Badhadhinni hoggantoota "kuma saddetii olirratti" tarkaafii fudhate, naannoleen jijjiirama hoggansaa taasisan

Madda suuraa, Prosperity Party
Paartiin badhaadhinaa miseensota guutummaa biyyattii keessa jiran keessa kuma sagalitti kan siqanirratti sababa rakkoo naamusaafi hanqina raawwachiisuutiin tarkaanfii fudhachuu beeksise.
Pirezidantiin itti-aanaa paartichaa Obbo Adam Faaraah kana kan jedhan murteewan walga'uu koree hoji-raawwachiiftuu Paartii Padhaadhinaa ilaalchisee ibsa yeroo kennanittidha.
Obbo Adam ji'oota sadan darban keessa hojiin paartii keessaa isaa cimsuu hojjetamaa turuu himuun, mariifi gamagama taasifameen beekamtiin warra maluuf beekamtiin akka kennameefi warra laafan irratti ammoo tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu dubbataniiru.
"Keessumaa tarkaanfii sirreffamaa fudhachuu keessatti walumaa galatti aanga'oota 8,613 ta'an irratti tarkaanfiin disiipplinii fudhatameera."
Tarkaanfii fudhatame yeroo ibsanittis, miseensota itti-gaafatamummaarraa kaasuurraa jalqabee jijjiirraa hanga taasisuutti ta'uu dubbataniiru.
Kun osoo kanaan jiruu, walga'ii hoji-raawwachiiftuu Paartiin Badhadhinaa taasiseen booda miseensota kumaan lakka'amanirratti tarkaanfiin fudhatamuun erga ibsameen booda naannolee biyyattii gara garaa keessattis jijjiiramni hoggansaa mul'ateera.
Guyyoota darban keessa haala murtee koree hoji-raawwachiiftuu waliin wal fakkaatuun naannoleen gara garaa itti-gaafatamtoota isaanii kaasuun haaraatiin bakka buusuu, gara biirolee gara garaatti jijjiiruu, akkasumas tarkaanfiiwwan sisirreessuu fudhatamuu beeksisaniiru.
Naannoo Amaaraa itti-gaafatamtoota duraan turan kaasuun haaraatiin bakka buusuun, hanga ta'e ammoo gara biirolee birootti jijjiiramanii akka hojjetaniif taasisuu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezdantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee warra haaraa muudaman itti-gaafatamummaan kan itti kenname dandeetti gaggeessummaa, muuxannoo hojii, qophii barnootaa qabaniifi naamusa irratti hundaa'uun ta'uu eeraniiru.
Namoota 35 haaraa muudan keessaa torba kan ta'an gorsitoota ta'uu isaanii odefannoon Waajira Komunikeeshinii naannichaarratti bahe ni agarsiisa.
Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaas akkuma kana "akkaata akallattii mana-maree paartii Badhaadhinaatiin kaa'ameenidha" jechun naannichatti waltajjiin gamagamaafi madaallii aanga'oota olaanootii hanga caasaa gadii jiuraniitti gaggeeffamuu eereera.
Haaluma kanaan hogansa sadarkaa naannootti hojiin deebisanii gurmeesuu raawwatamuuu kan ibse naannichi, hoggantoota haaraa muuduufi jijjiiruu beeksiseera.
Aanga'oota ramaduun kun kan raawwatame bu'a qabeessummaa isaanii, naamusaafi qophii qaban ilaalcha keessa galchuun akka ta'e eereera.
Lakkoofsi hoggantootanannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti haaraa muudamaniifi jijjiiraman 15 ta'een ibsameera.
Mootumman naannoo Gambeellaa gamasaatiin bu'uura madaallii hoggansaa A L I bara 2017 keessa taasifameen "nageenyaafi misooma nananichaa itti fufsiisuudhaaf" akka danda'an warraa amanaman jedhu hoggantoota 66 muuduufi jijjiiruu beeksiseera.
Naannolee jijjiiramniifi sirreeffamni hoggantaa keessatti tasifame keessaa tokko kan ta'e naannoo Kibba Itoophiyaattis akkuma kana A L I Onkoloolessa 10, 2018 irraa kaase ejijjiiramni taasifamuun ibsameera.
Naannoo kana keessattis biirolee 11f hogantoonni haaraa muudamanii kan ammoo jijjiiramuu beeksisuun kanneen hafan akka itti fufan murteessuu ibseera.
Muudamniifi jijjiiramni naamusaafi dandeettii raawwachiisuu bu'uura godhate jedhame kun kan ifoome filannoon biyyattii keessatti waggaa shan keessatti gaggeeffamu ji'i torba yeroo hafettidha.
Walga'ii koree hoji-raawwachiiftuu Paartii badhaadhinaa hordofee jijjiiramni hoggansaa naannolee gara garaa keessatti taasifame cimee kan itti fuf ta'uu pirezidantiin itti-aanaa Paartichaa dubbataniiru.
Obbo adam Faaraah akka jedhanitti, "oggansa bakka itti ramadametti itti-gaafatamummaa itti kennameen qajeelummaafi amanamummaan ummata kan hin taajaajille, rakkoo naamusaa kan qabu, hanna keessatti kan hirmaatan" iratti tarkaanfiin fudhatameer.
Itti dabaluunis, "hoggansa dhaabaa hojii itti kenname bifa bu'a qabeessa ta'een kan hin raawwanne, kan ummata hin kabajne, akkasumas qajeeltoowwanii fi duudhaalee Dhaabichaatiin qajeelfamuun fayyadamummaa haqa qabeessa ummataa mirkaneessuuf kan hin tattaafanerratti tarkaanfiin ni fudhatama" jedhan.
Naannoleen guyyoota darban keessa jijjirama hooggansaa tasisasan murtee isaanii labsuu malee sababa gahumsa dhabuu ykn rakkoo biroo kamiin hoggantoonni kunneen bakka isaanii irraa kaafamuun hin ibsine .












