Artist Kadir Martuu maaltu mudate? Amma maal keessa jira?

Artist Kadir Martuu walleewwan warraaqsaa fi jaalalaan beekama

Madda suuraa, Kadir Martuu

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Kadir Martuu walleewwan warraaqsaa fi jaalalaan beekama

Artist Kadir Martuu UK magaalaa Maanchistaritti dhukkubsatee hospitaalatti yaalamaa akka jiru BBCtti himeera.

Gidduu kana dhukkubsachuu artistii kanaarratti namoonni yaadasaanii miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa jiru. Namoonni hedduun dhibee isaan daran yaadda'uu ibsan.

Artist Kadir Martuu hospitaala itti yaalamaa jirurraa BBCtti wayita dubbatu eelaa bara dheeraan miidhamee akka yaala argachuu jiru ibse.

Sagalee laafaadhaan waan keessa darbe yaadatee wayita BBCtti himu imimmaan qabachuu dadhabe.

''Dhibeen waggaa 20 oliif obsee qabadhee jirutu jira. Wayyaaneetu na cabsite,'' jechuun ka'umsa dhibee isaa dubbata.

Artistiin kun walleewwan warraaqsaa sabni akka mirgasaaf falmatu kakaasaniin beekama, ammoo ofiis uummata Oromoo biratti akka qabsaa'aa gameessatti ilaalama.

Seera qabsoo keessatti ''cabuunis cabsuunis ni jira,'' kan jiru Artist Kadir, ''an saba kiyyaaf hojjedheen cabe, isaanis waan gaarii an hojjedhe kana inaafanii na cabsan,'' jechuun aarsaa saba isaaf kaffaletti akka hin gaabbine dubbate.

''Yeroo sana kan isaan na cabsan eelaansaa ammallee na dhukkuba. Isa kanaaf wal'aansa baqaqsanii yaaluu naaf taasisan,'' jedhe.

Lafeen isaa cabee wal'aansa dhabee ture amma yeroo baqaqsanii yaaluun taasifamuuf akka itti hammaate hime Artist Kadir.

''Lafee cinaachaa na cabee ture baqaqsanii yaaluun wal'aanameera, bakka biraan nagaadha,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Kadir Martuu akka jedhutti erga bara ''bulchiinsa TPLF'' duuba qawwee (sadafii) dhaan lafee cinaachaa isaa cabsanii hanga yoonaa wal'aansa sirrii argatee hin beeku.

''An takkaa of yaadadhee hin beeku. Oromoof yaaduu malee ofiif yaadee hin beeku. Waa'ee jiruu tiyyaa, waa'ee ilmaanii, waa'ee haadha manaa yaade hin beeku,'' jedhe.

''An ergan dhibameen of arge. Erga qaamni kiyya dhumeen of arge. Kanaafuu mana yaalaan deemuun amma dirqama ta'e.''

Artist Kadir yeroo ammaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu lafee cinaachaa isaaf taasifame milkaa'inaan xumureera, eelaa biraa qomasaarraa qabutu ammallee dhukkubaa jira.

''Eelaa dhukkubbii biraa qoma kiyyarraa qaba. Kanatu infekshinii hamaa natti ta'ee jira. Isa kanaafis qoricha naaf kannaniiru,'' jedhe.

Akka inni jedhutti qomi isaas kan miidhame reebicha suukanneessaa bara bulchiinsa TPLF irra ga'eeni.

Artist Kadir wal'aansa fayyaa taasisaafii kan jiru mootumaa UK akka ta'e ergaa karaa viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti dabarseen ibsee ture.

''Waggaa soddoma guutuu jireenya waan jedhamu argee hin beeku''

Artist Kadir Martuu umriisaa ijoollummaatti wallee eegale. Walleewwan warraaqsaa, seenaa fi jaalalaan beekama.

Sababa walleewwan isaan mootummaan miidhaa irraan ga'aa akka ture kan himu Artist Kadir, sochii ''qeerroo bilisummaa Oromoo'' keessatti wayita hirmaachuu eegalerraa miidhaa hamaa dhandhamaa akka ture BBCtti hime.

Eelaan amma hospitaala isa galchee sireerra isa ciibse kun waggoota dura Boorana, magaalaa Yaa'a Bal'ootti isa mudate dubbate.

''Qeerroo bilisummaa Oromoo leenjisee ergan eebbisiisee booda halkan magaalaa Yaa'a Bal'ootti dameen tikaa wayyaanee doqdoqqee ja'aan na marsanii na caccabsan. Yeroo sana baayyeen miidhame.''

Yeroo sana sababa uummata Booranaa lubbuudhaan akka oole kan himu Artist Kadir ''Boorantichi 'nama tuffatan saree jalatti dhaanan' jechuun ba'ee na baraare,'' jedhe.

Artist Kadir Martuu ijoollummaasaarraa eegalee jireenya qormaataan guutame akka dabarse, ammallee akkusamatti akka jiru BBCtti hime.

''Haadha kiyya ijoollummaattin dhabe. Abbaan kiyyas qabsoo kana keessatti maraatee dhabame. Waggaa soddoma guutuu takkaa jireenya waan jedhame argeeyyuu hin beeku,'' jechuun haala keessa darbee fi ammallee keessa jiru ibsa.

Kadir Martuu artistii walleewwan kilippiin hojjetamaniin uummata Oromoo biratti jaallatamudha.

Walleewwan warraaqsaanis beekamtii horateedha. Inni garuu ''beekamtii waan jedhamu kanallee an quba hin qabu. An Oromoo jechuu qofan quba qaba,'' jedha siree irra ciisee jirurraa wayita BBCtti dubbatu.

Jijiirama siyaasaa amma biyyattii keessatti dhufe dhugoomsuu keessatti wareegamni inni kaffalaa ture qooda olaanaa akka gumaache amana.

''Gaafa qabsoo eegalle wanti amma arginu kun tokkollee hin jiru. An miidhamee kun hundi dhufuutti ofiinan boona.''

Artist Kadir Martuu walleesaan nama fudhatamummaa guddaa qabuudha, garuu addunyaa hojii malee addunyaa faayidaa argee akka hin beekne dubbata.

''An dalaguu malee waa'ee addunyaa kanarraa quba hin qabu. Takkaa maallaqa Oromoorraa guurradhee hin beeku. Qabsoo Oromoof wama kiyyan itti fixe.''

Artist Kadir Martuu Harargee Bahaa magaalaa Qobbootti dhalate, haati isaa ji'a ja'atti irraa boqotan. Abbaa fi haatisaas loltuu turan.

''Haati tiyyas bosonatti qabsoorratti wareegamte,'' jedhe.