Fayyaa sammuu: Dhiphinni sammuu maali? Furmaanni isaahoo?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiphiinni umamaafi namoota hunda mudachu danda'u jira. Dhiphiinni akkasii kunneenis fayyummaarraa kan maddaniifi namoonni haala gaariin akka yaadan ykn dandeettiin kalaqaasaanii akka dabalu taasisuu danda'u.
Fakkeenyaaf, barataan tokko yeroo qormaanni gahuutti akkan hin kufne jedhee yaaduufi dhiphachuun barbaachisaafi cimee akka qayyabatu kan taasisuudha.
Dhiphinni akkasii kunneenis barnoota ta'ee qormaatawwan jireenyaa dandamachuun akka dabarruufi daandiiwwan fooyya'aa kan nu agarsiisu danda'aniidha.
Gama biraatiin ammoo, barataan tokko qormaata kufuun danda'a jedhee dhiphachuusaa irraa kan ka'e sadarkaa qayyabachuu dadhabuurra kan gahu yoo ta'e, kun dhiphina cimaa (Free Floating Anxiety) jedhamu ta'uu danda'a.
Dhiphinni cimaa ta'e umamuun waan biraa irratti xiyyeefachuu hanga dadhabuurra kan qaqqabnu yoo ta'e, akka dhukkuubbii sammuu tokkootti ilaalamuu danda'a.
Ofii mallattooleefi maddi dhiphina cimaa maal fa'i? Wallaansaan irra fayyuun ni danda'amaa? Jechuun Yunivarsitii Jimaatti hakimii xin-sammuu kan ta'an Dr Eeliyaas Gabruu dubbifneera.
Dr Eeliyaas hojii Yunivarsitichatti kutaa xin-sammuu keessa hoojjataniin alattis, dhimmicharratti hubannoo hawaasaa cimsuuf sagantaalee dadammaqsan adda adda ani qopheessu. Kitaaballee dhimmuma kanarratti barreessaniiru.
Dr Eeliyaas akka jedhaniitti, irra caalaa dhiphinni cimaan gara fuuladuraa maal akka ta'u hubachuu dhabuurraa kan ka'ee maaltu ta'u male jennee kan dhiphannuudha.
''Yeroo tokkootti waa'ee dhimmoota hedduu yaadda'uufi boru maalan ta'a jechuun hojiiwwan kaan dhiisuun taa'anii yaaduu hanga jireenya keenya jeequu qaqabu danda'a'' jedhu.
Dhukkubbii sammuutiin wal qabatees mallattoowwan qaamaa mudachu danda'an jiru. Isaan keessaa, baayyee dadhabuufi boqonnaa dhabuu, tasgabbii dhabuu, yaaddoon baayyachurraa kan ka'e hirriiba dhabuu fi fedhiin nyaataa hir'achuun mallattoowwan ta'u himu Dr Eeliyaas.
Dhukkuubni dhiphiinaa kana caalaa yoo cimee ammo rukkuttaan onnee saffisuu, tasgabbii dhabuu, qufa'u, akka of wallaaluuf jettan yaaduufi yeroo tokko tokkoos of wallaaluun mudachu danda'a jedhu.
Haalonni kunneenis hojii, barnoota, waliitti dhufeenya jaalalaa, maatiifi hirriyoota waliin qabnu irratti dhiibbaa qabaata.
Gama biraatiin ammoo dhiphanni cimaafi mukaa'u cimaan dhimmoota wal qabatanii mudachuu danda'aniidha.
Mukaa'uu cimaan dhibee sammuu kan afaan Ingiliizitiin 'Depression' jedhamu yoo ta'u, yeroo baayyees kan sanyiidhaan darbuun alatti haalawwan garaa garaatiin dhibbee kanaaf saaxilamu akka dand'au himu.
Fakkeenyaaf, yoo nama jaalatan tokko du'aan dhaban gadda cimaan walqabee, dhukkubbiiwwan hojjimaata umama qama keenyaa jeeqan irra ka'uun, dhimmoota nagaa sammuu jeeqan kan akka miidhaa saalaafi qaamaa, akkasumas haala adda addaatiin hawaasa irraa of adda baasuun umamuu danda'a.
''Dhukkubboota sammuu kanneen akka cimsan kan taasisuu dhukkubbiicha qofaa miti. Keessatti dhukkubbiiwwan sammuu gosa baayyee qabatee dhufa. Hawaasa waa'ee dhukkuba sammuu irratti hubannoo gahaa hin qabne keessatti mudate ammo miidhaansaa caalaa olaanaa ta'a. Sababii kanaanis yeroo hedduu dhukkubsattoonni akka ofiirratti tarkaanfii fudhatan qaqabsiisuu danda'a.''
Dhiphiina cimaa wallaanuun danda'amaa?
Dhiphiinni cimaan gosa dhukkuba sammuu akkuma dhibee qaamaa biraatti wallaanamu danda'uudha. Dhibee kanas haala lamaan wallaanuun kan danda'amu yoo ta'u, kan jalqabaa karaa wallaansa qor-qalbiitiin yoo ta'u, lammaffaan ammo wallaansa karaa qorichoota liqifamaniitii taasifaman ta'u dubbatu Dr Eeliyaas.
