Yeroo Itoophiyaa waliin muddamni cimetti Masriin Ertiraa bira dhaabatte

Pirezidantii Ertiraafi Pirezidantii Masrii bara 2019 Kaayirootti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Masriin sababa Hidha Haaromsaa hariiroo gaarii hin qaban

Yeroo muddamni Itoophiyaafi Masrii gidduu hammaate jirutti masaanuun Itoophiyaa Masriin Ertiraa bira akka dhaabbattu beeksiste.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii guyyaa kamisaa daawwannaa guyyaa shaniif gara Kaayiroo imalaniiru.

Pirezidant Isaayyaas fi al-Siisiin ''waaree booda marii bal'aa'' kaayiroo keessa taasisuu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqala ibsaniiru.

Michuu isaanii duraanii Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin kan walitti mufatan Pirezidant Isaayyaas Afawarqiin paartii Badhaadhinaa himataa turan.

Osoo kuni kanaan jiruuti Masriin ''birmadummaafi daangaa tookkummaa'' Ertiraa akka deeggartu Kamisa Kaayirootti yeroo mari'atan kan al-Siisiin dubbatan.

Pirezidant Abdalfattaaf al-Siisii ''Masriin hariiroo tarsiimowaa bu'uuraa Ertiraa waliin qabduun ni boonti,'' jechuu isaanii waajjira pirezidantii Masrii eeruun Anaadoluun gabaaseera.

Maal mari'atan?

Dureewwan lamaan dhimmoota naannichaa fi dhimmoota biyyoota lamaan ilaallatan mari'achuutu ibsame.

Mariin isaanii ''hariiroo waloo lamaan jabeessuu akkasumas dhimma naannichaa'' lamman isaanii ilaallaturratti akka xiyyeeffate Obbo Yamaanan X gubbaa kataban.

Dureewwan lamaan ''sochii naannicha'' keessa jiru keessumaa ''haala Sudaan, Somaaliyaa fi nageenya Galaana Diimaarratti'' mari'atan jedhan.

Pirezidantiin Masriifi Ertiraa waliin cimsanii hojjechuuf waliigaluufi al-Siisiinis ''Sudaan, Somaaliyaafi Galaana Diimaatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatu qooda isaanii bahuuf qophii ta'u'' ibsuu isaanii ibsan.

Akkasumas biyyoonni qarqara Galaana Diimaa jiran walitti dhufuun nageenyaafi tasgabbii naannichaa akka eeganiifi qabeenya jirurraa akka fayyadaman dhaamullee himan.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii gama isaaniin ''qooda Masriin tasgabbiifi misooma naannawa Gaanfa Afrikaafi Baha Afrikaatti taasistuuf jabeessanii dinqisiifachuu,'' ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad torban kana paarlaamaatti dhihaachuun muddama Ertiraa wajjiin jiru furuuf jaarsummaa idil-addunyaa gaafataniiru.

Bulchaan Itoophiyaa ''Waraanni hin jiru jechuun sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jechuu miti,'' jechuun himan.

MM Abiy ''haqni dhugaa yoo hin mirkanoofne yeroo kamuu waraanni uumamuu danda'a'' jedhan.

Ertiraa waliin ''waraanni yoo ka'e waan ta'uuf deemu ifa'' jechuunis akeekkachiisan.

MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu dubbatani.

Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde 'rakkoo seeraa' akka qabu MM Abiy himaniiru.

"Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne" jedhan.

"Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana diimaa dhabde. Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu" jedhaniiru.

Faallaa kanaan waggoota 32 dura dura Itoophiyaarraa walabummaa kan gonfatte Ertiraan gaaffii Itoophiyaa kanaan gammachuu hin qabdu.

Mootummaan Ertiraa ejjennoo Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa ilaalchisuun tibbana ibsaa jirtu balaaleffateetti.

Ministiirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasqal dubbii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad barbaachisummaa Galaana Diimaa ilaalchisuun bakka bu'oota ummataaf ibsan cimsee qeeqeera.

"Abjuun PP [Prosperity Party] waa'ee Asab yeroodhaa gara yerootti hammaataa waan dhufe fakkaata,'' jedhan.

"Asabiin yoo danda'ame mariin, ta'uu baannaan waraanaan dhuunfachuu ta'uu mirkaneessa," jechuun dubbii MM Abiy paarlaamaarratti taasisan akeekuun deebii kennan.

Itoophiyaafi Masriin dhimma Hidha Abbayyaa Itoophiyaan ijaarteen dhibdee waggaa dheeraa turetu gidduu isaanii jira.

Erga booda kanaa hariiroon Finfinnee waliin qabdu kan duraa laafe Ertiraan immoo michummaa ishee Masrii waliin cimsiteetti.