Attamiin akka itti irriba gaarii rafuun danda'amurratti qabxilee muraasa

Dubartii iriba argachuuf yaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Nikolee Baakar namoota hedduu erga weerarri Covid-19 eegalee as irriba fayya qabeessa ta'e dhaban keessaa tokko.

''Nama duraan galgala sa'aatii 3tti irribni qabu irraa nama halkan sa'aatii 9tti irribaa damaquun ta'e. Kunis baayyee yaaddeessaadha sababiin guyyaa hojii kirratti xiyyeeffachuuf baayyee rakkataa waanan jiruuf,'' jechuun waan ishee mudate himti.

Shamarree Nikolee Baakar oggummaa qinddeessituu dhaabbataa ta'uun kan hojjattu yoo ta'u, dhimmi irriba dhabuu yaaddoo keessa ishee galchuu dubbatti.

''Du'a walitti fufaa sababii Covid-19 qaqabuu, waa'ee hojii qabaachuu, waa'ee maatii kiyyaa, imaluudhaaf bilisummaa dhabuufi waa'ee eegeree irratti wabii dhabuun dhugumatti sammuu kiyyarra dhiibbaafi yaaddoo olaanaa qaqabsiiseera,'' jetti.

''Sammuun kiyyaa baayyee dhiphina keessa jira. Walitti fufiinsaan halkaniifi guyyaa dhimma yaadda'uufi fiiguun halkan akkan hin rafne na gochaa jira.''

Nikolaa Baakar irriba dhabuun dubbatti

Madda suuraa, Nicole Baker

Erga yeroo dhihootiin as namoonni baayyeen haala irriba isaanii irratti jijjiramni hedduun mudachuu himan. Dhaabbilee tokko tokkoos haala hojjattoonni isaanii itti irriba gahaa ta'e argatan irratti hojjataa jiru.

UK keessatti baayinni lakkoofsa namoota irriba rafuu dadhabuun (insomnia) mudatuu kan osoo weerarri COVID-19 hin dhufiin duraa namoota jaha keessaa tokko ture irraa gara namoota afur keessaa tokkootti baayyee dabale, akka qorannoo bara darbe Yunvarsitii Saawuzhaamptaniin gaggeeffame tokkootti.

Jechi rafuu dadhabuu (insomnia) jedhu kunis bara 2020 keessa Ameerikaatti kan kana duraa caalaa Google irratti barbaadameera.

Sadarkaan yaaddoofi dhiphannaa dabaluun ammoo rakkoolee irribaa dabaluun rakkoolee guyyaa guyyaa sababii weerarichaan mudataniitti dabalameera.

Hojjattoonni fiixaan bahiinsaan gadi bu'aa waan jiraniif kubaaniyoonni hedduun attamiin hojjattoonni isaanii akka irriba gaarii argatan irratti akka xiyyeeffatan taasiseera.

Mindeessaan Shamarree Nikolee Baakar Dhaabbanni daldalaa Landanitti bu'uurreeffateefi MVE jedhamu dhaabbilee akkasii keessaa tokko.

Wayita weerarichi eegaluutti MVEn deeggarsa nageenya hojjattoota isaaf kennu cimse. Innis karaa gorsa fayyaa sammuu kennuufi mariiwwan irriba irratti xiyyeeffatan, akkasumas appilikeeshiniiwwan xiyyeeffannoo (meditation) bilisaan akka argatan fa'i gochaa ture.

Nikooleenis deeggarsi dhaabbata keessa hojjattuun kennameef kunis akka rakkina irriba dhabuu fooyyeessituuf gargaaru himti. ''Deeggarsi isaa akkan haala jiruufi ummata naannookootti argaman hubadhee, sammuu kiyya xiqqoo tasgabbeessuun boqonnaa argadhuuf na gargaare,'' jetti.

Kaatii Fishar, leenjiiftuu irribaafi hundeessituu Circadian Sleep Coaching yoo taatu, dhaabbileen akka deeggarsa hojjattootaaf kannaniif waliin hojjataa jirti. Yaaddoon dabalaa osoo jiruu mana keessatti cufamanii turuun mataansaa haalli irribaa akka jeeqamuuf gumaacha qabaata jetti.

''Namoonni hedduu baayyee ala waan hin baaneef dafanii hin rafan,'' jetti. ''Kanaaf, damaqina gadaanaa qabaachuun guyyaa keessaa akka duraatti hojjachuu ni dadhabu.''

Kaatii Fishar

Madda suuraa, Katie Fischer

"Dhuggaatti guyyaafi halkan gidduu garaa garummaa qabaachuun ka'anii hojjachuufi galanii rafuu dadhabuun baayyee rakkiisaadha.''

Dhaabbanni beeksisaa idil-addunyaa GroupM jedhamus dhaabbilee Fishar waliin hojjattu keessaa tokko. Achittis hojjattootaaf tajaajila gorsa irribaa tokkoofi tokkoo kenniti.

Dhaabbanni kunis duraanuu maatii hojjatootasaa ta'anii ijoollee xixiqqoo qabaniif tajaajila gorsa-irribaa keennaa ture. Garuu tibba weeraraatti tajaajilichi hojjattoota hundaaf taasise.

