Miidiyaa Hawaasaa: Garee feesbuukii haadholiin kuma 300 ol keessatti wal-furan, wal gargaaran

Madda suuraa, 'Ye entoch weg'/Facebook
Waa'ee garee Feesbuukii tokkoo isin dubbisiisuuf jenna. Gareen Feesbuukii kun Afaan Amaaraan "Yennaatochi Wagi Sila Lijochi Asitadaadagi innaa Ammagaagabi" moggaasa jedhu qaba. 'Haasaa haadholii waa'ee guddisaa fi haala nyaataa ijoollee' akka jechuuti.
Gareen kun haadha ammaaf maqaan ishee hin himamne tokkoon A.L.I Caamsaa bara 2012 ture kan eegale.
Yeroo booda dhaabbati Feesbuukii garichi cufamuuf akka jiru akeekkachiisa erge.
Akeekkachisichi kan ergame ammoo haadholii fuula kanarratti marii adda addaa mariisisan (moderators) keessaa tokko kan taate Tiinaa Terrefeetti ture.
Ergasii garee Feesbuukii kana kan to'atu Tiinaadha. Tiinaan Ameerikaa jiraatti. Yeroo ishii harka caalu kan dabarsitu garee feesbuukii kanarratti.
Ijoollee ishii lamaan guddisaa waa'ee haadhummaa, guddisaa fi nyaata ijoollee akkasumas dhimmoota kaanis garee feesbuukii kana keessaatti marii adda addaa gooti.
Ishee waliin haadholiin jajjaboon 13 fi abbaan tokko akka jiran himti. Gareen kun miseensota 360,00 ol qaba.
Haadholiin dur yoo buna waliin dhugan, deessuu yoo eebbisan, du'a gayii, cidhaa fi taatee hawaasummaa kaan irratti yoo wal argan waan hedduu waliin mari'atu.
Amma barri 'ammayyaa'ee' yeroo namuu jiruu dhuunfaa isaa jiraachaa jiru kanatti gareen facebook kun haadholiin wantoota jireenya isaanii keessatti isaan mudatu akka waliin mari'atan haala mijeesseefi jira.
Kanaafi Tiinaan "duudhaa hawaasummaa keenya qabannee gara feesbuukii seenne" kan jettuuf.
"Anaaf haati hundi gootadha," jetti.

Haadholiin ifatti kan garee sana keessatti mari'atan caalaa ergaawwan karaa keessoo ergaman akka heddummatan himti Tiinaan.
Haadholii karaa keessaa ergaawwan ergan waliin Tiinaa fi haadholiin 13 akkasumas abbaan tokko ishii waliin hojjetan, ni mariisisu furmaatsa ni soqu.
"Fakkeenyaaf kophummaan kan maraachuuf gahan nu mudatu. Of ajjeesuu kan barbaadan garuu murteessuuf haadholiin rakkatan nu mudatu" jetti Tiinaan.
"Keessaahuu kun kan mudatu mukaawuu dahuumsa booda ykn (Postpartum Depression) waliin wal qabateeti. Wanti isaan nuuf barreessan baay'ee nama rifaasisa."
"Mucaakoo ji'a jahaa ajjeesi ajjeesi na godha jettee haati tokko naaf barreessite" jetti.
"Nan rifadhe, maal gochuu akkan qabun wallaale. Dhiifama obboleettiikoo siif bilbiluun jedheen, kun waan erga barreeffamaan haasa'amu miti," jetti.
"Amma eessa jirta?"
"Manakoo"
"Mee gadi bahi yaa obboleettii koo"
"Tole"
"Maaltu sitti mul'ata?"
"Ifa..."
Akkana akkana otuu jedhanii sa'aatii dheeraa waliin haasa'uu himti Tiinaan.
"Sududaan ogeessa fayyaa sammuu akka dubbiftu itti himnaan na didde," jetti.
Yeroo keessa walitti dhiyaannee, wal hubachuu eegalle kan jettu Tiinaan dubartiin kun "nama itti dhiyaatu hin qabdu, bultii ishiittis gammadduu miti" jetti.
"Yaadni badaan akkanaa kan ishii rakkisuuf edaa waan nama of biraa hin qabneefi, nama dheebotte. Gara garee keenyaa kan ishii fides kanuma," jetti.
"Ergasii gaaf tokko, Tiinaakoo miirri mucaakee ajjeesi ajjeesi naan jedhu tasuma narraa bade naan jette, akka gaaf sanaatti bu'aa gareen "የእናቶች ወግ" buusetti gammadee hin beeku," jetti.
