Saayinsii fayyaa: Meeshaan sammuu keessa kaa’amu dhiphina hamaa hir'isuu mala jedhame

Pirofessar Kaatiriin Iskangos wayita meeshaa buqqee mataa Saaraa keessa kaa'ame jijjirama fide hordofan

Madda suuraa, MAURICE RAMIREZ, UCSF 2021

Ibsa waa'ee suuraa, Pirofessar Kaatiriin Iskangos wayita meeshaa buqqee mataa Saaraa keessa kaa'ame jijjirama fide hordofan

Meeshaan elektirikaa buqqee mataa keessa kaa’amuun sammuu wajjin walitti qabsiifamu dhiphina garmalee hamaa adda baasuufi wal’aanuuf akka ooluu danda’u saayintistoonni Ameerikaa himan.

Ogeeyyiin kun dhukkubsataa tokkoorratti bu’aa ‘abdachiisadha’ jedhan erga arganii booda kana dubbatan.

Dubartii umrii ganna 36 Saaraa jedhamtu meeshaan kun samuu ishee keessa waggaa tokko dura olkaa’ameef jireenya ishee deebisee gammachuun guutuu (wayyaa’u) himte.

Waanti amma sanduuqa kibiriitii geessu sammuu keessa godhamuun yeroo hundumaa ‘banamee taa’uun’ ykn yeroo barbaaddetti qofaa dhaamsa dabarsitiif.

Qorannoon kunis barruu ‘Nature Medicine’ jedhamurratti ibsame.

Qorattoonni Yunvarsiitii Kaalifoorniyaa, Saanfiraansiiskoo dhukkubsattoota akka Saaraa dhiphina cimaa qaban biroo tarii gargaaruu akka malu abdii qabachuu himuun, garuu yaaliin dabalataan akka barbaachisu himan.

Saaraan nama yeroo jalqabaatiif wal’aansa yaaliirra jiru kana argattedha.

Saaraan wal’aansa dawaa farra-dhiphachuufi yaalii elektrookonvalsiiv jedhamu waggootaaf fudhattullee hin milkoofne turte.

Wal’aansi baqaqsanii yaaluu cimaa ture garuu Saaraan waan itti wayyeeessu kamiyyu argachuun akka caaluuf himteetti.

‘’Wal’aansa kennaman hunda yaalee ifaadheera. Jiruun koo idilee daangeffameera. Guyyaa guyyaan miira dararamuutu natti dhaga’ama. Homaa hin hojjadhu ykn baayyee oliif gadi hin deemu,’’ jette.

Wal’aansi baqaqsanii yaaluu shiboon akka itti galuuf buqqee mataa ishee xiqqeessanii uruu kan dabalatu ture, Kunis sammuu ishee akka dammaqsuuf gargaaruuf ture.

Sanduuqni baatiiriifi dhaamsa maddisiisu qabu gogaa buqqee mataafi rifeensaa gadi lafee keessa kaa’ama.

Wal’aansi kun guyyaa tokko guutuu kan fudhatuufi hadoochituun of erga wallaaltee booda dalagameef.

Saaraan wayita wal’aansarraa dammaqxu gammadaa akka kaate dubbatte.

Wayita meeshaan mataakoo keessa suuqame banamu jireenyi koo battaluma sana wayyoofte.

Jireenyi koo deebi’ee gammachuutti deebi’e,’’ jetti.

‘’Torban muraasa keessatti yaadni of-ajjeessuu na yaachisaa ture narraa bade.’’

‘’Wayitan dhiphachuu garmalee keessa ture, waantin arge hundi jibbisiisaa ture.’’

Waggaa tokkoo as Saaraan fayyaa gaarii qabdi, miidhan maddee sababa kan galfatteef isheerratti mul’ates hin jiru.

‘’Meeshichi dhiphachuu narraa ittiseera, eeenyummaa kootti sirriitti akkan deebi’u na gargaare deebi’e akkan jireenya koo ijaaradhuuf,’’ jette.

Meeshaan kun akkamitti hojjata?

Dr Kaatiriin Iskangos, saayikaatiristiifi qorattuu yoo ta’an, argannoon kun sammuu Saaraa keessatti ‘iddoo dhiphina’’ adda baasuun akka danda’amu muli’seera jedhan.

‘’Iddoo tokko adda baasne, iddoon kun‘ ventral striatum’j edhama. Iddoo ittifufinsan miirri dhiphina ishee itti dhambamsiifame,’’ jedhan.

Saayinstistoonni akka jedhanitti, qorannoon dabalataa wal’aansa kana yaalurratti gaggeeffamuu akka qabuufi namoota biroo dhiphina hamaa keessa jiran gargaaruuf akka oolu adda baasuu murteessuuf barbaachisa jedhan.

Dr Iskangos dhukkubsattoota biroo lama yaalii barbaadan galmeessuufi namoota biroo sagal dabalatan simachuuf akka jiran abdii qabaachuu kaasan.

Ogeettiin kun garaagarummaa dhukkubsattootarratti mul’atu hubachuuf akka isaan gargaaru kaasaniiru.

‘’Mukaa’u ishee mudate guutummaan guututti wal’aanuurra akka geenyu hin barre ture, sababni isaammoo mukaa’u cimaa ture’’jedhan.

‘’Akkasitti yoo ilaalle waa’ee kanaa heddu gammadna’’jedhan.

Ogeessi niwuroosarjinii meeshaa kana buqqee mataa keessa kaa’aniif Dr Edwaard Chaang,’’tooftan akkasii gahaa ta’uu baruuf kuni gahaa miti’’jedhan.

Kun nama tokkorratti kan ta’edha, akka tooftaa wal’aansatti itti fufinsaan akka bu’aa qabaatuf fuulduratti hojii guddaatu nu eeggata jedhan.

Ogeessi Niwuroosarjinii yuunvarsiitii kolleejjii Landan UK keessatti argamu wal’aansi baqaqsanii yaaluu ciimaan akkasii namoota dhukkuubbin itti ciimeerratti qofaa kan hojiirra oolu ta’ulle, tarkaanfii gammachiisaadha jedhaniiru.