'Ertiraa waliin waraanatti galuun fedhii mootummaaf ummata Itoophiyaa miti'- Amb. Diinaa Muftii

Madda suuraa, MoFA
- Barreessaa, Dereje Gonfa
- Gahee, Journalist
Miseensa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa mana maree bakka bu'oota ummataa fi dura taa'aa garee michooma paarlaamaa Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa kan ta'an Ambasaaddar Diinaa Muftii turtii BBC waliin taasisaniin, Ertiraa waliin waraanatti seenuun fedhii mootummaa fi ummata Itoophiyaa miti jedhan.
Haa ta'u malee tuttuqqaa fi ''sochiin seera qabeessa hin taane'' waldhabdee hammeessu jiraatus gama Itoophiyaan fedhiifi qophiin waraana akka hin jirre himan.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa waggoota muraasa darban keessa Gaanfa Afrikaatti akkuma muddama uumee fi ajandaa biyyoota ollaaf idiladdunyaa ta'etti jira.
Ambaasaaddar Diinaan, ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa diinagdee, nageenyaa fi tasgabbii ishee irratti qormaata ta'uu eeran.
Kanas ta'e sana, ulaan galaanaa egeree biyyattiifillee akkaan murteessaa waan ta'eef, kana milkeessuuf taattaaffiin karaa nagaa fi dippiloomaasii jalqabame akka itti fufu himaniiru.
''Gaaffiin ulaa galaa Itoophiyaa gaaffi haqa qabeessa. Seerri idil-adddunyaa keeyyatni 1982 kan biyyootni ulaa galaana hin qabne qabeenya kanarraa fayyadamuu akka danda'an kaa'u nu deeggara'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Xiyyeffannoon Itoophiyaa gaaffiin kun ''karaa nagaan kennanii fudhachuu fi waliin guddachuun akka milkaa'udha,'' jedhan.
Kanarraa kan hafe, fedhiin humnaan biyyoota ollaa kamuu irratti dhiibbaa geessisuu akka hin jirre ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan yaada kana jalqabumaarraa kaastee irra deddeebiin ibsaa turte.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimmi ulaa galaanaa argachuu waan hin oolle ta'uu eeranii, kun kan dhugoomu garuu karaa nagaafi waligalteen qofa akka ta'e ibsuun ni yaadatama.
Haa ta'u malee, haalli kun Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti akkasumas waggoota muraasa as ammoo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti yaaddoo nageenyaa cimaa uumeera.
Sababa kanaanis Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu malu sodaan jedhu dabalaa dhufeera.
Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa xalayaa baatii Fulbaanaa darbe UN'f barreesseenis mootummaan Ertiraa fi garee TPLF waliin qindaa'uun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa akka jiran himachuun kan yaadatamuudha.
Haa ta'u malee lammanuu himata kana haalanii turan.
Xalayaan ministeera dhimma alaa sun ''Ertiraan gareewwan hidhattootaa akka Faannoo maallaqaan gargaaruu fi jeequmsi biyya keessaa akka hammaatu taasisuu'' himata jedhu fa'i qaba.
Ambaasaaddar Diinaan gama isaaniin ''yaaddoon jira. Tuttuqqiin gara walitti bu'iinsa geessisuu danda'uus jiraachu mala. Keesumaa sochiin gama Ertiraatiin seeraan ala taasifamu akka nageenya biyya keessaa booressuuf yaaluu ni mul'ata. Haalli kun kan ishee baasus miti. Kanaaf kana ifatti itti himna,'' jedhan.
Ijjannoon gama mootummaa Itoophiyaa jiru garuu,''yaaddoo kana hambisuun lolli akka hin uumamne'' gochuudha jedhan.
Kanarra kan darbe balaan ummatarratti aggaamamu yoo jiraate ''mootummaan Itoophiyaa seera kabachiisuuf humnas, itti gaafatamummaas qaba,'' jedhan.
Ambaasaaddar Diinaan carraawwan ulaa galaanaa kana karaa nagaan argachuu baay'een osoo jiru waanti gara sanatti isaan geessu akka hin jirrellee ibsan.
Gaanfa Afrikaatti Waraanni, walitti bu'iinsi waliinii, sochii garee finciltootaa fi alshabaab taasisaniin wal qabatee waggotaa hedduuf nagaaf tasgabbiin irraa fagaatera.
Seenaa keessatti Itoophiyaaniyyuu biyyoota ollaa hedduun walitti bu'uu kan yaadachiisan Ambaasaaddar Diinan, bu'aan isaa beelaa fi duubatti hafiinsa qofa ta'uu eeran.
