Jaalala: Namni fayyaafi qaama hir'uu hariiroo jaalalaafi gaa'elaan walitti dhufe akkamiin ilaalama?

Fakkii namoota wal jaallatanii

Hiriyummaa jaalalaa filachuun walxaxaadha. Qaama miidhamaa hiriyummaaf filachuun ittumaa akka qaaniitti ilaaluun namoonni hubannoo dogoggoraa qaban jiraachuu agarsiisa.

Sheen Burkaw nama miidhama qaama qabu wiilcharitti gargaaramudha. Hariiroo hiriyaasaa Haannaa jedhamtu wajjin qabu toora miidiyaa hawaasarratti erga ibsanii namoonni biroo intarneetiirratti qeeqaa turan.

Qeeqi hiriyummaasaanii fudhatama dhabsiisu barreeffamuu hordofuun, jaalalleewwan biroos muuxannoosaanii akka nuuf qoodan gaafanneerra.

Jaalalleewwan lamaan Haannaafi Sheen erga wal kaadhimmatanii booda suurasaanii miidiyaa hawaasarratti qoodanii turan.

"Nuti abbaa warraafi haadha warraati!!" ’jette Haannaan.

‘’Naman ciminasaa beekutti heeerumuukoof nan carroome," ette itti aansite.

Haata'u malee, dhaamsi sana booda isaan qaqqabe tokko akkas jedha ture.

‘’Dhugumatti…hiriyaa saalqunnamtii waliin raawwattu kan biraa qabdii?’’

‘’Dureessa wayiiti?’’....

‘’Yaa Waaqayyoo koo…kun footoshooppiin kan hojjatame ta’uu qaba," jedha.

Ergaan namoota yaada Haannaan jaalalleeshee wiiilcheriirra taa'u waliin suura ka'uun abbaa manaa ishee ta'uu ibsite jalatti.

Sheen fi Haannaan sababni namoonni akkasitti qeeqaniif inni qaama midhamaa ta’uufi, isheen miidhama qaamaa kan hin qabnedha.

Jaalalleewwan lamaan

Madda suuraa, INSTAGRAM / HANNAHAYL

Sheen Burkaw dhibee spinal muscular atrophy’ jedhamuun maashaan qaamasaa laafee, deemsa dhoowwee laamshessuu hordofee, umriisaa gannaa lamaarraa jaqabee wiilchariin deema.

Jaalleewwaan lamaan Ameerikaa, Minisootaa magaalaa Miniyaapoolis jiraatan kun, qeeqni namoonni otoo itti hin yaadiin dhiyeessan qaama miidhamtummaafi jaalallee baafachurratti hubannoo namoonni dogoggoraa qabaachuusaanii agarsiisa jechuun BBCtti himan.

‘’Hawaasni keenya qaama miidhamtoonni hiriyaa gaarii ta’u hin danda’an jedhanii nutti himan," jette Haannaan.

‘’Miidiyaaleerratti qaama miidhamaa wajjin hiriyummaa jaalala qabaachuun akka waan gaariitti hin agarsiifamu, kanaaf namoonni hedduun qaama miidhamaan hariiroo jaalalaa fayyaaleessa ykn sirrii qabaachuu hin danda’an jedhanii yaadu," jetti.

Jaalallee hir'ina qaamaa qaban

Madda suuraa, BBC / DAVID WELLER

Namoonni wayita Sheen fi anaan wajjin nu argan hiriyummaa keenya waan yaadan wajjin walitti araarsuuf yaadaa haaraa uumuu uumuuf dhama'u," jette Haannaan.

‘Miidiyaaleen qaama miidhamtummaa akka hin barbaadamne taasisan’

Bara 2014 qorannoo lammilee Biriteen irratti gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, qorannichaaf saamuda funaaname keessaa namoonni %44 qaama miidhamaa ykn miidhamtuu wajjin saalqunnamtii raawwachuu hin fedhani.

Namoonni % 50 garuu carraan saalqunnamtii wajjin raawwachuu jiraachuu mala jedhanii yaadu.

