Artistiin Oromoo gameessi Abbaa Lataa akkamin yaadatama?

Madda suuraa, FACEBOOK
“Maaf jaallata jaarsa jaarsaa, daraggoo akkakoo maleeyi?”….
….“Shugar daadii maaf jibbita… jaarsaaf xaa’oorraa waa nyaatu”
…. “Dargaggeessi harka qullaadha, qamisii si gurgursiisa.”
Yeedaloon kun sirba diraamaa gabaabaa Abba Lataa ‘Shugar Daadii’ jedhamu irraa fudhatame. Namni diraamaa fi koomeedii Afaan Oromoo jaallatuufi hordofuu maqaa Abbaa Lataa jedhuuf haaraa miti.
Artist Admaasuu Biraanuu hayyuuu artii Oromoo, beekkamtii guddaa qaban turani. Sirboota koomeedii, diraamaa gaggabaaboo hedduu irratti taatoo ta’uun guddina artii Oromoo keessatti ga’ee guddaa nama qabanidha.
Abbaa Lataa ALA bara 2014’tti addunyaa kanarra du’aan boqotanis, maqaa fi hojiin isaanii uummata isaan daawwatuufi waayiloota isaani biratti hin dagatamne.
Waggootii dheeraaf Abbaa Laataa waliin diraamaa gaggabaaboofi dhedheeroo adda addaa irratti kan taatumman hojjechuun beekamu Artiist Olii Naggaadha.
Taatoo ta'uuf yeroo qophii TV Afaan Oromoo Dhaangaa jedhamutti makamuuf deeman jalqaba namni inni argate Abbaa Lataa ta'uu BBC'tti himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaa Lataaa waliin diraamaan inni yeroo jalqabaaf hojjete diraamaa 'Mana Kiraa' jedhamu akka ture ni yaadata.
Yeroo dheeraaf walii wajjiin waltajjiifi TV irratti diraamaa hedduu waliin hojjechaa erga turani booda , "maaliif dhuunfaa keenyaan diraamaa adda addaa hin qopheessinu," jennee yaadne jedha Oliin.
Kana boodas, "yeroo jalqabaaf seenaa artii Oromoo keessatti diraamaa VHS (kaasetti viidiyoo) irratti maxxansiisuun kan gabaaf dhiyeesse anaafi Abbaa Lataadha. Matadureen isaa Qaanqee jedhama ture," jedha.
Yeroo teeknolojiin VHS irra gara CD'tti jijjiraames, diraamota akka Abjuu Keenya, Shuugar Daadii, Masaraa Mootii, Mana Nyaataa fi biroos maxxansiisuu kan himu Oliin "kunis kan ta'uu danda'e sababa walii galuu keenyaani" jedha.
Diraamaa hedduu irratti waliin hojjechuu isaaniirraa kan ka'e, "namni anaan qofatti yemmuu argu 'meerre jaarsi siin qabu sun' jedhani na gaafatu. Yeroo isaan arganis 'meerre gurbaan siin qabu sun' jedhanii gaafatuuni," jechuun walitti dhiyeenya isaanii kana ibsa.
"Akka waan nama qaama tokko ta'eetti, ana yoo argan isa naannookoo barbaadu, isa yoo argan ana naannoosaa barbaadu."
'Lafa Abbaan Lataa jirutti namni ni kolfa'

