''Boonyee hirmii hin baafanne, bakka jiru barree hin tasgabboofne, qara ilaalaa hafne''- Maatii Artist Jireenyaa Ayyaanaa

Artist Jireenyaa Ayyaanaa ammallee erga qabamee hanga yoonaa achi buuteensaa hin barre jedhu maatiin

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Jireenyaa Ayyaanaa ammallee erga qabamee hanga yoonaa achi buuteensaa hin barre jedhu maatiin

Artistii Oromoo umrii dargaggummaasaatti humnoota mootummaan ugguramee hanga yoonaa achi buuteensaa dhabame Jireenyaa Ayyaanaa walleewwan aadaa fi warraaqsaan beekama.

Bara 1963 (Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti) aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Gabaa Jimaataatti dhalate.

Ijoollummaasaatti bara 1974 abbaansaa boqotan. Artist Jireenyaan achumarraa dirqama abbummaas fudhate.

Abbaasaaf ilma hangafaati. Obboloota sadi- durba lamaa fi dhiira tokko qaba. Isaan keessaa tokko Inkooshee Ayyaanaa Guddataa jedhamti.

Yeroo ammaa iddoo dhaloota Artist Jireenyaa kan jirtu Aadde Inkooshee Ayyaanaa Guddataa waa'ee seenaa obboleessa isheerratti BBC waliin turtii taasisteetti.

Mana barumsaa qeesii galuun kutaa lama baratus haalli achitti isa mudate hanga lubbuunsaa dabartutti xurree irra deemeef ka’umsa ture.

''Jireenyaan ijoollummaasaarraa dandeettii gaaffii gaafachuu qaba. Dubbatee xiyyeeffannaa argachuu fi nama amansiisuun uumamumaan kennameef. Waan dabaa yoo arge sarmee bira hin darbu,'' jette Obboleettiinsaa kun.

''Yeroo sana mootummaan mana barumsaa sirriitti hin banne ture. Qeesii tokkotu bakka wayiitti ijoollee walitti qabee barsiisaa ture. Barnoonnii afaan Amaaraan kennamaa ture.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Quuqama afaan fi aadaasaa guddisuu kan qabu Jireenyaan haala ture tole jedhee fudhachuurra gaafii kaasuu eegale jetti Aadde Inkoosheen.

''Maaliif afaan keenyaan hin barannu, hin barreessinu,'' jedhee gaafata.

Gaaffiisaa kanaan kan mufate Qeesiin isaan barsiisaa ture Jireenyaa waliin walitti bu’uun dhumarratti sababa kanatti mana barumsaa adda kutee achii ba’e.

''Jireenyaan hiriyootasaa qindeessee Qeesii sanarratti ijaaree reeban. Sababa kanatti barnoota sanas adda kute.''

Jireenyaan erga haala kanaan barnoota dhiisee umriinsaas dabalaa wayita deemu hojii qonnaa hojjechaa naannooma keessaa ture.

Uummata naannoo waliin kan waliigaluu fi fudhatamummaas kan qabaachaa ture Jireenyaan, yeroo garii bakka abbaasaafaa bu’ee dhimmoota garaagaraa irratti argama.

''Namoota gurguddaa faana oola. Hiriyoota abbaa keenyaa duukaa iddoo namoonni gurguddoon itti walga’na deema. Iddoo afooshaa fi hawaasummaa hundarratti 'iddoo abbaa koo' jedhee argama. Geerarsallee 'dabaree abbaa koo' jedhee warra kaan harkaa fuudhee geerara ture,’’ jette obboleettiinsaa Inkoosheen.

Qabsoo jireenya ijoollummaa abbaa malee

Artist Jireenyaa Ayyaanaa qe'ee abbaasaarratti bakka abbaasaa bu'ee osoo dirqamasaa ba'atuu boodarra gaafa umriinsaa guddatu gara Wallaggaa Lixaa, magaalaa Gimbii deeme jette Aadde Inkoosheen.

