Dhukkuba du'ayyu taanaan haala baayyee hamaa ta'e akka hin sodaanne nama taasisu beektuu?

Fakkii sammuu namaa

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC

Sodaan amala jijjiirama tirataa ittiin balaarraa of eegnudha. Sodaan waan keessa namaatii yeroo baayyee to'annoon ala osoo hin beekiin nama mo'atudha.

"Dabeessatu lama bula." "Kan sodaatan du'a kan hin oolle du'a." "Uleen dabeessaa sagali." Jechamoonni kunneen sodaan jireenya namaa waliin akka wal qabatudha.

Jireenyi sodaa hin qabne maal fakkaata laata? Namoota baayyeetiif miira sodaan maal akka fakkaatu tilmaamuun rakkisaadha.

Namoonni muraasni garuu jireenya kana keessa jiraatu. Osoo xiyyaararraallee utaalanii namoonni waayyu itti hin fakkaanne jiru.

Qaama isaanii keessa hormooniin adireenaal keessa hin yaa'u; sodaatanii dha'annaan onnee isaaniis hin dabalu.

Joordii Kireenkii kanneen keessaa nama tokkodha. Xannachi hormonii adireenaalii maddisiisu hormanii humnaan ol yeroo omishu dhukkuba mudatu (Cushing's syndrome) qaba ture.

Sababa dhukkuba kanaan hormoonii nama dhiphisu (cortisol) waan maddisiisaa tureef xannacha sana baaseera.

Xannachi Koristirool omishu qaama keessaa erga bahee booda namoota sodaan tokkollee itti hin dhaga'amne keessaa tokkodha.

Taphachiistuu bakka ol ka'aarra ta'ee konkolaaturra (rollercoaster) irra yeroo ba'u waan tokkollee hin sodaatu.

Dhukkubni nama sodaarraa bilisa godhu Harbaach Weeyiz (Urbach-Wiethe) ykn Liipooyid Pirootiinoosis (lipoid proteinosis) jedhama.

Hanga ammaatti namoonni dhukkuba kanaan qabaman 400 qofaadha.

Daa'ima mucoollee re'ee sodaate

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartii dhukkuba kana qabdu baroota 1980oota keessa Yunivarsiitii Yuutaatti qorannoon gaggeeffameera.

Bara 2000tti Jestiin Farntiin garee qorannoo kanatti makame.

"Fiilmiiwwan sodaachisoo walumaa galatti itti agarsiiftullee tasuma miira sodaa hin agarsiifne," jedha ogeessi xiin-samuu kun.

Mala xiinsamuu wallaansa dhiphinaa fi sodaaf kennamurratti qorannoo gaggeessa.

Bofawwan fii sariitiiwwan nama sodaachisan yoo ishee agarsiisanillee sodaa tokkollee isheetti hin uumne.

Innumaattuu bineensota sodaachisan kanatti itti dhiyaatte.

"Baayyeetti itti dhiyaattee ilaaluu fi tuquu barbaadde," jechuun ibsa ogeessi kun.

Dhukkubni kun karaa qaccee sanyiitiin (DNA)tiin kan daddarbudha. Qacceen sanyii ECM1 jedhamu keessatti kan argamudha.

Qaccee sanyii Pirootiniin akka seelonni walitti hidhamanii hojjetan taasisudha.

ECM1 yoo miidhame kuufamni Kaalsiyeemiifi Kolonyiin ni uumama. Seelanni akka du'anis ni taasisa.

Sodaan kan uumamu kutaa sammuu Ameegidilaa jedhamu keessattidha. Dhukkubni kun Ameedidilaa yeroo miidhu namoonni sodaachuu dhiisu.

"Dubartiin qorannoon irrati gaggeeffame kun sodaan itti dhaga'amuu baatus, miiraawwan kaan garuu ni qabdi," jechuun dubbata ogeessi kun.

Ameegedilaan ka'umsa gosoota sodaa gara garaati. Akka qorannoo antuutarratti hojjetaetti, antuunni yeroo elektiriikiin isaan qabu akka isaanitti dhaga'amu taasifamee sagalee erga dhaga'anii booda elektiriikiin qabuun sun sagalee sana waliin waan wal qabataniif yeroo dhaga'anitti sodaa agarsiisu.

Harka namaa

Madda suuraa, Getty Images

Dubartiin qorannoon irratti raawwatme gochawwan akka 'maxibashaa' gubaa qaamasheerra miidhaa geessisan tuquu kan hin raawwanneef waan sodaatteef osoo hin taane murtee sababa qaburra gahuurraanidha.

Wanti dhukkubbii isheerratti uumuu danda'u yeroo ishe emudatu mallattoowwan namni sodaate agarsiisu hin agarsiiftu.

Namoonni bitoos yeroo sodaan itti dhaga'amu hubachuu hin dandeessu. Fuula namootaarraa gaddaafi gammachuu dubbisuu dandeessullee sodaa garuu hin hubattu.

