Haadholiin lama da’umsa irratti du’an, dhibee hakiima irraa itti darbeen ta’uu mala jedhame

Haadholiin lama erga da’anii booda dhibee herpiisin du’an, tarii ogeessa fayyaa baqaqsanii hodhuu tokko irraa dhibeen kun itti darbee ta’uu akka danda’u BBC’n bira gahe.
Ogeessi fayyaa kun bara 2018’tti dubartoota lamaan irratti wal’aansa baqaqsanii hodhuu da’umsaa (C-section) jedhamu gaggeesseera.
Maatileen dubartoota kanaa du’a lamaan isaanii wanti wal qabsiisu akka hin jirre itti himame, isaan garuu qorannoon akka gaggeeffamuuf gaafachaa jiru.
Hospitaalli Iist Keent madda dhibee kanaa akka adda hin baasnee fi hakiimichi seenaa vaayirasichan hubamuu akka hin qabne hima.
Da’umsa irratti du’i wanta hedduu barame miti. Akka ragaaleen agarsiisanitti UK keessatti qofa bara 2017 fi 2019 gidduutti da’umsi miiliyoona 2.1 jiraatus, hadhooliin da’umsa irratti du’an 191 qofadha.
Du’i dhibee HSV-1 jedhamu – vaayirasii herpiis lamaan keessaa isa tokko – namoota fayyaa hubuun hin beekamu. Dhibeen kun mallattoo qaama saalaa fi afaan irratti madaa uumuu qaba.
Ta’us, Waxabajjii fi Adoolessa 2018 keessa, hadhooliin lama dhibee vaayirasii kanaan lubbuun isaanii darbeera.
Akkamiin du’i hadhoolii kanaa uumame, maalifis haadholiin du’a lamaan wanti walitti qabsiisu akka jiru itti hin himamne kan jedhu BBC’n qorachaa tureera.

Kimberlii Saampsan, umurii ganna 29, intala ishee ganna sadii fi harmee ishee waliin Wiitisteebil, Keent keessa jiraatti ture. “Haadha gaarii turte, yeroo hunda kana ta’uus feeti ture,” jechuun harmeen ishee Iveet Saampsan BBC’tti himteetti.
Kimbeerliin Caamsaa 3, 2018 irratti ciniinsuun ishee egallaan gara hospitaala Queen Mother jedhamu deemte. Ciniinsuun itti yemmuu hammaatu, hakiimootni C-section’tiin akka deessuuf murteessani.
Ilmashee deessee, guyyaa lama booda hospitaalaa baatee. Ta’us garuu dhukkubbiin itti dhaga’ama ture. “Guyyaa guyyaan dadhabaa deemte – nyaachuus, rafuus hin dandeenye ture,” jetti harmeen ishee.
Boodarra Kimbeerliin ambulaansiidhaan gara hospitaalaatti geeffamte. Hakiimootni dhibee ishee adda baasuufi madaa ishee fayyisuuf, wal’aansa hedduu gaggeessanis hin milkoofne.
Guyyaa saddeet booda, Kimberliin gara hospitaala Kingis Kolleej, Landan jirutti dabarfamte. Achitti vaayirasii herpisii hamaan akka hubamte itti himame.
Caamsaa 22 irratti Kimberliin ni duute.

