Artist Meetii Jamamaa bara itti jaallatamteefi jibbamte yeroo yaadattu

Artist Meetii Jamamaa walleewwan 28 kilippiidhaan hojjetteetti

Madda suuraa, Kilippii Meetii Jamamaa irraa kan fudhatame

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Meetii Jamamaa walleewwan 28 kilippiidhaan hojjetteetti

Artist Meetii Jamamaa artistoota Oromoo ALI bara 1990oota gara dhumaarra beekamtii horatan keessaa tokkodha.

Sirboota Afaan Oromoo VCD fi kilippiidhaan hojjechuudhaan warra jalqabaa keessatti eeramti. Dubartoota keessaa ammoo kan jalqabaa ta'uu himte.

Walleewwan 30tti siqan kilippiidhaan hojjechuu kan himte Meetiin kana hundaa rakkoo keessa osoo jirtuu akka hojjette dubbatti.

Rakkinni cimaan ishee mudate tokko akkumasheen wallee baasuu eegalteen abbaan manaashee hidhamuudha.

Abbaan manaashee yeroo isheen daa'ima ji'a tokkoo garaatti baattu hidhamee adabbii hidhaa waggaa kudhanii xumuree ba'e.

Hidhamuu abbaa manaashee qofa osoo hin taane isheenis qaamolee mootummaan hiraarfamaa turuu dubbatte.

Sababa kanatti gara biyya ambaa imaluun yeroo dheeraaf Masirii erga turtee booda amma gara Kaanaadaatti dabartee jirti.

Bu'aa bayii keessa dabartee fi haala amma keessaa jirtu irratti BBC waliin gaaffiifi deebii taasisteetti.

Finfinneetti guddachuu fi Aartii Oromoo guddisuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiruu fi jireenyi Oromoo kutaa baadiyyaa jiru kilippiiwwan sirboota Artist Meetii Jamamaa keessaa hin dhabaman.

Kanarraa ka'uun weellistuun kun dhalooti fi guddinni ishee baadiyyaa akka ta'e namuu ni tilmaama.

Weellistuun kun garuu kan guddatte Finfinneetti ta'uu himte.

''Shawaa Kaabaa (Salaalee) Yaayyaa Gullallee magaalaa Daalattii jedhamtuttin dhaladhe. Umrii koo waggaa torbarraa eegalee Finfinneettin guddadhe.''

Barnoota ishees magaaluma Finfinneetti xumurte, sirbas achumatti eegalte.

''Barnoota hanga kutaa sadii bakka dhaloota kiyyatti [Daalattii] hordofeen, isa booda kan jiru Finfinneetti baradhe. Faashin Dizaayiniidhaan dippiloomaa argadheera,'' jette.

Artist Meetiin ogummaa huccuu hodhuu, meekaappii fi miidhaginas baratteetti.

Akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1990oota gara dhumaa fi 2000 gara jalqabaatti Artist Meetii Jamamaa walleewwan Afaan Oromoo kilippiidhaan hojjechuun beekamtee turte.

''Kilippii Afaan Oromoo ilaalchiseen dubartiidhaan kan jalqabaa ana. Kiyya dura kilippii kan Doktara Kabajaa Artist Alii Birraa fi kan Artist Girmaa Gammachuu- wallee 'Sukkaaree' jedhutu ture. Nutti aansee ammoo Artist Taaddale Gammachuutu hojjete. Walleewwan viidiyoo CD dhaan baasuudhaan kiyya kan jalqabaati,'' jechuun waa'ee walleewwan ishee ibsite.

Finfinneetti guddachuun afaan fi duudhaashee baruu fi guddisuurraa akka hin danqine himte Artist Meetiin.

''Finfinneetti guddachuun dhiibbaa narratti hin uumne. An Amaariffa caalaayyuu Afaan Oromoon dubbadha.'' Ammoo milkaa'inashee keessatti ga'een maatiis olaanaa ta'uu dubbatte.

''Muuziqaa hojjechuuf hin rakkanne. Kan Artist Tsaggaayee Dandanaa jalaa qabuun na gargaaraa tureen alatti qaamni na gagaare tokkollee hin jiru. Kan na gargaaran maatii kiyya. Muuziqaa kanarratti baayyee na tumsan,'' jette.

Artist Meetii Jamamaa

Madda suuraa, Kilippii Meetii Jamamaa irraa kan fudhatame

Akkuma sirba eegalteen walleewwan 12 VCD dhaan hojjette, jalqaba walleen 'Leemmituu' jedhu kilippiidhaan hojjetamee bara 1997 (lakkoofsa Itoophiyaatiin) gadhiifame.

