Fayyaa Sammuu: Namni rakkoo fayyaa sammuu qabu 'isa maraatee huccuu gate qofaa miti' - Dr Yoonaas

Hospitaala Fayyaa Sammuu Amaanu'eel

Madda suuraa, Hospitaala Amaanu'eel/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Nama qorannoon fayyaa sammuu godhamaafi jiru - hospitaala Amaanu'eel

'Ye a'imro hospital tarikoch' ykn Odeessaalee Hospitaala Fayyaa Sammuu' kitaaba ogeessi fayyaa sammuun ispeeshaalaayiz godhan Dr Yoonaas Laaqawu barreessanidha. Hospitaala Fayyaa Sammuu Amaanu'eel keessa kan hojjetan Dr Yoonaas muuxannoo fi mudannoo hojii akkasumas seenaalee adda addaa walitti qabuun kitaabatti jijjiiran.

Waa'ee kitaaba isaanii kanaa fi walumaagalatti waa'ee fayyaa sammuu BBC waliin turtii godhaniiru.

Hospitaalli Amaanu'eel hospitaala fayyaa sammuu tokkicha Itoophiyaan qabdudha. Hospitaalonni biro yaala fayyaa sammuu kennan jiraatanillee, addatti fayyaa sammuu qofa kan yaaluu fi dhukkubsattoota ciibsee kan yaalu (in-patient) hospitaala kana qofa.

Waa'ee hospitaala kanaa wantoonni odeeffaman wantoota wal fakkaatoo fi dhukkubsattoota irratti loogii kan geessisan ta'uu himu Dr Yoonaas.

'Qorichi amanu'eel nama jazbeessa, hakimoonni hospitaala Amaanu'eel hojjetaniyyuu dhukkubsattoota' kanneen jedhan irraa eegalee dhukkubsattoota biratti qoosaaf jedhamanii kan himaman hedduu kaasu.

Wantoonni himaman kunneen dhugaa jiru hin mul'isan kan jedhan Dr Yoonaas, "hospitaala Amaanu'eel keessatti guyyuu hojiirratti wanti nu mudatu kufanii ka'uu namootaa, jaalala maatii, haarsaa haadholiin ijoollee isaaniif kaffalan, cichoomina, abdii fi wantoota akkanaati," jedhu.

Fayyaa sammuu wayita jedhamu huccuu baafatanuu qullaa daandiirraa fiiguu qofa kan itti fakkaatu nama hedduutu jira jedhu Dr Yoonaas.

"Namoota tokko tokkoof ammoo kuniyyuu gahaa miti. Huccuu baafatee qullaa osoo fiiguu, konkolaataan itti dhufee yoo jalaa gore, ni sobe dhukkubsataa miti jedhuun. Osoo dhukkubsataa ta'ee hin baqatu ture," namootni jedhan jiraachuu dubbatu.

"Namootni dhukkuba akka kanaa qaban 100 keessaa lama qofa," kan jedhan ogeessi kun, "kaan uffatee hojii isaarratti kan argamu, kireeffatee kan jiraatu, dirqama hawaasummaa isaa kan bahatu garuu dhukkuba sammuu gara garaa kan qabudha," jedhu.

Dhukkuba sammuu wayita jedhamu namni kan yaadu "huccuu gatanii karaatti bahuu" waan ta'eef namni dafee gara mana yaalaa hin dhufu jechuun ilaalchi dogoggoraa kun qaawwaa guddaa uumuu dubbatu.

"Harka 99 dhukkubsataa sammuu huccuu isaa hin gaannetu baay'ata," jedhu.

'Namni kamuu sammuu dhukkubsachuu danda'a'

"Namni sammuu qabu hundi dhukkubsachuu danda'a," kan jedhan Dr Yoonaas, gosoota dhukkuba sammuu adda addaa agarsiisuuf seenaawwan gara garaa kitaaba isaanii keessatti akka dhiyeessan dubbatu.

Qorannoo sadarkaa idil-addunyaatti godhameen namoota afur keessaa tokko dhukkuba sammuu qaba, Itoophiyaa keessattis akkanuma jedhu Dr Yoonaas.

Hospitaala Amaanu'eel keessa siren 200 ol jira, akkasumas kutaaleen sammuu yaluuf tolfaman adda addaa jiraachuu himu.

Hospitaalichatti namoonni saba, amantaa fi sadarkaa jireenyaa hundarraa dhufan akka yaalamanis himu.

Hakimoota ykn ogeeyyii fayyaa ta'anii kanneen dhukkubni sammuu isaan mudatu akka jiranis himu.

Hospitaala Fayyaa Sammuu Amaanu'eel

Madda suuraa, Hospitaala Amaanu'eel/Facebook

Namoonni dhukkuba sammuu akka "nama maraatee huccuu gate" qofaatti waan ilaalaniif malee gosootni dhukkuba sammuu 300 ol akka jiran dubbatu Dr Yoonaas.

Dhukkuboota tokko tokko namni dhukkuba sammuu ta'uu isaaniiyyuu hin beeku kan jedhan ogeessi kun, "giinga'uu, barnoota heerreega hubachuu dadhabuu, sireerratti fincaa'uu, araada, dhiphina, saal-qunnamtii dadhabuu fi kkf marti dhukkuba sammuuti," jedhu.

