'Waa'ee fayyaa sammuu ifatti dubbachuun fayyina hunda keenyaati' - Ogeessa Xiinsammuu

Yaaqabob Takilee

Yaaqabob Takilee Ameerikaa Yunvarsitii Peeniselvaniyaatti barsiisaa xiinsammuuti. Yaaqob barnoonni isaa Kilinikaal Saayikoloojii yoo tahu, hojiin isaa ammoo teeraappistiifi barsiisaa yunvarsiitiiti.

Eertiraatti dhalatee kan guddate yoo tahu erga hojii kana eegalee garuu Ameerikaa jiraata.

Yaaqob hojii isaa keessatti fayyaa sammuu baqattoota Afrikaa keessaayyuu kanneen Itoophiyaa fi Eertiraa irraa baqatan irratti xiyyeeffachuun hojjetta.

Yaaqob baqattoota Itoophiyaa, Eertiraafi Sudaan balaa guddaa, haleellaa saalaafi kaan irra gaheef deeggarsa barbaachisaa godhaaf.

Koroonaavaayirasiifi fayyaa sammuu

Hojiin sababa koroonaavaayirasiin inumaa cimuu kan dubbatu Yaaqob dhiibbaa sammuu mudatu waliin walitti dabalamuun muddama adda addaa waan fiduuf kana salphisuuf hojii guddaa akka hojjechuu barbaachisu hime.

Yeroo weerarichi jalqabe sodaa, qoollifannaa, fi kan kana fakkaatan waan turaniif addatti baqattootni Itoophiyaa fi Eertiraa deeggarsi akka isaan barbaachisaa ture dubbata.

Baqattoota irratti loqoda afaanii mul'atu, garaagarummaa aadaa hawwaasa biyyichaa waliin wal fudhachuu irratti rakkoolee mudatan irratti sabab weerarichaan walirraa fagaachuu fi wal gaafachuu dhabuun sammuu irratti dhiibbaa guddaa qaba jedhan.

Rakkoo kanas furuuf odeeffannoo mootummaan dabarsuufi barbaachisoo tahan biroo dhalattootni Itoophiyaa fi Eertiraa afaan isaan dubbataniin akka isaan gahu akka godhan BBCtti hime.

''Akka aadaa keenyaatti waa'ee fayyaa sammuu ifatti dubbachuun ulfaataa waan taheef warri dubbatan irra ammoo qoollifannaan waan gahuuf dhalattootni Itoophiyaafi Eertiraa eeyyamamoo tahanii gargaaramuu barbaadan hin jiran. Kun ammoo rakkinicha hin balleessu.

Dhiibeen sammuu ammoo itti caalaa waan dhufuuf rakkinichi akka dachaan dabalu godha. Kanaaf ture furmaata argachuu kaniin barbaade'' jedhe Yaaqob.

Yooutuubii akka furmaataatti

Yaaqob yeroo amma interneetiin jiruu namoota jijjiiraa jiru kanatti chaanelii Yuutuubii mataasaa fayyadamuun waa'ee fayyaa sammuu namaa barsiisuu eegale.

Kun dhalattootni Itoophiyaafi Eertiraa qoollifannaa sodaatanis manuma isaanii taa'anii akka odeeffannoo argataniif isaan gargaara.

''Dhugumaan odeeffannoo barbaadan gadi fageenyaan asiin argachuu baatanis namootni osoo hin yaaddahiin nodeeffannoo isaan barbaachisu gurguddaa akka argatan isaan gargaara,'' jedhe Yaaqob.

Yaaqob ''namootni yeroo baay'ee miira isaanii fi waan sammuu isaanii irratt dhiibbaa uumu ukkaamsanii waan qabataniif, adeemsa keessa yoo xiqqaate deeggarsi fayyaa akka isaan barbaachisu hubachuu jalqabu,'' jedhe.

Qoollifannaa fi fayyaa sammuu

Yeroodhaa gara yerootti namootni waa'ee fayyaa sammuu irratti ilaalchi qaban kan sirrataa dhufe tahuu kan dubbatu Yaaqob waggaa shan dura yeroo duulli godhamu deebiin tureefi har'a jiru adda tahuu hima.

Bu'a bahii keessa drbe yoo yaadatus ''waa'ee fayyaa sammuu irratti hubanno kennaa yeroon turetti namootni baay'een kaayyookoo shakku ture, inumaayyuu dhibeen sammuu jiraachuu hin amanan ture,'' jedha.

Akka deeggarsa hin arganne gufuu kan itti tahaa ture ammoo hawwaasa keessaa qoollifannaan na mudata kan jedhudha.

Dabalataan ''rakkoon sammuu namoota baay'eetti yeroo tahe tokko osoma hin beekamiin takkumaan kan gadi bu'u itti fakkaata ture. Haa tahu malee adeemsa keessa yeroodhaa gara yerootti dhiphinni sammuu yeroo irra dedeebiin mudatu haala gaariin deeggarsa osoo hin argatiin yoo hafu waan uumamudha,'' jedhe.

Haa tahu malee osoo koroonaan hin dhufne tahee bara 2020 keessa Ameerikaa fi Kanaadaa keessa deemuun dhalattoota Itoophiyaa fi Eertiraaf dubbii akka taasisuuf gaafatamaa ture hime.

''Rakkoo sammuu yeroo jedhamu nama qullaa deemuu fi dhagaadhaan namoota ari'utu sammuu namootaatti jalqaba dhufa. Kun ammo ilaalcha dogogoraa guddaadha,'' kan jedhu Yaaqob rakkoon sammuu haalaafi bifa adda addaa qabaachuu hima.

Sababa weerara koroonaavaayirasiin waggoota itti aanaan keessatti weerara dhibee sammuu waan arginu natti fakkaata kan jedhu Yaaqob kana ittisuuf dursinee wantoota gochuu qabnu fi irratti dubbachuu qabnu jedhe hima.

Mallaattoolee dhibee sammuu

Rakkoo fayyaa sammuu ilaalchisee wantoota hordofuu qabnu keessaa tokko :

·Dandeettii hojii, fedhii fi barbaachi qabnu xiqqaachuu

·Haalli nyaataa fi fedhiin nyaataa akka nama naasisutti jijjiiramuu [humnaa ol dabaluu yookaan hir'achuu]

·Namoota waliin wal arguuf fedhiin qabnu xiqqaachuu yookiin baduu

·Haalli hirribaa akka nama naasisuun jijjiiramuu [ sa'a dheeraa rafuu yookaan walitti aansuun osoo hin rafiin turuu]tahuu isaanii yaaqob hima.

Akka Yaqqob jedhutti mallattoolee kanneen dursanii beekuun deeggarsa ariifacjhiisaa akka argataniif isaan gargaara.

''Rakkoon fayyaa dhaabbata miti kan jedhu Yaaqob rakkoon fayyaa qaamaa yeroo nu mudatu mana yaalaa deemnee akkuma yaalamnu sammuu keenyaafis yaalii wal fakkaataa gochuun barbaachisaadha jedhe.

Namoota baay'eef rakkoon fayyaa sammuu rakkoo dhaabbataa isaanitti fakkaata. Dhugaan isaa garuu kana irraa kan fagaatedha. Sbabni isaa namni kamiyyuu sababa adda addaan fayyaan sammuu isaa jalaa jeeqamuu danda'a waan taheef'' jedhe.

Yaaqob dhalattoota Itoophiyaa fi Eertiraa gargaaruuf hojiin eegale jalqaba irratti akka argamu himeera. Rakkoo dandeettii afaanii irra jiru irratti hojjechuunis barbaachisaa tahuu himeera.