Fayyaa Sammuu: Namni tokko of ajjeesuun barbaada yoo isiin jedhe maal gochuu qabdu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo namni isin beektan tokko dhibee xiinsammuun akka rakkatuufi of ajjeesuu akka barbaadu yoo isinitti hime maal gochuu akka qabdan wallaaluu dandeessu.
Dhabbata gargaarsa fayyaa xiinsammuu Samaritans’tti tola ooltu kan taaate Aleeksi Dood waa’ee akkanaa irratti maal gochuu akka qabnu BBCtti himti.
“Rakkoo isaanii furuu hin dandeessu, waan isaan keessa jiranis hin beektu,” jetti Aleeksi.
“Ta’us garuu yoo namni tokko yaada of ajjeesuu akka qabu yoo sitti hime, yeroo hunda xiyyeeffannoon dhaggeeffadhuun.”
Bakka isaan itti ifatti haasa’uuf jabina qabaataniifi akka deeggarsa qabanitti itti dhaga’amuu isaaniif uumuun barbaachisaa akka ta’e Aleeksi ni himti.
“Ifatti waan itti dhaga’amu haasa’uu jalqabuutu namoota hedduutti cima.”
Tasgabbaa'i, ittiis hin murteessin
Keessumaa miseensa maatii yeroo ta’u “wanta cimaa ta’e keessaa isa tokkodha” jetti Aleeksi.
“Ta’us garuu isaan ifatti haasa’uu barbaadu, waan biraa yaadu hin danda’ani. Jalqaba irratti ati tasgabbaa’uunkee waan gaaridha.”
“Haala isaan itti haasa’ani uumuufi wantoota akka ati itti murteessaa jirtu fakkeessan irratti gaaffii hin gaafatiin.”
“Gaaffilee akka: ‘Maatiikeetti maaltu dhaga’ama? Yoo ati duute maaltu itti dhaga’ama?’' jedhan gaafachuun akka ati itti murteessaa jirtutti itti dhaga’amuu danda’a.”
Yoo itti murteessite “Haasa’uu dhaabanii lammata deebi’anii ifatti sitti hin haasa’ani.”
Kanarra gaaffi waliigalaa gaafadhu
Wanti jalqabaa Aleeksi gootu nama bilbile sana galateeffachuu fi wanta isaanitti dhaga’amu furuuf akka gargaartu – caalaatti akka isaaniif mijatea akka haasa’an gochuuf akka yaaltu - itti himuudha.
Gaaffileen walii galaa namni tokko ifatti akka haasa’uuf gochuf gargaaran gaariidha. Gaaffilee akka: “Maaliif kun akka sitti dhaga’ame caalaatti natti himtaa? Kanarra akka geessu maaltu si godhe?” jedhii gaafadhu.

Madda suuraa, Getty Images
Kana dura gargaarsa argatanii beeku yoo ta’e ykn namoota isaan gargaaru qabu yoo ta’e gaafachuun ni danda’ama jetti.
“Kun akkamiin akka iddoo kanarra akka ga’aniifi maaliif kanarra darbanii jiraachuu akka hin dandeenyetti akka itti dhaga’ame irratti haasa’uudha.”
Ta’us garuu yeroo hunda gaaffii qofa hin gaafatiin.
“Kun akka isaan haasa’an, haala callisaa isaaniif umuu fi akka isaan onneerraa buufatanii haasa’an goochuudha.”
Yoo barbaachise gargaarsa qaamaa kennaa
Waanti uumamaan nutti dhufu nama sana haammachuu ta’uu danda’a (dhorkii Covid yoo eeyyame), garuu inni ijoo isaaniif haala mijataa uumuudha.
“Namootni tokko tokko haammatamuu hin jaallatani, irraa akka fagaattu barbaaduu danda’u.”
“Garuu yoo nama itti siqxan ta’eefi isaan haammachuun ykn harka qabuun akka isaan gargaaru beektu ta’e, harka isaan qabuu hin sodaatinaa.''
Gara gargaarsa dabalataa itti argachuu danda’anitti isaan qajeelchi
Aleeksi wantoota isaan gochuu danda’an kan akka ogeessa fayyaa haasofsiisu irratti gorsa kennuun akka gaarii ta’e himti.
“Garuu namni sun rakkoo hatattamaa keessa waan jiran yoo sitti fakkaate, poolisii waami.”
Dhumaratti, gargaarsa dabalataa argachuuf tarkaanfii fudhachuun murtee abbichaa akka ta’e himti.
“Ta’us garuu ifatti haasa’uun isaanii gargaarsa akka barbaadaniifi rakkoo isaanii furuu akka barbaadan agarsiisa.”
“Miirri wanta yeroof turudha. Kanaaf bakka isaan itti ‘Kun tarkaanfiikoo itti aanuudha’ jedhan irra ga’uudha.”