''Wallaansi xin-sammuu mataansaa ballaafi kan filmaatawwan gosa hedduu qabudha. Hakimii waliin taa'anii mari'achuun akkasumas malawwan saayinsaawaa ta'an adda adda fayyadamuun wallaanuun ni danda'am. Wallaansa karaa qoricha (kiniiniitiin) taasifamunis yoo ta'e, gosa baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, qorichi namoota yoo qormaata galuuf jedhan dhiiphatanii ta'u jira. Kanneen yeroo dheeraaf fudhatan kan jiran yoo ta'u, kaan ammo yeroodhuma rakkinichi mudatu qofaa kan fudhatan jiru.''
Ofii hawaasna hangamiitu rakkoo kana akka dhukkubaatti ilaaluun gara dhaabbilee wallansaa deemuun wallansa argataa jira? Jechuun Dr Eeliyaas gaaffatterra.
''Yeroo baayyee nu bira kan dhufan kanneen dhukkubichi humnaan ol itti ta'eedha. Isaanis yoo ta'e lakkoofsisaanii xiqqaa miti. Gama biraatinis kanneen dhukkubicha hubachuun osoo itti hin jabaatiin kan dhufan jiru. Lakkoofsi saanii garuu baayyee miti.''
Dhukkubni dhiphiinaa cimaan akka mukaa'uu cimaa ta'u baatulleen, namoonni baayyeen keessattuu oggeessoota xin-sammuu waliin dudubbachuufi gorsa fudhachuun, yeroo tokko tokkoos qorichoota fudhachuun akka wallaanaman Dr Eeliyaas ibsaniiru.
Itti dabaluunis dhukkubichi akka yaadmu salphaafi kan namoota muraasa qofaa miidhuu akka hintaane kaasaniiru.
''Lakkoofsi namoota dhibee Kanaan rakkatanii xiqqaa miti. Hawaasni waa'ee dhukkubichaa hubannoo gahaa waan hin qabneefi ilaalchiwwan dogongoraan waan jiruuf, ykn dhukkubsattoonni baayyeen dhibeessaanii ifatti waan hin dubbanneef malee qaamooleen hawaasaa hedduun dhiphiina olaanaa ta'een dhukkubsataa jiru.
Dhibee sammuufi ilaalcha hawaasaa
Osoomallee dhukkubsataan dhibee isaa baree waan hawaasi jedhu sodaaf ifatti hin dubbatu. Dubbiin kuni maatiinis ta'e hiriyyoota gidduu hin dubbatamu.
Inumaa kanneen dhibee kanaa qaban akka dhukkuba kanaan miidhaman baruuf yeroo dheeraa jalaa fudhata. Yookiin immoo haadhuma isaayyuu osoo hin barin hafu.
''Asirratti hawaasa dammaqsuuf hojiin guddaa ni eegama,'' jechuun himu. Mootummaa, miidiyaa, ogeeyyiin damee kanaafi qaamoleen hawaasa gumaacha akka taasisuu qaban dhaamu.
''Dhibeen kuni akkuma dhibee kamuu qunnamuu akka danda'u barsiisuu qabu,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
''Gama kaaniin namoonni dhibeen fayyaa sammuu yeroo isaan qunnamu osoo namatti hin himiin ofumakoon keessa baha jedhanii callisu. Maaloo gara dhaabbilee fayyaa deemuu hin sodaatiinaa?
''Qofaa keessan maaliif rakkattu? Maaliif qofaa hirriba dhabdu? Ogeeyyiin damee kanaan beekumsa bal'aa qaban isin gargaaruu danda'u,'' jechuun Dr Eliyaas waamicha dabarsu.
Akka fakkeenyaatti namni tokko dhibee kaaniin gaafa qabamu akkuma hospitaala deemu, dhibee sammuutiin yeroo dhukkubsataniis mana yaalaa adeemuu qabu jechuun ibsu.
Namoonni wal'aansa ijoo osoo hin taasisiin sochii ispoortii taasisuuniifi hariiroo nama waliin qaban cimsuun qofa dhibee akkanaa fayyisuun hin danda'amu jedhu.
Namni dhibee sukkaaraan rakkatu hakiimni qoricha ajajeefi osoo liqimsuu sochii ispoortii yoo taasiseefi haala soorataa sirreessinaan fayyaan isaa ni deebi'a.
''Dhibeen xiin - sammuus akkasuma natti fakkaata. Namootni osoo isaan biraa hin fagaatiniis kan dhiphinaan rakkatan jiru. Ispoortii kan hin dalagne, haala soorataa kan fooyyessineefi hirriba malee bulan baay'eedha.
''Sababa kanaaf namootni rakkoon wal fakkaataa yeroo isaan qunnamu osoo hin turiin wal'aansa argachuu qabu,'' jedhan.
''Wal'aansa biratti sochii qaamaa taasisuu, haala soorataa sirreessuufi namoota waliin wal arguun faayidaa qaba.''













