Himata shororkeessati hanga Ameerikaa, bu'aa ba'ii jireenyaaf hojii aartii- Artist Jaafaar Yusuuf

Suraa Jaafaar Yusuuf

Madda suuraa, Jafar Yusuf

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Jaafaar Yusuuf
    • Barreessaa, Dereje Gonfa
    • Gahee, Journalist

Irra caalatti weelluwwaan isaa diddaa Mastarpilaanii fi qabsoo qeerroo Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa irraatti weellisuun beekama.

Himanna shororkeessummaa fi dararaa mana hidhaatii hanga qabsoo hidhannootti,achiis jiruu biyya baqaa heddu dhamdhameera.

Garuu fedhiin aartii fi jibbi inni roorroo gabroomfataaf qabu eessumattu biraa hin hafne. Weelluu qofaan utuu hin taane fiilmii barreesuu, daarektii gochuu fi taate ta'ee taphachuun illee quuqqaa isaa keessa jiru ibsuurraa hin laafne.

Bakka jirutti tokkummaa fi injifannoo ummataa isaaf waa gumaachuun hawwii isaati.

Jafaar bakka qabsoo hidhannootti dabalamettillee hojii aartii hin dhaabne ture. Fiilmiin inni bosona keessa,'du'aaf jireenya gidduu' ta'ee barreesse, kan waggoota shanin dura hojjatame tibbana Ameerikatti agarsiisaaf dhiyaatera.

Jaafar Yusuus akkamiin gara hojii aartii fi qabsootti dhufe, bu'aa baa'iin achi keessatti dabarse maal fakkata ammahoo maalirra jira maal miidhame maal irraa fayyadame? Turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen haa hedduu nuuf qoodera.

Akkamitti akka yeroo jalqabaaf sirba 'Masterpilaanii' mormu sirberraa eegala.

''Anii sirbuu kan eegale nama ilaales miti. Roorrotu itti na galche, yeroo sanatti gabrummaa guddatu ummata Oromorraa ture. Ummatnis ofirraa falmaachaa ture. Anis waa gumaachee ga'ee narraa egamu ba'uun dirqama kooti jedheen murteeffadhee'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murtee isaa kana dura garuu hojii aartiin kennaa qabaachuu isaa wayita Qellaam Wallagaa mana barnoota Dambi Doolloo baratu agarsiisaa ture.

''Yeroo sana hojiiwwaan akka diraamaa barreessu fi taate ta'ee taphachuu akkasumas weelluuwwaan garaa garaa nan yaalaa ture. Kennaa fi fedhiin kun durumarraa akka na keessa ture beekaa'' jechuun akkamitti fedhiin isaa ganamaa sun gara gara hojii muuziqaa fi fiilmiil hojjachuttillee akka guddate yaadata.

'' Fedhiin sun akkuma jirutti ta'ee irra caalaa ana gara hojii aartitti kan fide dirqama Oromummati'' jedhe Jaafaar.

'Yeroo jalqabaaf sirba Masterpilaanii mormu wayitan sirbu, soda jirurraa kan ka'e artistootni hedduun callisuu filatanii ture.

Dhimma kanarratti sirba hojjadhaa gaafan jedhuus, namootnif artistootni hangafoota koo hedduun sin baasu, ni miidhamtaa dhiisi jedhanii na gorsaa turan.

Ani garuu miidhaa dhufuu danda'u fudhachuuf of qopheesseen gorsa sana didee sirbicha hojjadhe ture '' jedhe.

Yeroo sanatti Finfinnee naannawa Buraayyuu jiraachaa waan tureef, mormii ummatni taasisaa ture akkasumas dararaa humnoota mootummaan ummatarraa ga'u argaa ture.

Ummatni qe'ee fi qabeenya isaa irraa maalif buqqaanaa jedhee gaaffi gaafateef deebiin ture rasaasa akka ta'e arguun isaa ijannoo isaa kanatti akka cichu isaa taasisuu eera.

Achiin booda artiistootni kaanillee isa cinaa dhaabachuu fi mormii master pilaanii irratti sirba hojjachuu akka eegalan yaadata.

Garuu waanti sodaatame sun hin oolle. Himata Shororkeessummaa akka hokkoraaf namoota kakkasuufaa jedhuun Finfinneetti qabamee mana hidhaatti darbame.

Dararaa mana hidhaa keessatti irra ga'aa tureenis heddu miidhame. '' Baay'ee waan na tumaniif na dhukkubaa ture, hospitaalatti deddebi'aa waanan tureef, guddaa utuu hin turinin achii baafame.''

Suna garuu leenjii waraanaa fudhatee akka qabsoo hidhannootti dabalamu isa taasise.

