Ifa artii jaarraa walakkaa ol kan ibse Artist Alii Birraa eenyu, akkamiin as gahe, maal kaa’ee darbe?

Alii Birraa

Doktarri Kabajaa artist Alii Birraa walleewwan walabummaa, mirga dhala namaa fi jaalala dhaadhessan kan dhaamsi isaanii dhalootaa dhalootatti darbu, kan yeroon irra hin dabarre danuu nama gumaacheedha.

Bara cuqursaan sirna mootummaa turetti hojii aartii kan eegale Aliin, sirboota 267 ta'an afaanota ja'aan waraabee akka qabu turtii kanaan dura BBC waliin taasiseen ibseera.

Gameessi aartii umurii waggaa 75 kun gumaacha aartii keessatti dabarseen, doktireetii kabajaa yuniversitiiwwan Jimmaa fi Dirree Dhawaa kennaniif dabalatee badhaasota biyya keessaa fi idl-addunyaa hedduu argateera.

Bakka dhalootasaa magaalaa Dirree Dhawaa irraa umurii ijoollummaan hojii muuziqaa eegalee, achii Finfinneedhaan ba'ee, booda ammoo biyyoota Siwiidiin, Sa'uudii Arabiyaa, Ameerikaa fi Kanaadaa jiraatee erga biyyatti deebi'ee boqonnaa xumuraa addunyaa muuziqaa keessa ture.

Lammiilee Itoophiyaa biratti jaalalaa fi kabaja guddaa kan qabu Alii Birraa, sirbootasaa waltajjiiwwan irratti sirbuu fi artistoota lafaa dhufan gorsuurratti xiyyeeffatee osooma biyya keessatti hojjetuu umriisaa gara dhumaa kanatti dhibamee erga yaalamuu eegalee bubbulee ture.

Aliin dullummaa fi dhukkubi walgargaaranii akka isa miidhaa turan irra deddeebiin himata, ta'us ammoo haadha warraasaa Liillii Maarqos of cinaa qabaachuutti guddoo abdii horata ture.

Jireenya ijoollummaa Alii Birraa

Alii Birraa abbaasaa Obbo Mohammad Muusaafi haadhasaa Aadde Faaxumaa Alii irraa Caamsaa 26, bara 1948 magaalaa giddu gala daldalaa fi indastirii, kan aadaa fi duudhaa saboota hedduun faayamte, duudhaa waldanda’uu fi jaalalaan seenaa qabdu, Dirree Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.

Aliin xiqqummaasaarraa dandeettii addaa waliin dhalate, magaalaa afaanota hedduu fi aadaa saboota hedduu qabdu keessatti dhalachuunsaa ammoo carraa baneef.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Afaanota magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dubbataman Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee, Afaan Hararii fi Afaan Arabaatti afaan hiikkachuuf carraa argate.

Kitaabi seena jireenyaa Alii irratti barreeffame, abbaansaa Obbo Mohammad Muusaa umriinsaa ijoollummaatti mana barumsaa Qur’aanaa (Madrasaa) galchuu ibsa.

Hanga kutaa afurii erga baratee booda gara mana barumsaa mootummaatti ce’uun hanga kutaa ja’aatti barumsasaa hordofe.

Ergasii addunyaa barumsa daree keessaa ba’ee addunyaa aartii seene.

Kitaaba waggaa shantammaffaa turtii Alii Mohammad (Alii Birraa) irratti Afaan Ingiliziin barreeffame gara Afaan Oromootti kan hiike gaazexeessaa gameessi Fana Biroodkastiing Korporeet Zamadkun Misgaanaa, Alii Mohammad Muusaa (Alii Birraa) wayita mana barumsaa Madrasaa turerraa kaasee collee akka turee fi uumaan dandeettii wallee kan badhaase ta’uu dhugaa bahe.

Alii Mohammad Muusaa (Alii Birraa) bara 2019 gaaffii fi deebii BBC Afaan Amaaraa waliin taasiseen waa’ee barnootasaarratti yaada kennee ture.

‘’Ani yoomiyyuu barataadha. Ana qofa osoo hin taane uummanni biiliyoona 7 ol addunyaarra jiru barataadha. Anis isaan keessaa tokko. Akkasiinan of ilaala. Kaleessas baradheen darbe, har’as barataan jira, boris nan baradha,’’ jedhe.

‘’Waa’ee barnootaa yoon kaasu an baayyee carra qabeessa miti. Maatii cunqurfamtootaa fi hiyyeeyyii keessaa waanan ba’eef barachuuf hagas mara carraa hin arganne. Garuu guyyuu jiruu kiyyarraa waanan barataa as ga’en qaba. Ani barataa addunyaati. Anis, innis, isheenis, hunduu barattoota, waliigalatti an akkasiinan of ibsa.’’

Aliin ogeessa barnoota muuziqaa ammayyaan ga’oomeedha kan jedhu Zamadkun, barnoota muuziqaa murteessoo ta’an lamaan ogeessa barateedha jedhe.

Erga biyyaa ba’ee Ameerikaa kutaa biyyaa Kaalifoorniyaatti kann argamu kolleejjii Santa Monica jedhamutti, tiyoorii muuziqaa lixaa jaarraa 20ffaa kan jedhuun baratee eebbifameera.

Kana malees akkaataa meeshaan muuziqaa piyaanoo itti taphatamu, daan-saga isaa sirriitti qo’atee nama beeku ture jedha Zamadkun.

''Alii Birraa namoota daan-saga piyaanoo qixeessanii dhiyeessan keessaa tokko. Daan-saga muuziqaa addunyaarra jiru kamuu nama gurraan beekee qindeessuudha.''

Doktara Kabajaa Artist Alii Birraa wayita wallee isaa 'Ushuruururuu' jedhu kilippiin hojjete akkanaan mul'ate

Walhiikuu maatii fi jiruu ijoollummaa Alii

Aliin kophaa guddatus maatiisaaf kan dhalate isa qofa miti. Bara 1949 Aliin obboleessa argatus daa'immummaatti du'aan dhabe.

Taateen kun mudatee yeroo xiqqoo booda abbaan Alii obbo Mohammad fi haati Alii aadde Faaxumaan wal hiikan.

Sabanisaa sirriitti beekamuu baatus, seenaa keessatti gosti Obbo Mohammad-Alaa fi gosti aadde Faaxumaa-Jaarsoo gaa'ila waliin raawwachuu hin danda'an jedhama.

