Dhimmi Artist Nafiisaa Abdulhaakim mudateefi miidiyaatti ishee baase maali?

Madda suuraa, Nafiisaa Abdulhaakim
"Gaafa rakkatte saalfiin hinjiru. Namni nabeeka hinjettu. Gaafan rakkadhu namni nabeeku maaliif nacinaa dhaabbachuu dide jedhee ofqabachuu hin dandeenye" jechuun himti Artiist Nafiisaa Abdulhakim
Weellistoota dubartoota bara 1990'moota fi isaa as qalbiifii dhageettii uummataa horachuu danda'an keessaa tokko turte.
Haa ta'u malee, waggoota muraasaa as hojii aartiirraa fagaattee gurra dhaggeeffattootafi dinqisifattootashee bira gahuu hindandeenye.
Tibbanammoo miidiyaa haawasaatti bahuun dhimmishee ijoo dubbii ta'eera.
"Ani kufee boru Oromoon 'maalif nutti himachuu dhiifte' naan jechuusaarra utuman jiruun cabakoo itti himadhee of fayyisa jedheen itti himadhe" kan jettu weellistuun kun dhimmi miidiyaa hawaasaatti ishee baase rakkoo keessa jirtu ta'uu himti.
"Waa'eedhuma rakkoo kootiin haasa'e. Rakkachuun baay'ee ulfaataadha. Rakkattee fuldura namaa dhaabbachuun baay'ee ulfaataadha. Rakkoo koo waanin keessa jirun himadhe" jechuunis BBC'tti himteerti.
Artiist Nafiisaan eenyu?
Godina Jimmaa Magaalaa Limmuu Gannatitti dhalattee kan guddatte weellistuu Nafiisaa Abdulhakim, weellisuun abjuus ta'e hawwii yeroo ijoollummaashee hinturre.
"Dhugaa dubbachuuf sirbuun hawwiikoo hinturre. Yeroo sanatti ani sirban sirba jedhee yaadeetuu hinbeeku" jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u malee sochiin mana barumsaa keessatti Gumii Fannoo Diimaa keessatti taasiftu qalbii ogeeyyii muuziqaa hawwate.
"Yeroo sana barattuu kutaa 6ffaan ture. Fannoo Diimaa keessatti diraamaafii taphoota adda addaa hojjenna ture. Achirraan al tokko waltajjiirra osoo hojjennuu Miliyoon Tigist hogganaa baandii Shanan Gibee kan ture 'sagaleenkee baay'ee bareedaadha, nuwaliin baandii Shanan Gibeetti osoo sifudhannee hojjechuu dandeessaa?' naan jedhe" jetti.
Haala kanaan ALI bara 1993 Baandii Shanan Gibeetti kan makamte Nafiisaa Abdulhakim, baandichatti erga makamtee booda sirbashee isa jalqabaa 'Asaasee Roobe' jedhu ummata biraan geesse.
Itti fufuunis sirboota aadaa fi ammayyaa weellisuun beekamtiinshee Gibee ce'ee fulla'e. Bara 1993-2000'tti Baandii Shanan Gibee keessa erga turtee boodas gara magaalaa guddoo biyyattii Finfinneetti galte.
Baandii Burqaa Burraayyuutti makamuunis hojiilee aartiishee ummata biraan gahuu itti fufte. "Burqaa Burraayyuu ergan galee booda artiistota gurguddoo waliin walarguun qabe" jechuunis himti.
Mana hidhaa Buraayyuu fi Xoollaay hanga Masriitti…
Artiist Nafiisaa Abdulhakim artiistota mormii ummataa dhimma maastarpilaaniin walqabatee ka'e deeggaruufii jajjabeessuu keessatti gahee qaban keessaa tokko turte.
"Yeroo sana Baandii Buqraa Buraayyuu keessan ture. Oromoonni baay'een miidhamaa jiru, Oromoon akka fedhiisaa maleetti bulaa jira waan ta'eef Oromoof gargaarsa gochuuf maallaqafi humna hinqabu waan ta'eef sagalee kootiin Oromoof sagalee ta'uuf keessa seene" jetti.
Sana boodas sirboota qabsoo hojjechuu akka eegalte kan himtu Artiist Nafiisaan, sirba hojjetteen walqabatee gama qaamolee mootummaatiin dhiibbaan irratti godhamuu akka eegale himti.
"Burraayyuu keessaa poolisiin nabarbaaduu jalqabnaan Burraayyudhaa bakka jijjiirradhee, takka tureemmoo 'lolli sun qabbanaa'era' jedhee yeroon Burraayyuutti deebi'u galgala mana kootii dhufanii naqaban" jechuun akkaataa itti qabamte himti.
Sana booda mana hidhaa magaalaa Burraayyuu keessatti ji'oota saddeetiif erga hidhamtee booda 'leenjii haaromsaaf' gara mooraa leenjii waraanaa Xoollaayitti ergamte.