''Bakka qabsoo hidhannoo sanatti Caalaa Bultumee natti dabalamuun caalatti akka dhageetti argannuu fi gara Keeniyaa Naayirobbitti fullaanee sirboota biraa hojjannuuf ajajni hoggantoota keenyarraa nuuf kenname'' jechuun haala haa ture ibsaa.

''Tikni mootummaa yeroo sana hanga Naayiroobbitti waan nu adamsaa tureef ani fi Caalaan utuu gara Tanzaaniyatti baqataa jirruu Tanzaaniyaarraa qabamnee mana hidhaa Mombasaa gallee''.

Adeemsa yeroo dheeraan boodaa mana hidhaa sana bahuun carraa gara Afrikaa Kibbaattii baqachuu akka argatanillee hime.

Achitti hiree sirboota fi fiilmi isaa isaa kana hojjachuu hanga tokko akka argate dubbata. Filmii amma Ameerikatti agarsiifamu kana kan Siribii jedhus wayita sanatti akka hojjate hime.

Waan mul'atu garuu bira hin gahamne

Fuula beeksisaa Fiilmii Siribii

Madda suuraa, Jafar Yusuuf

Fiilmii Afaan Oromoo Afrikaa Kibbatti hojjatame kun, amma Ameerikaa keessatti agarsiifamaa jira.

Siribiin mataa duree fiilmichaa yoo ta'u hiikna isaa 'waan mul'atu garuu yoo itti deemtu si jalaa deemuu jechuun ibse Jafaar.

''Waanti akkasii lafa gammojji faatti daandii faa irratti halaalarraa calaqqisee miidhagee sitti mul'atuu fi nama hawwisiisudha. Garuu gaafaa itti deemtummoo akkasuma si jalaa siqaa deemu fakkatu wayitii. Siribiin achirraa moggaafame''

Qabiyyeen filmichaa garuu irra caalaatti miidhaa fi cunqursa giti bittootaa darba dabarsaa ummata Oromoo irratti raawwataa turanii fi qabsoo Ummatni Oromoo rooorroo kana injifachuuf wal'aanso qabu ibsuuf kan yaalame akka ta'e eere.

''Waan Oromorra gahaa ture tokkoon tokko namaas dhuunfaan kan keessatti of ilaaludha. Waan nu iira gahe yoo ta'uu baates yoo xiqqaate maati keenya, hiriyoota keenyaa waan muudate hanga tokko of keessaa qaba jedheen yaada.''

Kana malees jaallalaa fi guddina ummatichaa agarsiisuuf Oromoota Itoophiyaan ala jiran kan akka Ormaa, Gabra, Garrii fi ijoollee Oromoo Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa jiraatanillee hirmaachiseedha.

''Warri sun afaan Oromoo fi Oromummaa isaanii qabatanii biyya biraa osoo jiranuu warra eeganii asiin gahan waan ta'eef itti yaadee fiilmii kana keessatti akka hirmaatan godhe'' jedhe.

Filmiin kun magaalota Afrikaa Kippaa adda addaa fi baadiyyaa biyyattii keessatti hanga qarqara, garba guddaa Indiyaarratti helikoptaraa fi dooniin kan hojjatame akka ta'e ibseera.

''Afrikaan Kibbaa bakka indaastirii fiilmii hanga tokko itti guddta waan ta'eef, bakka dhaabbattee fiilmii dalgdu maraaf ni kanfalta. Kanaaf gatii guddaatu tti kanafalamee, itti dhamaanee deeggarsuma ummataatiin kan hojjatame''

Filmiin kun jalqabaa magaalaa Finfinneetti agarsiifame ta'us Artist Jafaar dhiyeenya era gara Ameerikatti imalee yeroo lammaffaaf Magalaa Minisotatti agarsiifama. '' Ani amma Ameerikaan jiran. Asittis fiilmii kana agarsiiisuu waan barbaadeef qophii taasifnee agarsiisaf dhiyeessinee jedhe.

Artis Jaafaar Yuusuuf erga yeroo dhiyooti hojii aartii irraa fagaatus,kana booda indaastirii fiilmii irratti xiyyeeffachuun hojjachuu akka barbaadu dubbate.

''Sirboota qopheessees of harkaa qabus qabaa akkasumallee, fiilmii 4 ta'u barreesseen kaa'ee jira. Fedhiin koo irra caalaan amma Fiilmii irratti xiyyeeffachuudha yoo rabbi jedhe kana boodaa aartitti waanan deebi'u natti fakkaata''

Gama Muuziqanis ta'u, ''waan ummata keenyaaf ta'u, jireenya hawaasa keenyaa ibsuu, tokkummaa keenya cimsu fi ni fayyada jedhee yaade itti fufee hojjachuuf yaada qaba jechuun yaada isaa goolaba Artist Jaafaar Yusuuf.