Dhukkubni sammuu baay'inaan 'hafuura hamaatti' fakkeeffamu 'Panick attack' maali?

Madda suuraa, Getty Images
Kadijjaa Awol haadha ijoollee afuriiti. Waggaa afuriin dura cidha waamamte.
Bakka cidhaatti otoo hamaamota eegaa jiranii waan hin yaadmnetu tahe.
Gammachuu cidhaa gidduutti ''hafuurri ishee cituu jalqabe.''
Harkasheerraa dafqi cophuu eegale. Lallaaftee waan kuftu, waan of to'achuu dadhabdu itti fakkaata.
Garuummoo hin kuftu. Waan duutu itti fakkaata garuu hin duutu. Waan lafti afaan bantee ishee liqimsitu itti fakkaatee ture. Maali raajiin akkanaa?
Namni cidha dhufe jeeqame. 'Ambulaansii waamaa,' jedhame. Namoonni wal-gahanii hospitaala ishee geessan.
Namoonni baayyee dhukkuba onneen waan duutu itti fakkaatee ture.
Gadadoon kuni hundi garuu sa'atii walakkaa qofaaf ture. Kadijjaan rakkoo onnees hin qabdu ture. Fayyaa qabeettii dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kadijjaan maal taateree?
Dhukkubni 'Panick attack,' jedhamu dhukkuba onnee miti.
Hakimoonni akka tilmaamanitti Kadijjaa waan mudate dhukkuba sammuu 'Panic Attack' jedhamu dha. Garuu kuni dhukkuba akkamiiti?
Waggaa soddomaaf wal'aansa dhukkuba sammuu irratti kan hojjetan Ispeeshaalistiin dhukkuba sammuu gameessi, Dr Ginbaaruu Gabiramaariyaam dhibee kana 'Dhiphina weeraraa’ maqaa jedhu kennaniiruufi.
Maaliif maqaa kana kennitaniif jechuun gaafii dhiyeessineef, dhibeen kuni tasa akka obonboleetti, akka danbalii waan namarra bahuufi jedhan.
''Namoonni baayyeen ‘Dhiphinni weeraraa’ kuni maal akka tahe gatii hin beekneef yaalii onnee irratti yeroo isaanii qisaasu,'' jedhan hakimtichi.
Kana kan godhanis mallattoowwan ‘Panick Attack’ ykn 'Dhiphina weeraraa’ kan dhibee onnee waliin waan wal-fakkataniif.
Hakiimni gameessi kuni yeroo dheeraa waggaa soddoma tahuuf ogummaa kanaan dabarsnitti lammiilee Itoophiyaa dhukkuba akkasii qaban baayyee yaalaniiru.
Dhukkubsattoonni baayyee mallattoo Kadijjaan lafa cidhaatti agarsiisteen wal-fakkaata agarsiisu jedhu.
Sababa hin beekamneen, haala hin eegmneefi yeroo hin eegamnetti onneen namaa laafti, milli namaa mudhuka, qaamni ni rom’a. Sodaafi dhipinni tasaa nama weerara.
Nama gariin lafaan mara, kaaniin immoo miira balaqqamuuti itti dhagahama. Lafti akka calii itti naannoofti.
Battalatti dhukkubsataan amma fayyaa ture, afaan du’aa bira gahee deebi’uun maali?
''Miirri kuni kiyyoo ulaa ittiin miliqan hinqabne keessa hamma galuuti, ‘’ jedhu Dr Ginbaaruun.
Mallattoowwan kunneen walitti daddabalamuun yoo dhufan dhahannaan onnee ni dabala.
Yeroo dhahannaan onnee dabalu hafuurri ni ciccita. Achiin sodaadhaan rom’uutu dhufa.
''Yeroo sodaan kuni akka tasaa itti dhufu dhukkubsataan tokko akka nama du’ee taha. Muuxannoo kootiin sodaan kuni yoo baay’ate daqiiqaa kudhaniif tura,’’ jedhu Dr Ginbaaruun.
Haa tahu malee, ‘Dhiphinnni weeraraa’ kuni daqiiqaa kudhan booda badus faarriisaa hanga sa’atii tokkoo turuu mala. Yaadni dhiphinni kuni deebi’ee dhufa jedhummoo rakkoo biraa dha.
Akka hakiimichi jedhanitti namni dhukkuba kanaan takkaa qabamnaan, sodaafi dhiphinni jireenyasaa guyyuuti.
Ogeessonni kana ’dhiphina ta’innaa’ ykn ‘Aticipatory Anxiety’ jedhuuni.
Dr Ginbaaruun immoo dhibee ‘sodaa sodaachuu’ jechuun kaa’u.Sodaa sodaachuun waan du’a lama fakkaatu dha jedhu.
Inni jalqabaa dhukkubni sammuu kuni jeeqamuu miiraa olaanaa tahe fida.
Dhukkubsattoonni kana booda sodaan kuni yoom natti dhufa jechuun dhipina keessa galu. Irra deebiin gaafa isaan mudatu ammoo isa sadaffaaf yaadda’u. Maraammartoo dhiphinaati. Shunkulullee sodaa sodaachuu dha jedhan.
Yeroo hangamii keessatti mudachuu danda’a?
Kadijjaan mudannoo isa jalqabaan booda dhiphinni itti caale.
Nama arguu sodaatte. Jireenyi hawaasummaa ishee miidhame. Cidha jibbitee hafte.
