Qabxiiwwan shan mukaa'uufi miira yaadda'uu ittisuuf gargaaran-waggaa 400 duraafi amma

Robert Burton (1577 - 1640)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kitaabi maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barreeffame

Waa'een kitaabarraa dubbisanii miira ofii of-gargaaruu wayita ka'u dhalli namaa kitaabota qabiyyee haaraan as ba'an filata. Kitaabi mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e garuu hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira.

Kitaabi maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e.

Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qoroomina fayyaa dhala namaafi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kanarra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse.

Barreessaan kun ofiisaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaadaa hammaataa keessa ture, mata duree kanarrattis beekumsa guddoo horateera.

Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu ofirraa qolachuun akka danda'amus kanarraa ka'ee kitaabasaa keessatti qaaccesse.

Garuu qabxiiwwan kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru?

Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti.

Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i?

Shanan isaanii kunooti:

1. Miira ofii hubatanii of-bashannansiisuu

Dubartii sochii raafamuu hojjechaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kanarraa kan ka'e miirri keenya ammoo yeroo baayyee walfakkaataa ta'a.

Burton kitaabasaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha'

Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoorraa kan mudatu ta'uun itti amanama.

Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaamasaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu.

2. Faayidaa bishaan qorraa

Bishaan qorraa keessatti of-darbuun miira namaa haaressa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bishaan qorraa keessatti of-darbuun miira namaa haaressa

Burton kitaabasaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera.

Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton.

Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina.

Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan.

3. Uumamatti michoomuu

Jiraattonni magaalaas uumamatti michoomu, paarkii daawwatu, biqiloota mooraa keessa dhaabu, kana daawwatanii fayyaa argatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattonni magaalaas uumamatti michoomu, paarkii daawwatu, biqiloota mooraa keessa dhaabu, kana daawwatanii fayyaa argatu

Akka Burton kitaabasaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa namarraa kaasa.

Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti.

Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan.

Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe.

Har'as yaadi kun haalaan hojiirra oolaa jira.

Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira.

4. Rakkoo qooddachuun rakkoo salphisa

Burton kitaabasaa keessatti rakkoo ofii walitti dubbachuun akka rakkoo salphisu eereera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Burton kitaabasaa keessatti rakkoo ofii walitti dubbachuun akka rakkoo salphisu eereera

"Karaan ittiin rakkoo nurra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan mit,'' jedhe Burton waggaa 400 dura.

Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha.

Haalli kun miidhamaa biratti amala baratamaa ta'ee yoo ture ammoo rakkocha gara nama biraatti dhiyeessanii furmaata barbaaduun ni ulfaata.

Burton rakkoo mukaa'uu si mudate irra aanuuf hiriyaa qabaadhu jedhaa ture.

Har'a rakkoo mukaa'uu fi yaadda'uun qabamtee mana yaalaa yoo deemtu doktarri dawaa siif ajajuu danda'a, biyyoonni akka Denmaark, Kanaadaa fi UK garuu hariiroo hawaasummaa cimaa akka qabaattan isin gorsu.

Gareedhaan godambaa daawwachuu, dareetti mari'achuu fi rakkoo ofii baasanii hiriyootatti himuu akka dawaatti ajaju.

5. Hojii ofirra hin tuulin, hojii malees hin taa'in

Hojii ofirra hin tuulin, hojii malees hin taa'in

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojii ofirra hin tuulin, hojii malees hin taa'in

Burton kitaabasaa keessatti jireenya madaalawaa qabaachuun akka barbaachisu eereera.

''Hojii jaal'adhu, garuu humnaa ol ofirra hin tuulin,'' jedha.

Tiyooriin isaa hojii tokko-lamaaf yeroo hedduu yoo kennine wantoota nu barbaachisa biroo daganna, kunimmoo jireenya guutuu akka hin qabaanne nu godha kan jedhuudha.

Fakkeenyaaf yeroo keenya hedduu dubbisuu fi barreessuuf yoo kennine, sochiiwwan fayyummaa keenyaaf nu barbaachisaniif yeroo hin kenninu yoo ta'e rakkoon fayyaa nu mudata.

Waan hundaafuu madaala eeguun akka barbaachisu eera.

Fakkeenyaaf akka malee qo'achuu fi boqonnaa dhabuun mukaa'uutti nama geessa jedha Burton.

Adapted from Radio 4's programmes The New Anatomy of Melancholy and In Our Time by Eva Ontiveros.