Markaatootti guddatee achumatti kan boqote Artist Yooseef Gammachuu maaliin yaadatama?

Yooseef Gammachuu

Madda suuraa, Hiriya Pictures

Ibsa waa'ee suuraa, Yooseef Gammachuu Sabbataa Hawaasitti dhalatee Finfinneetti guddate

Handaara magaalaa Finfinnee Aanaa Sabbataa Hawaas iddoo Fullaasoo jedhamtu keessatti bara 1972 dhalate. Daa’imummaasaarraa nama xiiqii, mata-jabaa fi kutataa ilmaa ture jedhu maatiin.

Artist Yooseef Gammachuu maatii cunqurfamaa ta’e keessaa dhalachuunsaa daa’imummaan qabsoo akka eegalu isa taasiseera.

Jireenya baadiyyaa nama baayyee dhandhame miti. Isa dabalatee ijoollee afur (dhiira sadi fi dubra tokko) kan horan maatiinsaa wayita isa qabatanii Finfinnee galan inni daa’ima ture.

Solomoon Gammachuu obboleessa Yooseef Gammachuuti, isaafi Yooseef gidduu nama tokkotu jira. Yooseef maatiisaaf ilma hangafaati.

Yooseef akka nama tokkootti qofa miti kan ilaalamu, maatii hunda kan eenyummaarratti bu’uuressee qaree baase isa, akka Solomoon jedhutti.

Maatiinsaanii (abbaa fi haati) wayita gargar ba’an ijoolleesaanii afran lama, lama qooddatan.

Wayita kana Yooseef xiiqeffataa waan tureef haadhasaa bira gore. Akka ilaalchasaatti haatisaa miidhamtuu waan turteef ishee tumsuu isaati jetti obboleettiinsaa Aadde Baqqalech Gammachuu.

Baqqalech maatii Yooseef Gammachuuf intala dhumaati. Haatishee wayita abbaasheen waldhaban isheen xiqqoo waan turteef Yooseef waliin ishee qabatanii gara Finfinnee akka godaanan himte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Yooseef erga umrii dargaggummaasaatti du’aan addunyaa kanarraa boqotee waggoota kurna lama ni caala, garuu waa’eensaa lafaa kaafamee hin beeku.

Tibbana maatiinsaa sirna badhaasaa yaadannoo Artist Hacaaluu Hundeessaan walqabatee gaggeeffamerratti maatii Hacaaluuf kennaa kennuuf wayita waltajjiitti ba’an waa’een Artist Yooseef ajandaa ta’e.

Maatiin Artist Yooseef seenaasaa BBCtti kan dubbatanis kanumarraa ka’uuni.

''Yooseef xiiqeffataa, ammoo gara laafessa ture. Salphaatti namaaf gadi hin jedhu. Kun uumama isaati. Kan inni haadha keenya waliin deemuu filateefis kanumaaf,'' jedhe Solomoon.

Yooseef obboleettiisaa waliin gara Finfinnee, Markaatoo wayita godaanu, Solomoon ammoo obboleessa isaa waliin abbaasaa biratti (aanaa Sabbataa Hawaasitti) hafan.

''Gara Finfinnee deemuun Markaatoo iddoo 'Min Alesh Tera' jedhamu qubatan. Anii fi obboleessi kiyya boodarra itti dabalamne,'' jedhe Solomoon.

Artist Yooseef waggaa baayyee ishee dursuu kan himte Aadde Baqqalech ''harmeen keenya Finfinnee kanaa fira waan qabduuf gara Markaatoo deemuu dandeesse,'' jette.

Barumsa, Wallee, Qabsoo- Markaatoo keessatti

Yooseef Gammachuu Markaatootti guddate

Madda suuraa, Hiriya Pictures

Ibsa waa'ee suuraa, Yooseef Gammachuu Markaatootti guddate, muuziqaas achitti eegale

Yooseef mana barumsaa tokko jedhee kan eegale Markaatootti.

''Lamaan keenyayyuu mana barumsaa Birhaane Hiwot jedhamutti baranne. Inni garuu yerooma sanayyuu waan hedduu beeka. Barumsa dareen alatti ogummaa hedduu qaba,'' jette Baqqalach.

Yeroo sana daree seenanii barachuuf afaan Amaaraa beekuun dirqama, barnoonni Afaan Oromoon miti kan kennamu.

Haalli kun Yooseefiin baayyee hin dhiphisne jette obboleettiinsaa Aadde Baqqalech.

''Garuu barsiisonni Afaan Oromoo beekan inuma jiru. Yooseef ammoo akkasaan Afaan Oromootiin barattoota barsiisan itti himaa ture.''

Yooseef barnootasaan cimaa ture kan jedhu Solomoon ammoo, ''lammaffaa ba’ee yeroo inni harmee keenyatti himuu dhokse nan yaadadha,'' jedhe.