Jireenyaan ijoollummaasaarraa eegalee hojii gosa garaagaraa hojjechuun beekama. Qonnaa fi daldala irratti xiyyeeffata.

Gimbii wayita deemes hojii daldalaa hojjetaa ture.

''Waggaa tokko Gimbii turee isa boda obboleessi abbaa keenyaa Birraatuu Guddataa jedhamu isa biratti akka hojii daldalaa hojjetuuf Finfnneetti waame,'' jette obboleettiinsaa kun.

Jireenyaan Finfinnee naannoo Goojjam Barandaatti osoo hojii daldalaa hojjetuu barnootasaa itti fufe.

Bara Dargii keessa umrii ijoollummaatiin Artist Jireenyaa waliin wal beekuu kan himu Artist Daagim Mokonnin, jireenyaan wallaggaarraa dadhaa fi waan kaan fidee Finfinneetti akka daldalaa ture yaadata.

Artist Jireenyaas dabalatee artistoonni Oromoo hedduun maqaansaanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin ka’uun beekama. Maqaa dhaaba morkataa TPLF ture kanaanis guddoo miidhamaniiru.

Artis Daagim Mokonnin Artist Jireenyaa waliin seenaa addaa akka qabanii fi ijoollummaatti akka walbeekan BBCtti hime.

''Jireenyaa waliin osoo Addi Bilisummaa Oromoo hin dhufin dura walbeekna. Nuti yeroo sana qeerroo turre. Ijoollummaanis nutti jirti. Garuu waanuma Oromoo kana Finfinnee keessatti ajandaa gochuu waan barbaannuuf humna, umrii fi dandeettii maallaqaa malee itti seenne,'' jedha Daagim.

Jireenyaan guyyaa hojii daldalaa hojjechaa halkan ammoo barachaa, kana cinaatti ammoo waa’ee aartii Oromoorratti xiyyeeffataa akka ture obboleettiinsaa Aadde Inkoosheenis quba qabdi.

''Barnootasaa kutaa sadirraa eegale. Mana barumsaa Ammahaa Dastaa kan amma Inxooxoo Ambaa jedhamutti barataa ture,'' jette.

Akkasheen jettutti Jireenyaan dandeettiinsaa adda waan tureef waggaa tokkotti kutaa lama barataa ture.

''Qabxii gaarii waan fiduuf kutaa itti aanurra utalaa barataa ture. Kana cinatti ammoo seenaa fi afaan Ingiliziis barataa ture. Mana barumsaa faranjootaa Saint Mary jedhamutti afaan ingilizii barachaa ture. Faranjoonni mana barumsaa sanaa si fudhannee deemna jennaan dide.''

Jireenyaan ijoollummaasaarraa eegalee sammuusaa keessa kan ture waa’ee bilisummaa fi qabsooti kan jettu Inkoosheen, ''ijoollee lixaa waliin walarganii mari’achuu eegalan. Artistoota Oromoo kaan waliinis walitti dhihaachuu eegalan,'' jette.

''Yoon waan biraan dadhabe sagalee kootiin uummata koo tajaajila''

Jireenyaan uumamaan dandeettii dubbii qaba, Haasaa ilaa fi ilaameen qajeelu dubbachuuni beekama jedhu warri isa beekan.

Duudhaa fi aadaas bareechee beeka. Abbaansaa hawaasa keessatti nama bakka guddaa qaban turan.

Wayitasaan ijoollummaasaan irraa boqotan bakkasaanii bu’ee bakkasaan itti argamuu qabanitti argamuunsaa maanguddootarraa akka baratu carraa ta’eef.

Sagaleedhaanis hin komatamu. Ijoollummaasaatti geerarsa jaallata, ni danda'as.

Garuu muuziqaan kaayyoosaa ganamaa hin turre. Ammoo karaan inni ittiin kaayyoosaa galmaan ga’uu danda'u kana ture.

''Inni kaayyoonsaa sirba hin turre. Garuu nama aartiiti. Xiyyeeffannaansaa guddaan saba kanaaf falmuu ture. Boodarra waan humnisaa danda’u, walleedhaan sagalee uummataaf ta’uu filate,'' jette obboleettiinsaa Aadde Inkoosheen.

