'Kan mootummaati naan jedhu, ani garuu kan ummataafi kan biyyaati' - Artist Geetaachoo H/Maariyaam

Madda suuraa, YouTube screenshot
Waggoota 35 hojii aartii keessatti kan dabarse Artist Geetaachoo Hailamaariyaam, walleewwan darbee darbee waltajjiiwwan garaagaraa irratti weellisuun alatti dhiheenyatti hojii haaraa hojjetee hin beeku.
Tibbana kabaja Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa 2017 Imbasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru qopheesserratti affeeramee ture.
Nutis qophii kanarratti argachuun hojiiwwan isaarratti waliin dubbanneerra.
Geerarsa, walleewwan aadaa fi jaalalaa akkasumas kan warraaqsaan kan beekamu Artist Geetaachoon, qabiyyeewwan sirbootasaa fi sagalee kiilolee isaan uummata biratti guddoo jaallatama.
Dinqisifattoonni isaa kan Afaan Oromoo hin dhageenye hedduus dabalata.
Gama biraan ammoo aartii biyyattii siyaasa fiixee qabatee walqooduun dhiibame keessatti inni 'gara mootummaa goree fayyadame' jechuun qeeqi irratti akka ka'u innuu dubbateera.
Dhimmoota kunneenii fi walumaagalatti hojiisaa darban akkasumas waan amma harkaa qabu irratti BBC waliin gaaffii fi deebiin taasise akkanaan dhihaata.
________________________________________
BBC: Gara Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii dhuftee si argine. Waa'ee uummata as jiruu hangam quba qabda?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Artist Geetaachoo: Hojiin kiyya uummata kana bohaarsuudha. Keeniyaan akka uummata kiyya waliin hidhata qabdu nan beeka. Seenaadhaan qofa osoo hin taane qaamaanis keessa deemee argeera. Seenaa Gadaa fi Abbootii Gadaa as jirullee ilaalee hubadheera. Kanaaf uummanni kun kiyya waan ta‘eefan gammachiisuu dhufe.
BBC: Geetaachoon kan mootummaati jedhan. Kanarratti yaadi kee maali?
Artist Geetaachoo: Eeyyee namni naan jedha. Kan mootummaati, gara mootummaati…abaluu akkas jedhan. Jedhamaa ture, alattis keessattis ni odeeffama. Nama dalagurratti waa hedduutu odeeffama. An ammoo sana hin dhaggeeffadhu.
An kan uummataati. Kan biyyaati. Kan dhalootaati. An artistiidha malee nama siyaasaa miti. Nama walaleessuu danda’u, nama yeedaloo baasuu danda’u, nama fiilmiillee barreessuu danda’uudha an.
Nama of danda’ee ofitti amanummaan ogummaa Waaqni dhalootarraa naaf kenneen jiraatudha. Abbaa fi haadha maleen guddadhe. Abbaan kiyya waraanaan narraa darbe. Haati kiyya akkas.
Rakkina hin qabu, an jireenya lafarraa akka barnootaattin fudha. Jireenya keerraa baratta. Waliin jireenyan baradhe.
Har’a bineensillee waliin nyaatee, waliin dhugee waliin jiraatuu beeka. Nuti sanaa gadillee turre. Waliin jiraachuu dadhabne. Walirraa fagaannee dugdaa fi garaa taanee turre.
Garuu Oromummaan walitti nu hidhuu qaba. Namni siyaasaa tokko barnoota ammayyaa barateen dhufeen uummata akka fedhetti adda facaasee oofuu hin qabu. Amantaa, seenaa, Gadaa mataa keenyaa qabna. An asiin baha Afrikaa waliin gahee hanga Naayijeeriyaa kan beeku Gadaa mataasaanii qabu.
Gadaan silaa walitti nama hiiti. Gadaan qoma, ofitti si qabdi. Bilchina, beekumsa. Yoo gara Gadaatti dhufne gara dhugaatti dhufna, yoos tokko taanee deemuuf wanti nu rakkisu hin jiraatu.
Wa jaalalaan yoo waliin jiaranne daran guddanna malee hin xiqqaannu. An kanarrattin hojjechuutti jira.
Anaaf ilmoon namaa hundi obboleeyyani. Caalaammoo Oromummaan hunda dura hundeedha. Hirkoodha, gaaddisa. Jaalalli diinayyuu bituu danda’a. Jaalalli, dhugaan, haqi jiraannaan eessattuu ni mo’atta.
Anaan jaalalan uummata kiyaaf qabutu na joorsa. Jaalalatu as Keeniyaa na fide. Uummata kiyyatu as jira. Uummata Booranaatu as jira. An waan uummata keenyaa wayitan yaadu seenaa abbootii keenyaa isa kaleessaa, isa ganamaa sanan yaada, isa har’aa miti.
Jaalala ofii qofa qabaachuun sirrii miti. Nuti jaalala akka Afrikaatti mul’atu qabaachuu qabna. An nama of qofa jaallatu miti. Ofittummaa hin qabu. Nama garaasaa qofa jaallatu miti. Nama uummata jaallatu an. Nama biyyasaallee jaallatu.
