Daawon Sindiram maali, akkamiin adda baafna?

Madda suuraa, Getty Images
Akka idil-addunyaatti Bitootessi 21 waa'ee rakkoo fayyaa Daawon Sindiram (DS) guyyaa hubannoo hawaasaaf itti kennamudha.
Guyyaan Daawon Sindiram Addunyaa bara 2012 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) ifatti kabajamuu eegale.
Guyyaa 21ffaa ji'a sadaffaa (ALA) irra kan ooluufis, "Kiroomoozomii 21ffaa dachaa sadiin baay'achuun (trisomy) Daawon Sindiram fidu addatti yaadachuuf," tahuu qindeessitoonni guyyichaa ni himu.
Dhaadannoon bara 2024'f filatames 'Jumlaan Maqaa Kennuu Haa Dhaabsisnu' kan jedhudha.
Kaayyoon isaatis, ilaalcha dimshaashaa namoonni Daawon Sindiram (Down's Syndrome) qaban fakkaataniifi wanta gochuu danda'an irratti qaban hambisuuf.

Madda suuraa, Getty Images
Maalinni?
Gabaabumatti - Daawon Sindiram yeroo namni kiroomoozoomii dabalataa wajjin dhalatudha. Rakkoon fayyaa qaccee sanyii kun, gara caalu dandeettii waa barachuu fi waa namni fakkaatu irratti dhiibbaa geessisa.
Dhukkuba ykn rakkoo fayyaa namarraa namatti daddarbu, ykn kan nama qabatu miti.
Daawon's Sindiram uumamumaan kan dhufudha - ka'umsisaas maal akka tahe hin beekamu.
Namoonni DS wajjin dhalatan akka carraa ta'ee kiroomoozoomii (caasaa seelii keessaa) dabalataa qabu. Kunis otoo hin dhalatin ispermii ykn hanqaaquu irratti jijjiirama mudatuuni.
Biyyoota addunyaa mara irratti rakkoon fayyaa kun kan mudatu ogguu tahu, haala waa barachuu, qaamaan waan fakkaataniifi fayyaa irrattis dhiibbaawwan garagaraa akka fidu UN ni hima.
Daa'imman 800 ta'an keessaa tokko haala kana wajjin akka dhalatan, qindeessitoonni Guyyaa Daawon Sindiram Addunyaa ni himu.
DS gosa sadii qaba.
Ka jalqabaa trisomy 21 kan jedhamu ogguu tahu, baay'inaanis kan mul'atudha. Kanaanis kiromoozomiin 21 jedhamu dachaa sadii baay'achuun wayita mul'atudha.
Isaan biroo ammoo translocation fi mosaicism jedhamu.
Maqaan kun eessaa dhufe jechuu dandeettu - sindiramii ykn mallattoon kun kan moggaafame ogeessa fayyaa yeroo jalqabaaf haala kana adda baase Dr Joon Laangidan Daawon jedhamu irraati.
Mallattoon shan 'Down’s syndrome' maali?

Madda suuraa, Getty Images
Mallattoowwan qaamaa kanneen akka:
- Fuula battaa'e, keessattuu gara funyaan keessa
- Iji isaanii boca firii almond jedhamtu qaba - almand kuni gosa ocholooniiti
- Morma gabaabaa
- Sarara barruu harkaa qaxxaamuru tokko qabu
- Yeroo daa'imummaa fi gaheessummaatti gabaabbachuu
(Madda: US Centers for Disease Control and Prevention)

Madda suuraa, Deborah Foundation
Daawons sindiramiif wal'aansi jiraa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala uumamaa kanaaf wal'aansi fayyaa hin jiru.
Gargaarsi kan taasifamuu danda'u fedhii nama dhuunfaa gama qaamaa fi qalbiin qaban irratti hundaa'a - jabinaafi hanqina nama sanaarrati hundaa'a jechuudha.
Akka UN jedhutti, carraa wal'aansa fayyaa gahaa tahe fi sagantaalee kanaaf qophaa'an ijoollummaarraa qabee argachuun, guddina nama sanaaf murteessaa tahuu hima.
Kana malees, barnoonni hunda hammatee fi qorannoon barbaachisaa tahes murteessaa tahuu hima.
Dabaluunis, haalli jireenyaa namoota Down’s syndrome (DS) qabanii, fedhiisaanii yaala fayyaa guutuudhaan fooyya'a jedha.
Kunis ogeeyyii fayyaa biratti hordoffii yeroo yeroon taasisuun, haala sammuu fi qaamaa to'achuu dabalata.
Kana malees, wal'aansota kanneen akka fiiziyooteraappii, okkupeshinaal teraappii fi teraappii dubbii, gorsaa fi barnoota addaa gochuunis jireenya namootaa fooyyeessa jedha.
Kunis hirmaannaa isaan hawaasa bal'aa keessatti qaban mijeessuun, humna qabaniinis akka dhimma itti bahan qarqaara.

Madda suuraa, Getty Images
Isaan keessaa hedduun isaanii jireenya milkaa'aa tahe jiraatu - barnoota idilee barachuun, hojii idilee hojjetu. Gariinis gaa'ela godhatu, qarqaarsa namaa malees of danda'anii jiraatu.
Kaan ammoo hojiiwwan gurguddoodha jedhaman argatu. Fakkeenyaaf Mar Galcerán, mana maree naannoo Vaalensiyaa, Ispeen keessa dorgomuun seenuu danda'an.
Paarlaamaa Awurooppaa ykn kan naannoo keessa seenuun, nama jalqabaa haala kana wajjin jiraattu akka ta'an amanama.

Madda suuraa, Getty Images
Ammas namni Ellie Goldstein jedhamtu jirti.
Eliin nama DS qabduu fi modeela barruu Vogue fuula jalqabaarra baate ishee jalqabaa taate. Doktoroonni waan sindiramii kana qabduuf, miilaan deemus tahe dubbachuu hin dandeessu jedhanii turan.
Itoophiyaatti haala kanaaf waggoota dhiyoon asitti xiyyeeffannoon kennamaa kan jiru ennaa tahu, dhaabbileen mit-mootummaa kanarratti hojjetan muraasnis ni argamu.
Isaan keessaa Faawundeeshiniin Dibooraa kan anga'aa duraanii mootummaa Itoophiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaan hundaa'e isa tokko.