Haati biraa ammoo "kanarra nagahe, hin dandeenye, of ajjeesuu qofan barbaada jettee karaa keessaa naaf barreessite" jetti.
"Of ajjeesuun bar salphaadha. Garuu akkamiin haati mucaa qabdu of ajjeesti? Mucaakee caalaa yoo of jaalatta ta'e of ajjeesin jedheen" jetti Tiinaan.
"Daa'imni bar nyaataa caalaa si barbaaddi, yoo ofitti qabdee hammatuyyuu ni quufti, jennaaniin boochee tasgabboofte" jetti.
Booda gorsa ogeessaa akka argattu goone jetti.

Bultii koo gatee bahuufi, mucaa koo arraba xiqqoo mursiisuu?, mucaa intalaa koo dhaqna qabsiisuu?, mucaan koo ji'a lamaa naaf furdachuu dide, maal godhu? kanaafi gaaffilee kana fakkaatan hedduutu dhiyaataaf.
Gaaf kaan "mucaakoo toonsiliin qabee, nyaatas hafuura baafachuus rakkataa jirti, ho'i qaama ishee baay'ee dabaleera akkam godhu jettee haati tokko nuuf barreessite" jetti Tiinaan.
Daftee mana yaalaa akka geessitu itti himanis hin dhageenye. Booda akkuma ta'etti mana yaalaa geessitee lubbuun mucaa ooluu himti.
"Osoo nutti hin barreessine ta'ee silaa maaltu ta'a jedhee yoon yaadu nan rifadha" jetti Tiinaan.
Namootaaf gargaarsa gochaa akka jirru kan natti mul'isu wantoota akka kanaati jetti.
Haadholiin hedduun rakkoon keessa darban wal fakkaata kan jettu Tiinaan yoo waliin mari'atan, haadholiin biraas rakkina akkasii keessa darbuu yoo dhagaahan akka salphatuuf himti.
Fakkeenyaaf haati ulfi irraa bahe tokko, nuyis wanti akkasii nu mudateera, ykn haadholiin isaan mudate jira jennee yoo jajjabeessinu dafanii gadda keessaa bahu jetti.
"Nama rakkoo keessa jiruuf rakkinichi hanga tulluu guddatee itti mul'ata. Nuti furmaata ishii xiqqoodha kan kennuufi yaallu," jetti.
'Abbaa warraakoof hojii naaf barbaada'
Haadholiin garee kana keessatti gorsa qofaan osoo hin taane, gochaanis wal gargaaru.
Fakkeenyaaf mucaa koo waanan ittiin guddifadhu galii hin qabu yoo jette haati tokko, olii gadi jedhanii hojii barbaadanii wal qacarsiisu.
Kaan ammoo 'abbaa warraa koof hojii naaf barbaadaa' yoo jettes, maal barate?, eessa jira?, ani obboleettii koo biratti nan qacarsiisa waliin jedhanii wal furu.
Haadholii ijoollee isaanii wal'aansisuu hin dandeenye, manneen yaalaa dhuunfaa waliin dubbatanii akka yaalsifatan, kanneen gorsa seeraa barbaadan ammoo ogeeyyii seeraa waliin akka qunnamsiisanis himti Tiinaan.
"Gaaf gaaf haati maallqa abukaatoof kafaltu yoo hin qabaanne, numa gidduudhaa ogeettiin seeraa tokko, koottu ani bilisa siifan dhaabbadha yoo jettuun agarra. Karaa keessaa wal-qunnamanii wal gargaaru," jetti.
"Yeroo tokko tokko kun garee feesbuukii osoo hin taane, dhaabbata guddaa ta'ee natti mul'ata," jetti Tiinaan.
Dahuu jala gaheera na eebbisaa jettee, dubartoonni kumaatamni yoo eebbisan, erga hoofkaltees nagaan hiikameera mucaa koo naa eebbisaa jettee akkasumas kumaatamni, tuu ...tuu jedhanii yoo eebbisan gammachuu guddaatu itti dhaagaahama jetti.
'Ulfaa'eera moo hin uulfoofne?'
Wantoonni kaan garee kana keessatti haasa'aman ammoo waan kolfaati.
Fakkeenyaaf haati tokko firiijii ykn kattanneessaa moofaa birrii kuma 6n narraa bitaa jettee maxxansitee, qoosaan itti qoosame firiijichumayyuu cabbii gochuu hin oolle.