''Kennaansaa, haalaa fi amallisaa gara gootummaati. Sagaleensaallee sagalee gootaa ture. Irra caalaa sirbaaf osoo hin taane gootummaa mul’isuuf sagalee filatamu ture. Waan gochuu fedhu hunda gochuuf kutannoo qaba. Kanaaf 'yoon waan biraa dadhabe sagalee kootiin uummata koof dhaabbachun qaba' jedhee gara sirbaa kana seene,'' jette.

Artist Daagim Mokonnin akka jedhutti Jireenyaa waliin hojii aartii fi afaan Oromoo guddisuu, walumaagalatti aartiidhaan qabsaa’uu kan eegalan qophii Raadiyoo hojjechuurraati.

''Yeroo sana Raadiyoon sagantaa Afaan Oromoo dabarsu tokkittiitu Finfinnee keessa turte. Naannoo Baambis kan jiru tokkotu ture. Achi keessatti diraamaa barreessinee dhiheessaa turre. Kaayyoon keenya Afaan Oromoo Finfinnee keessatti akka guddatudha,'' jedhe.

Keessattuu Finfinnee keessatti iddoo namoonni itti walga’an keessaa tokko kan ta’e sagantaa cidhaa irratti xiyyeeffachuun Afaan Oromoon sirbaa fi hojiiwwan aartii adda addaa dhiheessaa akka turan hima Artist Daagim.

Jireenyaa fi Daagim bara bulchiinsa Dargii keessa diraamaa fi hojiiwwan aartii kaan hojjechaa kan turan yoo ta’u, Adda Bilusmmaa Oromootti seenuu akkasumas Baandiin Gadaa hundeeffamuu duras hojiima aartii keessa turan.

''Yeroo sana miidiyaarrattis dhaggeeffatamuu jalqabne. Baayyinaan kan nu dhaggeeffataa turan barattoota yuniversitii fi ijoollee waraanaati. Akkasittiin jalqabne, isa booda cidha namootaarrattis agarsiisuu eegalle,'' jedhe Daagim.

''Ofii barnoota adda kutus akka barannu nu jajjabeessa, nu gargaara''

Jireenyaan hiriyootasaa [artistoota Oromoo kaan] waliin ta’uun seenaa baratee erga siyaasa keessattis sochiisaa cimsuu eegalee barbaadamuu eegale.

Mana barumsaa keessattis isa qabuuf barbaaduu eegalan. Haala Kanaan kutaa 11ffaarraa gara 12tti darbee doorsisi itti hammaannaan barumsa dhiise.

''Barnoota erga adda kutee booda guutummaatti qabsoomatti gale. Gidduudhaan biyyas dhufaa ture. Keessattuu bara 1986/87 keessa isaaf yeroo akkaan qormaata ture,'' jette Aadde Inkoosheen.

Jireenyaan ofii barnoota dhiisus ishee dabalatee obboloonnishee fi dhaloonni isa booda jiran cimanii akka baratanii fi eenyummaasaanii barataa akka guddatan deddeebi’ee isaan gorsaa akka ture himte.

''Waggaatti yeroo barumsi ga’u dabataraa fi qalama akkasumas meeshaalee barnootaa kaan bitee nuuf ergaa. Jabaadhaa baradhaa nuun jedha.''

Jireenyaan wayita iddoo dhalootasaa deemee turettis hordoffii fi doorsisi waan itti heddummaateef dhokatee, riphee jiraataa ture.

''Haalli gaafa itti ulfaatu bara 1987 Finfinneetti deebi’e. Haadha keenyallee osoo argee nagaa itti hin dhaamin bakkuma dhokatee turee achumaan deeme. Yoon du’es mana haadha kootti na hin ajjeestu. Deemeen Finfinneema keessatti du’a jedhee qajeele,’’ jette obboleettiinsaa Aadde Inkoosheen.