Sheen nama ganna 28 yoo ta’u, akkaataa sirriin bakka waan hin buufamneef, ‘’hiriyyaa jaalalaa takkaa nan argadha jedhee hin yaadne," jedheera.

‘’Waantin miidiyaarratti arge qaama miidhamtoonni akka hin barbaadamne taasisaniiru," jedha.

‘’Kanarra ka’een namoonni baay’een qaama miidhamaa wajjin hiriyummaa jalaalaa hin filatanii jedhee amanaan ture.’’

Shamarree ganna 24 kan taate Haannaan garuu qaama miidhamtummaan kee nan yaaddessuu jette. Kanaan dura nama wiilchariin deemu wajjin hariiroo hin horanne turte, miidhama qaamaas hin qabdu jedhe.

Dubartii jaalalleeshee hir'ina qaamaa qabu waliin

Madda suuraa, CONTRIBUTOR IMAGE

Namoonni obbolaa nu se’u’

Chaarli fi Ginaa

Chaarliin akkas jedhe: Dhaladhee umriin koo yeroo torban 10 guutuurraa eegalee miidhama sammuun oksjiinii dhabuun walqabatu ‘cerebral palsy’ jedhamuun qaba. Wilcharittin gargaarama.

Madaalli qaama koo eeggachuuf miila koo sochoosuuf na rakkisa.

Ginaafi ani erga waliin jiraachuu eegallee ganni sadii darbeera.

Ginaan miidhamuu qaama kootiif takkaa miirri tasgabbii dhabuu (jeeqamuu) itti dhagahamee hin beeku. Hiriyummaan keenya wayita eegalu gaaffii hedduu na gaafatti turte. Anis itti hin mufanne.

Jalqabarraa eegalte akkan qaama miidhamaa ta’e beekti. Hariiroon jaalala keenya kan guddate karaa toora intarnetiin ture.

Gaafa qaaman wal arginu hariiroo keenya jabeeessineerra. Rakkoonis hin turre. Ilaalchi namoota biroo garuu kan nama diinqudha.

Namoonni obbolaa akka taanetti tilmaamu.

Qaama miidhamaatu hiriyyaa baafate jedhanii yaadurraa, maatiisaa wajjiin alatti bahe jedhanii yaadu.

Namoonni hedduun Ginaan na wajjin jiraachuusheef galateeffatu. Kunis akka nama ishee hin gitne wajjin bu’aa wayii argachuuf na wajjin jirtuutti ilaalu.

Namoonni jaalala gartokkee waan qabnu itti fakkaata. Dhugaan jiru garuu jaalalli keenya akkuma kan namoota kaaanii kallattii garlameedha.

Tarii isheen iddoo isheen itti na gargaartu akkuma jiru, animmoo yaadaan nan gargaara.

Hariiroon keenya akkuma kan namoota kaanitti bu’aa ba’ii, itti-gaafamummaa, kunuunsaafi wal hubannaas qaba. Qaama miidhama ta’uun koo isa kana hin geeddaru.

Fakii jaalalleewwan lamaanii

Madda suuraa, BBC / DAVID WELLER

Ginaan akkas jette…

Akkuma waliin haasa’uu eeggalleen Chaarlii gaaffii yoon si gaafadhe ni mufattaa jedheen gaafadhe. Gaaffi jireenyaati.

Atis na gaafadhuun jedheen, achumaan waliin qoosuu, waliin taphachuutti ceene.

Waggoota sadii keessatti lakkoofsisuu dandeeenye.

Gara alaatti wayita baanu ,hiriyaan koo dhiiraa wiilcharitti gargaarama ykn hojii wayirratti isa gargaaruun qaba wayitan jedhu waan na naasisutu na qunnama ture.

Namoonni biroo qaama miidhamaa kan gargaartu ykn immoo nama maallaqni kaffalamuuf jedhanii hubannoo dogoggora qabaatu.