''Walleewwan kana hunda maallaqa kiyyaanin hojjedhe. Leemmituutti aanee kan hojjetame sirba Jimmaa ammoo mana muuziqaa Adil Taangoo jedhamutu hojjete. Kaan hundumaa kophaa kiyyan hojjedhe.''

Artist Meetiin akka weellistoota kaanii mana barumsaatti wallee shaakalaa hin guddanne, barnootaanis ogummaa argatte hin qabdu. Akkamiin akka wallee eegalte ibsiteetti.

''Akka ijoollee kaanii an mana barumsaatti sirbee muuxannoo sana qabaadhee miti. Garuu fedhii qaban ture,'' jette. Akkamiin sirba eegalteree jennaan akkas jette.

''Nama hiriyaa eessuma kiyyaa turan Obbo Fayyisaa Yaadasaa jedhamantu Baacoo tokko hojjetanii akka carraa taatoo 'burruusee' jedhamtu tokko akkan hojjedhu naaf kennan. Bakkeen sun bakka sirbaa qaba. Achumaan sagaleen kee ni bareeda naan jedhan. Achirraa eegaleen waraabee of dhaggeeffachuu jalqabe.''

Kan fakkeenya ta'eef ammoo Tsaggaayee Dandanaa ta'uu himte. Sirbasaa waliin mudannoo hin daganne akka qabdus dubbatti.

''Sirbasaa baayyeen jaalladha. Yeroon ministirii qoramu sirbisaa tokko ba'ee ture. Osoon isa dhaggeeffadhuu qormaati na jala darbee beeka.''

Bara 1997/1998: Yeroon itti jaallatame, beekame, jibbame

Artist Meetii Jamamaa hojii muuziqaa milkaa'inaa fi qormaata cimaadhaan eegaluu himte. Sirba jalqabaa akkuma hojjetteen gabaarra oolchiteen abbaan manaa ishee hidhame.

''An manuma hidhaarran jooraa ture,'' jechuun hojiin aartii kun guddoo akka ishee qore ibsite.

''Ani ulfa ji'a tokkoo ta'ee otoon jiruu abbaan manaa kiyya sababa siyaasaatiin hidhame. Waggaa 10 hidhamee ba'e. Ulfa ta'ee mana hidhaa Qaallittiitti deddeebi'aan ture. Erga mucaan dhalatee ammoo Baatuu (Ziwaay) fi Qaallittiittin deddeebi'aa ture.''

Akka Artist Meetiin jettutti yeroo abbaan manaashee mana hidhaatii ba'u Seenaan mana barumsaa jira (KG 3), qormaata daa'imasheefaa mana hidhaatti deemtee itti agarsiisaa turte.

''As ga'uuf gatii guddaan baase. Taateen kun ammoo anaaf seenaa dhiphinaa fi gidiraa isa hamaa ture. Kanaafan maqaa mucaa kiyyaallee Seenaa jedheen,'' jette.

Bara sana sababa kanatti akka qoollifatamte kan himtu Artist Meetiin, kaan sodaadhaan gariin ammoo jibbiinsaan akka irraa baqatee fi kanaanis miira gaddisiisaa keessa akka turte dubbatti.

''Firrii fi hiriyaan narraa baqate. Nama tokkollee yeroon of bukkeedhaa dhabetti Artist Shumat Iddoosaa qofatu naaf bilbilee, manas dhufee na jajjabeessaa ture.''

Dararaa manasheetti qaamolee mootummaan (tikaan) irra ga'e dandamachuu dadhabdee manicha gurguruuf gabaallee akka dhabde himte.

''Alam Ganaadhaa manan qaban ture. Akkan itti hojii hojjedhun dhabe. Mana kiyyaan mana ABO jedhuun. Sababa kanattillee namni mana sana narraa bituu dide. Booda gatuma hin taaneen gurguree gara Jamootti gale. Achittin xiqqoo boqodhe.''

Osooma abbaan manaashee mana hidhaa jiruu rakkina sana keessaa teessee walleewwan 28 ta'an kilippiidhaan akka hojjette dubbatte.

Ergasii garuu sirboota hojjechuurraa fagaattus ammallee hojjechuuf akka karoora qabdu himte.

''Ammas sirba dhaabuudhaa yaada hin qabu. Kanneen duraas irra deebi'ee hojjechuu nan barbaada. Sirba kan biraas nan qaba.''

Jiruu biyya ambaa

Artis Meetii Jamamaa biyyasheetii baatee biyya ambaa jiraachuun karoorashee ganamaa keessa hin turre, garuu waan ishee dirqamsiise akkanaan ibsiti.