Madda suuraa, SM
Hojii diraamaa komeedii Oromoo irratti hedduu kan gumaachan Abbaan Laataa "qaamni isaallee komeediidha, " jechuun Oliin ni hima.
Akka taatoo tokkotti yeroo iskiriiptii diraamaaf tokkoof qopha'eera darbuun akkanumaan ofiin battalumaan yaadanii hojjechuu (improvisation) irratti Abbaan Lataa cimoo akka turan himeera.
"Fakkeessee utuu hin taane, ta'eetuma hojjeta. Ani kanan irraa baradhe" jedha Oliin.
Abbaan Lataa artii qofaaf osoo hin taane quuqama sabasaas akka qabu hima.
"Waan tokko jalqabnaan, dheebodheera, beela'eera, rakkoon na mudatee ykn yeroo ammaatti maallaqa naaf hin fidne utuu hin jedhiin, irratti cimuun hojii kana galmaan ga'uuf nama hamilee guutuun hojjetuudha," jechuun namuusa hojii Abbaan Lataa ittiin hojechaa turan Oliin ibseera.
Kunis "waan ijoo dhalootni irraa barachuu qabudha. Anis irraa baradhee, wal gargaarree Rabbi wajjiin waan bayyee waliin hojjenneerra " jedha.
Waggootii 22'f Abbaa Lataa waliin kan hojjete Oliin wa'ee amala isaanii yemmuu dubbatu "waltajjii irrattis ta'ee mana keessatti lafa Abbaan Lataa jirutti namni ni kolfa," jedha.
Waa'ee Abbaa Lataa fi mudannoo waliin qaban yemmuu yaadatu ammoo waa ijoo tokko akka hin daganne hima.
"Abbaan Lataa yoo waa sitti aareera ta'e, waltajjii irratti fakkeessanii wal qimmiduu ykn wal kabaluun jiraannan achirratti sitti ba'ata," jechuun kolfaa yaadannoo isaa himeera.
"Guyyaa isaa eeggatee waltajjii irratti aarii isaa ba'atee bira darba."
Artist Olii Naggaa waggotii dheeraaf hojii artii Oromoo keessatti gumaacha guddaa kan taasisan yoo ta'u, "artiin Oromoo lafa amma ga'eeru yemmuun ilaalu yeroo hunda utuu Abbaan Lataa kana argee jedhee nan hawwa" jedheera.

Madda suuraa, ABBAA LATAA ACTING ACADEMY/FB
'Simboo filmiifi koomedii Oromoo'
Abbaan Lataa akka hawwii Oliitti har'a lubbuun turanii guddina artii Oromoo dhaloota ammaa arguu baatanillee, dhaalotni ammaa Abbaa Lataa hin daganne.
Dhaaloti ammaa hojii artii Oromoo guddisuu irratti hojjechaa jiran kan akka Leencoo Fiqiruu artii gammeessa kana akka itti yaadatan qabu.
Leencoon hundeessa mana barumsaa taatummaa Abbaa Lataa jedhamu keessa isa tokkodha.
Abbaan Lataa "simboo filmiifi koomedii Oromoodha" kan jedhu Leencoon namni kun nama yaadatamuu qabu waan ta'eef mana barnoota kana Abbaa Lataa maqaa jedhun moggaasuuf murteessuu isaa BBC'tti himeera.
"Biyya kanatti qabsaa'an nama qawwee hidhatee bosona seenu ykn barcuma aangoo qabatu qofa akka ta'etti ilaalama namni artii keessa jiru yeroo hedduu akka qabsa'aatti hin ilaalamu."
"Namni akka keenya waa'ee artii kanaaf bu'aasaa beeku garuu Abbaan Lataa hagam akka inni ga'u waan beekuuf, maqaa isaa kaasuufi leellisuun dirqama keenya jedheen amana," jedha Leencoon.
Diraamaan Abbaa Lataa kan jalqaba inni daawwachuu yaadatu diraamaa "Abbaa hojii burraan burree" jedhamu akka ture Leencoon ni yaadata.
Umurii waggaa digdamootaa keessa kan jiru Leencoon dhalootni keenya waan hedduu Abbaa Lataa irraa barateera jedha.
"Waanta nurraa eegamuu tokko raawwachuu akka qabnu" hojiifi seenaa Abbaa Lataa irraa baranneerra jedha Leencoon.
"Haala mijaataa keessatti qofa osoo hin taane haala mijataa hin taane keessattis saba keef waan gochuu qabdu gochuun akka sirra jiru Abbaa Lataa irraa baranneerra."
Akka taatoottis fiilmiii adda addaa keessatti ga'ee garaa garaa hedduu taphachuu danda'uun isaanii adda ture kan jedhu Leencoon 'ga'ee keennamuuf fuudhanii kan ofii, kan Abbaa Lataaa taasisu," jedha.
"Oggummaan Abbaa Lataa bira qofa jiru, kan bakka biraa hin jirretu jira," jechuun Leencoon Abbaa Lataa leelliseera.
"Kanaaf kaanirra ifanii mul'atu."
Manni barnootaa taatummaa Abbaa Lataas taatota Oromoo dandeetti addaa qaban, kan tiyaatiraafi filmii irrattis hojjechuu danda'an, lenjisuufi dorgomsiisuun guddina artii Oromootti dabaluuf karoorfatee akka jiru Leencoon himeera.
Yeroo ammaatti Manni Barnotaa kun barattoota galmeessee barnoota taatummaa kennuu eegaleera.












