Guuriin gurraa daawwitii fayyaa sammuu ta'uu quba qabduu?

Guurii Gurraa

Madda suuraa, ANDRES HERANE-VIVES

Ibsa waa'ee suuraa, Guurii gurraa

Qorattoonni akka jedhanitti, guuriin gurraa daawwitii ykn agarsiiftuu fayyaa sammuu ta’u qorattoonni akeekan.

Qorannoo namoota 37 gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, waanti akka zayita fakkaatee gurraa keessaa maddu(guuriin) hormonii dhiphina kortisool jedhamuu safaruuf fayyada.

Barreessaan qorannoo kanaa Dr Adiriis Hiranii-Vives, qorannoon kun dhibeewwan sammuu akka muka’uu fa’aa adda baasuuf karaa fooyyee saaqa jedhan.

Ogessi kun qulqulleessituu otoo dibbee gurraa hin miidhiin qulquleessuuf fayyadu haaraas kalaqaniiru.

Hormooniin kortisool sammuun keenya dhiphinaaf deebii akka kennu dhaamsa akeekkachiisaa kan dabarsuu yoo ta’u, hormoonii ‘’loli ykn baqadhu’’ jechuudha.

Hormooniin kun dhaamsa akeekkachisaa wayita dabarsu sirna madinummaa qaamaa, bullaa’iinsa sorataa fi haala hirriba dabalatee, sirna qaamaa hundaarratti dhiibbaa uuma.

Haata’u malee, jeeqamu sammuu akka muka’uufi dhiphinaan walqabaturratti qoodni qabu guutummaatti hin beekamu.

Dr Adiriis Hiranii-Vives ogeessi fayyaa sammuu yuunvarsiitii kolleejji Landan institiyuutii niiwuroosaayinsii akka himanitti, maaltu akka hamma horomoonii kortisooli dabaluu fi hir’isuu hubachuu barbaadanii qorannoo gaggeessan.

Ogeessi malli kun ogeeyyiin sakatta’iinsa fayyaa sammuu sirrii ta’e akka gaggeessaniif kan gargaaruullee ibsan.

Dr Adiriis Hiraniin dhibee sirnaan adda baasuun, karaa wal’aansa sirriin kennuuf barbaachisuu tokkicha akka ta’e ibsan.

Kanaafuu namoota kamtu qoricha dhiphina hir’isan fayyadamuu qabu isa jedhu himuuf caalatti akka qorannoon kun fayidaa qabu ibsan.

Hamma horomooni kortisool dhiiga keessatti safaruun kan danda’amu yoo ta’u, yeroo murtaa’eef sadarkaa hormooniin irra jiru agarsiisuuf qofa fayyada.

Qorannoon dhiigaa ofuma isaatiifu garuu kan nama dhiphisu waan ta’eef ragaa dogoggoraa yeroon itti agarsiisulle akka jiru kaasan.

Ogeessi kun hamma kortisoolii qajjisa ykn rifeensaa mataarra samuudda fudhatamuun safaruun akka danda’amu baruuf qorannoo gaggeessaa turaniiru.

Qajjiisa mataa sm3 dheeressuu kanaa baruuf barbaachisa- namni hundi garuu rifeensa ammas dheeratu hin qabu.

Garuu amma hormoomii kortisooli guurii gurraa keessatti argamuutti caalatti amansiisaa ta’uu ibsan.

Hammi hormoonii kortisool samuda qajjisa mataa caala guurii gurraa keessatti argamaa jedhan.

Dr Adiriis Hiranii-Vives akka himanitti, akkuma kannisni sukkaraa gagaa keessatti sukkaara kuufattutti, hormoonii fi waantonni biroos guurii gurraa keessatti akka kuufaman wal bira qabanii ibsaniiru.

Turtii yeroo dheeertuu keessatti malli kun hamma sukkaara dhiiga keessa jiruu fi farreen qaamota alagaa madaaluuf/safaruuf akka ooluu danda’an ibsaniiru.