Amaloota fayyaa sammuu keenyaa miidhan kanneen beektuu?

Suura sammuu namaa agarsiisu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Namoonni tokko tokko manaa osoo gadi hin bahin yeroo dheeraa taa'uu filatu. Kaan ammoo kutaa dukkanaa keessa qophaa yeroo fudhatanii rafuu fedhu. Eerfoonii gurratti godhatanii muuziqaa sagalee guddisanii dhaggeeffachuu kan amaleeffatanis lakkoofsa xiqqaa miti.

Qorannoon akka agarsiisutti amalli keenya fayyaa sammuu keenyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.

Amaloota 11 kan sammuu keenya miidhaniifi dhaabuu qabnu barreeffama kana keessatti ni ilaalla. Amaloota kana akkamitti dhiisuu akka qabnus akkasuma ni ilaalla.

Barreeffamni kun gabaasawwan qorannoo garaa garaa kan akka Harvard Medical School fi US National Institute of Neurological Disorders and Stroke fa'aa irraa walitti qabame.

1. Hirriba gahaa dhabuu

Qorannoon Center for Neurology of the United States akka agarsiisutti miidhan cimaan sammuu namaarra gahu irra guddaan hirriba gahaa dhabuu irraayi.

Namni gaheessi tokko hirriba gahaa argate kan jedhamu sa'aatii 24 keessatti giddu galeessan sa'aatii 7-8 yoo rafeedha.

Halkan yeroo hundumaa hirriba gahaa argachuun fayyaa sammuu namaaf murteessaa akka ta'e qorattoonni ni gorsu.

Akka qorattoonni dhimma kanarratti qorannoo gaggeessan jedhanitti sammuun keenya kan boqotuufi seelii haaraa uumu yeroo hirriba gahaa rafnuudha.

Guyyaatti sa'aatii 7 gadi kan rafnu yoo ta'e, waan tokkorratti xiyyeeffachuuf rakkachuu ni dandeenya akkasumas murtee kennuuf illee ni rakkana.

Dabalataanis, hirriba gahaa hin argannu yoo ta'e, rakkoo waa yaadachuu dadhabuufis sammuun keenya ni saaxilama.

Suura sammuu namaa agarsiisu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Fayyummaa sammuu keessanii yoo eegggachuu feetan guyyaatti yoo xiqqaate sa'aatii 7fi isaa ol rafuun gaaridha.

Yeroo raftan ammoo wantoota hirriba keessan hatan kan akka meeshaalee elektirooniksii ofirraa fageessaa.

Hafata siree qulqulluu fayyadamaa. Ibsaan kutaa ciisicha keessanii kan isin jeequ ta'uu hin qabu.

2. Ciree nyaachuu dhiisuu

Namoonni tokko tokko ganama midhaan gadi naa hin bu'u jedhanii ciree lagatu. Ciree lagachuun sukkaarri dhiiga keessa jiru akka gadi bu'u godha. Kuni ammoo sammuurratti dhiibbaa qaba.

Nyaata diduu kan agarsiisu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Walummatti fufiinsan ciree nyaachuu lagachuun sammuu miidhun dandeettii seelotaa dadhabsiisa.

Qabiyyeen nyaataa barbaachisu hin jiru taanan sammuunillee tooran dalaguuf ni rakkata.

3. Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu

Sammuun namaa 75% fi isaa ol bishaani. Kanaaf, namni tokko bishaan gahaa hin dhugu yoo ta'e, sammuun hojiisaa sirnaan akka hin dalagneef gufuu itti ta'a jechuudha.

Sammuun bishaan gahaa hin argatu taanan tishuun sammuu akka gadi deemufi seeliwwan hojiisaanii akka sirnaan hin dalagne godha.

Nama bidhaan dhugvu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Qorattoonni akka jedhanitti namni gaheessi tokko guyyaatti yoo xiqqaate bishaan leetira lama yoo dhuge fayyummaa sammuuf bu'aa qaba.

4. Garmalee dhiphachuu

Garmalee dhiphachuun (chronic stress) seelin sammuu akka du'u gochuun sammuun namaa garri fuulduraa akka gadi deemaa bulu godha.

Namoonni yeroo mara hojiin qabaman dhiphinaaf kan saaxilamaniidha. Kana hir'isuuf ammoo hojii garmalee ofirra tuulun sirrii akka hin taane gorsu qorattoonni.

Namoonni tokko tokko yeroo dhukkubsatanii sireerra ciisanillee waa'ee hojii yaaduu ykn yaadda'uu hin dhiisan. Kunimmoo yeroo dheeraa keessatti rakkoo fayyaa sammuuf isaan saaxila.

Suura dhiphina agarsiisu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Wantoota biroo dhiphinaaf sababa ta'an keessaa tokko bakka tokko yeroo dheeraf taa'udha.

Fakkeenyaf, guyyaa ayyaana waggaa namoonni gaafa mana oolan sa'aatii dheeraa taa'anii dabarsu. Bakka tokko yeroo dheeraf taa'un dhiphinaan alatti rakkoowwan akka dhibee onnee, sukkaarafi waa yaadachuu dadhabuufillee nama saaxila.

Kanaaf furmaanni, bakka tokko yeroo dheeraf taa'uu dhiisuu, sochii qaamaa taasisuu, bakka taa'anii ka'anii sosocho'anii deebi'uu fa'aadha.

5. Humnaa ol intarneetii ykn google fayyadamuu

Akka ammaa intarneetifi teknolojiin osoo hin babal'atin namoonni herreega sasalphaa kaalkuleetarii malee hojjatu turan.

Osoo mobaayiliin hin dhufin isin bilbila nama hedduu sammuutti qabattanii hin beektanii? Kuni ammoo sammuun hojii akka hojjatu gochuu keessaa tokkoodha.