''Maraammartoo waraanaa, beelaafi gadadoo keessaa ba'uu barbachisa. Ammatti fedhiin Itoophiyaas ta'ee ummata Gaanfa Afrikaa ol ka'uudha, wal ta'uudha, rakkoofi hiyyummaa keessaa ba'uudha,'' jedhan.
Kanaaf ijjannoon gama Itoophiyaan jiru Ertiraas ta'ee biyyoota ollaa kamuu waliin sababa kanaan waraanatti seenuuf fedhiin kan hin jirre ta'uu dubbatan qondaalli Itoophiyaa kun .
Haa ta'u malee Itoophiyaan gaaffi ulaa galaanaa karaa nagaan gaafattu itti fufti jedhan.
''Kan beekamuu qabu Itoophiyaan waraanaan utuu hin taane waligalteedhani ulaa galaanaa argachuu kan barbaaddu.
Kana hubatanii biyyootni ollaas kan addunyaas Itoophiyaa gargaaruu qaban.
Itoophiyaan guddachuun guddina biyyoota ollaati, rakkinniifi gadadoon Itoophiyaa akkasuma rakkoo biyyoota ollaallee waan ta'eef,'' jedhan.
Adeemsi marii kennanii-fudhachuu yoo hin milkoofnehoo?

Adeemsi marii kennanii-fudhachuu Itoophiyaan barbaaddu kun yoo fudhatama hin arganne carraan biraa waraana bira osoo hin gahiin Itoophiyaan deebii gaarii itti argattu maali?
Waggoota lamaatti dhiyaatuuf Ertiraa fi Itoophiyaan ibsa walirratti baasaa turaniiru. Ertiraan mootumman Itoophiyaa 'yoo danda'ame karaa seeratiin, yoo ta'uu baate humna waraanaatiin' buufata galaanaa argachuuf yaalaa jiraa jechuun yoo himattu Itoophiyaan ammoo dibbee waraanaa dhahaa jirtii jechuun himatti.
Ambasaddar diinaan garuu waraanni karoora Itoophiyaa akka hin taane dubbatu.
Sababni isaas yaadni Itoophiyaan Eertiraafis ta'ee biyyoota ollaa biroo ulaa galaanaa qabaniif qabdu '' walitti hirkannee guddanna kan jedhu qofaa'' jedhan.
''Hojiin hojjatamu guddaan kanarratti. Gama humnaatin yaaluun fedhiin mootummaas ummataas miti. Hojiin dippilomaasii ijjannoo biyyi tokko qabattee jirtu jijjirsisuu ni danda'a jennee ammanna''jechuun deebisan.
Gamaa gamana dhaabatanii wal himachuu fi wal qeequu caalaa karaa nagaa fi maritti dhufuutu rakkoo jiru hiika jedhu.
Kanaaf gama Itoophiyaatiin hojiin dippiloomaasii eegalame akka itti fufu, dubbatan.
Biyyoota michuu biyyota lamaanii [Itoophiyaaf Eertiraa] ta'an dhimma kana irratti akka gidduu galan akkasumas gama ''jaarsummaatin akka furamuuf'' Itoophiyaan carraaqqii karaa nagaa taasiftu hunda itti fufti'' akka Ambasaadarichi jedhanitti. Haa ta'uu malee yaaliin kun maalirra akka jiru bal'inaan hin ibsine.
Yoo kun hundi hin milkoofne,Itoophiyaan achiin booda carrawwan biroo ''gama seeran wal qabatee ka'uu'' danda'uttillee deemuu akka dandeessu dubbatan.
Kun Eertiraa qofa waliin utuu hin taane, biyyoota ollaa biroo kanneen gaaffi ulaa galaanaa Itoophiyaa deebisuu danda'an dabalatee akka ta'es ibsan.
Hariiroo Itoophiyaafi Somaaliyaa

Madda suuraa, ENA
Buufata doonii fi buufata waraanaa galaanarraa hundeessuuf waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand booda muddamne Somaaliyaafi Itoophiyaa guddutti dhalatee ture erga jaarsummaa Turkiin furamee as hariiroon biyyota lamaanii fooyya'eera.
Waliigaltee sana keessatti Somaaliyaan waan Itoophiyaan Somaalilaandirraa argachuu feete guutuuf abdiin akka jiru eeramullee achiin booda odeffannoon dhimma kanaan wal qabatee bahe hin jiru.
Hoggantootni biyyoota lamaanii yeroo yerootti kan wal argan ta'us, dhimma ulaa galaana ilaalchisee waanti jedhan hin jiru.
