Ministirri Muummee UK of ajjeessuu ittisuuf ministira muudde

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee UK Ministira Of-ajjeesuu Ittisuu muudde. Muudamni kun kan taasifame yeroo Ingiliiz yaa'ii dhibbee sammuu adduunyaa isa jalaqaba keessummeessa jirtudha.
Ministirra Fayyaa kan turte Jaakii Dooyle-Praayishojii kanaaf muudamuun rakkoo of-ajjeechaa irratti ilaalcha faallaafi loogii jiru ni fura jechuun Teerressa Meey dubbateetti.
Rakkoon of-ajjeechaa kun hir'ataa jiraatus, wagga waggaan namoonni 4,500 of -ajjeessu.
Muudamni kun kan raawwate, wayita ministiroonniifi angaawwoonni biyyoota 50 ol irra dhufan yaa'ii kanaaf Landoon keessatti argamanitti ture.
Walgahiin Roobirra eegalee gaggeeffame kun - Barreessaa Fayyaa Maat Haankookiin kan qopha'ee wayita ta'u Duke fi Duches Kaambriijis irratti argamaniiru - kunis akka tasaa Guyyaa Fayyaa Sammuu Adduunyaa waliin kan walirra bu'e ture.
''Rakkoo namootarran loogii gahuu (adda baasuu) irra kan ka'e akka qofaatti namni utuu hinbeekiniif dararaman gochuun baay'een isaanii akka of-ajjeessan taasisuu kana hambisuu ni dandeenya,'' jechuun Teerressaa Meey dubbataniiru.
Haasa isaanii kanaa waliniis, tola ooltootaafi kanneen bilisaan gargaarsa godha jiran waggoota afuran dhufaniif hojii si'aanii akka itti fufaniif jecha paawoondii miliyoona 1.8 gummaachuufis waada seenaniiru.

Madda suuraa, Department of Health
Yuunversitii Manchisteritti oggeessaafi qorataa of-ajjeechaa beekamoo keessa tokko kan ta'an Prof. Loo'is Aapelbii, Ministeera Ittisa Of-ajjeecha qabaachuun tarkaanfii 'barbaachiisaadha' jedhaniiru.
Ofiin of-ajjeesuun rakko fayya qofa miti, damee wajjiraalee mootummaa adda addaas kan ilaalatuudha jedhaniiru.
Ministeera qabaachuun ''balbaloota banuun'' waa'ee rakkoo kana irrratti akka haasa'amuufis karaa banuun ni gargaara jedhaniiru.
Haata'u malee, dhibee fayyaa sammuu ilaalchiisee namoonni hedduun mootummaa qeeqaa turaniiru.