Rakkoon gosaa diigamuu gaa'ila maatiif sababa ta'uu Aliin kanaan dura yaada kennee ture.

Aadde Faaxumaan Alii daa'imummaatti dhiistee biraa lixxe, Aliin yeroo sana homaayyuu hin yaadatu.

Guddisi fi eegumsi Aliif taasifamu gateettii abbaasaa qofarratti kufe.

Osoo rakkoon kun maatii harkaa qabuu Aliin guddoo dhukkubsate, abbaan ofiifuu hin tasgabboofne, Aliin dhukkubsachuun ammoo qormaata itti hammeesse.

Wayita kana durbiisaa kan taatee fi naannoo 'Caat Taraa' kan jiraattu nama Maariyaam Giraanyi jedhamtutti kenne, Aliin achitti erga xiqqoo fooyya'ee booda ba'ee abbaasaa waliin jiraachuu itti fufe.

Ammas abbaan Alii daafoo diigamuu gaa'ilaan miidhaan irra ga'u hammaachaa wayita deemu, Alii-daa'ima umrii waggaa 5/6 haadha warraa eessumasaa bira kaa'ee ofii waan argate hojjechuu itti fufe.

Dubartiin kun biddeen gurguruun of jiraachifti, harka qalleettiidha. Aliinis ergameefii biddeen gurguruu eegale.

Umrii kanatti sagalee kiiloleessee gabaa hawwachuun kanneen isa waliin gurguran caalaa biddeen gurguratee gala.

Kanaafis badhaasa qaba-nyaata gaarii fi maallaqa muraasa.

Aliin daa'imummaatti maallaqa xixiqqoo fi wantoota fedhiisaa guutan mi'eeffachuun kun kan isa yaaddesse abbaan isaa mana barumsaatti galchuu akka qabu murteesse.

Aliin jalqaba mana barumsaa Qur'aanaatti gale, achitti akkaan collee ture, umrii waggaa 11tti Qur'aana juuzii 30 keessaa walakkaa xumuruu danda'eera.

Mana barumsaa kana keessatti barataa cimaa fi saffisa guddaan waa baratu jedhamuun maqaansaa ka'aa ture, keessattuu Afaan Arabaa barachuurratti.

Barsiisaan wayita dhimmaaf dareedhaa ba'ee gara magaalaa deemu Alii bakka buusee deema, kanaaf Aliidhaan Ustaaza xiqqaa (barsiisaa xiqqaa) jedhanii waamu.

Mana barumsaa Qur'aanaa (Quranic School) keessatti erga hanga kutaa afuriitti baratee booda kutaa shanaffaaf Mana Barumsaa Madrasaa Jadiidaa seene.

Manni barumsaa kun hanga kutaa shanii qofatti waan jiruuf, Aliin mana barumsaa mootummaa Kaziiraatti argamu-Mana Barumsaa Li'ul Mokonnin seenee kutaa ja'affaa barate.

Aliin mana barumsaa barnoonni Qur'aanaa keessatti hin kennamne wayita seenu ollaan Obbo Mohammadiin guddoo qeeqe.

Duuba Alii mana barumsaa mootummaatii baasanii, Mana Barumsaa Qur'aanaatti deebisan, wayita deebi'u Aliin waan haaraa baratu hin qabu.

Kanaaf barattoota kutaa tokkoffaa Afaan Arabaa akka barsiisuuf bakki kennameef.

Kanaan Aliin kaffaltii mana barumsaaf ji'aan kaffalu- birrii sadi irraa walaba ta'ee, inumaan ji'aan mindaa birriin 10 kaffalamuufii eegale.

Umurii waggaa 11tti haadha qabaachuu bare

Aliin ijoollummaasaatti abbaa fi haadhasaa walbiratti argaa, jaalala lamaansaanii al-takkaa dhandhamaa hin guddanne-garuu guddoo dharra'a.

Abbaansaa erga haadhasaan walhiikee kan biraa fuuchuuf hamilee hin arganne, ilma kiyya tokkicha dararaa haat buddeenaaf hin saaxilu jedhee itti gaafatamummaa guddisa Alii ofumaa fudhate.

Aliin daa'imman hiriyaasaa haadha waliin deeman wayita argu, ''an maaliifan dhabe?'' jedhee of gaafata.

Irra deddeebiin abbaasaa gaafatus, abbaansaa garuu haadha warraasaa duraanii kana gonkumaa yaadachuu hin feene, osoo ofii dirqama maatii fudhatee jiruu Aliitti waa'ee haadhasaa himuus hin barbaanne.

Aliin kunuunsa abbaasaatti guddoo gammadus, wayita inni hojiif ba'u maatii biraatti kennamuun guddisee isa yaachisa ture.

Waa'een haadha malee jiraachuus boqonnaa isa dhorke.

Guyyaa tokko fira haadhasaa kan taate dubartiin Maariyaam Liiban jedhamtu waa'ee haadhasaa wayita itti himtu, odeeffannoo kana qabatee gaaffii abbaatti cimse.

Abbaanis amma dhoksuu waan hin dandeenyeef haati Alii eenyu akka taatee fi eessa akka jiraattu itti hime.

Dhalatee umriisaa waggaa 11 keessatti haadhasaa arguu mitii qabaachuunuu kan bitaa itti galaa ture Aliin, wayita mana barumsaa Qur'aanaatii kutaa afraffaa xumuru sirna qophaa'erratti haatisaa argamteef.

Guyyaan haadhaan walarge kun seenaasaa keessatti guyyaa guddoo qiliixame ta'uu dubbatee ture Aliin.

Aadde Faaxumaan (haati Alii) erga eeyyama Obbo Mohammad irraa argattee booda ilmashee maatiisheetiin walbarsiisuuf qabattee gara Funyaan Biraa achiis gara Gafra Guddaa (Gaara Qundhudhoo) deemte.

Guyyaa muraasa booda Alii Gafra Guddaa, mana Obboleessashee hangafaa-Abdullaahii Alii jedhamuutti dhiisntee gara Funyaan Biraatti deebite.

Magaalaa Dirree Dhawaatii ba'ee kan hin beekne Aliin, sanuu bakka abbaa fi haati isaa hin jirretti baadiyaa keessatti guddoo rakkatee akka ture yaadata.

Aliin bakka haatisaa jirtu, Funyaan Biraatti deebi'uuf gaafatus namuu dhagahuu dide, wayita kana aarii fi abdii kutannaadhaan of ajjeesuuf yaale.