Artist Yooseef Gammachuu barnoota daree qofaan osoo hin taane ogummaa harkaa, suuraa kaasuu fi ispoortii- fiigichaanis dorgomaa cimaa ture jedhu obboloonnisaa kunneen.

''Dorgommii Finfinnee keessatti gaggeeffamerratti fiigichaan tokkoffaa ba’ee badhaafamee beeka. Fakkii kaasuudhaanis akkasuma,'' jette Baqqalech.

Artist Yooseef Gammachuu mana barumsaa Birhaane Hiwot jedhamutti erga barumsa jalqabee booda barnoota sadarkaa lammaffaa mana barumsaa Tasfaa Kookab jedhamu seene.

Baqqalech yeroo ammaa Markaatoo iddoo maatiinsaanii duraan jiraachaa turanirratti suuqii banattee daldaltuudha.

Waa’ee Yooseef kan dhuunfaadhaan (akka obboleettiitti) beektu caalaa hiriyootasaarraa dhagahuu himte.

''Kutaa keessatti barsiisonni akka fakkeenyaatti isa fudhatu. Wayita qormaata kennanillee isa dareedhaa baasanii warra kaan qoru. Inni dursee waan hunda beeka jedhanii waan amananiif,'' jette Baqqalech.

Yooseef har’a otoo jiraatee nama umriinsaa 50 ykn 51 ta’a. kan jettu Aadde Baqqalech,''Kana hiriyootasaatu natti himan. Asuma naannawa kana jiru ammallee. Barsiisonni dareetti qorumsa kennanii yoo barataan guutuu argate ‘ati hiriyaa Yooseef mitii?’ jedhuun,’’ jette.

Artist Yooseef Gammachuu barnoota isaan kutaa sagal wayita ga’u jijjiirami siyaasaa bara 1983 biyyattiitti waan dhufeef barnootasaas achumatti dhaabee qabsaa’otaa fi artistoota kaan waliin dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti seenan jedhe Solomoon.

Markaatoo fi Yooseef

Artist Yooseef Gammachuu Afaan Oromoo, aadaa fi duudhaa jiruu fi jireenyaa Oromoo keessatti dhalatee umriisaa daa’imummaatti haadhasaa waliin gara Finfinnee godaane.

Haalli Finfinnee ture qormaata itti ta’us inni garuu qormaata kana akkamiin akka keessa darbu dursee beeka ture jetti obboleettiinsaa Aadde Baqqalach.

''Keessattuu yeroo sana Markaatoo keessa jiraachuun Oromoof salphaa hin turre. Inni garuu seenaan keenya as jira jechuun hamilee ofitti hore.''

Yooseef aanaa ollaa Finfinneerraa Markaatootti godaanus jireenya Finfinneetti baruuf baayyee itti hin fudhanne kan jedhu Solomoon, ''inumaa waan naannoosaa jiru hunda to’achuuf nama tattaafatu ture,'' jedhe.

''Markaatoo naannoo ‘Min Alesh Tera’ jedhamutti ijoollee ollaa walitti qabuun Afaan Oromoon sirbisiisaa ture.''

Kutaalee Finfinnee keessaa Markaatoo fi ollaan buufata konkolataa (Awutoobis Taraa jedhamuun beekamu) bakka namoonni kutaalee biyyaa garaagaraa irraa dhufan itti heddummaataniidha.

Keessattuu lixa Oromiyaarraa namoonni garas imalan sababa afaan Amaaraa sirriitti dubbachuu hin dandeenyeef wayita iddoowwan kunneen ga’an baayyee rakkatu.

Yeroo sana Yooseef waliin Markaatoo jiraachaa akka turte kan himtu Aadde Baqqalech, ''hojiiwwan Yooseef irratti cichee hojjetaa ture keessaa inni ijoon iddoo kanatti namoota keenya gargaaruu ture,'' jette.

''Nuti [Yooseef fi obboloonni isaa] jireenya Markaatootti barreerra. Afaan Amaaraallee ni beekna. Kanaaf namoota keenya afaan hin beekne gargaaraa turre.''

Baqqalech namoota konkolaataa qabachuuf, imalaaf, hojiif akkasumas bulanii darbuuf Markaatoo seenan hunda gargaaraa akka turan himti, ''kun hundi ammoo sababa kutannoo Yooseef,'' jette.

Solomoon gamasaan Yooseef Markaatoo keessa jiraachuun Afaan, aadaa fi duudhaan Oromoo Finfinnee keessatti akka lubbuu horatee bayyanatu taasiseera jedhe.

''Osoo Yooseef hin jiraannee nutiyyuu aadaa fi afaan keenya qabannee hin turru. Namoonni kaanis akkasuma,'' jedhe.

