Barbaannaan biyyi du'uuf seerri heeyyama kennu jiraachu beektuu?

Aurelia Brouwers

Madda suuraa, Ronald Hissink/De Stentor

Namni jiraachu hinbarbaanne tokko dhoksaatti yoo ta'e malee ifatti dubbataa ofi yoo ajjeessuu baayyee dhagahame hinbeekamu.

Haa ta'u malee oduun gara biyya Nezarlaandii dhagahame tokko garuu fallaa kanaatti.

Biyya Holaandiitti namni tokko jiraachuuf hinbarbaannee jennaan obbaafachuun (of ajjeessuu)n seer-qabeessa.

Dubartiin Aurelia Brouwers jedhantufi kan olitti mul'attu kunis hin dhukkumne, - garuu jiraachu hinbarbaadu jennaa lubbu ishii akka baaftu hayyamaa argate.

"Ani waggaa 29 guteera. Fedhii tiyya akka du'un barbaadee waan rakkoo fayyaa samuu qabuuf. Hafuuri ani fudhadhuu kamiinuu darara..." jette turte.

Gareen televiisheenii Nezarlaandiis torbaan lamaaf adeemsa du'a dubartii tanaa waraabuun gabaatte.

Torban dhummadu'u ishiitti ammoo yoo maatii waliin-dabarsite, waan hojjachuu jaalatuu rawwattu, bisikleeta magaalaa warra ishee keessa ooftu- bakka reefa itti guban dhaxee, akkasumas iddoo awwaalcha ishii filate mul'atee jirti.

Aurelia Brouwers

Madda suuraa, RTL Nieuws, Sander Paulus

Ibsa waa'ee suuraa, Aurelia Brouwers fi gabaate adii guyyaan tokko ishee hafee waliin

Of ajjeesuun biyya heddu keessatti dhowwaadha, garuu biyya Nezarlaandiittii doktarri yoo dararaama ykn rokkoo fayyaa dhukkubsataa hubachuu yoo murteesse hayyama ofi ajjeessu ni kennama.

Bara 2017 keessa Holaandiitti namoota 6,585 akkanaan du'e.

Cinqii waggaa dheeraatiin kan ka'ee murte du'aatiin na gahe.

"Gaafa waggaa 12 ta'u, ni cinqame. Sababiinsaas jalqaba rakkina 'personality disorder' jedhamu akka qabdu hakiimaan itti himame. Itti aanees, rakkinnichi cimu itti himame. Kanaafu, of ijjeesuu fedhe, yaaddoon keessa galiin sagalee garagaraa dhaga'aa ture,"jette ture.

Jalqaba doktarootii iyyannoo ishiin ofi ajjeessuuf dhiyeeffatte dideen. Kanaafuu, mana murtii deemte iyyachuun akka ofi ajjeefftuuf hayyamaa argate.

Aurelia Brouwers

Madda suuraa, RTL Nieuws, Sander Paulus

Ibsa waa'ee suuraa, Aurelia Brouwers gaafa isiin daa'ima

Erga ofii obbaafachuuf hayyama aragateen torban lamaan booda jireenya ishii itti cimee cinqaaan ofii miidhaa turte.

"Qaamuma kiyyatu deemaa jira malee fagoo duraan du'e. Amma bilisa ta'uu fedha, takka gammachuu hin-argane, yaada gamachuu maal akka ta'e hin beekuu."

Dootii dubartii kanaas falmii guddoo Nezarlaandii keessatti uumee. Addunyaan hundillen waa'ee ishee dhagahe. Namni tokkolleen dootii ishii seer-malee hin jenne. Haa ta'u malee qeeqxooti nami hin dhukkubiin akkamiin dootii hayyamaamteef jedhe gaafate.

Tana irraa yaada garagaraa ka'ee. Fakkeenyaaf oggeessi doktara Kit Vanmechelen jedhaman nama ofii ajjeessuuf barbaadu dhorkuun boodarra of ijjeesuun isa hin ooltuu jedha.

"Seerri kun baayyee nu gargare, namni garii of ijjeesuu barbaada, wallaansa hin fedhu. Du'u qofa fedha.Kanaafu summii kenneefi dararaa ykn rakkina fayyaa dhabuu warraa dhaaba," jedha.

Kan yaada asiin olii kana falman doktari Frank Koerselman ammoo, "Hojii tiyya keessatti dhukkubsatoota heddu ka of ijjeesuu barbaadan arge. Yoo wal'ansa argatan yaada jijjiattu, ta of ijeesan ni jirtu. Nuti garuu ni ta'a jenne eeguu hinqabaannu."

Filmii RTL keessatti Aurelia yeroo 20 of ajjeesuu yaalte, ammo du'u didee jette himte.

Aurelia Brouwers

Madda suuraa, RTL Nieuws, Sander Paulus

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa dhumma ka isiin nyaata suuqii bitachuu dhaxe

Nama dhukkuba akka fayya samuu qabu, waggaa dheera wal'ananiiru, dokatrri kun.

Ammo dubartiin tun, qoricha hanga dootutti nyaachuun waan hin taaneef ofi obbaafachisu qaba jette.

Doktara Frank Koerselman ammo, nama dhukkuba sukaaraa fi dhukkuba bira heddu qabu, waggaa dheeraa qoricha nyaata. Ka garii ni fayya. Kanaafuu, ofi ajjeessuun hinbarbaachisu jedhu doktarri kun.

Halkan du'a ishii, irbaata hiriyaa fi maatii waliin-nyaattee, koflanii, taphatanii dabarsan. Ganama Amajjii 26 baranuma, miidiya hawaasumaa irraatti barreessite.

"Adeemsi kiyyaaf qophaa'e. Wanti-kamuufu galatoomaa. Eegi ammaan booda hin argamuu," jette barreessite.

Maatiin ishee kutaa cisichaa ishee keessatti walti qabamanii akkasumas daktarooti lama dhaqan. Achumaanis summii itti kenne doktarichi, Kit Vanmechelen.

Dursees gaafii tokko gaafadhe jedhe, doktarichi. "Dhuguma of ijjeesuu feetu?" Yoo shakkiin jiraate har'a dhiisee yeroo biraa deebii'a jedhe.

Aurelian ammoo, shakkiin hin jirtu qophaa'e jira jette itti himte. Itti dabaltees, "Summiin ni hadhoofti ni beekaa, garuu dhugee rafa."

Doktarichis isaan booda. egaa waan barbaadu kunoo argataa jirta jedhe abdadha jechuun summicha itti kenne.

Isheenis "Shakkii malee'' jette. Achiinis summii dhugdee, ijjashees duluunfachuun hanga dhumaatti boqqatte.