Ifni guyyaa hirriba halkanii gaarii akka kennu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Marsaan hirriba rafuu fi hirribaa ka'uu amala dhala namaa keessaa isa bu'uuraati. Jireenya keenya keessaa harka tokko sadaffaa kan tahu hirribaan dabarsina. Hirriba malee jiraachuunis hedduu ulfaataadha.
Yeroo rafnu sammuun keenya odeeffannoowwan xiinxala, ni yaadata. Qaamni keenya ammoo summiiwwan qaama keessa jiran qulqulleessuun of ijaaree yeroo hirribaa kaanu haala gaariin akka hojjetu taasisa.
Yeroo hirribaa gabaabaanis fayyaa namaa hubuu danda'a. Hirriba malee sa'aatii 17-19 turuun dhugaatii akka maleedhaan maccaa'uu waliin wal fakkaata jedha qorannoon tokko.
Hirriba malee guyyoota 11 ol turuun ammoo dandeettii yaaduu fi amalli namaa akka jijjiiramu taasisa. Waa irratti xiyyeeffachuu dadhabuu fi yeroo gabaabduuf qofa waa yadachuun dhiibbawwan dhufuu malanidha, akka qorannichaatti.
Saayintistootni ammoo ifa uumamaa guyyaa argachuun hirriba gaarii rafuuf bu'aa akkamii akka qabu ifoomsaniiru.
Sa'aatii qaamaa guutuu
Sababii ifni aduu gaarii jedhameefiis sa'aatii qaama keenyaa uumamaan jiru karaa seenseroota ija keenya keessa jiranii sirreessuu waan danda'uufi.
Iji keenya ifaa fi marsaa dukkanaa naannoo keenyaa adda baasuun saffisa ykn sa'aatii qaama keenyaa mijeessuun guyyaan uumamaan alatti uumamuu fi keessi qaama keenyaa akka wal simu taasisa.
Namootni rakkoo ijaa qaban sa'aatiin qaama isaanii keessaa yeroo adda baasu dadhabaa waan tahuuf rakkoo hirribaaf saaxilamuu akka dnada'an qorannichi ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Ifa uumamaa dhabnaan qaamni keenya yeroo lakkaa'uu irratti suuta waan jedhuuf marsaa yeroo sa'a 24 keessatti daqiiqaa 30 dabalaa adeema.
kanaaf ammoo fakkeenya kan tahu dadhabbii yeroo namni tokko xiyyaaraan sa'aatii garaagaraa fi bakka garaagaraa keessa balali'u uumamudha. Yeroo bakka tokko geenyee ifa aduu argannu qaamni keenya akkaataa duraan baretti sa'aatii guutuun yeroo hirribaa nutti hima.
Bara 1800 keessa namootni hedduun alaa dirree irra waan hojjetaniif jijjirama halkanii fi guyyaaf saaxilamu.
Har'a garuu hedduun keenya mana keessa waan hojjennuuf ifa aduu gahaa dhabuu irraa kan ka'e rakkoo hirribaaf saaxilamna.
Fakkeenyaaf qonni UK kessatti bakkeetti hojjetamuu fi qurxummii kiyyeessuun 1% qofa dha. Ifni mana keessatti argannu ammoo akka kan bakkee irraa waan hin taaneef qaamni keenya odeeffannoo yeroo fi sa'a hirribaa uumamaan argachuu qabu argataa hin jiru jedha qorannichi.
Keessumaa biyyootni Awurooppaa hedduun rakkoo kanaan miidhamuu eera.
Hojii halkanii
Qaamni keenya halkan yeroo hirribaaf qophaa'uufi sochiin qaamaa baay'ee xiqqaatutti hojii hojjechuun ammoo miidhaa gara biraadha.
Guyyaa yeroo aduun jirtu hojjechuu kan malan halkan hojjetanii guyyaa rafuun tasumaa adeemsa hojii uumamaa qaama keenya jeequu yoo tahu dabalataan sa'aatii qaamni keenya bu'a qabeessa hin taanetti hojjechuun fayyaas tahu hojicha irrattis dhiibbaa qaba akka qorannichaattii.
Hirribni guyyaa rafanis yeroo gabaabaaf yoo tahu innumtuu qulqullina kan qabu miti jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Adeemsa yeroo dheeraa keessa namootni halkan hojjetan miidhaa fayyaaf saaxilamaa kan deeman yoo tahu umurii jiraachuu danda'an irraas waggoota jahaa ol xiqqeessuu danda'a.
Dabalataan namootni halkan hojjetan 97% kan tahan hojicha waggaa dheeraaf hojjetan iyyuu gahumsa dhabuu irraa kan ka'e milkaa'oo miti jedha qorannoon kun.
Sababni isaa immoo qaamni isaanii waan uumamaan isaaf kenname guyyaa irraa gara halkaniitti jijjiruu waan hin dandeenyeef.
Dabalataan ifni warshaalees tahe waajjira keessa jiru hanga kan uumamaan naannoo irraa guyyaa argamuu hin gahu. Ifni naannoo kan nam-tolchee irra harka 250 caalaa humnaa fi ifa gahaa qaba.
Yeroo namootni halkan hojjetan ganama bahanii gara manaa deemanii rafuuf jedhan ammoo, qaamni isaanii keessaa yeroon kun yerootti hirribaa ka'anidha jedhee ergaa waan dabarsuuf rakkoo keessa galuu malu jedha.
Kanaaf guyyaa ifa aduu argachuun hirriba qaama keenyaaf murteessaadha jedha qorannichi.
















