'Jiraachuu keetu murteessaadha'

Madda suuraa, John Govin/Facebook
''Namni si jaalatu jira, galgala kana akka mana dhuftu namni barbaadu jira.''
Qonnaan bulaan Ameerikaa Joon Goovin barana dhaamsa abdii namatti horu ooyiruu qonnaasaarratti haala ergaa dabarsuu isa dandeessisuun tooraan facaasee ergaa isaa dhaammateera.
Goviin dizaayinii ooyiruu qonna boqqolloo isaa keessatti tooraan facaasuun dhimma of ajjeesuurratti hubannoo uumuuf yaaleera. Suura isaas feesbuuk irratti gadhiisuun jireenya namoota hedduu tuqeera.
Dhaamsi isaas'' jiraachuu keetu murteessa, waa'ee of ajjeesuu haasa'i'' jedha wayita dubbifamu.
Barreeffamasaarratti lakkoofsa bilbilaa of ajjeesuu hambisuurratti gorsi itti kennamus barreesseera.
Maanguddoon ganna 55 kun BBC ttti akka himanitti , yaadni kun kan dhufeef ''miseensi maatii kootii tokko jalqaba bara kanaa ji'a Amajjiitti ofajjeesuun booda ture'' jedhan.
Sirna awwaalchaa miseensa maatii isaanii kanarratti ta'uus dubbatu.
''Wixinee daandii ooyruu boqqolloo keessa deemanin ergaa hiika qabdu maatiif ittin dabarsiina'' jedhan.
Waggaa darbe haadha koo dhibeen waa nama dagachiisuu (Alzheimer) qabeef midhaan tooraan facaaseen ergaa dabarseefiin ture.
Toora Feesbuukiirratti ''of ajjeesuun wantoota nu mudataniifi waayee isaa baruun nurra jirudha'' jedhan.
''Jijjirama jireenya namarratti fiduu dandeenya jedheen abdadha, gatii qabachuusaani akka hubatan deeggara jennee abdanaa!'' jedhan.
Goovin lafa heektara 10 irratti dizaayiniin ergaa kana akka qabaaatu ta'e hojjetame kun Kaampanii Utahaa keessatti argamu MAiZE jedhamuun hojjatame jedhan.
''Namoonni 4 suura Diroonii fayyadamuudhaan sa'aatii afurii amma shaniii gidduutti suura kana kaasanii. Hiriyyaan koo buufata xiyyaara bira jiraatu fi xiyyaara balalisisuu suura muraasa kaafatera '' jedhan.
Goovin yaada namni kennuufitti gammaduus dubbate.
''Ani qonnaan bulaadhuma handhuura Ameerikaa jiraatu garuu, dhaamsa kanaan jiruu nama hedduu qaqqabuutti nan gammadaa jedhu.
''Suuraan tokkittiin dhiibba ammasii uumti jedhee yaades hin beeku '' jedhan.
Toora Feesbuukirratti namoonni hedduun waliiif qoodanii kalaqa ergaasaatiif dinqisiifachaa, ofballeessuun jireenyasaanii akkatti miidhe ibsuu jedhe.
'' Obboleessi kee of ajjeesuun wantoota jireenya keessatti si qunnaman keessaa isa jabaadha, nama jaalattu dhabuun ammoo gadda laphee namaa cabsuudha. Toora hojjettee ergaa dabarsite kanaaf atillee galatoomi'' jedhe namni tokko feesbukiirratti yaada kenneef.
''Namni biraanimmoo'' kuni baayee na jeeqa! Maatiin koo yeroo baay'ee rakkoo kanaaf saaxilamaniiru. dhaamsa cimaadha dhuguma jireenya keetu murteessa, galatoomii !'' jedheen.















