Arbaa Minciitti garaa dargaggoo tokko keessaa meeshaaleen qara qaban 30 bahan

Madda suuraa, South Radio and Television Agency
Kibba Itoophiyaa, magaalaa Arbaa Minci keessatti, dargaggeessi umuriinsaa 20'oota keessa jiru tokko, meeshaalee qara qaban garaagaraa 30 ta'an waldhaansa baqaqsanii yaluun gara isaa keessaa baheef.
Dargaggoon kun ji'oota arfan darbaniif rakkoo fayyaa sammuu isa mudaterraa kan ka'e meeshaale qara qaban liqimsaa erga tureen booda, dhiheenna kana wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameef.
Dargaggeessi kun, mana hidhaa keessa akka turee fi rakkoo fayyaa sammuu akka qabu Hoji gaggeessaan Hospitaala Arbaa Minci, Obbo Tamasgeen Tashoomee BBCtti himaniiru.
Gurbaan kun, erga yaala baqaqsanii waldhaanuu argatee, yeroo ammaa haalli fayyaa isaa, sadarkaa gaarii irratti argama jedhaniiru.
Dhukkubsataan kun mana amala sirreessaa magaalaa Arbaa Minci kan jiruu fi yakka dalageef hidhaan waggaa torbaa itti murtaa'ee jira.
Odeeffannoo arganneen dargaggoon kun wayita mana hidhaa seenu akka fayyaa tureedha jedhu hoji gaggeessaan Hospitaalichaa.
Mana hidhaa seenee waggoota muraasa booda rakkoon fayyaa sammuu isa mudatee yaalamaa tures jedhan.
''Osoma akkanaan jiruu ALI guyyaa 27, ji'a 9ffaa keessa garaatu na dhukkuba jechuun gara Hospitaala keenyaa dhufe. Wayita gaaffiin hedduun dhiyaachaafii deemu ani bar mismaaras nan liqimsa odeeffannoo jedhu baasuu eegale.''
Ergasii raaji ka'ee akka ilaalamu taasifamuufi bu'aan argamees garaasaa keessa meeshaaleen hedduun akka jiranii fi keessoon garaasaa hojiin ala ta'uuf akka deemu ta'uu hakiimonni adda baasanii jedhu obbo Tamasgeen.
Bu'aa qorannoo fayyaa booda yaala baqaqsanii waldhaanuu gochuuf murtaa'e.
''Meeshaaleen qara qaban kanneen akka mismaaraa hedduun, lilmoo, sibiilota adda addaa, qalamni ittiin barreessan afur, kirriiwwan hedduu walii galatti meeshaaleen 30 ta'an garaasaa keessaa ba'aniiru.''
''Meeshaalee qara qabantu itti heddummaata waan ta'eef suuta jennee garaachaa fi kutaalee qaamaa garaa keessatti argaman keessaa guurre'' kan jedhan hoji gaggessaan Hospitaalichaa, wal'aansa saniin booda meeshaaleen hundi ba'uusaanii mirkaneeffamuu himan.
'' Yeroo ammaa fayyummaa gaariirra jira'' jedhan.