Vaayirasii herpiisiitiin du’i tokko waan hin barmnedha, garuu torban ja’a booda, Samantaa Mulkaayis haala walfakkaataan lubbuun ishee darbe.
Dubartiin ganna 32 Samaantaa ciniinsuu sa’aatii 17 booda, daa’ima ishee jalqabaa C-section fayyadamuun deesse.
Intalli ishee fayyaa guutuun dhalattus, hakiimootni Samantaatiin yeroo muraasaaf wal’aansaaf tursani.
Guyyaa sadii booda dhukkubbiin ishee itti hammaatee, gara kutaa wal’aansa addaatti geeffamte. Achis guyyoota afuriif turte.
Haakimootni hospitaala Landan jiru irraa gargaarsa gaafatanii, ogeessotni wal’aansa baqaqsanii hodhuu, haala isheen keeessa jirtu fooyyesuuf yaalani.
Harmeen ishee Nikoolaa, “hakiimootni akka ishee olchuu dadhaban nutti himani. Akka isheen duute nutti himani,” jechuun BBCtti himteetti.
Qorannoon du’a ishee booda gaggeeffame, Samaantaan sababa madaa hama vaayirasii HSV-1’tiin uumameen akka duute ibse.
Dubartoonni lamaan kanaan dura vaayirasii kanaan hubamanii hin beekani – kana jechuun kun yeroo jalqabaafi.
BBC’n yemmuu ragaalee maatii irraa argate qoratu, wantoota madda vaayirasiichaa ta’u malan irratti Tajaajilli Fayyaa Ingilaand (PHE) qorannoo taasisee akka ture argate. Ta’us garuu odeeffannoon dabalataa hin kennamne.
Boodarra iyyata maatii Kimberlii irraa galfameen PHE, odeeffannoo qorannoo isaan argate kenneera. Qorannoon kunis, ragaalee iimeelii adda addaan, yeroo jalqabaaf wanta du’a hadhooli lamaan wal qabsiisu argate.
Iimeelii argaman keessa tokko, namni qaama qabeenya uummata hogganu keessaa namni tokko, da’umsa Kimberlii fi Samaantaa irratti hakimoota, narsoota da’umsaa fi ogeessa baqaqsanii hodhuu walfakkaataa ta’an akka hirmatan ibsa.
Kun wanta du’a lamaan wal qabsiisu – akkasumas madda dhibee- ifa ta’e kun, namoota imeelicha keessatti ibsamniif yaaddoo uume.
Fayyaa qunnamtii saalaa irratti waggootii 30 oliif UK keessatti kan hojjete, keessumaa dhimma vaayirasii herpiis irratti Piitar Gireenhawuus, dhimma kana akka ilaaluuf BBC’n gaafateera.
Dhimmi kun wanta “baayyee adda ta’ee – baayyee hin baramnedha” jedha.
“Dhimma kana irratti %100 mirkaneessitee kanatu uumame jechuu hin dandeessu,” garuu “ragaan hundi akka agarsiisutti dubartoonni kun hospitaala deemuun dura vaayirasichan kan qabaman hin fakkaatu,” jedha.
“Vaayirasichi hospitaala keessatti kan qabateen fakkaata.”
Hadhooliin kun kan vaayirasichaan hubaman yeroo wal’aansa baqaqsanii hodhuu C-section gaggeeffamaafi turetti, tasa ogeessa fayyaa irraa kan itti darbe ta’uu mala jedhee amana.
“Hospitaalatti qabamuu isaanii yoo ilaallu, wanti dhimma lamaan irratti wal fakkaataa ta’e ogeessa wal’aansa baqaqsanii hodhuu sana gaggeesse qofadha,” jedha.
Ogeessi kun gosa dhibee kana herpetic whitlow jedhamu – kan madaan herpiis quba irrati ba’uun- hubamee ta’uu danda’a, “kanaanis ammoo vaayirasicha kallattin garaa dubartoota kanaatti dabarsee” ta’uu danda’a jedha.
Kunis jedha, vaayirasichi ariitiin qaama dubartoota kanaa keessatti akka tatamsa’u gochuun, mallattoon vaayirasichaa qaamarratti argamuu malu kan irratti hin mul’atiin hafe kanaaf ta’uu malas jedha.
Ogeessotni fayyaa saal-qunnamtii fi qorannoo vaayirasii afur biroos, xinxala Giriinhawuus kanaan waliigalu.
Dhabbatti waldaa Hospitaalota Baha Keent ibsa baaseen, ogeessa kanaa waliin gaaffii fi deebii fayyaa isaa irratti taasifameen seenaa vaayirasii herpisiin qabamu akka hin qabne himuu isaa fi mallattoo vaayirasichaas akka hin qabne himeera jedhu, ta’us yeroo wal’aansa kana gaggeessetti vaayirasicha qabaachuu fi dhiisuu isaa irratti qorannoo hin gaggeessine.