Akka maatiin jedhanitti Yooseef namoota gargaaruu qofa osoo hin taane gorsaa fi barumsas ni kenna.

''Namoonni keenya Finfinnee keessatti ofiin boonanii akka jiraatan gorsaa ture. Keessaa fi alaan qulqullinasaanii eeggatanii eenyummaasaaniitti osoo hin qaana’in akka jiraatan cichee barsiisa ture,'' jette Baqqalech.

Solomoon gamasaan ''Yooseef namoonni aadaa, afaan, duudhaasaanii akka hin daganne , akka ittii boonan fi dhalootatti akka dabarsan walitti qabee barsiisaa ture,'' jedhe.

''Tokkummaa, harka walqabachuu, waltumsuu har’a nuti faarsinu kana Yooseef yeroo sana nu gorsaa ture. Nuti garuu isa hin dhageenyu turre. Wanti inni nu barsiisaa ture har’a reef naaf galaa jira,'' jette Baqqalach.

Yooseef fi aartiin waliif maali?

Artist Yooseef Gammachuu ijoollummaasaarraa eegalee sagalee kiilolee qaba, kun kennaasaa ganamaa ture jedha Solomoon.

''Xiqqoo ta'ee sagaleensaa baayyee bareeda. Ijoollee ganda keessaa walitti qabee sirboota aadaa sirbisiisa ture. Keessattuu Markaatoo keessatti ijoollee afaan Oromoo hin beekne dabalatee hunda keenya sirboota aadaa Oromoo sirbisiisaa ture,'' jedhe Solomoon.

Wayita Yooseef barachaa ture barnoonni muuziqaa akka gosa barnootaa tokkootti kennamaa ture kan jettu Aadde Baqqalach ''barsiisonni yeroo barnoota muuziqaatti akka barattootaaf sirbu gaafatu. Kutaasaa keessatti qofa osoo hin taanee mana barumsaa hundaaf sirba,'' jette.

Yooseef jaalalaa fi dandeettii muuziqaa waan qabuuf wayita akka sirbuuf gaafatamu hin didu, inumaa Afaan Oromoon wayita sirbu gootummaadhaani jette Aadde Baqqalach.

''Safara keessatti ijoollee walitti qabee sirboota aadaa sirbisiisa. Jala bultii ayyaana waggaa, masqalaa fi irreechaaf sirboota aadaarratti gareedhaan qophaa'u. Mana barumsaatti wallee Artist Xilaahun Gassasee 'Ani Sin yaadaa' jedhu dhiheessaa ture.''

Artist Yooseef Gammachuu kan nama hawwatu sagaleesaa qofa osoo hin taane, dandeettiin barnootaa, beekumsi uumamaa, ofitti amanamummaa fi gara laafummaa akkasumas hunda caalaa akkaataan dhaabbiisaa namootarraa akka xiyyeeffannaa argatu isa gargaareera jette Aadde Baqqalach.

''Wayita inni sagalee kiilolee sanaan qaanii tokko malee Afaan Oromootiin sirbu kanneen Oromoo ta'anii ofitti qaana'an waliin sirbuu eegalu. 'Gurbaan xiqqaan kuniyyuu ni sirbe, nuti maaliif hin sirbinu' jedhu. Ammoo dhaabbiinsaa, akkaataan uffannaasaa, bifti isaas baayyee nama hawwata.''

Yooseef muuziqaa qofa osoo hin taane gosoota aartii kanneen akka ogummaa suuraa fi bobbocaanillee dandeettii addaa qaba ture.

''Suuraa kaasuudhaan beekamaa ture. Ittiinis badhaafameera. Dabalataan bobboca adda addaanis ni beekama. Meeshaalee fi uffata irratti alaabaa bocuun beekama ture.''

Badhaas Artist Hacaaluu Hundeessaa bara kanaarratti maatiin Artist Yooseef Gammachuu haadha warraa Hacaaluuf kennaa addaa kennaniiru.

Kennaan kun suura haadha manaa Hacaaluu Aadde Faantuu Damissoo ture. Akka Aadde Baqqalach jettutti suura sana kan kaase ilmasheeti.

''Ogummaan suuraa kaasuu kun qaccee sanyii (DNA) dhaan waan darbu natti fakkaata. Ilmi kiyya akkuma Yooseef suuraa kaasa. Suura haadha warraa Haacaaluu isatu kaase. Ammoo dhaabbiinsaas Yooseef fakkaata. Kanaaf maatiin keenya hunduu Yooseef jedhuuni.''

Artist Yooseef sirba sirbuu daa'imummaasaatti eegalus guutummaatti gara hojii aartiitti kan seene garuu barnootaan booda.

Yooseef artistoota gameeyyii kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Haayiluu Kitaabaa, Hirphaa Gaanfuree fi Daawitee Mokonnin waliin hiriyoota turan jedhe Solomoon.