Jireenyaan wayita kana dargaggeessa fuudhee maatii godhachuu danda’u ture.

Garuu inni xiyyeeffannaansaa jireenya dhuunfaaf haala mijeeffachuu osoo hin taane qabsoo uummataa ture.

''Kanaafuu fuudhuun hafee yaadsaa keessayyuu hin galchine ture,'' jette Inkoosheen.

''Yeroo biyya galee ture [1987] hojii manaa hedduu qabatee dhufe. Kitaaba waa’ee Gadaa barreesseera. Sirba cidhaa fi aadaa kaanis hojjetaa ture,'' jette.

Artist Jireenyaa- Baandii Gadaa keessatti

Jireenyaan sirboota aadaa, hawaasummaa fi siyaasaan beekama. Walleedhaan cinattis diraamaa, tiyaatira irratti hirmaachaa ture. Kitaabas barreesseera jedhu warri isa beekan.

Artist Daagim Mokonnin akka jedhutti hundeeffama Baandii Gadaaf gumaachi isaa fi hiriyaasaa Jireenyaa Ayyaanaa salphaa hin turre.

''Jireenyaa waliin taanee namoota biroos dabalannee wayita of cimsinu, gama biraan ammoo nama meeshaa muuziqaa nuuf taphatu dhabne. Booda Jireenyaan akka nama meeshaa muuziqaa taphatu beeku nutti hime. Fidnee ammoo eessa, maaliin jiraachifna? kan jedhu yaaddoo biraa ture,’’ jechuun baandii kana bu’uuressuu dura waan keessa darban hima Daagim.

''Maanguddoo Abbaa Raayyaa jedhaman kan dhalootaan Jimmaa Abbaa Jifaar ta’an tokkotu turan. Sabboonummaa cimaa qabu. Isaan akka isaan bira taa’u nuuf eeyyaman. Naannoo Markaatooti. Achitti dhokannee walargaa turre. Akkasitti jalqabne.''

Kun hundi kan ta’aa ture hundeeffamuu Baandii Gadaa dura ta’uu kan ibse Artist Daagim, ''artistoonni fi qabsaa’onni Oromoo kaan erga Finfinnee seenuun Gullallee buufatanii hunduu achitti walga’e,'' jedhe.

''Ergasii baandiin Oromoo kan hangafaa ta’e- Baandiin Gadaa hundaa’e. Booda namnis baayyatee, guddinnis gama hundaan argamnaan baandiin lamatti ba’e. Baandii Bilisummaas hundeessine jechaadha.''

Jireenyaan Baandii Gadaa keessa wayita ture sirba qofa osoo hin taane, waltajjii gaggeessuu, diraamaa hojjechuu, qindeessuu fi hojii nageenyaa (security) hojjechuunis beekama jedha Artist Daagim.

''Jireenyaan nama kutataa, nama hunda waliin nagaa qabu akkasumas jaalala guddaa qabu ture. Hojiisaa baayyee jaallata. Ga’umsa olaanaadhaan hojjetaa tures. Hunda caalaa ammoo nama dhuunfaasaaf hojjetu miti. Waa’ee dhuunfaasaa, waa’ee faayidaasaa yaadateeyyuu hin beeku. Keessa ba’ee Jireenyaan hiriyaa durbaallee hin qabu ture,'' jechuun ibse Daagim.

''Ni weellisa, diraamaa ni hojjeta, waltajjii ni gaggeessa. Qoosaas ni danda’a. Walaloo fi yeedaloo sirbaas ni qopheessa. Ni qindeessa. Ogummaa aartii isaa lakkaa’amee hin dhumu.''

Jireenyaan Baandii Gadaa keessa akka ture quba qabaachuu kan himte obboleettiinsaa Aadde Inkoosheen ''yeroo hunda seenaan, aartiin, afaan, aadaa fi duudhaan Oromoo maaliif hin guddatu jechuun xiiqiin dubbata ture. Kanaaf jedhee hagabuusaa oolee bulee hiriyootasaa waliin meeshaalee muuziqaa bitataa turan,'' jette.

