Fayyaa: Sagaleen meeshaalee manaa fayyaa keessan akka miidhu quba qabduu?

Maashina mana keessaa sagalee baayye baasu

Madda suuraa, Getty Images

Teeknoloojiif haa toluutii jaarraa kana keessaa manni keenya meeshaalee elekitirikiin hojjatan hedduun gutamanii jiru.

Bishaan kan danfuu, bunni kan tumamu, uffanni kan miiccamu, rifeensii kan gogu.... kun hunduu maashinaan ta'a.

Haa ta'u malee, qorattoonni sagaleen meeshaaleen manaa/maashinoonni kunneen baasan yaaddoo itti uumuu dubbatu. Kanaafuu hanga sagalee kanneen safaruuf qorataa jiru.

Laaboraatorii Landanitti argamu tokkos wiirtuuwwan sagalee mana keessaa kana safaru irratti hojjatan keessaa tokko.

Laaboraatorii kana keessattis gosti sagalee hin dhagahamne hin jiru. Kanaafuu, meeshaa sagalee tokko tokkoo mi'a tajaajila mana keessaa kanneeniin uumaman safaruun galmeessutti jira.

Dhaabbanni qorattuun Paappii Isikiilar jedhamtu hudeessite Kaayit Maark jedhamu sagalee maashinoonni baasan safaruun sadarkaan ramada. Kanneen nama hin jeeqan jedheen kan akka rifeensa gogiisuuf oolan, kan uffata miicuu... sadarkaa Q jedhu kenneefiira.

Paappii Isikiilar qorannoo sagalee irratti taasiftu akkasumaan ofumaan hin jalqabne, akaakkayyuun ishee bara 1959tti waldaa sagalee to'atu hundeessanii turan.

Namoonni baayyeen erga sababii koronaavaayirasiitiin mana ooluu baayyiisanii as sagaleewwan maashinoonni uuman qalbeeffachuu akka eegalan dubbatu Paappiin.

''Yeroon baayyeen mana keessatti waan dabarfamuuf sagalee hir'isuuf kanneen barbaadan baayyataa jiru,'' jetti. Kanaafuu, dhaabbanni ishee maashinoonni sagalee gadaanaa qaban akka gabaarratti dhiyaatan barbaada.

Sagalee maashinoonni baasan safaruun sadrkaa kennaa kan jiranis sababiidhuma kanaaf akka ta'e himu.

Sagaleen attamiin safarama?

Sagaleen kan safaramu deessii beel (dB)n yoo ta'u, kan hanga dB 40 baasuu hin jeequ.

Ammatti omishaalee maashinaa sagalee hangamii akka baasan hin ibsamu. Paappiin kana geedaru barbaaddi.

''Sagalee meeshaalee mana keessatti fayyadamnu uuman safaruun omishin kan akka waayyu eeruu kennina,'' jetti.

Dhaabbanni ishee kunis UK keessatti suuqiiwwan maashinoota gurguran adda addaa keessatti galamaa'eera.

Itti-gaafatamaan teeknoloojii Joon Wiils Looreens Miishal akka jedhanitti, lakkoofsi namoota osoo maashinoota hin biitiin dura intarneetii irra waa'ee sagaleesaanii gaafatan baayyataa dhufeera.

Toorri dhaabbata isaanii baatii tokkootti gaaffiiwwan kuma 10 ol keessummeessa.

Keessattuu, namoonni osoo maashinii shaayiifi uffata miican bituun dura waa'ee sagaleesaanii gaafatan hedduudha.

Kanaafuu, gara fuula duraatti namoonni maallaqa baayyee kan baasan meeshaalee sagalee gadaanaa qabaniif akka ta'e tilamaamu.

Sagaleefi fayyaa

Safarri sagalee tokkoo namoota hunda dhukkubsuu hin danda'u ta'a. Sagaleen nama jeequ hundi kaaniitti omaa fakkaachuu dhiisuu danda'a.

Oggeessoonni fayyaa garuu sagaleen nama jeequ dhukkuba onneetiif kan nama saaxilu ta'uu himu.

Miseensa Waldaa Hanqina Guddina Sammuu kan ta'an, Toom Parsar akka jedhanitti, daa'immani hanqina guddina sammuu qabanis ta'e namoonni gaheessoonni sagalee kan hubatan haala adda ta'een.

''Tokko tokkoo keenya sagaleen yeroo ta'e dhagahamu ykn irra deddebiin dhagahamu nu jeequu danda'a. Faallaa kanaan ammoo namoonni sagalee sana dhagahuun gammachisuu ni jiraata,'' jechuun ibsu.

Paappiin namoota manaa sagalee hin qabne jaalatan keessaa tokko. Kanaafuu, omishtoonni maashinaa wayita hojjataniitti osoo dhimma sagalee xiyyeeffannoo keessa galchanii ni gammaddi.

''Maashiniin tokko wayita hojjatamu annisaa qusachusaa, yeroo dheeraaf tajaajiluufi bareedinaaf xiyyeeffannaa kennama. Kanaan alattis osoo dhimmi sagalee xiyyeeffannoo keessa galee gaarii ta'a,'' jetti.