Daa'imti daftee afaan yoo hiikkachuu baatte maal gochuutu gorfama?

Haadha mucaa

Madda suuraa, Getty Images

Haalli daa’imti keessan ykn kan firaa ykn kan ollaa itti daftee afaan hiikkachuu diddee ni yaadattuu?

Daa’imti umuriidhaan wal gitan yoo haasa’aa taphatan, kan keessan dubbachuu yoo dadhabe ykn haasa’uf kan rakkatu yoo ta’e nahuun keessan hin oolu.

Daa’imti hundi haala guddina wal fakkaatu hin qaban. Akkasumas yeroo tokko tokko ammoo dhiira waan ta’ef haasaa’uf ni harkifata jedhame yeroo bira taramu ni jiraata.

Qorannoowwan daa’ima 10 keessaa tokko rakkoon haasa’u ykn afaanii baasuuf harkifachuu akka isaan mudachuu danda'u agarsiisu.

Hospitaala Phaawuloosiitti, Hakimiin Ispeshalistii Daa’immanii, Gargaaraan Pirofeesaraa Dr Faasiil Manbar, daa’imni tokko haasa’uf harkifate kan jedhamu yoomi jechuun gaafanne.

Daa’imti tokko dubbachuuf harkiifate kan jedhamu yoo ijoollee umuriin gita ta’anii gadi, ykn kan eegamuun gadi ta’e harkifannaan afaan hiikkachuu akka jiruutti akka yaadamu dubbatu.

Haa ta’u malee, daa’imman hundi afaan yeroo hiikkatan tartiiba adeemsaa adda addaa jiraachuun hubatamuu qabaata jedhu.

Daa’imti hundi uumama mataasaanii qabu. Ta’us, daa’imman tokko tokko garuu yeroo itti afaan hiikkachuu qaban irraa baatii jaha ykn waggaan yoo harkifatan afaan hiikkachurratti harkifannaan jira jedhama.

Afaan hiikkachuuf ykn haasa'uuf harkifachuun maali?

Daa'imman guddina afaanii gosa lama qabu jedhu Dr Faasiil. Tokkoffaan, waan tokko ibsuu, dandeettii hubachiisuu yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo dandeettii waa qalbeeffachuuti.

Daa’imti tokko waan umuriisaatiif ta’u itti himamee yoo hubachuu dadhabe rakkoo afaan baruuf harkiifachu qaba jechuudha.

Yoo haaluma umuriisaatti of ibsuu baate, jecha baasuu yoo dadhabe, kunis mallattoo afaan hiikkachuuf harkiifachuuti.

Daa’imman haasa’uuf harkiifachuun ammoo rakkoo dubbachuu fi hubachuu itti fidu akka danda’u himu Dr Faasiil.

Dr Faasiil

Rakkoolee haasa'uf harkifachuun daa'imman irratti qabaatu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon akka mul’isutti, rakkoon jalqabaa harkifannaan haasaa afaanii fiduu danda’u, rakkoo dhaggeettii gurraati.

Rakkoon dhageettii waliigalaa maddiisaa hedduudha. Fakkeenyaaf infekshinii gurraa irra deddeebiin mudatu, ykn miidhamuun, dhukkubsachuun wal qabachuu danda’a.

Daa’imman ammoo jechoota dhagahaniiti kan shaakalan. Yoo hin dhageenye shaakalanii dubbachuu hin danda’an. Kanaanis dubbachuuf harkifachuu danda’u.

Amma amma baay'ataa kan dhufe ammoo yeroo dheeraaf meeshaalee eleektiroonikaa waliin dabarsuudha jedhu Dr Faasiil.

Maatiin ijoolleen akka caliisaniif TV banuuf, ykn bilbila harkaa kennuun hojiisaanii hojjachuun baramaa dhufeera. Kanaafuu carraa itti haasaa baratan akka hir’isu dubbatu Dr Faasiil.

‘‘Meeshaaleen kunneen daa’imman akka jecha shaakalan, akka dubbataniif hin gargaaran. Jechoota barsiisuuf gama lamaan walitti dubbachuu barbaachisa,’’ jedhu.

Akaadaamiin wallaansa Daa’imman Ameerikaa ijoollee wagga lamaa gadii meeshaa eleektirooniksii kamuu osoo ilaaluu baatan jedhe gorsa.

Umurii waggaa lamaa hanga afur jidduutti ammoo, maatii waliin ta’uun yoo baay'ate daqiiqaa 45 qofaaf ilaaluu akka qaban gorsu.

Akka ibsa Dr Faasiilitti, sababiin gara biraa daa’imman irratti afaan hikkachuuf akka turan taasisu rakkoo guddinaa qabaachudha.

Mallattoon otiizimii guddaan mul'atu dandeettiin waliigaluu afaanii hir’achudha.

