Seedaa Mutaa: Tiyaatira nam-tokkee Afaan Oromoon kan jalqabaa jedhame maal irratti xiyyeeffata?

Madda suuraa, Yidnekachew worku
Tiyaatirri namtokkee (One Man) kan Afaan Oromootiin isa jalqabaati jedhame Finfinneetti eebbaaf qophaa'eera.
Tiyaatira mata-duree 'Seedaa Mutaa' jedhu kana kan barreesse mana Barnoota Taatummaa Abbaa Lataatti barsiisaa kan ta'e dargaggoo Yidneqaachoo Warquuti.
Yidneqaachoon waa'ee tiyaatira nam-tokkee qopheesse kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen, gosti tiyaatiraa nam-tokkee kun gosoota tiyaatiraa kaanirra dhamaatii kan qabudha jedha.
"Tiyaatirri nam-tokkoo jalqabaa hanga dhumaatti taatummaa nama tokkootiin hojjetamee xumurama. Namni tokkichi kun gahee nama hedduu ofumaa bahata. Ni gaafata, ofumaa deebisa" jechuun ibsa.
"Kanaaf tiyaatira kaanirra ulfaataadha. Sababni isaas turtii sa'aatii tokkoo fi walakkaa kana namni tokkichi yoo hojjetu akka nuffisiisaa hin taane gochuu nama gaafata" jechuun hojiichi attam cimaa akka ta'e ibsa.
Seedaan Mutaa seenaa, jiruu fi jireenya, mudannoo akkasumas qeeqa nama kophee hodhu tokkoo irratti kan xiyyeefatedha.
"Seedaa Mutaa jechuun yaadannoowwan mutaa akka jechuuti. Kunis nmani kophee hodhu tokko wantoota isa mudatan, yaadannoowwanii fi mudannoowwan isaa irratti waan xiyyeefatuufidha" jedha Yidneqaachoon.
Tiyaatirri nam-tokkee kun seenaa tiyaatira Afaan Oromoo keessatti isa jalqabaa akka ta'ee fi Afaan Amaaraatiin garuu tiyaatiroonni kana fakkaatan muraasni hojjetamanii jiraachuu kaasa.
Tiyaatirri nam-tokkee 'Seedaa Mutaa' turtii daqiiqaa 90 kan qabu yoo ta'u, Sanbata har'aa waaree booda galma Tiyaatira Biyyaalessaatti eebbifama.
Barreessaa Yidneqaachoonis mudannoon jireenya isaa keessatti isa qunnaman irraa ka'uun tiyaatira kana barreessuuf ka'umsa ta'uufii kan himuun, tiyaatirichi qabiyyee daawwataa kofalchiisu, kan gaddisiisu fi miira daawwataa qabachuu haala danda'un kan qophaa'e ta'u hima.
Barsiisaan mana barumsa Taatummaa Abbaa Lataa kun, tiyaatira nam-tokkee kana taatummaan akka hojjetee fi pirodaakshiniin isaas guutumatti mana barumsa Taatummaa Abbaa Lataatiin kan hojjetame ta'u BBCtti himeera.
Barsiisaa Yidneqaachoon, barsiisummaa hojii aartii kanaan cinaatti hojiiwwan aartii adda addaa keessatti taatummaanii fi qajeelchuun hojjechaa turuus hima.












