'Oo Bashannanaa': Sirbi jila aadaa irratti sirbame akkamiin miidiyaa hawaasaa dhuunfate?

Madda suuraa, SM
Sirbi 'hoo bashannanaa' jedhu tibbana dirree Tiiktookii fi miidiyaa hawaasaa biroo dhuunfatee namni hedduun ittiin shubbisaa jira.
Dargaggeessi Booranaa sirba kana baasaa ture BBC waliin turtii taasiseera.
Maqaan isaa Liiban Jaarsooti. Godina Booranaa aanaa Dubulluq Ganda laaftoo jiraata. Liiban dargaggeessa ganna 20 yoo ta'u barataa kutaa 3ffaati.
Sirba dubartoonni walgahanii sirban kana Liiban yoo sagalee baasee shubbisiisu Viidiyoon isaa ni mul'ata.
Sirbi 'Oo Bashannanaa' kuni sirba aadaati. Hawaasni naannoo isaaniitti gaafa jila qabu sirba kanaan bashannanu.
Viidiyoon tibbana qoodamee fi Tiiktookii irratti jaalatame kuni kan waraabame waggaa tokkoon dura ture. Liiban, waan gaafas turee fi akkaataa itti sirba kana baase akkasiin dubbata.
"Waan suni waggaa lamaaf deemaa jira. Sirba bashannanaa fi gammachuuti. Jila Gubbisaati olla keenya ture. Dubartoonni sirbaa turan. Anilleen warra argee jennaan itti goree dhaheefi. Sirba dubartootaa kana hoo'isumaaf itti seene malee kan sirbaa ture dubartoota qofaa" jedha.
Gubbisni jila aadaa Booranaati. Sirna maqaa moggaasuuti. Mucaa dhiiraa hangafa dhalateef gaafa inni waggaa guutu jila gubbisaa qopheessanii sirna hoo'aan kabaju.
Liiban Sirba aadaa 'oo Bashannanaa' kana walaloo mataasaa itti babalee akka dansaatti hoo'ise.
Dargaggeessi kuni gaafas gammachumaan sirba hoo'isuu malee akka viidiyoo waraabamaa ture hin barre ture.
"Ani ammaan dura muuxannoo sirbaa, kan kana dura baasee qilleensarra gadhiise hin qabu. Sirba kana oo'isuma jilaatiif itti seene. Dandeettii dhahicha sirba kanaa waanuma qabuufin seenee dhahe malee hawaasni akkasumatti sirbaa " jedha.
"Aabboon jilaa Bashannanaa
Aayyoon jilaa Bshannanaa
Dargaggooti Bashannanaa
Maanguddooti bashannanaa
Firaa fiixa Bashannanaa
Jaalaa Soddaa Bashannanaa
Onaa Ollaan Bshannanaa
Dhalaa dhalchaan bashannanaa
Eegii jilti kan danbalaa
Aadaa tolfatan akkana
Gaarii yaabayyanaa Istoorii safaraa
Warra oliitti nuu dawwallaa gatii nuu qannasaa
Milishaatti nuu dawwalaa
Yerum sana dhaqqabaa… jechaa weeddise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yeroo jilaa kana yoo namni waldidee wallolli uumamuu mala. Waldhaanti jiraachuu mala. Yoo qaamni seeraa jiraate seera qabsiisee araara buusa. Kanaafi waan milishaalleen sirba keessatti tuqe" jedha.
Namni viidiyoo sirba kanaa waraabee gara miidiyaa hawaasummaatti fide dargaggoo Diida Bonayyaati.
Akkaataa viidiyoo kana itti waraabee fi gara miidiyaa hawaasummaatti fide yoo dubbatus akka jedha.
"Jila sana hirmaachuuf achin ture. Sirbi Oo Bashannanaa kuni yoo sirban hedduu na hawwate. Ollaa keenyatti hin beekamu. Baayyee jaaladhee jennaan bilbila kiyyaan waraabe. Liiban akka ani waraabaa ture hin argine"
"Nan waraabe malee yeroo sana miidiyaa hawaasummaa irratti hin gadhiisne. Tibbana jilli Gubbisaa dhufnaan yaadadhee viidiyoo gaafsanaa Tiiktookii irratti gadhiise. Hedduu jaalatame. Nama kumaan lakkaa'amutu waliif qoode" jedha Diidan.
Liiban garuu viidiyoon sirbaa inni sagalee baasuu fi waggaa tokkoon dura waraabame kuni miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamuutti 'gammachuu hin qabun ture' jedha.
"Ani waraabbiif qophaa'ee hin turre. Uffatuma dansaallee hin uffanne. Sirbuma hoo'isuuf seene. Gaafa viidiyoo suni gadhiifame namoonni 'gurbaa shamarran gidduudhaa sirbu' naan jedhani" jedha.
Eegasii Diidaaf bilbiluun namni na qeeqaa jira waan ta'eef viidiyoo sana Tiiktookii irraa naaf balleessi jedheenii viidiyoon suni achirraa haqame.
Sagaleen sirbicha garuu ittuma fufee qoodamaa waan tureef namoota hedduu bira qaqqabeera.
Amma Garuu Sirbi jilaa akka tasaa itti goree sirbe Tiiktookii dhuunfatee biyyoota adda addaarraalleen tiiktookii yoo ittiin hojjetan arguutti guddaa gammachuu qabaachuu hima Liiban.
"Akka kanatti jaalatamee nama hunda walgahee arginaan baayyeen gammade. Gammachuu guddaa qaba" jedha.
Liiban fuula duratti sagalee isaatiin wellisaa ta'uuf fedhii akka qabus himeera.