Isa booda eessumni isaa kun obboleettiisaa (obboleettii haadha Alii) kan taate Moominaa Aliitti dabarsee kenne. Adaadaan Alii kun magaalaa xiqqoo Funyaan Hujubaa jedhamtu keessaa dukkaa xiqqoo tokko qabdi.

Kaayyoonsaa adaadaansaa kun akka haadhasaatti geessituuf ture, garuu Aliin guyyootaaf eegus homaa namni haadhasaatti geesse hin turre.

Kanaaf obsa fixatee haadhasaa barbaaduuf manaa ba'ee karaa gonkumaa imalee hin beekne eegale.

Guyyaa guutuu deemaa oolee wayita bakka namuu hin jirretti itti dhihu, Aliin jeedala bosona keessa asitti itti ba'u argee, daa'ima waan ta'eef leenca se'ee rifatee hadoode.

Osoo inni dhaabbatee naasuudhaan jeedala ilaaluu dubartiin tokko itti dhuftee irraa gussite.

Dubartiin kun haalaa fi uffannaa Alii ilaaltee nama naannawa sanaa akka hin taane hubatte, innis bakka deemuuf wayita itti himu, namni akka Alii kun bakka qaqqabuuf si'achi guyyaa guutuu deemsisu imala jettee yaaddee guddoo rifatte.

Aliin maaliif akka deemu erga itti himee booda, haadhasaan akka walbeektu itti himtee fuutee galtee of bira bulchitee ganama gara adaadaasaa Moominaatti deebiste.

Moominaanis ganamaan gara bakka haatisaa jirtu- Funyaan Biraatti ergite.

Aliinis haadhasaa waliin osoo guddoo hin turin baasii qabatee gara Dirree Dhawaatti deebi'e.

Muuziqaa:- fedhii ijoollummaa Alii

Alii Birraa umrii isaa waggaa 14tti Baandii Afran Qalloo seene

Madda suuraa, Albama jalqabaarraa kan fudhatame

Aliin barnoota Qur'aanaas ta'e mana barumsaa mootummaatti barnootasaa hordofus yaadaa qalbiinsaa bakka dhibii ture- Muuziqaa.

Bakka deemutti sagalee kiiloleessuu, nama bashannansiisuu fi waan haaraa himuudhaan guddoo gammada.

Fedhii muuziqaa fi bashannanaaf qabu-ganamumaan agarsiisuu eegale.

Mana barumsaa fi ollaa bakka jiraatutti weellisuu fi shubbisuun beekama, itti gammada.

Wayita manni barumsaa cufamu kutaa barataa keessatti sirboota Afaan Arabaa fi Indiyaan barattootaa fi namoota kaan bashanniinsa.

Hiriyootasaa waliin ta'uun qophii bashannanaa muraasa qopheessanii maallaqa argachaa turan.

Abbaansaa akkanni sirbu osoo hin taane akkanni amantiisaatti cimu guddoo fedha ture, kanaaf Alii muuziqaarratti hin jajjabeessu.

Mana barumsaattis ogummaa teeknikaa itti of jiraachisu akka baratu malee muuziqaa akka baratu hin fedhu ture, garuu fedhii fi dandeettii ilmasaarra dhiibbaa kaa'uus hin fedhu ture.

Kanaaf Aliin carraa argatu hundatti fayyadamuun weellisuu itti fufe.

Alii Mohammad Muusaa irraa gara Alii Birraa

Bara 1962 wayita warraaqsi aadaa fi aartii gara baha Oromiyaatiin, hangafa aartii Abuubakar Muusaa fa’iin eegalu Aliin saafila umrii ganna 14 ture.

Abuubakar Muusaafaa wayita Hawwisoo Urjii Bakkalchaa hundeessan garee guddattuuf (daa’immaniif) ammoo ''Hiriyaa Jaalalaa'' kan jedhamu hundeessan.

Daa’imman dandeettii qaban keessaa yeroo sana Alii Mohammad (Alii Birraa) jalqabarratti filatamuun Baandii Hiriyaa Jaalalaa keessa seene.

Wayita Baandiin Afran Qalloo bu’uureffamu miseensota keessaa namoonni maqaa Alii qaban saditu turan.

Alii Shabboo, Alii Tuchee fi Alii Mohammad (Alii Birraa/Alii Xiqqaa) turan.

Ayyaana hiikaa Sooma Ramadaanaa bara 1963 irratti Baandiin Afran Qalloo wayita sagantaa qopheessu ijoollee dandeettii qaban keessaa Alii Mohammad Yusuuf waltajjiirratti affeere.

Wayita sana Abuubakar Muusaa walaloo mata dureenshee ‘’Birraadhaa’bbari’e’’ jettu bocee Aliif kenne, Aliinis sagaleesaa kiilolee sanaan weellisee qalbii namootaa guddoo hawwate.

Waltajjiima sanarratti maqaa Alii Birraa jedhus argate.

Baandiin Afran Qalloo hundaa’ee umrii waggaa tokkoo keessatti dhiibbaa mootummaa yeroo sanaatiin hojiinsaa gufate.

Hundeessitoonnii fi miseensonni baandichaas guddoo dararaman, Alii Birraa kanneen dararaa kana argan keessaa tokko ture.

Alii Birraa fi Baandii 'Kibur Zabanyaa'

Afran Qalloo erga diddiigamee miseensonni kaan hidhamanii kaan biyyaa baqatan, Alii Birraas gara Jibuutii baqatee ture.

Waahillan isaa waliin yeroo muraasa turanii wayita deebi’an ni Alii Birraafaa ni hidhaman.

Akka Zamadkun jedhutti Aliin yeroo sana umriinsaa wagga 18 hin guunne, ''sababni isaa ALI bara 1954 wayita Afran Qalloo seenu daa’ima umrii wagga 14 ture, kan hidhame ammoo 1956.''

Booda namootumti sirna yeroo sanaa keessa turan maanguddummaan ijoollee kunneen gadhiisisan.

Obbo Mohammad Muusaa yeroo sana Alii namatti kennate, magaalaa Finfinnee fidan kan jedhu Zamdkun, ''Namni Alii achii fuudhee as fide miseensa paarlaamaa mootummaa Haailasillaaseeti,'' jedhe.

Booda dandeettii Alii Birraatiin booji’amuun Baandii mootummaa yeroo Sanaa ‘’Kibur Zabanyaa’’ keessa seenee akka shaakaluuf bara 1957 fudhatan.