Dareewwan kanneen keessattis, Fishar waa'ee seenaa fayyaa namootaa, haalaa dhuunfaafi sababiiwwan rakkoo irribaa isaan mudate kana duuba jiran irratti odeeffannoo walitti qabuun furmaata isaan gargaaru dhiyyeessiti.

Jenefar Haarleey Dhaabbata GroupM tti walta'insi daldala uummataa, deeggarsi irriibaa kennamaa jiru kunis sagantaa fayyaafi nageenyaa kubaaniyichaa keessatti kallattii murteessaa ta'uun itti fufua jetti.

''Irriba gahaa kan hin argannee yoo ta'e, hojjachuuf dandeettii keenya gahaa qabaachuuu hin dandeenyu. Kanaaf, nageenya keenyarratti invasti gocu qabna,'' jetti.

Akkasumas, dhaabbilee waa'ee namoota gammaddoo, fayyaafi kan sirriitti rafan qabaachuuf yaaduu akka qaban yaadachifti.

MVF hojjattoota waliin leenjii gaggeessa

Madda suuraa, MVF

Weerarichaan durayyuu hojjattoota irriba gahaa hin arganne diinagdee UK irratti waggaan dhiibbaa Paawundii biliyoona 40 qaqabsiisaa ture. Sababii hojjattoonni seeraan hin rafne omishitummaansaanii gadaanaa ta'eef ykn waluma faana hojiirraa waan hafanii jedha, qorannoo 2016tti dhaabbilee Rand Europe irraa argame tokko.

Dhaabbanni hedduu haala hir'achuu weerarichaatiin wal qabatee mala hojiitti deebi'uu jijjirraan (hybrid-working model) hojiirra oolchuu eegalan. Kunis yeroo muraasaa hojjattoonni manaa hanga tokko ammoo waajjiraa akka hojjataniif yeroo ni kennaaf.

Fishar dhaabbileen hojii manaa hojjatamuufi jireenya manaa gidduutti daangaan jiraachuu akka qabaatu gorsiti. Namoonni manaa hojjatanis akkuma yeroo waajjiraa hojjataniitti sa'aatiisaanitti akka fayyadaman gafatti.

"Kubaaniyoonni hojjataansaanii irriba gahaa argachuun sammuu nagaan ka'anii guyyaa itti aanu hojii akka eegalaniif gargaaru qaba,'' jetti Fishar.

Akkasumas, namoonni manaa kan hojjatan ta'e ykn waajjira galanii yoo hojjatan, irriba gaarii argachuuf sa'aati itti ganama irribaa kan barame akka hordofaniif gorsiti.

Daldalli, biizinasii, dinagdee haaraan babalchuun haalli hojii daddafee akka geedaramu taasiseera.

Gorsaa hirribaa kan ta'e Maaksi Kirsteen gama isaatiin dhimmoota badaa haala irriba isaaniirratti dhiibbaa qabaatuufi kan tibba weeraraatti bal'inaan barame kaaseera. Innis yeroo dheeraa bilbila ykn taabileetii irratti dabarsuu, sa'aatii irribaatti geemii xabachuun dabarsu eerera.

''Namoonni hojiidhaaf iskriinii irra fagaatu, wayita hojii bahan ammoo iskiriiniitti deebii'u. Akkasumas, wayita rafanittis isikriiniitti deebii'u,'' jedha. Kunis dhimma dhugaatii halkoolii ykn waareen booda ykn halkan kaaffeenii baayyee fudhachuu kan geedaramu miti.''

Maaksi Kiristen

Madda suuraa, Max Kirsten

Ibsa waa'ee suuraa, Maaksi Kiristen dhugaatiin alkooliifi kaafeenii qaban rakkoolee irriibaa caalaa akka cimsan gorsa

Lilii Firenchimaan, hoggantuu hojiiwwan dhaabbata ADE, hojjattoonni waa'ee fayyaa sammusaanii akka dubbatan gochuun furmaata barbaachuuf akka gargaaru himti. Tarii irriba dhabuuf sababiinsaa waan gara biraa ta'uu waan maluufiidha jette.

''Rakkinni hojiis ta'e waan dhunfaa, namni sun gargaaramuu qabaatas,'' jetti.

Namoota irriba sirrii ta'e dhabuun (insomnia)n rakkataniif, akka irriba gahaa argataniif wantoota guutamuu qaban jedheratti Mr Kiristen gorsa qaba.

Kunis kutaan keessa rafamu dukkanaa'aa akka ta'u gochuu. Kanala males, kan tasgabbii qabau taasisuu. Osoo gara siree hin deemiin dura iskiriin fi wantoota hojiin wal qabatan yaadduurraa fagaachuu, akkasumas irriiba jireenya keessaniif dhimma jalqabaa murteessaa gochuun barbaachisaadha jedhan.

''Irribni waan yeroo mijatu qofaa rafamu osoo hin taane, daangaa fixaan bahiinsa keenyaati. Kanaaf, yeroo baayyee murteessaa ta'e kanaaf xiyyeeffannaa gahaa kennuun barbaachisaadha,'' jedhu.