''Barnoota dhaabee guutummaatti hojii muuziqaatti seene. Bara 1983 wayita mootummaan jijjiiramu innis barnoota dhiisee Adda Bilisummaa Oromootti makame. Artist Hirphaa Gaanfuree waliin walqabatanii gara waajjirra Gullallee jiru seenan.''

''Gara waajjira Adda Bilisummaa Oromoo Gullallee jiru erga deemee booda hojiinsaa guutuun aartii kanaa fi siyaasa walfaana deemsisuu ture,'' jedha Solomoon.

''Qophiin yookiin ayyaanni kamuu jiraannaan Yooseef irraa hin dhabamu. Namuu isa affeera. Baayyee jaallatama ture.

Artist Yooseef Gammachuu albama tokko qofa akka baase kan himte Aadde Baqqalach, sirboota hedduu qopheessee osoo uummataan hin ga'in lubbuunsaa dabarte jette.

Walleewwan jaalalaa fi warraaqsaa kanneen akka Yaa Daraartuu, Abdii Bilisummaa, Narraa hin fagaatiniifi kaaniin kan beekamu Artist Yooseef Gammachuu albasaa toora 1987/88 akka baase yaadata obboleessi isaa Solomoon.

Yooseef walleewwan ittiin beekamu kunneen kilippiidhaan hojjeteera. Kilippiiwwan sirbootasaarratti dargaggeessa umriinsaa waggaa 20oota keessa jiru fakkaata.

''Wayita sirba hojjetu sana dargaggeessa bareedaa, dheeraa, kan dhaabbiinsaa namatti tolu ture. Yooseef waan hundisaa nama hawwata ture. Uffanni inni yeroo sana uffatee sirbe, kan kilippiirraa mul'atu, hanga ammaa faashiniidha,'' jette Aadde Baqqalach.

''Yeroo hedduu hidhame, yeroo hedduu du'eera jedhanii gatan''

Artist Yooseef Gammachuu erga Finfinnee seenee afaan fi duudhaasaatti cichuun rakkoo hedduuf isa saaxileera jedhu obboloonnisaa.

Namoota dhuunfaarraa hanga mootummaatti kan Artist Yooseefitti hin roorrifne hin jiru kan jedhu Solomoon, ammoo kan isa galateeffatanis hedduu turan jedha.

''Inni Afaan Oromoo sirbuu fi dubbachuu hin dhiisu, isaan ammoo hidhuu hin dhiisan,'' jedha Solomoon.

Sababa dhimma Oromoo kaasuuf qofa hidhamaa, reebamaa, dararamaa ture kan jedhu Solomoon, ''yeroo sadi hidhameera, yeroo sadi ammoo reebanii du'e jedhanii bakkeetti gataniiru,'' jedhe.

Solomoon jireenya Yooseef gara dhumaa ture wayita ibsu, hacuuccaa fi dararaa yeroo dheeraaf irratti raawwatameen dhibee sammuuf saaxilamee akka ture hima.

''Baayyee miidhame. Boodarra sammuunis tuqame. Nama hin dhagahu ture. Jireenyisaa gara dhumaa baayyee rakkisaa ture. Nutillee gama wal'aansaan baayyee gargaarre,'' jedha.

Artist Yooseef gammachuu hidhaa fi reebicha tikoonni mootummaa irratti raawwatan irraa dandamachuu dadhabee ALI bara 1995 bakkuma itti guddate Markaatootti addunyaa kanarraa du'aan boqote.

Artist Yooseef maatii godhateeraa?

Artist Yooseef Gammachuu Reebaa daa'imummaasaarraa kaasee amala gara laafummaa, namaaf waan gaarii ooluu qaba kan jedhan obboloonnisaa, akkasuma ammoo waan badaa arginaan nama hamaa ta'a jedhan.

Bu'aa bayii jireenyaasaa kan hunda keessatti guyyaa tokko faayidaasaaf dursa kennee hin beeku kan jedhu Solomoon, ''maatiillee akka godhatuuf yaaliin haati keenya taasisaa turte hin milkoofne,'' jedhe.

''Haati keenya jabduu turte. Yooseef akka gaa'ila ijaarratee tasgabbaa'ee jireenyasaarratti xiyyeeffatuuf cidha gootee fuusiste,'' jechuun haala gaa'ila Yooseef ibsa.

''Yeroo sana waahillan (mizeen) Yooseef Eebbisaa Addunyaa, Haayiluu Kitaabaa, Shoolee Tafarraa fi artitoota qabsaa'ota waliin turan hedduudha.''

''Haati keenya akkanni siyaasa keessaa ba'ee jireenya mataasaa godhatee adabatee taa'uuf fuusiste. Inni garuu siyaasa keessaa ba'uu dide. Gaa'illi kunis hin milkaa'in hafe,'' jedhe Solomoon.