Jaalala: ‘Jaalallee kiyya sanyii biraatti heerumuuf maatiinkoo naaf hayyamuu laata?'

Tumelo fi Ithra

Erga Afriikaa Kibbaatti sirni Appaartaayidiin kufeen booda, dargaggoonni saba biraa waliin hiriyyummaa jaalalaa uummachuun ni danda'u ture.

Haata'u malee, hiriyyummaan saba gurraacha biyyattiifi lammilee hedduun isaanii biyyoota Eshiyaa irraa ta'an kan akka warra Hindootaa amma ammaattuu baayyee xiqqaadha.

Kunis gama warra Eshiyaanotaatiin hayyama maatii kan akka akkoofi akaakilee waan barbaachisuufidha.

Tumeloofi hirriyaan isaa Ithraa hiriyyummaa saba gurraachaafi Eshiyaanoota jidduutti uumameef fakkeenya tokkodha.

Isaani osoo gosa barnootaa medikaalaa waliin baratanuu jaalala walii horatan.

Tumeloon maatii gurraacha irraa yoo ta'u, Ithraan maatii ishe warra Eshiyaarraa dhalatte. Guyyaa jalqabaa maatii hiriyaa isaa waliin wal arge akka hin dagannee dubbata.

''Baayyee natti dhagahameera sababaii tokkommaa keenyaaf fakkeenya gaarii ta'eefuu'' jedha.

"Eeyyeen dhufuu dandeessa garuu akka intala keenyaa Ithraatti si hin ilaallu. Kunis sababii aadaafi amantaa keetiif kan naan jedhan natti fakkaate ture...'' jedha guyyaa jalqaba maatii kaadhimaa isaatiin walitti makamee yoo yaadatu.

Short presentational grey line

Gazexessaan BBC dhiheenya kana hiriyyoota lamaan kanneen magaalaa Johaansibargiitti argee dubbise ture. Isaanis waliin jiraachuuf wantooti murteessoon lama ta'uu akka qabaatu yaadu.

Inni jalqabaa, waliin bakka damee oggummaa hakimummaa ittiin eebifamaniin magaalaa Keeppi Taawwon keessatti argachuuf; inni lammaaffaan ammoo maatii isaaniitti dhimmicha beeksiisuuf yaadu.

''Baayyee sodaadheen jira,'' jetti Ithraan.

" Ani hin sodaannee,'' jedha Tumeeloon, garuu. "Baayyee gammadeen jira,"jedha.

Tumelo fi Ithraa

Ithraafi Tumeloon kan umuriinsaanii lamaanuu 24 ta'an Yunivarsitii Wiits kan Johaansbargiitti argamuutti waliin medikaala barataa turan.

Isaanis waggaadhuma jalqaba barnootaa isaanii irraa kaasuun hirriyyummaa waliin eegalan. Bara sadaffaa yoo galan ammoo caalaayyuu shaayiif waliin bahuu eegalan.

Hiriyyummaan sanyii adda addaa irraa jidduu isaaniitti uumamee kunis garmalee cimaa adeeme.

''Osoo kan hiriyaa shamarree warra adii qabaattee, kun ta'uudhuma mala kan jedhamuudha,'' jedha Tumeloon.

"Haalli kunis ilaalcha sirna Appaartaayidii irraa dhufedha. Namoonni sadarkaa enyummaa namootaa irratti bu'ureffachuun namootaaf kennu."

Ilaallchi sirna Appaartaayidii ilaalcha gadaanaa warra gurraachaaf qabaataa tures bara 1994 wayita Nelsoon Maandeellaa gara aangootti dhufaniitti ifatti hafeera.

Isaan boodas dhaloonni sanyii adiifi gurraacha irraa dhalatan baayyeetu ture.

Afriikaa Kibbaa keessatti ummanni parsantaa 40 ta'u, qaama haala kanaati jechuun ni danda'ama. Akka yaadaattis kan barbaadanitti herumuufi fuudhu ni danda'u.

Haata'u malee, warra gurraachaafi saba Eeshiyaa jidduutti gaa'ila dhaabbachuun hanga dhiyootti waan barame miti. ''Kutaa keenya keessatti mataasaa anaafi ishee qofaatu gurraachaafi eEeshiyaa ta'uun hirriyyummaa hummannee,'' jette Ithraan.

"Nuti gara 300 taana. Garuu hirriyyummaan yoo ilaalte gurraachi dubartii adii waliin ta'a yeroo baayyee.''

Gama sanyii gurraachaafi Eeshiyaanoota jidduutti hiriyyummaa ykn gaa'ila dhaabbachuu ilaaluun rakkoon waan jiruuf dulli '#Blasian' ykn Black and Asian relationship') jedhu midiyaalee hawaasaa irratti baayyataa dhufaa jira.

Maatii Ithraa gara Keep Maalaay bakka hawaasni Eeshiyaafi gurraachi wal makee jiraatuutti dhufuun Afrikaa Kibbaa keessa jiraataa jiru dhalootaaf.