Kaan ammoo 'ulfaa'eera moo hin uulfoofne?' jettee gaafattee, gariin ulfoofteetta yoo jedhaniin gariin ammoo lakki hin ulfoofne jedhaniini wal falmu.
Akkami wanti kun sagalee caalmaan murtaa'amoo nama jechisiisa.
Haati tokko mucaan koo qaamni ishii ni guba yoo jette, gariin kana jedha gariin ammoo sana jedha.
Maarree haadholiin salphaadhumatti gorsa namni tokko barreesse dhagaahanii waan daa'ima isaanii balaaf saaxilu gochuu danda'u kan jettu Tiinaan kanaaf imaammata jabaa akka qaban himti.
Nuti gorsa ykn gargaarsa jalqabaa kennina malee ogeeyyii bakka hin buunu jetti.
Waa'ee qorichaa fi yaala fayyaa maxxansuun akka hin danda'amne dhorkinee jirra jetti Tiinaan. Haadholiin waa'ee kanaa gaaffii akka gaafatanis ta'e gorsa akka kennan hin jajjabeessinu jetti.
Haadholii kudha afran fi abbaa tokkicha
Gaaffileen guyyaa guyyaan garee kana keessatti gaafataman ykn ammoo karaa keessaa ergaman dhibbaan lakkaa'amu.
"As Ameerikaa halkan yoo ta'u, biyyaa ammoo guyyaadha. Garaagarummaa sa'aatii 11 qaba. Haadholiin wanti ariifachiisaan isaan mudatu hedduu waan ta'aniif gaaf tokko tokko taa'ee otuman deebii kennuu natti bari'a," jetti Tiinaan.
Ishii waliin garecha keessatti dabareen kan mariisisan ykn deebii kennan haadholiin biroo 12 fi dhiirri 1 jiru.
Torbeetti haala idilee ta'ee wal arganii, qaboo yaa'ii qabachaa mari'atu.
Qaamaan wal arganiis manneen barnootaa fi buufataalee fayyaatti leenjii ni kennu.
Gara fuulduraatti garee kana gara TV fi Raadiyootti guddisuuf yaada qabu. Kanas Youtube irratti tokko jedhanii eegalaniiru. Gara dhaabbataatti jijjiiruufis hojjetaa akka jiran himu.
Garee biraa "መልካም ቤተሰብና ልጆች አስተዳደግ" jedhu bananiis hordoftoota kuma 50 horataniiru. Inni kun ammoo 'Maatii gaarii fi guddisa ijoollee' akka jechuuti.
Dhiironni tokko tokko garee haadholii keessatti hirmaachuu ni sodaatu, isaaniif carraa bal'isuuf jenneeti kana kan banne jetti Tiinaan.
Amma amma sududumaan haadha warraa isaaniin afeeramanii garee haadholii kanatti kan makamaniifi hirmaannaa gaariis kan godhan abbootiin akka jiran himti Tiinaan.
Abbaan warraa haadha warraa isaa hin hubanne, kan haati warraa isaa mana ooluun dhibaawummaa itti fakkaatu jiraachuu mala.
As keessatti dadhabbii haadholii yoo argu, waan isaan barreessan yoo hubatu, daa'ima guddisuun, mana bulchuun waan salphaa akka hin taane ni galaaf jetti.
"Fakkeenyaaf seenaa tokko sitti hima, obboleessi keenya tokko Itoophiyaan ala jiraata ture. Garee keenya keessatti baay'ee hirmaata. Booda seenaa isaa wayita nutti himu, haati warraa isaa ulfa taatee konkolaataa osoo ooftuu balaa irra gaheen paaraalaayizdi taate.
"Mucaa isaa guddisuun dirqama isaa ta'e. Garee keenyatti makamee akkamiin mucaa isaa akka guddisu, haadha warraa isaas akka kunuunsu barate," jetti.
Booda haati warraa isaa jalaa boqottee jennaan, mucaa isaa ganna tokkoo walii hafe. Amma dhaabbiin garee kana keessatti hirmaata.
Tiinaa fi haadholii 12 biroo waliin ta'uun garee kana kan to'atuufi kan mariisisu tokko dhiiradha.
"Abbaa jabaa fi abbaa warraa jaartii isaa jaalatudha. Nuyiif ammoo obboleesaa hirkoo nuuf ta'udha. Isa yeroo arginu dhiironni gara garee kana akka dhufuu qaban nutti dhagaahama," jetti Tiinaan.
"Fonqolcha garee" akka irratti hin raawwanne wal-amantaan.

