Hojiin koos kanuma mul’isa. Fuulduraafis hojii beekumsaan deeggarame fi madaala kaasuurrattin xiyyeeffadha. Uummata kiyya barbaadeen seenaasaa mul’isa.
BBC: Muuziqaan Oromoo irra jireessaan qabsoo, warraaqsa irratti kan rarra’eedha. Siyaasaan kan wal fudhatedha. Kanaafuu qoqqoodamuun siyaasaa aartii fi artistoota keessattis mul’ata. Kun guddina aartichaarratti dhiibbaa akkamii qaba? Akkamiin madaalta?
Artist Geetaachoo: Tokkoffaa uummanni kan fedhu waa’ee bilisummaati. Bilisummaan waan hin oolle. Garuu jalqaba nuti jaalalaan gamtaa’uu qabna. Yoo walitti dhufnee tokkummaa keenya cimsine akka Oromummaatti sochoona.
Namni siyaasaa yaadaan waliigaluu dhiisuu danda’a. Aartiin garuu kan uummataati. Nuti tokko taanee uuummata tookkoomsuu qabna. An kanaaf yoomuu qophiidha.
Kaleessa nama sadi taanee karaa deemuu hin dandeenyu turre. Yoo Afaan Oromoo walitti dubbanne biyyarraa nu balleessuu barbaadu. Amma haalli jijjiirameera. Nuti ammoo amma jaalala fi tokkummaarratti hojjechuu qabna.
Jaalala yeroo jennu kan seenaa, kan aadaa, kan teessuma lafaa, kan biyyaa, kan uummataa... waa hedduutu jira. Kana yeedaloo fi walaloodhaan dabarsuurratti hojjechaa jirra.
Gamtaan keenya laafee ture. Uummanni Kuush waliigalaan adda faca’ee ture. Hangafoota hedduutu faca’an. Kun sirna turerraati. Har’a Rabbiin walitti nu fiduutti jira.
Nuti isa kana hubachaa hin turre, ammas rafnee jirra. Ammallee hin dammaqne. Hirribaa dammaquun dirqama keenya. Walitti deemnee wal iyyaafachuu qabna.
Warri siyaasa kana alatti baratanii dhufanis waan Oromoo walitti fidu qabatanii hin dhufan. Waan bahaa lixaan, kaabaa fi kibbaan qoqqoodu malee. Kan tokko nu godhu hin turre.
Har’a yoo tokko taanee fuulduratti deemne abadan hamtuun nu hin agartu, qoreen nu hin waraantu. Hojiin koo isa kana cimsuudha. Hojii biraa hin qabu.
BBC: Artist Geetaachoon sirba aadaa Oromoo Booranaa, keessattuu wayita jilaa akkaan beekamu mata duree- Aadaa Jilaa jedhuun ni beekama. Garuu achumaan bade. Ati kanarratti maal jetta?
Artist Geetaachoo: Sirboota koo keessaa aadaan Booranaa kan dhabame hin jiru. Angafa keenya waan ta’aniifan yeroo hunda dursa kennaaf. Quxisuun hangafatti waan deemuufan itti deemee hojjedhe.
Jiruu fi jireenya uummata hangafa kanaa, waan inni itti bulu qoratanii beeksisuun anaaf waan guddaadha. Wallee qofa osoo hin taane bulchiinsi jiru hundinuu osoo gara Gadaatti jijjiirameen fedha. Miira akkanaanin hojjedha. Kanaaf walleewwan kiyya keessatti aadaa Booranaa dagadhee hin beeku.
BBC: Yeroo hanga kana osoo wallee hin baasin turteetta, ammahoo maal harkaa qabda? Uummanni maaliin si haa eegu?
Artist Geetaachoo: Waan akka Afrikaatti Oromoo madaalun qabadhee dhufaa jira.
Baha, lixa, Kaaba, kibba kan walitti hidhu qabadheen jira. Uummanni kun dur tokko ture. Sirnaa gara sirnaatti kaan waraanaan, kaan dhibeedhaan, kaan amantaan adda faffaca’e malee. Waan tokkummaa kana deebisun hojjechaa jira.
Waan uummata keenya walitti hidhu, seenaadhaafis kan ta’un qabadhee dhufa, uummati kiyya akka obsaan na eegun fedha.
BBC: Artist Geetaachoon sagalee kiilolee qabuun hedduu dinqisiifatama, namoonni hedduunillee fakkeenya godhatanii sirba hedduu kan hojjetan jiru. Ati garuu nama hedduuf fakkeenya taatee wallee muraasa qofa hojjette. Yeroo baayyee waltajjii deemtee hojjetta, tarii kanumatti ko’oommattee?
Artist Geetaachoo: Lakki kanaa miti rakkoon. An yeroo baayyee jarjaruu hin jaalladhu. Waan bilchaataa uummataafis dhalootaafis tolu hojjechuun barbaada. Maaliif yoo jette fakkeenyaaf artistoota hangafoota keenya ta’an, kanneen darbanis yoo ilaalle waan seenaa qabu hojjetanii nuuf kaa’anii darban.