Araada fi dhukkuba sammuu

Namoota gara hospitaala Amaanu'eel dhufan keessaa hedduun isaanii dhukkuba isaaniirratti dabalataan araada dhugaatii alkoolii, jimaa, sijaaraa, kaanaabiis ykn kan biroo akka qaban dubbatu Dr Yoonaas.

"Araadni matuma isaatiin dhukkuba sammuuti," kan jedhan ogeessi kun, wantoonni araada nama qabsiisan jedduun jiraachuu himu.

Araadni matuma isaatiin dhukkuba sammuu ta'uu qofa osoo hin taane, dhukkuboota sammuu biro kakaasuu fi hammeessuu danda'a jedhu.

Araada bunaarraa eegalee hanga wantoota jajjaboo araada nama qabsiisan akka dhugaatii alkoolii, sijaaraa, jimaa fi wantoota sammuu nama hadoochan lilmeen fudhataman akka heerooyin, kokeeyin fi kkf jiraachuu himu.

Gara fayyaatti wayita dhufamu ammoo qorichoonni dhukkuba dandamachiisuuf, hirribaf akkasumas yaala biroof kennaman araada ta'anii hafuun, namoonni isa argatan malee socho'uu dadhabu jedhu.

Araadni yeroo hedduu kan eegalu dhiibbaa hiriyaatiin, wantoonni araada nama qabsiisan kunneen salphaatti argachuun yoo danda'amedha jedhu.

"Wantoonni namoonni fayyadamana to'annoo isaanin ala yoo bahu, hariiroo hawaasummaa akka hojii, itti gaafatamummaa maatii fi kaan sirnaan bahachuu dhorkuurra yoo gahu araadatti jijjiirameera jechuudha," jedhu.

Namoonni dhukkuba fayyaa qaban hospitaala Amaanu'eel dhufanii erga fayyaniin booda araadatti deebi'anii jennaan dhukkubni sammuu isaanii yoo itti ka'u arguu himu ogeessi ispeeshaaliistii dhibee sammuu Dr Yoonaal Laaqawu.

Duraan dhukkubsattoota gara hospitaala Amaanu'eel dhufan wantoota sammuu nama hadoochan lilmeen fudhataman akka fayyadaman hin gaafatamu ture kan jedhan Dr Yoonaas, amma garuu gaafachuu eegalamuu himu.

Kanaaf sababni ammoo wantichi baramaa dhufuu fi heddummachaa jiraachuu ta'uu himu.

"Dhiyeenya ogeeyyiin epidimiyoolojii hospitaala Xiqur Anbassaa qorannoo godhaniin Finfinnee keessa qofa namoonni wantoota sammuu nama hadoochu lilmeen fudhatan 4000 jiraachuu adda baafataniiru."

Dhukkuba sammuu fi loogii

Namoonni sammuu dhukkubsatanii yaalamanii fayyan dhaabbata hojjetanitti raga yaalaa isaanii dhiyeeffatu. Sana booda yaadota furmaataa ykn komiiwwan yoo dhiyeessan irra deddeebiin loogiin irra gaha.

Yoo homaa hin dubbatan ta'e garuu osoo rakkoon isaanirra hin gahiin jireenya isaanii itti fufu jedhu.

Kanaaf akka fakkeenyaatti seenaa dhukkubsataa isaanii tokkoo kaasuun himu. Dhukkubsataan kun yaalamee erga fayyee booda, ragaa yaalaa isaa barreessifatee mana hojii isaatiif dhiyeesse.

Sana booda walgahii irratti yaada yoo kennu, waan itti walii hin galle yoo ibsatuu fi komii yoo dhiyeessu hogganaa isaatiin waliigaluu dhabuu akka itti hime dubbatu.

Hogganaan kun raga yaala fayyaa sammuu inni dhiyeeffate eeruun afaan isa qabsiisuufi loogii irraan gahuuf yaaluu himu.

Yeroo tokko dhukkuba sammuu waan qabanif qofa lafa hojiitti guddina kan dhorkaman, hojiirraa kan ari'aman jiraachuu himu.

Sababa loogii fi adda fo'amuun irra gahuuf jecha dhukkubsattoonni sammuu gara mana yaalaa dhufuurraa of qusatus jedhu Dr Yoonaas.

Dabalataan dhukkubni fayyaa yaalamee akka fayyu hubachuu dhabuun akkasumas hafuuraan wal qabsiisuun, namarraa namatti kan darbudha jechuun loogii fi adda baasuun akka jiru himu.

Namoonni dhukkuba sammuu qaban akka hamoo ta'anii fi nama miidhaniitti yaaduun namoonni akka isaan baqatanii fi irraa fagaatanis himu.

Dhugaan jiru garuu namoonni sammuu dhukkubsatan namoota kaan caalaa dacha jaha haleellaan irratti raawwatama jedhu Dr Yoonaas. Haleellaan kunis kan qaamaa, saal-qunnamtii fi kan xiin-sammuu akka ta'e dubbatu.

Maatiinis namoota dhibee sammuu qaban wantoota hedduurraa adda baasanii loogii irraan gahu jedhu.

Duuti firoota isaanii kan itti hin himamne, hojiirraa dhorkamanii TV ilaalaa akka oolan kan godhaman akkasumas waan hin malle jedhamanii kan arrabsaman jiraachuu himu.