''Kaan itti liqeeffatee bitataa ture. Wayita walleesaa isa dhuma kanarratti irratti dhabame hojjetellee maallaqasaa baaseeti waan hundayyuu kan qindeesse.''

Artist Jireenyaa- Baandii Gadaa booda

Artist Jireenyaan hiriyootasaa kaan waliin ta'uun hojii aartii kanaa fi uummata kakaasuu keessatti osoo wallaansootti jiruu bara 1987 iddoo dhalootasaarraa gara Finfinneetti deebi’ee qabame.

Erga miseensonni Baandii Gadaa fi namoonni qabsoo Oromoon socho’aa turan qabanii booda baandichis ni bittinnaa’e.

Akkuma tasaa dhaabi wayita ba’u namuu gargar bittinnaa’e kan jedhe Artist Daagim, ''baandiinillee ni diigame. Bittinnoofnus garuu darbinee darbinee inuma walargina turre,'' jedhe.

''Faffacaatii hamaa fi hin eegamnetu nu mudate. Kan inni amma irratti lubbuu dhabe kun waraana deebisanii ijaaruu irratti,'' jedhe Daagim.

Artist Daagim Mokonnin erga Jireenyaa Ayyaanaa qabamee eessa buuteesaa quba qabaachuu baatus garuu ''Lubbuudhaan jira jedhee hin yaadu. Garuu gara Maqalee kanatti yoo lafeensaallee argame mee nuuf iyyaafadhaa! Yoo reenfasaas ta’e achumatti argama jedheen yaada,'' jedhe.

Waa'ee qabamuu Artist Jireenyaa Ayyaanaa irratti obboleettiinsaa Aadde Inkoosheen akkas jette: ''Nuti qabamuusaayyuu kan dhageenye bara 1988. Namni garuu waa’eesaa diidaa hasaasaa ture.''

Maatiin Jireenyaa Finfinnee keessatti qabamee hidhaa bu’uusaa sirriitti beeku, ergasii garuu wanti ture ifa miti.

Maatiin Artist Jireenyaa du’eera jedhanii gadda taa’anii hirmii hin baafanne, yookiin iddoo kana jira jedhanii hin tasgabboofne, ammallee karaa eegu.

''Yeroo sana qabamee mana hidhaa qaallittii seene jedhan. Yeros waa’eesaanii odeessuunis baayyee sodaatama. Garuu oduun dhoksaan hasaasamaa ture tokko boolla keessatti umrii guutuu akka hidhamu itti murtaa’uudha,'' jechuun haala yeroo Jireenyaan qabame ture ibsiti Aadde Inkoosheen.

Jireenyaa fi namoonni isa waliin hidhaman boodarra gargar faffacaafaman kan jettu Aadde Inkoosheen ''Jireenyaan gara Maqalee geeffame oduu jedhu dhageenye. Murtoomasaa sana waliin Maqaleetti dabarfamee achi jira oduu jedhutu dhufe,'' jette.

Ergasii garuu hanga yoonaa eessa buuteesaa akka hin beekne himte.

Waa’ee dhabamuu Jireenyaarratti hanga ammaa maaltu jira?

Obboleettiin Artist Jireenyaa, Aadde Inkooshee Ayyaanaa Artist Jireenyaan erga qabamee dhabamsiifamee dhimmisaa hanga yoonaa iccitii ta’ee hafe jette.

Garuu wantoota hedduutu odeeffama. Ta’us wanti qabatamaan hin jiru.

''Naannoo bara 1995 namoonni naannoo keenyaa gara Maqalee imalanii turan achitti argineerra jedhanii nutti himanii turan. Hidhamtoota kaan waliin ba’anii misooma naannoo Tigraay hojjetanii wayita mana hidhaatti deebi’an argine jedhan,'' jette.

Akka Aadde Inkoosheen jettutti namni akkas jedhu kun soddaa jireenyaati. Finfinneetti waliin turan. Yeroo jireenyaan dhabame sanammoo inni konkolaachisaa warra TPLF (Wayyaanee) ture. Gara Maqalee imalee wayita deebi’u oduu kana itti hime.

