Fayyaa: 'Dubartoonni hedduun gaggabdoon yoo kufan, dhiironni eeganii gudeedu'

Dubartii gaggabdoon kufte

Madda suuraa, Tunatura

Dhukkubni nama kuffisu ykn gaggabdoon kan uumamu sammuu keessatti hoollannaan elektiriikaa (electrical shock) yeroo gabaabaaf wayita jeeqamudha.

Kana saayinsiitu jedha. Hawaasa keessatti garuu akka addaatti ilaalama. Abaarsa, Seexana, hafuura badaa kkf jedhama.

Aadde Innaat Unatuu biyya Ingiliiz jiraatti. Ilaalcha dogoggoraa hawaasa keessa jiru kanarratti qabsaa'uuf waldaa 'Care Epilepsy Ethiopia' jedhamu hundeessite.

'Dararaa ganna 30'

Aadde Innaat ofumaafuu waggoota 30f dhukkuba gaggabdoon dararamaa turte. Shamarree ganna 18 taatee akka ishee eegale himti. Yeroos Itoophiyaa jiraatti ture.

"Miidhama qaamaa hedduutu narra gahe. Sitti himuu? Dhukkubicha caalaa ilaalchi namaa nama dhukkubsa."

"Namni waan sammuu nama dhiphisu natti dubbata. Fuulli isaan natti agarsiisan na jeeqa ture." Erga gara biyya Ingiliiz deemteen booda haalli sun jijjiiramuu himti.

"As Ingiliiz keessatti gaggabdoon akka dhukkuba salphaa tokkootti ilaala. Jeeqama narvii sammuu keessa jiruuti. Kanuma."

"Ingiliiz keessatti gaggabdoon abaarsa miti. Maal jedhee siif haa ibsu? Akkuma dhibee sukkaaraa ykn dhiibbaa dhiigaatti ilaalama."

Dabalataan yaala fayyaa fi qoricha akka gaaraatti argachuun akka danda'amus himti.

Hiree ishiin gara Ingiliiz erga deemtee argatte ummanni biyya ishee argachuu dhabuun gaabbii akka itti uume himti.

Taatee hoteela Hiiltan fuulduraa...

"Maaltu ta'e seete?"

"Yeroo tokko gara Itoophiyaa deebi'een, hiriyoota koo waliin Hiiltanitti shaayii dhugnee, lafoo gara masaraa biyyaalessaa osoo deemaa jirruu, nama gaggabdoon kufee rakkatu tokko agarre."

"Ani nama sana gargaaruuf yoon gadi itti jedhu, hiriyoonni koo natti iyyan. 'Sitti darba, sitti haa hafu' jedhanii natti iyyan."

Hiriyoonni ishee kun namoota baratan jedhaman ta'uu kan himtu Aadde Innaat, takkaahuu akka gaddite, takkaahuu akka ajaa'ibamte himti.

"Hiriyoonni koo ani barataniiru jedhu akkanatti yoo yaadan, ummanni kaan akkamitti haa yaadu? gaaffiin jedhu hirriba na dhorke."

Taateen hoteela Hiiltan fuul-duratti ta'e kun gara biyyaa deebitee dhimma kanarratti waa hojjechuu akka qabdu akka murteessitu ishii taasise.

"Ulfa ji'a 8 ta'een akka malee kufe"

Innaat Unatuu waldaa 'Care Epilepsy Ethiopia' erga hundeessitee booda kutaalee Itoophiyaa hedduu keessa imalteetti. Seenaa hedduus dhageesse.

Dhukkubbii namoota gaggabdoo qabanii akka lamatti ibsiti. Tokko kan qaamaa, kaan ammoo kan miira ykn hamileeti.

"Ani fakkeenyaaf yeroo baay'ee akka malee kufeera. Keessaahuu waggoota shan jalqabaa bakkuma argettin kufa ture," jetti waa'ee miidhama qaamaa yoo ibsitu.

Sababa kanaan harkii fi ilkaan cabuu akkasumas funyaan dhahamuun akka isheerra gahe himti. "Wal'aansa baqaqsanii hodhuu hedduutu naaf godhame."

"Gaaf tokko ammoo mana hiriyaa kootii dhaqeen, tasa kufe. Harki koo raadiyaatarii mana ho'isu keessa seene. Hiriyaan koo na hin agarre ture. Yoon of baru harki koo sibiila keessa galee walakkaan qunca'eera" jetti.