Kanaaf qooqni keenyas, seenaan keenya kunis gabbatee as gahe. Waan dhugaa, waan dhalootaaf tolu, waan dhaloota hin balleessinen hojjechuu barbaada. Kana jechuun ijoolleen amma jiran dhaloota balleessan jechuu miti. Garuu waan bilchaataa dhalootaaf ol keessu hojjechuu qabda.
An akka dhugaatti, akka cufaatti yoon dubbadhe baankiidhaa horii miti kanin qabu. Garuu baankii namaan qaba. Baankiin koo uummata. Namarrattin hojjechuu barbaada.
Waan boriif dawoo fi hirkoo ta’u, waan seenaa ta’ee keessa dhokatan, keessa jiraatanin hojjechuu barbaada. Kana bilcheessuuttin ture malee guyyaa guyyaatti sirba baasuun ni danda’ama. Guyyuu walaloo fi yeedaloo hedduu hojjechuutti jirra.
Anaan kan na hore Alii Birraa fi warra duraan turan. Jara kanatu asiin na ga’an. Ijoollee amma jirtu ammoo ilmaan kiyya jedheen yaada an. Kanaaf an jara jajjabeessuu, hojii gaarii hojjetanii ulfina akka argatan, biyyaafis kabajaa akka ta’an gochuurrattin hojjetaa jira. Abadan dalagaarraa fagaadhee miti.
Amma haalli mijataan jira. Karaan ittiin of beeksisan hedduutu jira. Miidiyaanillee heddummaateera. Isinillee kunoo na barbaaddanii na dubbistaniittu, kun carraadha galatoomaa! Duraan nama qabna malee miidiyaa hin qabnu turre.
Kan dhufu nu dhiita malee nu hin beeksisu, amma carraatu jira. Amma waan gaarii waan guddaa hojjechuu dandeenya. Akka sadarkaa idil-addunyaa madaalutti hojjechuutti jirra. Akka biyya tokkoo qofatti miti.
BBC: Artist Geetaachoon ijoollummaan sirba akka eegalee fi boodarra gara Raayyaa Ittisaatti dabalamuun walleedhaanis waraana bohaarsaa akka turte quba qabna. Kanaaf sirboota ati ittiin beekamtu keessaa tokko kan waraana Itoophiyaaf sirbe- Yaa lola eeboo kan jedhuudha. Ofii ati wallee akkamiin, yoom eegalte?
Artist Geetaachoo: Artistoota akka Alii Birraa dhaggeeffachuurraan wallee eegale. Akka aadaatti garuu sirbi waan jiruuf anis aadaa keessattin guddadhe waan ta’eef xiqqummaarraa sirboota aadaa nan beeka. Aadaa, seenaa, jiruu fi jreenya mataa keenyaa qabna. Kana keessaa walleen jira. Animmoo kana keessatti waanan guddadheef durumaan nan sirba.
Walleen baadiyyaadhuma hawaasa keessaa eegala. Abbaan aartii uummata. Gaafa ayyaannni ga’u wallee walharkaa qabnee sirbina. Haala kanaan guutummatti gara wallee kanan seene bara 1982 (ALI).
Ogummaan koo waraanaa wajjin walqabata. Maatii loltootaa irraan dhaladhe. Abbaa fi haati koo qabsaa’ota turan. Kanaaf anis waraanuma keessan ture. Kun amaluma Oromooti. Oromoon duruu goota. Maatii fi gosa qofaaf osoo hin taane biyyaaf yaadee qabsaa’aa ture. Anis gootota akkasiirraan dhaladhe.
BBC: Wallee hedduu istuudiyoo keessatti dagattee qabda jedhu, kun dhugaadhaa?
Artist Geetaachoo: CD 10 ol kan tokkoon tokkoonsaanii yoo xiqqaate walleewwan 13 ofirraa qabantu jiru. Amma yeroon jijjiiramaa jira. Meeshaan, akkaataan sagalee jijjiiramaa jira. Kanaafuu kan jiru kana keessaa filachuu qabda.
Waan gurra uummataaf tolu filachuu qabda malee waan si hin ibsinee fi waan si hin madaalle fiduu hin qabdu. Waan uummata kee madaaluu fi uummannillee kabaju hojjechuu qabda.
BBC: Akka nutti himtetti erga muuziqaa eegaltee waggaa 35 ni ta'a. Aartii Oromoorratti jijjiirama akkamii argite?
Artist Geetaachoo: Jijjiirama guddaatu jira. Gama hundaan. Har’a teeknooloojiin fagoo deemeera. Hojii ofii beeksisuurrattis haalli guddoo mijate. Amma ofiin of beeksifta. Maal akka hojjetaa jirtu battala tokkotti addunyaa waliin geessa.
Barnoonnis jira amma. Meeshaama muuziqaa qabattee deemtu kanaan sirriitti walbeekuu qabda. Dhaloonni gama muuziqaan guddoo tarkaanfate. Gama miidiyaanis guddina ajaayibaatu jira.
BBC: Guddaa galatoomi!
Artist Getaachoo: Isinis galatoomaa!