Dabalataan, sochii miilaafi harkaa daa'imman irratti mul'achuu, utaaluu, waan walfakkaatu irra deddeebiin raawwachuu, meeshaa ittiin taphatan tokkicha qofaan murtaa'uu, maqaan yoo waamaman dhagahuu dhabuu, warra kaan waliin taphachuuf rakkachuu, xiyyeeffannaa kennuu dhabuu kanneen fakkaatan mallattoowanidha.

Haata’u malee, daa’imman afaan hiikkachuuf harkiifatan hundi rakkoo ootiziimii qabu jechuu akka hin taane dubbatu oggeessi kun.

Rakkoo haasa’uuf harkiifachuu meeshaalee elektirooniksii irratti yeroo dheeraaf dabarsuun dhufu oggeessoonni 'virtual autism' jechuun ibsu.

Daa’imman irratti dhibeen sammuufi murtaa’inni guddinaa yoo mudate, fakkeenyaaf tibba dahumsaatti ukkaamfamuu, ykn 'down syndrome' harkifannaa afaan hiikkachuu fiduu danda’a jedhu.

Daa'ima taphaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Akkasumas daa’imti qofaa kan turaniifi maatii waliin haasa’an yoo hin jiraanne haasa’uuf harkifachuu danda’u.

Kana malees, rakkoon uumamni afaaniifi laagaa yoo jiraate daa’imman haala eegamuun afaan hiikkachuu dhiisuu danda’u jedhu Dr Faasiil.

Maatii keessatti afaan haasa’amu tokkoon ol yoo ta’es akkasumas daa’imti akka dafte afaan hin hiikkanneef sababa biraa ta’u akka malu himan.

Daa'imman umurii kamiin maal baratu?

Daa'imman yeroo itti dhalatanii kaasanii sagalee ni dhagahu. Garaa haadhaa keessa ta’anis sagalee abbaafi hadhasaanii akka dhagahan saayinsiin ni ibsa.

  • Dhalatanii hanga baatii sadiitti sagalee dubbachiiftuu kan akka (A, O…) irra deddeebiin dubbatu. Isaan boodas gara sagalee dhagahaniitti naanna’uf yaalu.
  • Baatii 4- 8'tti ammo sagalee akka B, P…irra deddeebiin baasu. Ykn sagalee namoonni kaan jedhan irra deebi’anii akka jedhan eegama.
  • Baatii 9- waggaa tokkootti ammo abbaabbaa fi maamaa jechuu eegalu.
  • Waggaa tokkoorratti baabaa abbaafi, maammaa haadhaa ta’u adda baasu.
  • Waggaa tokkoo hanga waggaafi walakkaatti jechoota afur hanga torbaa sirriitti beeku. Akkasumas mallattoolee harkaafi fuulaa hubachuu danda’u.
  • Waggaaf walakkaa hanga waggaa lamaatti jechoota 10-20 sirriitti beeku. Akkasumas cabaqaa dubbachuun namaan walii ni galu.
  • Waggaa lamaa hanga sadiitti ammo, jechoota hanga 200 shaakalu qabaatu.
  • Waggaa afuriitti sirriin dubbachuun yaadasaanii ibsachuu danda’u.

Maatiin maal gochuu qabu?

Daa’imman jaalala qofaa osoo hin taane, walitti dhufeenya hawaasummaa fi dadamaqsuu gaarii barbaadu. Yeroo dhalatanii kaasee dubbisuufi taphachiisuun ni barbaachisa.

Akka tasaa ta’e daa’imman yoo umurii baatii jahaa hanga waggaa tokkoo keessatti jijjirama irraa eegamu agarsiisuu yoo dadhaban, hakiimii daa’immanii bira geessuun akka barbaachisu dubbatu Dr Faasiil.

Sababiiwwan haasaa akka turu taasisan irra caalaan wallaansa fayyaa fi teraappii haasaaatiin furamu akka danda’an kaasu.

Daa’imman rakkoon mudate ogeessa teraappiitiin deeggaramuun baatii tokkoo hanga sadii jidduutti jijjiirama agarsiisuu akka eegalan dubbatu ispeeshalistiin wal'aansa daa’imaa kun.

Haata’u malee, rakkoo “otizimii kan qaban yoo ta’e yeroo dheeraa fudhachuu’’ akka danda’u kaasu.

Gama biraatiin ammoo, ijoolleen yeroo dheeraaf TV fi mobaayilii irratti dabarsaniis mallattoo otizimiin wal fakkaatu akka agarsiisan himu ogeessi kun.

Fakkeenyaaf, callisuu, baay'ee aaruu akkasumas miirasaanii iyyuufi boo’uudhaan ibsachuu ta’u kaasu.