Sa'aatii dheeraaf hojjachuun waggaatti 'namoota 745,000 ajjeesaa jira' jedhe qorannoon

Madda suuraa, Getty Images
Akka qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti, sa'aatii dheeraadhaaf hojjachuun waggaatti namoota kuma dhibba hedduu ajjeesaa jira.
Qorannoon sadarkaa addunyaarratti kan jalqabaa ta'e kun akka mul'isetti, bara 2016tti namoonni 745,000 sababii sa'aatii dheeraa hojjachuutiin dhibee onneefi dhiibbaa dhiigaatiin du'an.
Gabaasichi keessattuu namoonni biyyoota Eeshiyaa Baha Kibbaa fi Paasifikii Lixaa keessa jiraatan caalaa midhamoodha jedha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhetti, haalli kunis sababii weerarichaan tarii itti caaluu danda'a.
Qorannoon kunis torbanitti sa'aatii 55 ykn isaan ol hojjachuun dhiibbaa dhigaatiif saaxilamuuf %35 hidhata qaba jedha. Akkasumas torbaniitti sa'aatii 35-40 hojjachuun wal biratti yoo ilaalamu dhibee onneetiin du'uuf %17 balaa olaanaa qaba.
Qorannoon Dhaabbata Hojjattoota Idil-addunyaa (ILO)n hojjatame tokkoo ammoo, namoota sababii sa'aatii dheeraa hojjachuun du'an harka afur keessaa harki sadi kan ta'an kan umuriin jidduugalaa ykn dhiiroota gaheessa jedheera.
Qorannichii kan tibba weerara keessaa kan hinibsine ta'ulleen, qondaltoonni WHO akka jedhaniitti halaala irraa hojjachuun dhiheenya kana dabaleefi haalli dinagdee gadi bu'uun balaa sa'aatii dheeraaf hojjachuun mudatu dabaleera.
''Biyyoonni wayita uggura biyyaaleessaa taasisaniitti, sa'aatii itti hojjatamu %10n guddachuu kan argasiisan ragaalee muraasa qabna,'' jedhan Qondaallii teeknikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Firaank Peegaa.
Gabaasichi akka jedhetti, sa'aatii dheeraaf hojjachuun dhukkuba hojiin walqabatan hunda keessaa kan gara harka sadii ta'u haguuga. Kunis haalicha sababii dhibee hojiin walqabatee isa olaanaa taasiseera jedhan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas amma mindeessitoonni wayita haala balaa fayyaa hojii xiinxalaniitti haala kana xiyyeeffannoo keessa akka galchaniif yaada kenneera.
Akkasumas mindeessitoonni yeroo hojiin hojjatamu daangeessuun omishtummaa kan guddiisu ta'uu kanarraa fayyadamuu qabaatu jedhan Mr Peegaan.
"Rakkina diinagdee amma jiruutti sa'aatii hojii dheeraa dabaluu dhiisuun dhugaatti filmaata gaariidhas'' jedhan.