Ithraa erga abbaa ishee kan lammii Indiyaa irraa Keeniyaatti dhalatteen booda gara biyya haadha ishee Johaansbargi deemte osoo waggaa jaha jirtu.

Achitti erga yunivarsitii galuun Tumeloon gurbaa magaalaa keessatti dhalate waliin hiriyyummaa kan eegalte.

Ithraan bilisummaan guddattee. Haatti ishee Raayaanaan kanneen ifatti sirna Appaartaayidii morman keessaayi. Haata'u malee, miseensi maatii hundi hin turree kan walitti dhifeenya ishee ilma gurraacha waliin eegale kan simate.

Haadha Ithraa, Raayaanaa

Jalqaba Ithraan maal akka ta'ee gama maatii isheerraa wanti beektu hin turree.

"Guyyaa tokko manatti bilbileen, akaakkayyuun kiyya akkan mucaa gurraacha waliin hiriyyummaa jalqabde dhaabdu barbaadaniiru,'' naan jette obbooleettiin kiyya.

''Obbolleettiin kiyya mataan ishee natti qoostee akkas naan jette. 'Osoo akkaakkayyuun keenya nama gurraacha waliin hirriyyummaa qabaatee namoonni maal jedhu?' jette. Sababii bu'uura keenyaatiif, wanti ati raawwattu hundi hawaasa keenyaan dafee barama.''

Wayita gaaffiifi deebiin kun ishee waliin taasifameettis, Ithraan akkayyoo ishee waliin omaa hin dubbannee dhimma kanarratti.

Ithraafi obbolaashee lama kutaa nyaanni itti bilcheefamu

"Maatiin kiyya mana namoota gurraachaa seenanii hin beekan,'' jettii haati Ithraa Rapaayaanaan.

Isheenis qofaa gara Johaansbargiitti imaluun ijoollee guddifataa jirti.

Osuma kanaan jiranuu oduu gammachisaan tokko dhagahame. Innis Ithraafi Tumeloo hospitaala wal fakkaatu keessatti ramaddii argatan kan jedhu ture.

Eddoon isaas magaalaa Keeppi Taawoon irraa gara km 1,000 fagaata.

Haalli kun ammoo waliin jiraachuuf carraa banaaf jechuudha. Hanga ammaatti garuu maatii isaanii waliin qofaa qofaa jiraataa jiru.

Dhiheenyatti garuu magaalaa haaraatti imaluuf jiru qofaasaanii. Haatishee yeroo hedduu ejjannoo intala ishee deeggartulleen yeroo tokko tokkoo ammoo miirri addaa itti yoo dhagahamu mullatti.

''Jarri lamaanuu waan sirriitti itti yaadu qaban jira. Keessattuu waa'ee egereesaanii'' jechuun mamii qabdu ibsatti haatii Ithraa.

"Ani gama kiyyaan hangas fageessee yaaduu hin barbaadu. Shamarran yeroo hunda akka iftooma qabaataniif nan ajajabeessa gama kiyyaan. Amma dhimmichi walitti dhufeenya ilma gurraacha waliin umameedha.''

Ithraa fi obbolaa ishee lamaan, Imaan fi Taaleeh

Madda suuraa, Ithra / Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Ithraa fi obbolaa ishee lamaan, Imaan fi Taaleeh

Barreefama haatii ishee midiyaa hawaasummaa irratti maxxansiteenis akkas jette turte. ''Ani gonkumaa ilaalcha sanyummaatiin isin hin guddifneen ture. Garuu dhugaan isaa kun yeroo jalqabaa kiyyaa yoon haala gaa'ilaatiin mana warra gurraachaa seenu, kanas isinuu beektu,'' jettee.

''Duratti sirna Appaartaayidii keessatti maatii keenya maaliif akka ilaalcha garaa garummaa sanarratti hin qabsoofne jedheen itti aara ture.

Maaliif yoo adda nu qoodan tole jettaniin jechaan ture. Yoo isin guddisuus baayyee bilisummaan ture. Amma garuu anis nama. Kana malees, hidda dhalootaan irraa dhufeen qaba,'' jechuun attamiin akka itti dhagahamu himti.

Warra akkayyoo Ithraa yaada akka kennaniif gaafatamanii callisuu filachuu dubbatan. Amma dubbachuun kan keenya osoo hintaanee kan isheeti jedhan.

Jalqabarratti waa'een nama isheen itti heerumuuf filattee baayye nutti hintullee ture kan jedhan warri akkayyoo shamarree tanaa, sirni bulchiinsa appaartaayidii keessa dabarree waan ta'eef nutti ulfaate ture jedhu. Bara sana keessa gurraachi gama tokkoon, warri kan ammoo gara biraatii jiraataa turan.

Haa ta'u malee amma filannoon kan isaanii osoo hintaane kan ishee akka ta'e himu.

Isaaniif fudhatamuuf itti ulfaatulleen omaa gochu akka hindandeenye himu. Sababiinsaas barrii isaa kan bara isaanitiin adda akka ta'e dubbbatu.

Soddaasaanii gurraacha simachu malee filannoo biraa waan hinqabaanneef, akka mana dhufee isaaniin wal baruuf affeerraa taasisaniif.