Mooraa leenjii sanas yeroo ji'a tokkoo oliif erga turtee booda hiikamuu kan himtu artistiin kun, achii deebitees hordoffiin qaamolee nageenyaa mootummaa akka irraa hindhaabbanne dubbatti.
Kanaafis gara biyya Masriitti baqachuuf akka dirqamtes himti. Biyya Masriis yeroo waggaa tokkoo oliif turte.
Ministira Muummee waliin gara biyyaatti…
Artiist Nafiisaa Abdulhakim lammiilee Itoophiyaa wayita Abiy Ahimad Ministira Mummee ta'uun muudamanitti jalqaba gara biyyaatti deebi'an keessaa tokko turte.
Masriidhaa gara biyyaatti yeroo deebitus xayyaaruma Ministirri Mummee keessa turaniin ture.
Intalashee takkittii obboleettiishee biratti dhiistee biyya baqaatti akka godaante kan himtu Nafiisaan, dhimmi ijoon gara biyyatti akka deebitu ishee taasisees ilmooshee biyya jirtu akka taate himti.
ALA bara 2018 keessa Masriidhaa gara Itoophiyaatti erga deebitee boodas baandii duraan keessa hojjechaa turte Burqaa Burraayyuutti makamte.
Haa ta'u malee jireenyis ta'e hojiin aartiishee haala yeroo baqaadhaan dura turetti deebi'uu hindandeenye. "Baandiitti deebi'ee galee hojjechuu jalqabe, hanga ammaas achuman hojjedha garuu achi siiqa hinqabu" jechuunis jiruu baqaan boodaa ibsiti.
"Abdiin kutadhe"
Artiist Nafiisaa Abdulhakin waggoota jaha dura gara biyyaatti erga deebitee as hojii aartii dhuunfaashee hojjettee ummataafii dinqisifattootashee biraan gahachuu hin dandeenye.
"Ergan biyyatti deebi'ee waan tokko hin hojjenne. Hojjedheen lafa kaa'e garuu sirbi hojjedhee gadhiise hinjiru. Sababnisaas jireenyiyyuu ulfaataa ta'eera. Sirbi ati hojjettummoo maallaqa baay'ee barbaada" jetti.
Mindaan Baandii Burqaa Buraayyuutii argattu ji'atti birrii 3,000 akka ta'e kan himtu Artiist Nafiisaa, "Mindaadha jettee himuuf nama qaanessa. Kanaafan 'mindaa hinqabu' jechuu irra filadhe. Birriin kumni sadi mucaa mana barumsaa barsiisamoo?, anaaf hojii naaf hojjetamoo?, nyaataaf ta'amoo? Maal hojjeta?" jechuun haala jireenyaashee himti.
Rakkoo diinagdee ishee mudateen dabalataan ammammoo mana jireenyaa keessa jirattuu bahuuf akka dirqamte kan himtu Artiist Nafiisaan, kunis dhimma miidiyaatti akka baatu ishee taasise keessaa tokko ta'uu himti.
Manni jireenyaa magaalaa Buraayyuu keessatti keessa jiraattu namni biraan abbaa qabeenyichaarra amaanaadhaan kan fudhatefii isheenis maallaqa xiqqaa kanfaluun keessa jiraachaa turuu kan himtu Artiist Nafiisaa, amma garuu abbaan qabeenyichaa manichi akka gadhiifamu akka barbaade himte.
Kanaafis galii ammatti argachaa jirtuun mana kireeffachuunis ta'e jiruu dhuunfaafii kan intalaashee gaggeessuun akka itti ulfaate dubbatti.
Rakkoo ishee mudate namootatti himachuun deebii argachuu waan dadhabdeef gara miidiyaa hawaasaatti bahuuf akka dirqamte himuunis, "Namoonni adda adaa akka na deeggaraniif irra deemeen gaafadha.
''Mucaakoo waliin manni jireenyaa rakkoo natti ta'eera jedhee bakka baay'ee gaafadheera. Deebii naaf kennu hindandeenye" jechuunis himte.
Sana boodas dhimmashee gara miidiyaa hawaasaatti fiduun rakkoo keessa jirtu ummataaf himuu dubbatti.
"Ummanni Oromoo yeroo mara wantan itti himadhe deebii naaf laata, ammas deebiisaa nan dhoowwanne" kan jettu Artiist Nafiisaa, owwaannaan ummataa hamilee ishee keessatti akka hores himteerti.
"Keessa kootti hamilee guddaa natti hore. Ummanni Oromoo amma booda yoomiyyuu deebi'ee akkan hinkufne nagodhe" jetteerti.
Kana malees hojiilee aartii hojjettee lafaa qabdu ummata biraan gahuuf akka hojjettus himteerti.