Dubartii qajeeltuu salphaatti nama waliin waliigaluu dandeessu taatullee gochawwan sodaa uuman of keessaa qaban garuu hin hubattu.

Namni waan qara qabu ykn shugguxxii qabate yoo ishee mudatellee hin sodaattu.

"Namoota itti dhiyaachuun isheerra hin jirretti ni dhiyaatti. Eeenyuun amanuu akka qabdu waan hin hubanneef carraa isheen balaa keessa seenuu qabdu bal'aadha," jechuun ibsa ogeessi ciin-samuu kun.

Namoota balali'aa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dhukkubsattuun kun tola-ooltota biroo waliin qorannoo keessatti hirmaatte keessatti, keessummaan hin beekne hanga faana tokko akka itti dhiyaatu hayyamteetti. Hirmaattonni hafan kaan garuu fageenya isaanii eeggachuu filataniiru.

"Namoonni Ameegdilaa isaanii miidhame namoota waliin funyaan walitti dhaabanii dhaabbachuu danda'u," jechuun Ameerikaatti barsiisaan xiin-samuu Aleksaandar Shaakmaan ni dubbata.

Hariiroo hawaasumaa keessatti amala akkamii akka agarsiisnu kan murteessu Ameegdilaadha.

Gosawwan sodaa Ameegdillaa alatti mudatanis jiru.

Qorannoon dhukkubsatuu kanarratti taasifame tokko Kaarbondaay Oksaayidii akka gara qaamasheetti akka galchitu godheera.

Kaarbondaay Oksaayidiin wanta akka sodaan namatti dhaga'amu taasisudha.

Namoota lama biroo Ameegdilaan isaanii miidhame Kaarbondaay Oksaadiin yeroo kennameef sodaan itt dhaga'ameera. Dubartiin adda durummaan qorannoon irratti taasifame kun dhiphina malee sodaan itti hin dhaga'amne.

"Dhiphinni isheetti dhaga'ame sodaa jireenyashee keessatti agartee hin beekne ture," jechuun ibsa ogeessi Jastiin Farntiin.

Sammuu keessa toora sodaa lamatu jiru. Inni tokko yaaddoo keessaatiif yoo ta'u, inni kaan ammoo yaaddoon alaa yeroo uumamu deebii kan kennudha.

Yaaddoon alaa yerpp uumamutti karaa ajaja Amegdiilaan dabarsuun qaamni deebii kenna.

Sammuu kessatti kutaan fakkii, sagalee, fooliifi tuttuqaa hubatu odeeffannoo xiinxalee qaamaaf ergaa dabarsa.

Ameegdilaan hattuun mana cabsee yeroo seenu ykn bofti yeroo dhiyaatutti qaamni akka ofirraa ittisuuf ajaja kenna.

"Rukkuttaan onnee fi dhiibaan dhiigaa kan dabalu yeroo ergaan samuurraa darbudha," jechuun dubbata ogeessi kun.

Yaaddoo keessoo kan jedhamu yeroo Karbondaay Oksaad gara qaamaatti seenu miira dhaga'amudha.

Qaamni ukkaamamuuf akka jiru itti beekama. Sammuun karaa ittiin Oksijiinii safaru waan hin qabneef sirna argansuu to'achuuf dhama'a. Naasuun kan uumamus yeroo kanattidha.

Namoonni Ameegdilaan isaanii miidhame sodaan kan itti hin dhaga'amneef sababa kanaafidha. Dhukkubsattoonni tokko tokko ammoo sodaa gara malee ta'ee deebii kennu.

"Ameegdillaa sodaa gosa hundaa hin uumu. Deebiin hattuuf, bofaaf ykn sariitiif kennamu sodaa keessoo adda ta'edha," jechuun ibsa ogeessi kun.

Namoonni guutummaan guutuutti Amehdilaa isaanii dhaban sodaa dhabuu isaan qaban akka namoota sodaa hin qabnee biroo miti.

Sodaan lubbu-qabeenyyii hoosisan, simbirroota fi qurxummiif qaban sabab jijjiirama tirataatiinidha.

Ofirraa ittisuufi lubbuun jiraachuuf sodaan dirqama isaan barbaachisa.

"Lubbu-qabeessi Ameegdilaa hin qabne bosona keessa yoo gadhiifame sa'aatiiwwan keessatti du'a. Balaan yeroo dhiyaatu arguu dhabuu isaatiin lubbuu isaa isa dhabsiisa," jedha ogeessi xiin-samuu kun.

Dubartiin wallaanamaa jiru kunillee waggaa dheeraatiif jiraatteetti.

Tarii jireeny ammayaa keessatti sodaan akka bara durii barbaachisaa ta'uu dhiisuu danda'a yaadni jedhu ka'umsa ta'aaf.