''Abbaan manaa koo adabbiisaa waggaa 10 fixee gaafa hiikamu himata kan biraas qaba ture. Booda yaaddofnee ammas qabamurra jennee gara Keeniyaa, Naayiroobii deemne,'' jette.

Keeniyaattis jireenya salphaa akka hin turre yaadatti.

''Yeroo sana daa'ima lammaffaan garaatti baadhan ture. Achittis rakkoo guddaatu nu mudate. UN cufaa ture, akka baqataatti galmaa'uu hin dandeenye. Daa'imis na jalaa baddalame. Balaa siyaasa Oromootiin rakkina cimaa argine.''

Haata'u malee, Artist Meetiin jireenya biyya ambaatti dabarsite keessatti baqattummaan galmooftee rakkoo argitee akka hin beekne ibsite.

''Keeniyaatti baqattummaan hin jiraanne.'' Bara 2014 VCD lammataa eebbisiistee halkanuma sana biyyaa ba'uun gara Naayiroobii imaluu kan himtu Meetiin ''ji'a ja'a Naayiroobii turree Kaayirootti darbine,'' jetti.

''Kaayiroo waggaa kudhan tureera. Achitti faashinii uffata aadaa hojjechaan ture. Achittis jireenya baqattummaa hin argine. Suuqii mataa kiyyaan qaba. Hojii mataa kiyyaan hojjedha. Haala kanaan tureen jalqaba bara 2024 gara Kaanaadaa dhufe.''

Artist Meetii Jamamaa erga bara 2014 albama lammataa hojjettee biyyaa baatee hojii aartiirraa fagaatteetti.

''Hojii aartiis ittuman jira. Dhaabbiidhaan garuu hojii faashinii huccuu aadaa Kaayirootti hojjechaan ture,'' jechuun yeroo dheeraaf xiyyeeffannaashee hojii kanarra kaa'uu ibsite.

Dhaamsaa fi gorsa

Artist Meetii Jamamaa amma maatiishee waliin Kaanaadaa jiraatti

Madda suuraa, Kilippii Meetii Jamamaa irraa kan fudhatame

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Meetii Jamamaa amma maatiishee waliin Kaanaadaa jiraatti

Meetiin amma ilmashee- Seenaa fi abbaa manaashee waliin Kanaadaa jiraatti. Ammas biyya ambaarraa gara biyya ambaa fooyya'aatti darbiteetti. Aartii qofa osoo hin taane miidiyaarraallee fagaattee turte.

Wayita haala rakkisaa keessatti aartii Oromoof gumaachaa turte waan hedattee kaatee fi haala amma jiru yoo walbira qabdu callisuuf akka ishee dirqamsiisu dubbatte.

''Haala amma jiru yeroo ilaaltu Oromummaan ani itti gatii kaffale, ana qofa osoo hin taane dhalli koo itti dararamee- garaatti baatamee qaallitii, harkatti baatamee karshalleerra jooraa ba'e, waanan keessaa dabarse nama gaddisiisa.''

Rakkoo dabarsite yeroo ibsitu ''nan hordofama, tikoonni mootummaa na hordofuun mana na galchanii, yeroon ba'u na duukaa deemanii na hiraarsaa turan,'' jette.

''Baayyee hordoffii jala waanan tureef an email illee hin qabun ture. Yeroo garii bakkuman jirutti na hidhanii guyyaa guutuu achi na oolchu.''

''Gidiraan arge sun har'a haala sanaan hin jiru, garuu wanti hunduu sadarkaa itti eegnerraa gadi deebi'ee baayyee nama jibbisiisa. Hunduu gara gosa, ganda isaatti gadi deebi'ee yaada. Kanaafan gatii hangana kaffalee jedheen gadda,'' jechuun sababa dubbachuurraa of qusatteef ibsiti.

Meetiin rakkoon kun hundi ishee marsee osoo jiruu walleewwan hedduu kilippiidhaan hojjette, hawaasa birattis jaallatamte.

Garuu rakkoon isheen keessaa dabarte hin hubatamne, sababni isaa isheenis rakkinatti harka kennattee hin teenye.

Imalashee ittuma fufte, jireenyasheef yaaddofnaan ammoo biyya ambaa deemtee ogummaashee barnootaan argatteen of jiraachisaa turte.

''Namni tokko bakka kanan ga'a jedhee yoo yaade inuma ga'a. Garuu jabina si barbaachisa. Rakkoo namoonni sirraan ga'an dhiistee ati fuuldura kee yoo ilaalte bakka kaateef inuma geessa,'' jettee gorsiti.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.