Innaat Unatuu

Madda suuraa, Enat Ewnetu

Ibsa waa'ee suuraa, Innaat Unatuu - hundeessituu 'Care Epilepsy Ethiopia'

Miidhaan irra gahe hedduu ta'uu kan himtu Innaat, addatti garuu ulfa ji'a 8 taatee waan ishii mudate hin dagattu.

"Ulfa ji'a 8 ta'een funyaaniin dhaabbadhe. Yoon dammaqu mucaa koo waan dhaben se'e, dhiphinni na ajjeesuu gahe. Mucaa fayyaa dahee har'an nan gaaha hin seene," jetti.

line

Miidhaa qaamaan alatti kan xiin-sammuu ni caala jetti Innaat. "Dhugaa natti himi yoo jette, kan miidhama isa kanatu caala."

Kan jalqabaa ilaalchi namni dhukkuba kana qabu tokko ofiif qabu jeeqamaa deemuu akka rakkootti kaasti.

Qorichi nama gaggabdoo qabuuf kennamu saffisa sammuu hir'isuun hojjeta kan jettu Innaat, qaama namaa keessatti bishaan/dhangala'aan akka kuufamu godha jetti. Kun ammoo ulfaatinni qaamaa akka dabalu taasisa.

"Ulfaatinni qaama kooti yoo dabalu, ilaalchi ani ofiif qabu sirrii hin ta'u. Nan mukaa'an ture," jetti.

"Beellama yoo qabaadhe nan dhiphadha. Yoon hiriyoota koo fuul-duratti kufehoo? warri kaan waa'ekoo maal jedhu? jedheen yaadda'a ture."

Kanarraa kan ka'e jireenya kophummaa filachuu fi mana bahuufis sodaachaa akka turte himti.

Dararaa hedduu booda yeroo tokko ofiin mari'attee murteerra geesse.

"Waggaa 6ffaa irratti natti fakkaata, nan murteesse. Gaggabdoon ykn nan balleessa, ykn anatu injifata jedheen murteesse," jetti.

Barnootatti deebitee bulchiinsa hojii daldalaatiin (business management) digirii lammataan eebbifamte. Daa'imas godhatte. Murtee sana booda jireenyi ishii akka jijjiirame himti.

San booda gara Itoophiyaa deebitee namoota akka ishii dhukkubichaan rakkatan gargaaruu eegalte.

Itoophiyaatti waldaa 'Care Epilepsy Ethiopia' erga hundeessitee booda, seenaawwan namoota dhukkuba kanaan rakkatan biroo yoo dhageessu, rakkinni ishiirra gahe salphaa ta'uu akka hubatte himti.

'Dubartoonni yoo gaggabdoon kufan, dhiironni gudeedu'

Baadiyyaatti dubartoota dhukkuba kana qaban, wanti isaanirra gahu onnee nama madeessa jetti Innaat.

"Wayita nyaata qopheessan kufanii abiddi isaan guba. Fuulli isaanii walakkaan kan ibiddaan gubate argeera."

Dhukkubicha hamaa kan godhu yoomi fi eessatti akka kufan wallaaluudha jetti. Hawaasni abaarsa ykn seexana jedhee waan yaaduuf gara mana yaalaa akka hin geessines dubbatti.

Dubartoota gaggabdoon kufanii fuulli isaanii gubate hedduun jiraachuu kan himtu Innaat, fuulli gubachuun ammoo dhukkubicharratti dabalamee jireenya isaanii jeeqa jechuun wanta Jimmatti al tokko ishii mudate yaadatti.

"Mucayyoon gaggabdoo qabdi turte, ibiddarratti kuftee fuulli ishii gubate. Eenyu akka taate baruun rakkisaa hanga ta'uutti fuulli ishii jijjiirame."

Mucaan kun 'imaltoonni naaf kadhatanii yoo ta'e malee, fuulli koo baay'ee waan sodaachisuuf atobisii irratti nan fe'an' jechuun akka itti himte yaadatti Innaat.

Yoom kana qofa kan jettu Innaat gara Miizaan wayita imaltetti ammoo narsoonni waan nama rifaasisu itti himuu dubbatti.

"Dubartoonni gaggabdoo qaban, qoricha ulfa ittisus fudhachuu akka qaban narsoonni natti himan. Maaliif? jedhee gaafannaan 'dubartoonni nu bira dhufan hedduun isaanii eenyu akka isaan ulfeesse hin beekan, dhiironni wayita isaan kufan eeganii gudeeduun' naan jedhan."

"Gudeedamanii ulfaa'u, dhiphinarraa kan ka'e dahanii gatu naan jedhan" jetti Innaat.

line

'Care Epilepsy Ethiopia' miseensota kuma tokkotti siqan horateera.