Yeroo sana hoogganaan baandichaa Koloneel Saahilee Dagaagoo turan, isaantu Alii Birraa fudhatee baandichatti qacare.

Aliin meeshaalee muuziqaa keessaa Akkoordiyoon, Toom Toom, Uud fi Gitaara bareechee taphata ture.

Kibur Zabanyaatti mindaa birrii 30n qacaramee, waggoota sadi achi ture keessatti mindaansaa birrii 90 galee akka ture kitaabi seenaa jireenyasaarratti barreeffame ni ibsa.

Erga Kibur Zabanyaa keessatti walleewwan akka hojjetuuf qacaramee Aliin hiriyootasaa Alii Shabboo fi Abdii Buuh waliin ta’anii wallee jalqabaa shakilaadhaan hojjetan.

Yeroo sana kaaseetiin vaanaaayil 45 (Vinyl 45) jedhamu sirba sadi qofa kan baachuu danda’u waan ta’eef, sadi ta’anii sirba tokko tokko hojjetanii maxxansiifatan.

Albama jalqabaa sana, mana maxxansa muuziqaa biyya Libaanan tokkotu magaalaa Dirree Dhawaatti waraabee baayyisiisee kontirobaandiidhaan gara biyyaa galche.

Zamadkun, Alii Birraa waahillansaa waliin ta’uun wallee duraa kan dalage ALI bara 1959 ta’uu ibse.

Aliin dandeettiisaan guddoo jaallatamus haalli hojii, jiruu fi jireenyaa, aadaa fi duudhaa keessatti guddateen adda waan ta’eef keessummaa itti ta’e, mijachuufii dide.

Duuba achiis ba’ee, muuziqaas dhiisee gara Awaash deemee waan ittiin jiraatu hojjetatee buluu eegale. Daandii baaburaa keessattillee mindaa birrii 138n qacaramee hojjeteera.

Garuummoo muuziqaarraa adda ba’ee jiraachuu hin dandeenye, daandii baaburaa waggaa lamaaf erga hojjetee booda gara Finfinnee deebi'uun hojii muuziqaa itti fufe.

Muuziqaa dhiisee ture erga itti deebi’ee booda albamoota lama ‘Awaash’ fi ‘Abbaa Lafaa’ kan jedhaman waraabe.

ALbama jalqabaa akka gareetti kan baasan yoo ta’u, Aliin akka dhuunfaasaatti albama jalqabaa wallee lama ofirraa qabu kan hojjete ALI bara 1965/66- Awaash kan jedhuudha.

Alii Birraa walleesaatiin mirga lammiileef (qonnan bultootaaf) falmaa ture

Madda suuraa, Albama isaarraa kana fudhatame

ALI bara 1968 kaaseetiin jirbiidhaa wayita dhufu, albama sadaffaa mata dureensaa ‘’Abbaa Lafaa’’ jedhu hojjete.

'‘Hamma har’aatti tooftaa sobaa uumtee

Uummata saamuudhaan lafa walitti qabattee

Qotee bulaa roorroodhaan dhamaaftee…’’ jechuun roorroo sirna abbaa lafaarratti wallee Kanaan qabsaa’e.

Doktarri kabajaa Artist Alii Birraa waa'ee Albama kanaa gabaabsee akkas jedhee ture.

''Abbaan lafaa seenaa mataasaa qaba. Qabiyyeen isaa abbootii lafaa miidhaa qonnaan bulaarraan ga’an akkamiin qolachuun danda’ama ergaa jedhu of keessaa qaba. Ergaansaa uummataaf, qonnaan bultootaaf, barataaf, hojjetaaf hundumaaf kann hojjetuudha.''

Walleen sirna mootii qeequ kun kan hojjetame sanaan dura jedha Zamadkun, garuu waraabbiin waan hin danda’amneef ture malee.

''Giddu-gala Raadiyoo Zannabaworqitti argamutti Ibraahim Haji Aliifaa waliin ta’uun sagalee Alii Birraa kana Raadiyoof waraaban, kan waraabe ammoo kubbaaniyyaa biyya alaa tokko.''

Alii Birraa garuu sirbootuma buufata raadiyootti waraabaman keessaa tokko fudhatee akka maxxansiisuuf mana maxxansa muuziqaa Alii Taangoo jedhamutti kennate, manni muuziqaa kuni ni maxxanseef.

Kanaafuu kaaseta kirrii isa jalqabaa mana muuziqaa Alii Taangoo kanatu maxxanseef.

Baandii Aduu Birraa- Finfinnee keessatti

Alii Birraa ejjennoo fi qabsoo mirga dhala namaaf karaa wallee isaa gaggeessu keessatti bara mootummaa Haayilasillaasees bara mootummaa Dargiis guddoo dararameera.

Erga Finfinnee dhufee baandii Afaan Oromoo irratti xiyyeeffatuu fi afaanota Aliin ittiin sirbus keessummeessu- Baandii Aduu Birraa hundeesse.

Baandiin yeroo jalqabaaf Afaan Oromoon magaalaa Finfinnee keessatti hundeeffame kun baayyee guddatee turus qormaata hedduutu isa mudate.

Haata’u malee qormaata isa mudatu dandamachuun seenaa baandiiwwan muuziqaa Afaan Oromoo keessatti baandii yeroo dheeraaf magaalaa Finfinnee keessa tureedha.

Artistoonni gameeyyii akka Mohammad Xawiil, Ibraahim Haji Alii, Abdushakuur (Abbaa Artist Leencoo), Himee Yusuuf Alii Birraa waliin ta’uun hundeessanii, baandii kana keessaa hojjechaa turan.

Baandiin artistoota gameeyyii of keessaa qabu kun dippiloomaatota magaalaa Finfinnee keessa turan dabalatee namoota bebbeekamoo biratti guddoo jaallatamuu eegale.

Yeroodhuma sana keessaa Imbasii Siwiidiin magaalaa Finfinnee jirutti qondaala olaantuu kan taate Birigittaa Astiroom waliin Alii Birraa walbaran, Birgittaan namoota Alii akkaan dinqisiifatan keessaa tokko turte.

Jiruu biyya alaa...

Alii Birraa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

AlI naannoo bara 1977 keessa Birgittaa(haadha warraasaa jalqabaa) waliin gaa’ela erga godhatanii booda walqabatanii Itoophiyaadhaa ba’an.

Haati warraasaa hojii dippiloomaasii ishee waggaa afurii Itoophiyaadhaa xumurtee Ameerikaatti ramadamte, Alii fudhattee Ebla 27, 1984 Ameerikaa, bulchiinsa Kaalifoorniyaa magaalaa Loos Anjelasitti qajeelte.