Ambasaddar Diinaan yaaliin sun, carraaqqii Itoophiyaa ulaa galaanaa karaa nagaatin argachuuf taasisftu keessaa tokko ture eeranii, sun garuu sababa muddama muudateen, utuu hin milkaa'in hafuu himan.
Waaligalteen sun milkaa'uu baatus, achirraa eegalee yaaliin Itoophiyaa karaa nagaan ulaa galaanaa argachuuf taasiftu ajandaa biyyaalessaa fi addunyaa ta'era.
''Yaalii godhamu keessa sun tokko ta'uu danda'a, ammas fedhii tokko guutuuf yaalii adda addaatu godhama. Tokko milkaa'uu danda'a tokko kufuu danda'a, haaluma sanaan itti fufa'' jedhan.
Hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa walii qabdu jabaachuun kan Somaalilaand waliin qabdu laaffisuu akka taanee fi hariiroon Itoophiyaaf laaman isaaniyyuu deebi'ee sirrachuu himan.
''Somaaliyaa waliin araaramne jechuun Somaalilandi waliin wal dhabne jechuu miti. Itoophiyaan biyya tokkotti hirkattee ykn deeggartee biyya tokkommoo kan abaartuutuu utuu hin taane,biyyoota ollaa hundumaa waliin walitti dhufeenyaa gaarii qabachuu feeti'' jedhan.
Nuyif ummmatni somalayis ta'ee Somaaliland tokkuma,kan jedhan Ambaasaddarichi yoo walii galanii biyya isaanii tokkomsanis, yoo fedhii ummata isaanitiin biyyaa adda addaa hundeefatanis lamman isaanii waliin walitti dhufeenya gaarii itti fuffu akka barbaadan dubbatan.
''Wal shakkiin yeroo tokko uumame akka itti fufne falli itti kennameera. Biyyoota ollaa kanneen waliin amantaan, aadaan,hawaasumaadhan, haala jireenyan wal fakkeenya qabna.''
Kanaaf ummata kana ''tokkoomsuu fi nageenyaan akka waliin jiraatan gochuu malee diinomsuun waanti barbaachisuuf hin jiru.''
Karoora amma jiruun biyyotni miseensa IGAD ta'an akka tokkummaa uummataniif hojjatmaa jira, yoo danda'amemmoo Afrikaayyu tokkomsudha kayyoon jiru jedhan.
Kana kan dhugoomsuu danda'u akka akka fakkenyaatti tumsi daldalaa biyyoota ollaa heddu walitti hidhu eegalamuu kan eeran Ambasaddar Diinaan Itoophiyaanis waligaltee kana keessatti hirmaanna ishee taasisaa jirtii jedhan
Kun jalqabbii gaarii akkataa biyyotni waltumsuun waliin guddachuu qabani fi hariiroo isaanii cimsuufillee gargaarudha akka Ambasaddarichi jedhanitti
Ertiraan Itoophiyaarraa cittee walabummaashee labsachuu booda,biyyoonni lamaan waggaa lamaaf lola ijibbaachisaa erga gaggeessanii booda waligaltee waraana dhaabuu Aljersitti mallattessun waraanichi dhaabate.
Itoophiyaan waggoota kurna sadiin dura karaa buufata doonii Asab galaana diimatti ba'aa kan turte yoo ta'u bara 1993 booda Ertiraan walabummaa ishee gonfachuu booda balballi kun itti cufame. Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse. Anga'ootni Itoophiyaa dogoggora qondaaltota yeroo sana turaniin Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu irra deddebiin kaasu.
Kanas ta'e sana erga yeroo sanaatii kaasee Itoophiyaan biyya guddoo fi ummata heddu qabdu kan ulaa galaanaa hin qabne taatee biyyoota ulaa galanaa hin qabnetti dabalamte.
Biiyyota Afrikaa 16 dabalatee biyyota addunyaa 44 ulaa galaana hin qabne keessa kan hanga Itoophiyaa guddoo taate fi ummata heeddu qabdu akk hin jirre ragaan UN kan agarsiisu
Dabalataanis fageenyi biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne handaara galaanaarraa qaban giddugaleessaan kiilomeetira 1370 yoo ta'u fageenyi Itoophiyaa Galaanaa Diimaa irraa qabdu kiilomeetira 60 qofa.
Guddina ishee baay'ina ummataa fi fageenya galaanarraa qabduun Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu akka hin malle ragaaleen kan eeran ta'us ammatti gaaffiin Itoophiyaan yoom ulaa galaana kanatti deebiti jedhu kan yeroon fala itti kennu ta'a