Hogganaa itti-aanaa waldichaa kan ta'an Obbo Abiy Asiraat, hakimoota tola-ooltummaan isaan waliin hojjetan hedduu qabaachuu himu.

Waldaa Nuurooloojiistotaa waliin ta'uunis akka hojjetan dubbatu. Waldichi dhukkubsattoonni humna hin qabne yoo dhaqan qorichaa fi tajaajila 'imagery' akka (EEG) fi (MRI) kennuun gargaara.

"Namni gaggabdoo qabu tokko qofaa isaa miti kan dhukkubsatu, maatiitu waliin dhukkubsata," kan jedhan Obbo Abiy, "warra harka qalleeyyii hanga mana isaanii deemnee gargaarra, daakuu, paastaa, daayipparii fi kkf qabannee dhaqnee dubbisna" jedhu.

Namoota gaggabdoo qaban gara waldaa kanaa dhufan keessaa kanneen karaa gubbaa jiraatan akka baay'atan himu Obbo Abiy.

Dubartoonni karaarra jiraatan wayita gaggabdoon kufanitti gudeedamanii gara waldaa isaanii dhufan hedduun akka jiranis dubbatu.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti Itoophiyaa keessa namoonni miliyoona 1.5 ta'an dhukkuba kanaan rakkatan jiru.

Ragaaleen tokko tokko lakkoofsi kun miliyoon 5 gahuu akka danda'u agarsiisu.

Biiroo xiqqoo tokko keessatti tajaajila kennaa jiraachuu kan himan Obbo Abiy wiirtuu guddaa banuuf lafa gaafatanii deebii akka dhaban himu.

"Misirroo cidhi torbeen tokko yoo hafu bade"

Dubartoonni gaggabdoo qaban jireenya jaalalaa akkasumas bultii horachuun wal-qabatee rakkoon isaan mudatu salphaa miti.

Ilaalcha dogoggoraa hawaasa keessa jirurraa kan ka'e dhiirotni hedduun, warra baratan jedhaman dabalatee jaalalaan dubartoota kanatti siquu, bultii waliin ijaaranii maatii horachuufis ni sodaatu.

"Mucaa gara waldaa keenyaa dhuftu tokkotu ture. Cidhi ishii torbeen tokko yoo hafu, kaadhimaan ishii bade," jetti Aadde Innaat.

"Kaadhimaan ishii dhukkuba kana akka qabdu ni beeka ture garuu wayita kuftu argee hin beeku. Cidhi isaanii torbeen tokko yoo hafu wayita kuftu argee bade," jetti.

Mucaan kun gara waldaa isaanii dhuftee ofiif osoo hin taane 'haadhakoon salphise' jettee akka malee booyaa akka turte yaadatti Innaat.

Ofii gaggabdoon maali? Yaaliin eessatti kennama?

Gaggabdoon ykn dhukkubni tasa kuffisu dimshaashumatti rakkoo sirna narviiti. Hordoffii yaala fayyaa sirrii godhuun to'achuun ni danda'ama.

Haata'u malee yaaliin isaa hordoffii cimaa fi yeroo dheeraa kan barbaadudha. Qorichoonni isaas yeroo dheeraaf kan fudhatamanidha.

Irra hedduu kutaa sammuu koorteeksi keessatti rakkoon yoo uumamu, kutaa sammuu keessa tamsa'inni dhiigaa yoo gufatu ykn ammoo kutaa sammuu keessa godaannisni ykn xannachi yoo jiraate uumama.

Kanarraa ka'uun sirni narvii jeeqamee, dhukkubsataan daqiiqota muraasaaf eessa akka jiru, maashaaleen isaa diriiranii hafuu fi qaamni isaa hurgufamuun isa mudachuu danda'a.

Kun kan ta'u yaa'i elektiriikii sammuu keessatti yeroo yartuuf yeroo adda citudha.

Yaaliin dhukkuba gaggabdoo duraan hospitaala Amaanu'eelitti kennama ture. Kun namoonni dhukkubichaaf ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan gumaachuu hin oolle.

Wayita ammaa garuu hospitaalota mootummaa fi dhuunfaa kutaa nuurooloojii qaban hundatti yaaliin dhukkuba kanaa ni kennama.

Waldaan 'Care Epilepsy Ethiopia' yaaliin fayyaa dhukkuba kanaa sadarkaa buufata fayyaa irraa eegalee akka kennamu dhiibbaa gochaa jiraachuu hima.