Wayita Birigittaan hojii Imbasii Siwiidiin magaalaa Loos Anjelas jirutti ramadamtee hojjettu, Aliin osoo hin tuffatin hojii argate hojjetee of danda'uuf tattaafataa ture.

Garuu fedhii fi jaalalli muuziqaa isa hin gadhiisne, achittis artistoota gameeyyii Itoophiyaa kanneen akka Asteer Awwaqe, Hagos Gabra-Hiwot fi Tashoome Mitikkuu waliin walitti dhufanii kutaalee Ameerikaa keessa naanna'uun hojii aartii itti fufan.

Birigittaan hojii muuziqaatti deebi'uu isaa hin mormine, inumaa konsartii inni qopheessuuf deeggaraa, barnoota muuziqaa akka baratuuf tumsaa turte.

Aliin carraa barnootaa biyyatti dhabee dharra'aa ture biyya guddoo taate Ameerikaa keessatti argachuutti guddoo gammade.

Afaan Ingilizii waggaaf erga baratee booda Kolleejjii barnoota muuziqaa St. Monica jedhamutti barnoota muuziqaa barate.

Aliin muummee barnootaa Tiyoorii Barnoota Muuziqaa Lixaa Jaarraa 20ffaa- Theory of Twentieth Century Western Music -jedhamuun waggaa sadi baratee digiriidhaan eebbifame.

Barnooti muuziqaa Aliin Ameerikaatti argate kan duraan dandeettii uumamaa fi muuxannoon hojjechaa ba'e daranuu jabeesseef.

ALii fi Birgittaan bara 1988 Ameerikaa gadhiisanii Siwiidiin galan, ji'oota saddeet booda Birgittaan ergama dippiloomaasii kan biraaf Sa'uudii Arabiyaatti ramadamte.

Alii waliin passport Siwidiin qabatanii wayita gara Sa'uudii deeman, haalli jiruu fi jireenyaa, haalli uffannaa, seerri Shari'aa...waa hedduun itti baruuf qormaata itti ta'e.

Haata'u malee dandeettii afaanii Aliin qabu, akkasumas duudhaa amantii Islaamaaf haaraa ta'uu dhabuunsaa haalota salphaatti akka keessa darbaniif isaan tumseera.

Gaaffii Birigittaan kubbaaniyyaan biyya Siwiidiin- Electrolux jedhamu Alii qacaree hojjechiisuu erga eegalee booda, himannaa mootummaa Sa'uudii Arabiyaatiin kubbaaniyyichi qacarrii Alii adda kute.

Kubbaaniyyaan kun Aliif mindaa ji'a sadii kaffaleefii akkanni gara Siwiidiin deebi'ee achitti hojiisaa itti fufu murteessan.

Aliinis gara Siwiidiin erga deebi'ee booda deddeebi'ee haadha warraasaa (Birgittaa) daawwataa ture.

Wanti guddaan Aliin Sa'uudii Arabiyaatti argachuu himatu, bara 1990 Makkaatti Hajjii raawwachuusaati.

Aliin Madiinaas daawwachuuf carraa argateera, iddoowwan qulqulluu kunneen lamaan waan daawwateef Aliin Hajjii jedhameera.

Aliin bara 1990 gara xumuraa Sa'uudii Arabiyaarraa gara Siwiidiin deebi'ee afaan biyyattii barate, isa booda hospitaalatti qacaramee hojii eegale.

Aliin waggoota yeroo Siwiidiin ture waggoota lamaaf muuziqaarraa fagaatee ture, bara 1992 biyyoota Kanaadaa fi US keessa naanna'uun konsartii akka dhiyeessu affeeramee garas imale.

Aliin carraa kanaan uummatasaa waggootaaf irraa fagaatee tureen walarguutti guddoo gammade, ji'ootaan booda gara Siwiidiin deebi'ee seenaasaa keessatti tarkaanfii ulfaataa ta'e fudhate- Birgittaa hiikuu.

Isheenis gaaffiisaa fudhattee erga walhiikanii booda baruma sana (1992) Kanaadaatti deebi'ee haadha warraasaa lammaffaa Nujumaa Mohammad fuudhee jireenyasaa keessatti boqonnaa haaraa eegale.

Garuu gaa'illi kun yeroo dheeraa hin turre, Aliinis Kanaadaatti reestoorantii fi mana ragadaa banachuun hojjechuu itti fufe.

Booda kanas dhiisee hojii muuziqaasaatti ciche, Kanaadaatti bara 1995 wayita badhaasa artistoota Africaa collee ta'aniif kennamu argate harka dippiloomaatii Itoophiyaa harkaa fudhachuu didee, karaa kantiibaa magaalaa Torontoo kennameef.

Isa booda gara Ameerikaas imaluun barnoota muuziqaa barachuu fi muuziqaa hojjechuu itti fufe.

Albamoota shan ta’an ergasii booda baase.

Turtii waggoota digdamaa olii biyyoota alaa Sa’uudii Arabiyaa, Siwiidiin, Ameerikaa fi Kanaadaa booda bara 2005 yeroo jalqabaaf biyya galee Kanaadaatti deebi’e.

Haadha warraasaa ishee ammaa Liillii Maarqos waliinis achitti walitti dhufan.

Galee erga biyyasaa ilaalee deebi’ee booda albama waa’ee jaalala biyyaa ibsu hojjete.

''Alii Birraa dhimma irratti hin weellisne hin qabu''

Doktarri Kabajaa Artist Alii Birraa kitaaba waa'ee seenaa isaa irratti xiyyeefatu ilaalchisuun wayita kanaan dura BBC Afaan Oromootti dubbatee ture, haga argu, haga danda'u, dirqama ba'uu qabu hunda irratti weellisuu ibsee ture.

''Waa'ee ispoortii, waa'ee naannoo, waa'ee jaalalaa, waa'ee eenyummaa, waa'ee biyyaa akkuma isaan natti dhufaniin sirba. Malee an waan akkanaa irrattin sirba, waan akkanaa irratti hin sirbu kan jedhu miti yaadi kiyya,'' jedhee ture.

''Dhaamsi kiyya guddaan afaan fi eenyummaa kiyya kabachiisuudha.''

Alii Birraa walleesaatiin mata duree hin tuqne hin qabu kan jedhu Zamadkun, walleewwan isaa addunyaalessa, waltaawaa, kan dhala namaa waliigalaati jedha.

