'Kana booda ofii sirbuurra warra duubaa dhufu karaa agarsiisuurrattin hojjedha' - Art Eelemoo Alii

Elemoo Alii

Madda suuraa, Elemo Ali SM

Magaala Haramayaatti dhalatee Kan guddate wellisaa Elemoo Alii tibbana albama sirbaa 14ffaa ‘Teenya Urjiin’ jedhu Finfinneetti eebbisiise.

Imala aartii waliinii waggaa 40 caalee fi albamasaa tibbana eebbisiise akkasumas Karoora fuula duraa irratti BBC waliin turtii taasise.

Wellisaa Elemoo Alii, Ijoollummaadhaan haramayaarraa gara Dirredawaa gale jechuun seenaa karaa dheeraa akkaataa itti jalqabe hima.

“Anaa Umriinkoo amata 13 Dirredawaa dhufe. Aartii ammoo walumaanin dhaladhe jechuu dandeessa. Maatii irraayis dhaaluu hin hafu. Ammoo xiqqeenyumarraan waan akka Filuutii fi Harmoonikaa taphachaan ture” jedha.

Jalqabbii jireenya Baqattummaa

Elemoon Dirredhawaa yeroo gabaabaaf erga tureen booda jireenya baqattummaa tokko jedhee faannisaa Jibuutii ejjete. Hojii aartii fi albamasaa jalqabaas biyya Jibuutiitti akka eegale hima.

“Jibuutii bara 1974ttin dhaqe. Eegasii gara biyyaa ol hin deebine. Hojii aartii fi qabsoos achumatti eegalle. Filuutii, ulullee fi Harmoonikaa Biyyumattu nan taphadhan ture. Sirbakoo Jalqabaa albama guutuu bara 1978 baase”

“Sirboonni ani gaafas baase irra guddaan sirba warraaqsaati ture. waanuma nama dammaksu. ‘Duris Oromumaa, har’as Oromuma maqaan meeshaan taane akkamiin jijjiirama’ kan jedhufaa qaba. Rakkoo Oromoo irraa dubbachuu ture waan yerosii” jedha.

Albamni jalqabaasaa kuni sirboota 10 akka qabuufi kana keessaa saddeet sirbootuma qabsoo ta’uus hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga baqannaadhaan biyyaa baheen waggoota 17 booda yeroo mootummaa ce’umsaa bara 1991 wellistoota akka Nuhoo Goobanaafaa waliin Finfinnee waajjira Gulallee turan.

Haalli siyaasaa yeros abdatame akka yaadame ta’uu didee dhaabni ABO mootummaa ce’umsaa keessaa erga bahee turtii ji’oota sadii booda biyya irraa dhufetti akka deebi’es hima.

Eegasii Haalli dura biyyarraa baasee fi jireenya baqattummaa keessa waggootaaf tursiise kuni biyyattii keessatti jijjiiramaa dhufuu hordofuun guutumatti biyyatti akka gales hima Elemoon.

“Gaafa darbe mootummaan hundi Uummata Oromoo kana gidiraa fi saamicha irratti raawwataa waan turaniif anis gara biyyaa dhufuu hin dandeenyen ture. Amma haalli suni hin jiru. Fagaannee taa’uu hin qabnu jedheen biyya kiyyatti gale” jedha.

Sirboota albama 13 jireenya baqattummaa keessatti biyya alaatti kan hojjete Elemoon, amma erga biyyatti galee albama isaa 14ffaa yeroo jalqabaatiif biyya isaatti hojjetee eebbisiise.

“Biyya tiyya keessatti albama sirbaa hojjedhee eebbisuun anaaf tun ta duraati. Namni yeroo dheertuu tana biyya isaa keessatti mirga itti hin qabnee fi biyya namaa ture harrammoo magaala Finfinnee handhuura biyyaa keessatti sirba eebbisuu jechuun anaaf gammachuu guddaadha. Seenaa tokkosi” jedha.

Artist Eelemoo Alii

Madda suuraa, Elemoo Alii

Waaqni umrii kenneefii jaalala uummata isaa keessatti hojii isaa eebbisiifachuu gammachuu guddaa akka itti uume kan himu Elemoon, kanneen nacinaa dhaabbatanis haa galatoomaani jedha.

Albamni sirbaa ‘Teenya Urjiin’ jedhu kuni sirboota adda addaa 16 kan ofkeessaa qabuu fi sirboota afaan adda addaatin sirbe kan hamate akka ta’es hima.

“Sirboonni askeessa jiran sirboota jaalalaa, sirboota gorsaa, sirba yaadannoo fi faaruu biyyaa, faaruu Oromiyaa qaba. Waan Oromiyaa faarsu kan takkaa kana dura hin sirbamin afaanota adda addaatin keessa jira” jedha.

Afaanota adda addaa torbaan sirbuu akka danda’u kan himu wellisaa buleessi kun, albama isaa haaraa kana keessattis sirboota afaan Oromoo, Amaara, Ingiliffa,afaan Arabaa Fireenchii fi kanneen biroo ofkeessaa qabaachuu hima.

Wellisaa Elemoo Alii dandeettii afaanota adda addaatiin sirbuu Kanaan alattis Meeshaalee muuziqaa akka Gitaara, Kiiboordii, Filuutii, Harmoonikaa, Ulullee fi kanneen biroo hedduus taphachuu dandaha.

Karoora isaa gara fuuladuraa kan ilaaleenis ammaan booda Ofii sirbuu caalaa dargaggoota lafaa dhufoo aartii irratti karaa agarsiisuurratti hojjechuu akka barbaadus hima.

“Guddoo fedhiinkoo waanuman bare kana dhala dhufutti dabarsuun barbaada. Ofii sirbuu osoo hin taane warra fedhii qabu karaa agarsiisuu barbaada. Kuni dirqama kiyyasi. Nama dhufee waa na agarsiisi jedhu barsiisuun fedha” jedha.