''Inni nyaata (reeshina) fe’a ture. Maqaleetti mana hidhaa boollaa keessaa ba’anii dhagaa guuranii wayitasaan boollatti deebi’an arguu nutti hime,'' jette.

Ergasiis maatii dabalatee namoonni Jireenyaatti dhihaatan dhimmamanii barbaacha itti fufaniiru kan jettu Aadde Inkoosheen, '' garuu ammallee taatu oduun hangi tokko konkolaachitootuma gara Maqalee imalan irraa kan argamurraan kan hafe wanti qabatamaan hin turre,'' jette.

''Toora bara 2006 konkolaachisaan dhalootisaa Giddaama kana ta’e tokko wayita konkolaataa mootummaatiin Maqaleedhaa simintoo fe’uu deemetti Jireenyaa arguu odeessee ture,'' jette.

Aadde Inkoosheen konkolaachisaan Jireenyaa fi namoota biroo manuma hidhaa boollaa walfakkaataa sana keessatti arguu akka maatiitti hime yaadatti.

''Jireenyaan hidhamtoota kaan waliin wayita simintoo fe’un arge jedhee dubbate,'' jette.

Konkolaachisaan dhalootaan Giddaa Ayyaanaa ta’e kun akka himetti, wayita hidhamtoonni mana hidhaa keessaa baafamuun dirqamaan simintoo konkolaataasaatti fe’aa turan waan argee fi dhagahetti rifateera.

''Osoo nuti hanga simintoon fe’amutti konkolaataa keenya cinaa teenyee boqonnutti namoota simintoo fe’an keessaa tokko dhufee 'akkam jirtu ijoollee Giddaa! An Jireenyaadha, Hin dubbatinaa ammoo, jabaadhaa!‘ jedhee deeme. Akka lafa jalatti hidhamanii jiranis gurra buusee isa booda biraa deeme,'' jechuun waan konkolaachisaan kun odeessee fi boodarra maatiin dhagahan BBCtti himte Aadde Inkoosheen.

Yerooma sana keessa loltuun mootummaa dhaloonnisaa Giddaa Ayyaanaa ta’e tokko mana hidhaa Maqalee jirutti Jireenyaa arguu dubbatee turus, sodaa turerraa kan ka’e garuu namni itti deemee xiyyeeffannaan iyyaafate hin turre jette.

Maatiin jireenyaa ammallee akkanni hidhamee jirutti hubatu, ammallee qara eegu.

Aadde Inkoosheen akka jettutti bara jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufuun Minsitirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufan irraa eegalee namoonni achi buuteensaanii dhabamee ture hedduun Maqaleerraa galaniiru.

Kan Jireenyaa dhimmisaa duraanis adda ture kan jettu obboleettiinsaa kun ammallee eessa akka jiru agarsiistuun tokkollee hin jiru jette.

Dhiheenya kana akka waan Artist Jireenyaa Ayyaanaa argameetti fakkeessuun suuraa fi viidiyoon nama tokkoo miidiyaa hawaasummaarra naanna’aa ture.

Viidiyoo fi suuraa miidiyaa hawaasymmaarratti qoodamaa turerraa akka hubatamutti namni dhuunfaa namoonni Jireenyaadha jechuun qoodaa turan nama rakkoo fayyaa sammuu qabu akka ta’e agarsiisa.

Namoonni ragaa kana miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan namni kun naannawa Mojootti waggaa dheeraaf hidhamee akka turee fi amma ba’ee sammuunsaa tuqamee akka jiru ibsu.

Hiriyaa Artist Jireenyaa kan ture, Artist Daagim Mokonninis ta’e obboleettiin Jireenyaa Aadde Inkoosheen garuu namni jedhame sun dhuguma Jireenyaa ta’uu adda baasuuf yaalanii garuu soba ta’uu mirkaneeffachuu himan.