Dhimma ulaa galaanaa fi rakkoo nageenya biyya keessaarratti Pirezidant Taayyeen maal jedhan?

Madda suuraa, EBC
Barri hojii haaraa mana maree lameenii, Mana Maree Fedreeshinii fi Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa pirezidaantii biyyattii Ambaasadar Taayyee Asqesillaasee bananiiru.
Pirezidaanti Taayyeen Hidha Haaromsaa Guddicha eebbisiisuun, qabeenya uumamaa keessaa Gaazii uumamaa baasuu jalqabnedha. Bara kana piroojektota gurguddaa itti jalqabne fi boqoannaa haaraa itti eegalle tahuun seenaa keessatti kan yaadatamu tahuu shakkii hin qabu'' jedhan.
Jijjiiramaan dura dinagdeen Itoophiyaa liqaa guddaa keessatti kan kufee fi biyya rakkoo liqaa keessa galche ture.
Mootummaan rakkoo faayinaansii turan kan qajeelchu sirreeffama haaraa godheera. Galii mootummaa fi sharafa alaa guddisuun danda'ameera. Dinagdee damee hedduu irratti hirkate gochaa jira.
Itoophiyaan liqaa keessaa akka baatuuf hojiin hojjetame guddaa tahuu kan kaasan Pirezidaanti Taayyeen qonna irrattis hojii mootummaan Itoophiyaa hojjechaa jiru jajaniiru.
Bara 2017 dinagdeen Itoophiyaa %8.8'n guddachuu himan pirezidaanti Taayyee Asqesillaasee.
Qonna irraa bara 2017 keessa oomishni kuntaala biliyoona 1.57 oomishamuu himan.
Warqii irraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humni oomisha Indaastirii isa bara 2016 keessa 59% ture irraa gara 65%tti guddateera.
Oomishni warqii ammoo isa bara 2016 keessa toonii sadii ture irraa bara 2017 keessa gara toonii 38.87tti guddateera jedhan.
Oomishni simmintoo biyyakeessaa isa bara 2016 keessa toonii miliyoona 7.5 ture gara toonii miliyoona 9.1tti guddachuu ibsan.
Pirezidaanti Taayyeen itti dabaluun bara 2017 keessa Itoophiyaan konfiransiiwwan idil-addunyaa tahan 150 keessummeessuus himaniiru.
Gama damee faayinaansiidhaan ammoo baankonni liqaa Birrii biliyoona 822 kennuu ibsan. Isa keessaa 77% kan tahu damee invarsimantii gurguddaaf kennamuu ibsan.
Dabalataan bara baajataa bara 2017 keessa Itoophiyaan oomishaalee ishee alatti erguun yeroo jalqabaaf galii guddaadha jedhame doolaara biliyoona j8.3 galmeessuu himan.
Qaala'insi jireenyaa ammoo isa ji'a Fulbaanaa bara 2016 keessa %19 ture bara 2017 ji'a Fulbaanaa keessa gara 13.9tti gadi siquu himan.
Pirezidaanti Taayyeen miindaa hojjettoota mootummaa fooyya'uu kaasuun mootummaanis bara baajataa bara 2017 keessa osoo Baankii Biyyaalessaa irraa liqaa kallattii hin fudhatiin xumure jedhan.
Hulaa galaanaa argachuu mirkaneessuu
Pirezidaant Taayyeen Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaa qabeenya bishaanii ilaallatu lama irratti ciminaan hojjechuu himan.
Inni jalqabaa rakkoo hedduu keessa galee kan ture Hidha Haaromsaa xumuruun karaa milkaa'aa taheen eebbisiisuudha jedhan.
Kan lammattaa gaaffii hula galaanaa argachuu tahuu kaasan.
Itoophiyaan karaa marii fi dippilomaasii mirga hula galaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jedhan.
Gaaffii hula galaanaa argachuu sadarkaa idil-addunyaatti beekkamtii fi fudgatama argachuu dubbatan.
Isa sadaffaan ammo lammiileen biyayttii biyya alaatti rakkoo keessa galanii turan akak gara biyyaatti deebi'an gochuu ibsan.
Itoophiyaan boqonnaa murteessaa irratti argamti. Yeroon amma keessa jiru ogummaan itti fayyadamuu nu gaafata kan jedhan pirezidaanti Taayyeen Itoophiyaan qormaata ishee mudate keessaa bahaa jiraachuu ibsan.
Wal dhabdee kara nagaa furuu jalqabuu, pirojektota gurguddaa jalqabnee xumuruu keenya Itoophiyaan humna jabaa ijaarrateetti ilaalcha jedhu fideera jedhan.
Ijaarsa warshaa xaa'oo jalqabuu fi gaazii uumamaa baasuu jalqabuu fi pirojektii boba'aa baasuu ijaaruu jalqabuu guddina dinagdee Itoophiyaa kan mul'atu tahuu isaa hin oolu.
Addunyaan yeroo murteessaa fi ce'umsaa keessa jirti kan jedhan Ambasadar Taayyeen kun ammo faayidaas balaas qabaachuu himan.
Kallattii bara 2018
Mootummaan faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf akka oolutti dhaabbilee biyyaalessaa sirna waliin hin darbine ijaaruu akka qabuu fi akka jalqabee jiru himan.
Dabalataan tika biyyaalessaa ilaalchisee kan sirna dhufee darbu waliin hin jijjiiramne ijaaruu irratti akka hojjetu himan.
Pirezidaanti Taayyeen walitti bu'insa biyya keessaa bakkaa bakkatti mul'atan humnaan toora qabsiisuun kan danda'amu tahus, nageenya waaraa fiduuf mootummaan karaa nagaa filachuun irratti hojjeta jedhan.
Oomisha dabaluu, qaala'insa jireenyaa hir'isuu, carraa hojii uumuu fi teeknoloojii irratti mootummaan cimsee akka hojjetu ibsaniiru.
Wal tajjii idil-addunyaa irratti Itoophiyaan adda durummaan akka hirmaattuu fi hojjetus ibsaniiru.
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa bara dhufu gaggeefamu karaa haqa tahee fi bilisa taheen gaggeeffamuu akka qabuu fi mootummaanis kana irratti akka hojjetu himan.