Chaarlii gargaaruun koo garuu hiriyummaa keenyas hin laaffisne, jaalala nurraa hin fudhanne.

Ani haala kamiiyyu keessatti hiriyaa Chaarliti.

Saalqunnamtiifi qaama miidhamtummaa ilaalchisee saalfiitu jira’

Lusiifi Aruun

  • Lusiin akka jettetti,miidhama qaamaa ‘Fibromyalgia’ jedhamu mallattoolee akka dadhabbii cimaa, dhukkubbii walirra hin cinneen qaba.

Yeroo hundumaa deemuuf ulee ykn waan na deeggaruun barbaada.

Aruun wajjin waggaa lama dura Loosanjilasitti wal barre. Sana booda qaama miidhamtummaa koo otoo arguu na jaalate.

Aruun qaamni koo baay’ee adda akka ta’e hubateera-na kunuunsa, baay’ee na deeggara.

Adeemsa keessa guyyaarra gara guyyaatti deemsa waanin dadhabaa adeemeef, socho’uuf deeggarsa hedduutu na barbaachisa ture.

Nan carroome, Aruun na deeggaraa ture.

Miidhamni qaama koo jalqaba namoonni biroo hin hubatan ture. Adeemsa keessa mul’achaa wayita adeemu namoota muraasa naasisuu eegale.

Namoonni qaama miidhamaa taate saalqunnamtii raawwachuu akka hin dandeenyetti yaadu.

Dhimmichi amma tokko iddoon itti dhugoomu jiraatullee, qaama miidhamtoonni jaalalaafi saalqunnamtii qabaachuu ni barbaadu.

Lornaafi Roob

Madda suuraa, CONTRIBUTOR IMAGE

'Wal kunuunsuun hariiroo jaalalaa hunda keessa jirachuu qaba'

Lornaafi Roob

Lornaan akkas jetti...

Ani Roob waliin waggoota11 turee; erga gaa'ela ijaarrannee ammo waggaa afur ta'eera. Yeroon qoratamee dhibee fayyaa qaama nama dadhabsiisu narratti argamu waggaa torba waliin turreerra. Dhibeen koo sunis daran hammataa dhufee wiilcherii fayyadamuufi yeroo hedduu manatti akkan dabarsu na taasise.

Yeroo fayyaan koo kanarra gahu Roob kunuunsa dhuunfaa kan akka qaama dhiqachuufi sochii guyyaa guyyaa keessatti na gargaruun dirqama itti ta'e.

Sun ammoo caalaatti akka abbaa manaafi haadha manaatti walitti nu fide jechuu nan danda'a. Hanga har'aattis itti fufee walitti nu fudaa jira. Hariiroo jaalalaa keessatti kunuunsa waliif gochuun baayyee walitti nama dhiyessayyu jedheen yaada.

Kana jechuun garuu akka waliif taanuufi waliif galutti of sirreessuun lamaan keenyaafuu salphaadha jechuu miti.

Yeroon ce'umsaa sun anaaf salphaa hin turre, sababiin isaas jireenyikoo akka hin jirre ta'ee jijjiirame. Hojii barsiisummaa koo dhiisuun dirqama natti ta'e. Kun jireenya koo miidhun akkan of jibbullee na godhee ture.

Garuu amma kunuunsa fayyaan argadheefi hojii socho'uu gaafatan inni waan hojjetuuf miirri koo gaariin jira.Yeroo inni waan nyaatan sosocho'ee bilcheessu animmoo wanta nyaata ta'un karoorsa

Dhugaan jiru, hariiroo jaalalaa nama qaama fayyaas ta'e hir'ina qaamaa nama qabu keessa wal kunuunsuun jiraachuu feesisa. Ta'uu baannaan waliin jiraattanii maal hojjettu?

Inni ana waliin ta'uu isaatti ni gammada! Saal-qunnamtii ilaalchisees jireenyi keenya ho'aadha. Sababiin ijoon jireenyi keenya saal-qunnamtii irrattis gaarii ta'eef waan waliin mariyannuuf.