''Sirbootakoo gurguraatii ijoolleekoo naaf guddisaa'' jedhee dhaammate

Walleewwan Artist Kadir Ahmad ittiin beekamu keessaa tokko 'Dammee' kan jedhu sirba aadaa Jimmaati

Madda suuraa, Kilippii wallee Dammee irraa kan fudhatame

Ibsa waa'ee suuraa, Walleewwan Artist Kadir Ahmad ittiin beekamu keessaa tokko 'Dammee' kan jedhu sirba aadaa Jimmaati

Wellisaa Kadir Ahmad dhibee isa mudateen erga yaalamaa turee booda Wixata (Hagayya 5, 2024) galgala lubbuunsaa darbe.

Magaala Jimmaatti dhalatee kan guddate wellisaa Kadir Ahimad ijoollummaarraa kaasuun jaalala sirbaatiin kan booji’ame.

Sirboonni Alii Birraa ammoo kan itti afaan hiikkateefi jaalala addaa qabuuf akka ture Kadir Yeroo lubbuun ture dubbatee ture.

Miiltoo Hojiisaa kan taate wellistuu Bishiriyaa Borshaa, wellisaan kuni nama kennaa addaa qabuu fi ijoollummaan hojii aartii keessa seenedha jechuun ibsiti.

''Ijoollummaadhaan gara aartii kana kan seene. Baandii shanan Gibee keessa ture. Inni ana booda baandicha kan seene. Achis baayyee hin turre. Gara Baandii Biiftuu Oromiyaa dhufe,'' jetti.

Erga Jimmarraa gara Baandii Biiftuu Oromiyaa dhufee waggoota 10 ta’uuf hojiilee aartii adda addaa hojjechaa kan turee fi hanga dhukkubaan sireerratti hafuttis baandichuma keessa hojjechaa ture.

Wellisaa dargaggeessi kuni nama kennaa aartii ajaa’ibaa qabu ture jetti Bishiriyaan.

''Kadir sagalee bareedaa nama qabudha. Nama hojjetee hin quufne ture. Sirba Alii Birraa baayyee sirba. Mucaa kichuu dhabne,'' jetti miira boo’ichaan dabaalameen.

Ji’oota 10 darban dhukkubsatee sireerratti kan hafee ture Wellisaa Kadir Ahimad, hospitaalota adda addaatti yaalamaas ture.

Yeroo hospitaala turetti itti dhiheenyaan hordofaa turuu kan himtu gaazexeessituu Nasraa Sharif, Kadir jalqaba dhibee Narvii isa mudatetu daran itti hammaachaa deeme jetti.

''Ji’a 10 ciise. Miilasaatu narviidhaan qabamee ture. Finfinneetti yaalamaa ture. Ergasii magaalaa Adaamaa Hospitaala Yooyyaatti yaalamaa ture. Yaalii narvii sana gochuuf qaamnisaa sababa ciisichaan waan madaa’eef isa fayyisuutu yaalamaa ture,'' jette.

''Qaama madaa’e sana osoo hin fayyin yaala narvii fiziyoo teeraappii gochuun rakkoo waan ta’eef yaalii narviitti hin ceene. Yeroo dhihoo asimmoo nyaata fudhachuurratti rakkoo guddaa ture.''

Sababuma kanaan dhukkuba ji’oota 10 irra ture kanarraa bayyanachuu waan dadhabeef A.L.I Adoolessa 29, bara 2016 galgala naannoo sa’aatii 1tti hospitaaluma itti yaalamaa ture kanatti lubbuunsaa kan darbe.

Kadir Sirba jalqabaasaa ‘Abaaboo Jimmaa’ jedhuun booda sirboota qeenxee Harmeekoo, Dammee, Naaf Uumamtee fi kanneen biroo uummataan gaheera.

Sirba Shaggooyyee kan Wellistuu Margituu Warqinaa waliin ta’uun sirban ammoo badhaasa Odaa Award kan injifate ture.

Wellisaan kuni sirboota qeenxee uummataan gahe kanaaan alatti sirboota albamaa qopheessaa akka ture quba qabaachuus himti Bishiriyaan.

''Sirba Albama guutuu qopheessee qabaachuu quban qaba. Sirbootakoo kana gurguraatii ijoolleekoo naaf guddisaa jedhee dhaammatee ture. Sirboota kana eenyuun biratti akka hojjete guutuusaa garuu ani hin beeku. Haadha manaa isaatiin jedhee ture,” jetti.

Wellisaa Kadir Ahmad bultii kan qabuu fi abbaa ijoollee lamaas ture. Sirni awwaalcha isaas magaalaa Adaamaatti akka raawwatamu hiriyootasaarraa hubanneerra.