Amma kan ishee yaaddessu otoo konkolaataa ooftuu 'Dhiphinni weeraraa' sun yoo itti dhufe hoo?
Dhibeen kuni akeekkachiisa hin kennu. Akka miixuuti, yoo yeroonsaa gahu takkaatti muddama namatti fida.
Dhibeen kuni akka miixuullee beellama namaa hin kennu.
Sodaa koo kanaan,’’yoo dirqama tahe malee konkolaataa oofuu cirumaa dhiiseera,’’ jetti Kadijjaan.
Dr Ginbaaruun, ‘’dhibeen kuni irra deddeebiin mudachuunsaa mallattoosaa tokko dha,’’ jedhan.
Yeroo baayyee guyyaa jalqaba mudateen booda torbee sadii keessatti deebi’ee dhufuu danda’a.
Rakkoon inni guddaa yoomiifi haala akkamii keessatti akka mudatu baruu dadhabamuusaati jedhu.
Kanaaf namni rakkoo kanaaf saaxilame dhiphachuu dhiisuu hin danda’u.
Halkan rafee dafqi irra kutee hafuurri cite du’uuf yoo jedhu namni dammaqu jira.
Yookiin ammoo barsiisaan daree keessaa barsiisu tasa 'Dhiphina weeraraa' kanaan muddamuu mala.
'Hafuura hamaa ta’innaa'?
Kadijjaan jalqaba dhukkubnishee maal akka tahe otoo hin bariin namoota yeroo gaafataa turtetti, ‘’Sheexana dha, jinnii dha’’ ishee jechaa turan. Sheekii bira dhaqii fa’i jedhamtee turte.
Dr Ginbaar dhibee kana namoonni hafuura hamaa dha akka jedhan taajjabeera jedhu.
Hakiimichi namoonni baayyee yaaliif isaan bira dhufuun dura namoota ‘beekaa’ jedhan bira deemuun wal’aansa barteen taasifamu argachaa turaniiru jedhu.
Sababa kanaan dhukkubsattoonnis waan 'maraachuuf' jedhan haalli itti fakkaatu jiras jedhu.
Dhibeen kuni dubartootatti hammaataa?
'Dhiphinni weeraraa' dubartootatti hammaata garuu maaliif akka tahe saayinsiin ibsa gahaa hin qabu jedhu hakiimichi.
Yeroo baayyees namoota umrii ga’eessummaa gara jalqabaa jiran irratti mul'ata.
Sababiin dhibee kanaa dhukkubsataa tokkorraa kaanitti gargar tahuu mala. Namni yeroo ijoollummaaatti gadadoo fi gidiraa hamaa keessatti dabarse, ge’eessa yeroo tahu 'Dhiphinni weeraraa' kuni mudachuunii mala.
‘’Sammuun keenya mudannoo hamaa tokko lafa hin buusu. Dhoksee kaa’a,’’ jedhu Dr Ginbaaruun.
Fakkeenyaaf dhukkubsattuun isaan yaalan tokkoo, ijoollummaatti liiftii keessatti yaaliin gudeeddii irratti raawwatee ture.
Amma nama guddaa taaatee liiftii kamittiyyuu yeroo siqxu onneen ishee ni dhahata. 'Dhiphinni weeraraa' ishee mudata.’’
Fayyina argachuun danda’amaa laata?
Dhibeen kuni dhukkuba sammuu tahullee, namoota dhukkubicha hin qabne irrattis mudachuu danda’a. Fakkeenyaaf namoonni yeroo xiyyaara yaabbatan ‘Panick attack’ ykn 'Dhiphinni weeraraa' itti dhufu jiru.
Namoonni lafa namni walitti qabametti waltajjii irra yoo bahan of wallaalan jiru.
Sodaan olaanaa mudannaan 'Dhiphinni weeraraa' mudachuun danda'a.
Garuu dhibeen kuni irra deddeebiin mudannaan hakiima sammuu bira dhaquun waan gaaffii keessa galu tahuu hin qabu.
Dhukkubsataan dhibee kanaa wal’aansa cimdii argata. Gorsa xiinsammuu fi qoricha kennamutu jira.
Takkaatti akka garaa ciniinnaa furamuu hin danda’u. Wal’aansa yeroo dheeraa keessa jijjiirama fiduun garuu ni danda’ama.
Wal’aansi ‘Cognitive Behavioural Therapy’ rakkoo kanaaf furmaata bu’aa qabeessa tahe dha.
Wal’aansi kuni dhukkubsaticha ilaalcha dhibee kanaaf qabu qajeelchuu jalqabuu irraan kan adeemsifamu taha.
Dhukkubni kuni dhibee sammuu 360 keessaa isa tokko yoo tahu, kan dhiphina wajjin wal-qabatan immoo 17 tahu.
Dhukkubni sammuu aduu tokkoon waan fayyu miti. Hordoffii yeroo dheeraa barbaada jedhu hakiimtichi.
''Dhukkubsattoonni obsaan of kunuunsaa, yaalii isaanii cichoominnaan hordofuu akka qaban hubachuun barbaachisaa dha,’’ jedhu Dr Ginbaaruun.
''Ani dhukkubsattoota kanan gorsu hawaasni loogiifi qollifannaa baayyee isinirraan gahuu mala. Salphaa miti. Garuu ofirratti xiyyeeffachuu jalqabuu qabdu, wal’aansi kuni kan jarjaraan tahu mitii,’’ jedhan.












