaashara ta'ee hojjedheera, warshaa keessa hojjedheera. Garuu galman qaba ture. Galmikoo ammoo barnootan sababa siyaasaan adda kute milkeessuudha. Kanaaf, mana barnoota fayyaatti galmaa'een barnoota eegale" jedhan.
A.L.I Bara 2001 Ispeeshaalistii yaala keessoo ta'uun eebbifaman. Ogeessa mataadhaa hanga miilaa qaama guutuu yaalan jechuudha.
Ergasii hanga har'aattis waggoota 20 caalaniif ogummaa yaala Fayyaatiin Hospitaala Atilaantaa keessatti argamuu fi dureessonni itti yaalamanitti hojjechaa jiru.
Namoota bebbeekamoo hedduu yaaluu

Hospitaalli Piedmont Atlantaa Hospitaalota gurguddaa Ameerikaa keessa jiran 10 keessaa tokkodha. Kuni ammoo Ispeeshaalitootaa fi ogeessota ogummaa Kanaan sadarkaa olaanaa gahan waliin hojjechuuf hiree gaarii uumuufii himu.
Hospitaalli kuni hospitaala namootni dureeyyii fi jireenya olaanaa jiraatan itti yaalamani.
"Hospitaala kanatti kan yaalamu warra gulantaa jireenyaa olaanaa qabani, abbootii qabeenyaa korporeetotaa, artistoota bebbeekamoo, biliyeenaroota"
Dr. Ibraahiim Hospitaala beekamaa kanatti erga hojii eegaanii Namoota addunyaarratti beekamoo ta'an tajaajila yaalaa kennaniif hedduu keessaa muraasa BBCtti himaniiru.
Isaan keessaa dureessa Biliyeenara ta'anii fi Hundeessaa dhaabbata 'The Home Depot', Bernii Markas tokko.
"Home Depot jechuun warra addunyaa guutuu Afrikaan alatti kaampaanii hedduu sochoosani. Markas nama dhaabbata kana obboleessa isaa waliin hundeessee fi Doolaara Biliyoona hedduu sochoosu. Hiree isa yaaluu argadheen ture" jedhan.
Hospitaalli kuni kan dureessotaa waan ta'eef, bakka dhaabbiin jiraachaa itti yaalamanii fi qulqullina Hoteela abbaa Urjii shanii qabuun qixa ta'etti, ogeessi fayyaa dhaabbiidhaan ramadameefii yaala.
Abbootiin qabeenyaa Kilaboota Ameerikaa akka 'Saints Football' warra deeggarsa guddaa qabanis yaaluuf hiree argataniiru.
Jiimii Foks
Dr. Nasraddiin Hospitaala dureessotaa itti tajaajilan kana keessatti namoota beekamoo yaalan keessaa tokko ammoo taatoo Fiilmii beekamaa Jiimii Foksi.
"Foksi taatoo fiilmii beekamaa Ameerikaa kan hiddi Dhalootasaa Afrikaa ta'e. innis Hospitaala keenya dhufee Ani ogeessa ta'ee ramadameefii tajaajileen jira" jedhan.
Foksi Ogeessa Fiilmii fi Muuziqaa yoo ta'u badhaasota Giraamii Award fi Akadamii Award jedhaman nama injifatedha.
Hospitaalli kuni hospitaala warra dinagdeedhaan sadarkaa olaanaarra gahan itti yaalaman waan ta'eef lakkoofsi namoota bebbeekamoo fi Biliyeenarootaa isaan yaalan hedduudha jechuun ibsu.
Imala gara biyyaa
Dr. Nasraddiin waggoota hedduuf biyya Ameerikaa keessatti hospitaala biliyeenaroonni itti yaalaman keessa hojjechaa turanis qalbiin isaanii garuu biyya isaaniirraa hin fagaanne.
"Biyyi namaa biyyuma namaati. Bara baraan achi hin jiraannu. Wanti hedduun keenya biyya keenya wajjiin walitti hidhamee jira. Uummata keenya, aadaa keenya, biyya keenya. Namni yoo kijibe malee kanarraa bahuu hin danda'u"
"Biyya keessaa baate deebitee tajaajiluun waan jaalatamaadha. Kanaafuu akkuma nama biraa yeroo hedduu yaanni kiyya biyya kiyyatti deebi'ee muxannoo bara dheeraa kan biyya faranjiitti arganne kanaan uummata kiyya tajaajiluudha" jedhan.
Tajaajila yaalaa biyya keenyaa keessatti sababa hanqinaatiin namootni biyya alaatti yaalamuuf dirqamuunii fi yaala fayyaa sadarkaa eeggate biyyuma keessatti akka argatuuf akeeka qabatanii gama biyyaa deebi'an.
"Hanqina meeshaa yaalaa fi hanqina ogummaa waan jiruuf namni asii ka'ee biyya Hindii fi Tarkii deemee raakama. Kanarraa kan ka'e maallaqa guddaa baasee dararama. tajaajila barbaacha biyya alaa deemamu kana asitti kennuun danda'ama kan jedhurraan gara biyyaa deebi'e" jedhan.
Kanaafis Hospitaala gulantaa yaalaa fi tajaajila kennuun biyyattiitti isa olaanaa ta'u Finfinnee keessatti ijaaruuf sochiira jiraachuu eeran.
"Amma Finfinnee keessa bakka wiirtuu ta'erraa lafti nuuf kennamee jira. Hojii ijaarsa Hospitaala kanaa jalqabuuf waan barbaachisu xumuraa jirra" jedhan.
Gulantaa hospitaala ijaaran kanaa yoo ibsanis "hospitaala teeknolojii fi ogummaa aartiin dabaalamee fi gulantaa idil addunyaa guutudha.
Kana malees Tuurizimii meedikaalaa fi akkuma biyyoota guddataniitti mana jireenyaa ogeessi itti ramadameefii yaalu kan ofkeessaa qabu" jedhan.
Dr. Nasraddiin gootummaa obboleessi isaanii hangafaa, Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo hidhannootiin godhan isaan ammoo tajaajila ogummaa fayyaatiin nama milkeeffachuuf tattaaffirra jirani.