Walleewwan 260 ol afaanota garaagaraan waraabee qabu hundi dhimma dhala namaa hunda kan hammataniidha jedha.

Namummaa, egeree dhala namaa, walqixxummaa, jaalala, roorroo fi cunqursaa dhala namaa baasanii kan mul’isan, kanneen dhalli namaa akka bilisummaa fi mirgasaaf falmatu kakaasaniidha.

Aliin falmaa mirga dhala namaa fi bineensotaati, walleesaa beekamaa Falmi Mirga keetiif jedhu keessatti mirga nama kaanii sarbuunis akka sirrii hin taane mul'iseera.

Bineensonni harka dhala namaa jiran akka dararaman hin barbaadu, keessattuu Harree fi Saree guddoo jaallata.

Harreen osoo addunyaan hin ammayyaa'in duraan bineensa ba'aa namaa baachaa turte jedhee mirgasheef kan falmu Aliin, osoo mirgasheef loluu rakkoo keessa galee beeka.

''Yeroo tokko tokko daba bineensotarratti hojjetamuuf waaqni dhala namaa adaba jedheen yaada,'' jedhee ture Aiin.

Wayita Finfinneedhaa hojjetu guyyaa tokko osoo Hoteela Raas irraa gara manaa galaa jiru naannoo Hospitaala Xuqur Ambassaatti taaksii keessa taa'ee namicha harreetti ba'aa humnaa olii fe'ee akka malee dhaanu arge.

Aliin taaksii keessa bu'ee namicha harree dhaanuurraa dhorke, birrii lama kenneefii akkanni ba'aa haree irraa fuudhee konkolaataadhaan fe'atu itti hime.

Namichi didee harree reebuu wayita itti fufu, Aliin obs adhabe- Ulee harkaa fuudhee namicha ittiin reebe.

Sababa kanaan hidhamee garuu bakkanni itti hidhame namoonni isa beekan waan jiraniif yeroo muraasa booda gadhiifame.

Kana qofaas miti. Aliin nama dhugaaf qabsaa'u, abbaa dhiifamaa, nama ofittummaa hin qabne, ofitti nama amanuu fi kaayyoosaarratti cichu akkasumas arjaa ta'uusaa namoonni ragaa bahu.

Dhimmoota ittiin ibsamu kunneen dabalatee barnoota, jaalala, dhimma biyyaa, bilisummaa fi dhimmoota jiruu fi jireenya dhala namaa ibsan hunda irratti weelliseera.

Weellisuu qofa osoo hin taane gochaanis agarsiiseera.

''Walaloo hin barreesu garuu isatu lubbuu itti hora''

Alii Birraa ofiisaa walaloo hin barreessu, garuu lubbuu itti horee namaaf dhiheessa.

Osoo inni yeedaleessee sagalee kiiloleesaan yaa’a walaloosaa miidhassuu baatee walaloon isaa qofti bu’aa hin qabu.

Alii Birraa ogeessa yeedaloo fi qindeessaa muuziqaa daan-saga kamuu keessatti sagaleesaa dhangalaasuun qalbii namaa sooruudha.

Dandeettii Afaanii fi walleewwan 260 ol

Alii Birraa afaanota Itoophiyaa keessa jiran shan-Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee, Afaan Hararii fi Afaan Affaariin walleewwan waraabee ni qaba. Afaan alaa keessaa ammoo Afaan Arabaan qaba, walumatti afaanota ja’aan walleewwan 267 waraabee qaba.

Biyya kana keessatti weellisaan afaan ja’aan wallee waraabee qabu Alii Birraa qofa jedha Zamadkun, weellistoonni kaan afaan shaakalanii lama sadi waraabuu danda’u.

Aliin Afaanota ittiin weellise kunneenii fi Afaan Ingilizii, Afaan Siwiidiin dabalatee Afaan saddeetii ol bareechee dubbata.

Badhaasaa fi beekamtii...

Alii Birraa wayita Yuuniversitii Dirree Dhawaa irraa doktireetii kabajaa fudhatu haala kanaan gammachuusaa ibse, Adoolessa 2019

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa

Aliin badhaasota hedduu biyya keessaa fi alaa argateera. Kan biyya keessaa Yuuniversitiiwwan Jimmaa fi Dirree Dhawaa doktireetii kabajaa badhaasan dabalatee jechuudha.

Kanaadaatti badhaasa guddicha artistoota Afrikaa hojii nama dinqisiisu hojjetaniif kennamu dabalatee badhaasota idil-addunyaa naannoo 200 ta’an argateera jedha Zamadkun.

Kitaabni seenaa Alii Birraa irratti barreeffame ammoo artistii gameessi kun bara 1988 hanga 2018 (waggoota 30 keessatti) badhaasotaa fi beekamtiiwwan 50 caalan argachuu eere.

Badhaasoti fi beekamtiin inni argateyyuu qorannoo mataasaa danda’e gaafata jedhe Zamadkun.

Bara 2013 wayita waggaa 50ffaa turtii aartii keessatti Aliin dabarse kabajamu, Minisotaatti qophii guddaan qophaa'ee, kumaa-kitilli jaalalaa fi kabaja Aliif qaban ibsan.

Waggaa 50ffaa jiruu muuziqaa Alii kana ilaalchisuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2014 wayita yaadannoo taasisu, Aliif beekamtii kenneera.

Galma Abbaa Gadaa magaalaa Adaamaatti ijaarametti affeeruun yaadannoo waggaa 50ffaa, sirna galateeffannaa fi kennaawwan adda addaattiin kabajan.

Aliin waggoota afurtama dura- Karaan mana Abbaa Gadaa eessa? jechuun walleesaan gaafatee ture.

Achumaanis magaalaa Adaamaa keessatti daandiin guddichi tokko maqaa Alii Birraan moggaafameera.

Dooktarri kabajaa artiist Alii Birraa bara 2018 keessa 'Badhaasa Umurii guutuu Odaa' argateen gammachuun addaa akka itti dhagahame ibsee ture.

Bara 2021 mootummaan Naannoo Oromiyaa sagantaa eebba kitaabaa waa'ee seenaa jireenyaa Daktara Kabajaa Artist Alii Birraa irratti xiyyeeffate irratti beekamtii fi badhaasa kenneeraaf.