Bara intaneetii kanatti ammoo akka durii waa heddu sammuutti qabachuuf namni itti hin dhimmamu. Sababni isaa intarneeti irratti hirkachuutu jira waan ta'eef.

Waan hundumaaf intarneetii gaafachuufi isarratti hirkachuun dandeettii waa yaadachuufi qabachuu sammuu keenyaa hir'isaa deema jechuudha.

Miidhaa sammuurra gahe kan agarsiisu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Sammuu keessan sirriitti akka hojjatu gochuuf intarneetirratti sa'aatii dheeraa dabarsuufi waan hundumaa google gaafachuurra sammuutti waa qabachuufi yaadachuu qabdu jedhu qorattoonni.

6. Yeroo mara heedfoonii fayyadamuufi muuziqaa sagalee olkaasun dhaggeeffachuu

Heedfooni ykn eerpoodii fayyadamuun muuziqaa sagalee baay'ee itti dabalanii dhaggeeffachuun dandeettii dhagahuu namaarratti dhiibbaa uuma. Dandeettin dhagahuu dadhabe jechuun ammoo kallattiin sammuu miidha.

Ragaan qorannoo akka agarsiisutti, namoonni dandeettin dhagahuusaanii miidhame tishuun sammuusaanii ni miidhama.

Kuni ammoo rakkoo waa yaadachuu dadhabuuf nama saaxila.

Nama sagalee dabalee dhaggeeffataa jiru

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Kanarraa kan ka'e dubbisuufi waan tokkorratti xiyyeeffachuun rakkisaa ta'aa deema.

Kanaaf, muuziqaa yeroo dhaggeeffattan sagalee osoo ol hin kaasin ta'uu qaba. Yeroo dheerafis heedfoonii godhattanii hin dhaggeeffatinaa; gidduun boqonnaa fudhachuun ni gorfama.

7. Yeroo hunda kophaa ta'uu filachuu

Yeroo dheeraa kophaa turuun sammuu namaarratti dhiibbaa guddaa qaba, sababni isaa hirriba gahaa akka hin arganne nama taasisa waan ta'eef.

Maatifi namoota kaan waliin walitti dhiyaachun fayyaa sammuuf waan gaaridha.

Faallaa kanaa, yeroo dheeraa kophaa turuun rakkoolee akka dhiphinaa, yaadda'uu fi waa yaadachuu dadhabuu fa'aaf nama saaxila.

8. Sa'aatii dheeraa dukkana keessa turuu

Qorannoon UStti hojjatame akka agarsiisutti, namoonni yeroo dheeraaf dukkanaafi balbala cufamaa keessa turuu filatan haalli isaan keessa jiran fayyaa sammuusaanirratti dhiibban akka uumamu saaxila.

Namoonni yeroo dheeraa dukkana keessatti dabarsaniifi ifa gahaa hin arganne rakkoowwan akka dhiphina sammuuf saaxilamu.

Alatti bahanii ifa aduu argachuun, yoo mana keessa ta'an ammoo foddaa fa'aa sirriitti banuun qaamni keenya ifa gahaa akka argatu godha.

9. Baay'ee nyaachuu amaleeffachuu

Gosti nyaata nyaannuu hanguma fedhe fayyaalessa yoo ta'eyyuu, humnaa ol nyaachun sammuu namaarratti dhiibbaa geessisa.

Akka qorattoonni jedhanitti humnaa ol nyaata nyaachun hiddi dhiigaa sammuu keessatti argamu akka cufamu gochuun sochiin dhiigaa akka hir'atu taasisa.

Sochiin dhiigni hidda dhiigaa keessatti taasisu yeroo dhaabbatu, dandeettii waa yaadufi yaadachuu namaa gadi buusa.

Nyaata humnaa ol nyaachun cinaatti, nyaatawwan waadaman (fried foods), nyaata sukkaara heddu qabu, dhugaatiwwan lallaafaa fa'aa heddumminaan fudhachuun sammuu namaarran miidhaa gahuu danda'a.

Kanaaf, nyaatawwan akkasiirraa fagaachufi nyaata fayyelassa ta'an ammoo hanga madaalawaa ta'e qofa soorachuun fayyaa sammuu eeggachuun ni danda'ama.

10. Sa'aatii dheeraa iskiriinirratti dabarsuu

Sa'aatii dheeraa isikiriinii mobayilaa ykn TV irratti dabarsuun hanga sammuufi guddina namaarratti dhiibbaa cimaa qaba.

Keessumaa ijoollen guyyaatti sa'aatii 7 ol mobaayilii ilaalu yoo ta'e, tishuun niwuroonii (cerebral cortex) mataasaanii gara fuulduraa baay'ee qal'ata.

Nama mobaayilii ilaalu

Madda suuraa, Getty Images

Gama biroon ammoo, sa'aatii dheeraa mobaayilii irra turuun, rakkoowwan akka mataa dhukkubbii, burjaaja'uufi sammuun dhiita'uu fa'aaf nama saaxila.

Kanaaf, sa'aatin ijoollen mobaayiliis ta'ee TV irratti dabarsan kan daangeffameefi to'atame ta'uu qaba.

Namni gaheessis akkasuma guyyaatti sa'aatii iskiriinii irratti dabarsu akka xiqqeessutu gorfama.

Gorsi biroo ogeeyyin himan: yeroo hirribaa mobaayilii ofirraa fageessuu, mobaayilii kiisii keesssa kaa'urra korojoo keessa gochuu, sa'aatii dheeraa bilbila gurratti qabatanii haasa'uu hir'isuufi sa'aatii dheeraa dubbachuurra ergaa gabaabaa fa'aa barreessuu.