'Ertiraa waliin yoo lolli ka'e waan ta'uuf deemu ifadha' - MM Abiy Ahimad

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy akkaataa Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabde ragaa hin qabu jedhan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Ertiraa waliin ''waraanni yoo ka'e waan ta'uuf deemu ifa'' jechuun akeekkachiisan.

Bulchaan Itoophiyaa dhimma ulaa galaanaafi Ertiraaa waliin walqabatee paarlaamaatti dhihaachuun ibsa yeroo kennanitti kana kan dubbatan.

''Humni qabnu amansiisaadha, eenyuyyuu nu hin dhaabsisu,'' jedhan waa'ee humna waraanaa Itoophiyaa yoo ibsan.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ishee ''waan hin hafne'' waan ta'ef hawaasi idil-addunyaa akka ''jaarsummaan'' furuufi ''furmaata akka fidu'' gaafataniiru.

Dhimma faayidaa biyyaalessaan walqabatee yeroo dubbatan ''Itoophiyaarratti badii guddaatu raawwate. Yoo xiqqaate kana dubbachuu nu hin dhowwatiinaa'' jedhan.

''Waraanni hin jiru jechuun sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jechuu miti,'' kan jedhan MM Abiy ''haqni dhugaa yoo hin mirkanoofne yeroo kamuu waraanni uumamuu danda'a'' jedhan.

MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu dubbatan.

Akkaataan Itoophiyaan hulaa galaanaa itti dhabde 'rakkoo seeraa' akka qabu MM Abiyyi himaniiru.

Murteen Itoophiyaan hulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hinmurtoofne ta'uu himan.

Dabalataan murteen kun mana mareenis ta'e sagalee ummataan kan hin murtoofne akka ta'es kaasan.

"Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne" jedhan.

Dabalataan hulaa galaanaa "akkamiin akka dhabne kan agarsiisu waraqaa fuula tokkoyyuu hinarganne" jedhan.

Dhimma Galaana Diimaa kanas bifa tasgabbaa'efi mariidhaan itti adeemuun barbaachisaadha kan jedhan MM Abiy, "Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana diimaa dhabde. Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu" jedhaniiru.

'Filannoon yeroo isaa eeggatee adeemsifama'

Filannoon biyyaalessaa yeroosaa eeggatee adeemsifama" MM Abiyyi Ahimad

"Mootummaan filannoo gochuuf humna guutuu qaba" kan jedhan MM Abiy, filannoon biyyaalessaa 7ffaa filannoo fooyyee akka ta'ufi yeroosaa eeggatee akka adeemsifamu dubbataniiru.

Qaamoleen "filannoon osoo hin adeemsifamin hafee barumtaasaatti 'mootummaa cee'umsaa jenna' jedhanii kan abjootan jiru" kan jedhan MM Abiy, filannichi akka adeemsifamu dubbatan.

Qaamolee kunneeniinis "qophaa'aatii dorgomaa" jechuun waamicha dhiyeessan.

Gama biraatiin filannichaan booda "Manni maree kun bifa yeroo ammaa qabu kana hinqabaatu jedheen yaada" kan jedhan MM Abiy, manni marichaa "Sagaleewwan baay'een kan itti seenan akka ta'u abdiin qaba," jedhan.

Dabalataan filannicha dimokiraatawaa gochuu akka barbaachisus dubbataniiru.

'Hidhattoota galma hin qabne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM Abiyyi hidhattoota naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti humnootii mootummaan wal waraanaa jiraniin (Faannoofi WBOn) "Ergamtoota galma hinqabane" jechuun qeeqan.

Dhimma nageenyaan walqabatee gaafilee miseensota mana maree bakka bu'oota ummataarraa dhiyaataniif deebii laachaa kan jiran MM Abiy, "Itoophiyaa keessa ce'umsa aangoo naga qabeessa qofatu barbaachisa" jedhan.

Rakkooleen nageenyaa biyyattii keessatti mul'atanif biyyoonni biroon qooda qabaachuu kan himan MM Abiy, "Biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, Itoophiyaan miila lamaan dhaabbachuu akka hindandeenye barbaadanfi hojjetan jiru" jedhan.

Biyyoonni kunneen waraanaan nuinjifachuu akka hindandeenye ni beeku kan jedan MM Abiy, biyyoonni kun qaamolee biyya keessatti hidhatanii socho'anitti fayyadamuu himan.

Gama biraatiin "Itoophiyaa keessa ce'umsa aangoo naga qabeessa qofatu barbaachisa" kan jedhan MM Abiy, mootummaan qaamolee 'rakkoo qaba' jedhu waliin mari'achuu himan.

Akka fakkeenyaattis "Shanee waliin mari'annee humni Shanee gariin nagahaan galanii aangoorra hinjiranii?" jechuun dubbatan.

Hidhattoota naannolee Amaraafi Oromiyaa keessa socho'an "Shanee Amaaraa fi Shanee Oromiyaa" jechuun kan ibsan MM Abiy, hidhattoonni kun "Ergamtoota, galma hinqaban" jedhan.

Mootummaan qaama kara nagaan dhufu simachuufi waliin mari'achuuf qophii ta'uus himaniiru.