Jaarmiyaa gargaarsa daa'immanii Birraa fi seenaa duuba jiru

Aliin weellisaa gameessa walleewwan jaalala utuban hedduu weellise, gaa'ela kumaatamaa walleesaan bareeche, mana namoota hedduutti ijaaree nama dhala itti fufsiiseedha.

Ofiisaaf garuu dhala godhatee hin beeku, ijoolleen dubaraa lamaan kansaati jedhamaa turan erga inni biyya galee isaan waliin walargee booda kansaa akka hin taane murteessee abdii kutatee dhiise.

Aliin dhala dhabuutti waaqatti hin ga'isne (waaqni natti dabe jedhee hin komanne), bakkasaa ijoollee yatiimaa ta'an guddisuu fi gargaaruutti fuula deebifate.

Karaa jaarmiyaa tola-ooltummaa daa'imman barnootarratti gargaaruu- Birra Children's Education Fund jedhamuu daa'imman guddisuurratti xiyyeeffachuun yaaddoo dhala dhabuusaa dagachuu eegale.

Alii fi haati warraasaa Liiliin Onkoloolessa 21, 2011 dgaabbata tola-ooltummaa kana Kanaadaatti hundeessuun waraqaa eeyyamaa argatan.

Sadaasa 2012 ammoo Itoophiyaa keessatti dhaabbati isaanii beekamtii seera qabeessa argate.

Dhaabbati isaanii daa'imman harka qalleeyyii barattoota ta'aniif nyaata, bishaan dhugaatii, meeshaalee barnootaatiin gargaara.

Akkasumas deeggarsa jaarmiyaalee fi namoota garaagaraa irraa argate qindeessuun manneen barnootaas ijaareera.

Aliin daa'ima ofiisaa godhate dhabus, daa'imman kumaan lakkaa'aman gargaaree, wayita isaan akka abbaatti isa ilaalan arguutti guddoo akka gammade ibsaa ture.

Kitaabi seenaa Alii Birraa qabate, Aliin dhimma barattoota gargaaruu irratti akkas jechuu eere: ''Namootan haga humna kiyyaa gargaaree jireenyasaanii fooyyesse kunneen seenaasaanii wayitan dhagahu imimmaantu na qaba.''

Alii fi Liilliin haga bara 2013tti haala kanaan daa'imman yatiima ta'an gargaaraa turan.

''Ani dhala hin qabu, walleewwan 267 fi ummanni koo dhala kooti''

Alii Birraa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Alii Birraa kanaan dura turtii BBC waliin taasiseen waa'ee maatiisaa dhuunfaasaa akkasiin ibsee ture.

Waggoota 57 keessatti walleewwan an horadhe danuudha, isaantu daa’imman kiyya, an ijoollee hin qabu.

''Walleewwan 267 kanan ofii kiyyaan qindeeffadhe waraabbadheen qaba. Hunduu ijoollee kiyya. An ijoollee hin qabu. Kanan qabu walleewwan 267,'' jedhee ture.

Aartii keessatti waggaa 57f tajaajileera. Humnaa fi dandeettii waaqni naaf kennetti fayyadameera. Kanaan booda garuu dargaggoota qaxaleewwan kumaa kitilaan lakkaa’amanitti baallii dabarseera. An keessaa sooroma ba’eera.

Gaazexeessaa Zamadkun gamasaan, ''Abiddi manaa dhaame'' jechuun waa'ee Alii Birraa mammaake.

Alii Birraa yoo hin jiraanne manni one akka jechuuti, haalli maatii Alii Birraa raajiidha.

Hortee Mohammad Muusaa keessaa Aliin nama tokkittii hafeedha. Muusaan abbaasaaf tokkittii ture, innis daa’ima tokko- Abbaa Alii (Mohammad) qofa godhate.

Mohammad, Alii qofa qaba ture. Obboleessi Alii tokko akkuma dhalateen ijoollummaatti du’e.

Hortee Mohammad Muusaa keessaa Alii qofatu hafee ture, Aliin ammoo dhala godhachuu hin danda’u. Kanaafuu horteen kun Aliirratti xumurame, Aliin garuu ofii dhalchuu baatus miiliyoonota horateera.

''Akka falmaa mirga dhala namaattin of ibsa''

Aliin Afaan Oromoon weellisullee, walleewwan isaa namoota afaanicha dhagahan bira darbee jaallatama, beekama.

Alii Birraa kanaan dura akkas jechuun BBCtti himee ture, Onnee qulqulluun, waan sirrii ta’eef yoo hojjette waaqnillee irraan gadi si ilaala, dachees namni sammuu sirrii qabutu hubata jedhe.

''An wallee kiyyaan waa’ee haqaa, nagaa fi mirgaan dabarsaa ture. Tokko tokko waanan Afaan Oromoon weelliseef qofa maaliif Afaan Somaaleen hin weellisne jedhee uummata Somaalee narratti kakaasuu mala. Afaan Amaaraa, Afaan Ingilizii fi kaaniinis maaliif hin weellifne jedhanii kan gaaffii narratti kaasan jiru.''

Afaanni kan Oromoo ta’us ergaansaa akka addunyaati jedhe Aliin.

''Biyya kamittuu daba, hacuuccaa fi ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwachuun ni jira. Afaan Oromoon waan sirbameef qofa gara uummata Oromoo qofatti kan maxxansanii ilaalan jiru. An kanan amanu fi kanan yaadu mirga dhala namaa kan sarbu waaqa miti, dhaluma namaa mataasaati.''

Adeemsi kiyya ka’umsii fi galmi kiyya karaa kanarratti kann cicheedha.

Walleewwan kiyya kaanirraa waan addaa ta’aniiti jechuun hin danda’amu.

Garuu waan adda isaan godhus qabu. Toora walaloowwan kiyyaa lamaan gidduu ergaawwan hin mul’annee fi hin dubbifamnetu jiru.

''Kanaafuu kanneen gaarii yaadan muuziqaa kiyya akka gaariitti fudhatu, kanneen hammeenya yaadan ammoo qarqara tokko qofa qabatanii ittiin na qeequ jechuudha.''

 Alii Birraa sababa Afaan Oromoon sirbu qofaaf rakkoo isa mudataa ture akkanaan dhimma muraasa kaasee dubbatee ture:

Fakkeenyaaf Afaan oromoon Sin jaalladha’ jechuun Afaan Amaaraan, Afaan Ingiliziin, afaan kamiinuu sanuma.

Afaan Oromoon sin jaalladha jechuun afaan biraan hin jiru jechuu miti.

Hiikamee jennaan sadarkaa addunyaatti ergaa walfakkaataa qabaata.

