Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa 4ffaa Finfinneetti adeemsifame

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay-Laayititti har'a Waxabajjii 29, 2025 adeemsifame.
Badhaasni Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefamuun lubbuun darbe sababeeffachuun waggaa waggaan qophaa'u kun bara kana dameelee garagaraa 11'n artiistota reefu dhufoofi gameeyyii badhaasa.
Kana malees badhaasni addaa Umurii Guutuu artistii tokkoof kan kennamu ta'a.
Albama Waggaa, Wallee Waggaa, Wallee Aadaa, Wallee Ammayyaa, Weellisaa Cimaa Waggaa fi Weellistuu Cimtuu Waggaa kunneen jedhan dameelee hojiileen aartii muuziqaa badhaasichaaf itti dorgoman keessaa muraasa.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaaf har'a adeemsifamaa jiruuf albamoota muuziqaa shan dabalatee sirboonni 300 ol ta'an dorgommiif galmaa'uunsaanii kanaan dura himamee ture.
Hojiileen har'a badhaafamanis sagalee abbootii seeraa fi ummataa dabalatee calaliiwwan garagaraa keessa kan darbanidha.
Sagantaan badhaasaa kun Gaawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaan waggaa waggaan adeemsifama.
Taatee sirna badhaasa kanarratti raawwatame yeroo nu qaqabeetti viidiyoodhaan isn biraan geenya. Suuraalee qophicha irraa argane kunooti:






