Yeroo ta’e Afran Qalloo keessa osoo jirruu gulaalamnee turre.

Walleewwan hiikaa fidaa jedhamne. Nuti konsartii halkaniif qophoofnee turre.

Sirboota hunda ( naannoo wallee 30) Afaan Amaaraatti hiikaa jedhamne.

Afaan Oromoon sirbi jaalalaa wayita sirbamu, miirri jaalalaaf ibsamu, kan shamarree, kan haadhaa, kan biyyaa fi kaan jiraachuu danda’a.

Namichi jaalala jechuun maal jechuudha jedhee wayita na gaafatu Afaan Amaaraatiin ''Fiqir naw'' jedheen deebiseef.

Eeyyeen jaalala ta’uu ni beekna garuu haalli isin ittiin jaalala kana ibsuuf deemtan maalinni? Naan jedhe.

Jecha tokko bakka lamatti baasanii ilaalaa turan. Kan Afaan Oromoo yoo ta’e ni shakku.

Walleedhaan wayita ergaa dabarsitu kan Afaan ittiin sirbitee qofa miti, ergaansaa kan addunyaa maraati. Gaariis ta’u badaa, hunduu waan bakka isaaf malu qabuuf sirba.

Alii Birraa ogeessa muuziqaa qofa miti, nama seenaa himu, falmaa bilisummaa dhala namaati jedhama, inni maal ofiin jedha?

Qabsaa’aa bilisummaa, falmaa mirga dhala namaa kan jedhu kan namni na beeku waa’ee kiyya haasa’uudha.

Qabsaa’aas ta’e didaa kan jedhu hiika namoonni naaf kennaniidha.

Kanaafuu namoonni qabsaa’aadha kan naan jedhan yoo ta’e kun anaaf waan guddaadha. Waa’ee haqaa qabsaa'uu kiyya kan hubatan yoo ta’e.

An nama haqaaf qabsaa’uudha jedheen of ilaala.

Namoonni baayyeenis akkas naan jedhu.

Kan faallaa kanaan na farrajanis jiru. An garuu kanan of beeku ''mataa kiyya qabsaa‘aa haqaa, mirgaa, nageenyaa, hojii gaariiti jedheen of farraja.''

Dhimma fayyaa Alii Birraa

Alii Birraa artist milkaa'aa, addunyaa muuziqaa fi dhimmoota kaan irratti addunyaaf gumaacha guddaa buuseedha.

Gameessa namaa homtuu hojii fi kaayyoosaarraa isa hin dhaabne kana garuu dhibeen gosa garaagaraa isa qoraa ture.

Jalqabuma wayita Baandii ''Kibur Zabanyaa'' keesa seenee dhibee gaggabdoo marsaa marsaadhaan namatti dhufuun qabamuu bare.

Aliin akkuma hojiin muuziqaa itti hedummaataa deemuun dhibeen gaggabdoo itti hammaatee kuffisuu itti fufe.

Bara 1968 irraa hanga 1982 dhibee kanaan erga dhiphatee booda irraa fayye.

Kan akkaan rifaasisaa ture dhibee bara 2008 irratti Alii mudateedha- Kaansarii mar'imaanii.

Alii fi haati warraasaa bara 2007 biyya galanii turan, garuu Aliin hordoffii yaala fayyaa waan qabuuf bara 2008 dhiibbaa Liilliitiin Kanaadaatti deebi'e.

Dhibee kaansarii mar'imaanii kanas achumatti yaalamee fayye.

Yaaddoon fayyaa Alii Birraa kanarratti hin dhababanne. Bara 2009 keessa guyyaa tokko ALii fi Liilliin osoo walcinaa taa'ani TV ilaalanii Aliin amala addaa agarsiise.

Liilliin erga bira taa'uu eegaltee turteetti, inni garuu yero dheeraaf of biratti arguu akka hin dandeenye itti hime. Yeroo kana ijisaa inni bitaa mudoo qabaachuu hubatan.

Aliin dhibee shukaaraa waan dhukkubsatuuf ijasaaf of eeggannoo akka taasisu irra deddeebiin doktaroonni gorsu.

Aliin sammuusaa keessatti xannachi waan biqilee argameef, kunimmoo agartuusaarratti dhiibbaa waan fiduuf akka wal'aansa baqaqsanii yaaluu argatu ajajame.

Yeroo kana Alii fi haadha warraasaa- Liillii dubbiitu afaanitti cite.

Aliin garuu tasgabbaa'ee wal'aansa baqaqsanii yaaluu argate, garuu ammas rakkoon ijasaa biraa hin hafne.

Bara 2011 ji'a Onkoloolessaa keessa Alii fi Liilliin dhaabbata tola-ooltummaa isaanii galmeessisuuf wayita Itoophiyaa imalan Aliin ammas dhibee biraan qabame- dudda kutaa.

Aliin dhibeen itti deddeebi'uu kana haadha warraasaatti himuurra, iccitiidhaan qabatee itti dhaggeeffachuu barbaadee ture, garuu dhibeen dudda kutaa kun obsa kennuufii dide.

Waan dhoksan ta'uu didee ifatti mul'ate. Duuba Hospitaala Jenaraalaa fi Kolleejjii Meedikaalaa Adaamaa seene.

Achittis itti fooyya'uu waan dideef gara Baankook ergamee achitti yaalamee fayyummaasaatti deebi'ee gale.

Alii Birraa hojii muuziqaa fi hojiiwwan tola-ooltummaan hedduu ko'oommata, isaan kunneen dhibeewwan kanaan duraa akka itti hin kaasneef haati warraasaa guddoo kunuunsiti.

Innis haadha warraasaa guddoo faarfata, ''Isheen addunyaa kooti,'' jedhaan.

Liilliin fayyummaasaa guddoo hordofti, yeroo yerootti akka mana yaalaa deemee fayyummaansaa sakatta'amu gooti.

Haala kanaan osoo jiruu bara 2020 ji'a Fulbaanaa keessa, ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda dhibamee hopsitaala Adaamaatti yaalamee ba'e.

Aliin dhibeewwan irra bubbulanii fi dullumaan walqabatee akka dadhabe himataa ture.

Biyyoota alaa fi biyya keessattis deddeebi'ee yaalameera.

Hanga guyyaa boqotuuttis Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti yaalamaa ture.

Alii Birraa umriisaa waggaa 75tti addunyaa kanarraa du'aan boqote.

Odeessaalee walitti dhihaatan: