Kaartuum magaala guddoo diigamtuu, sodaa, kasaaraafi abdii keessaa mul'atu

Caccabni xiyyaara gargaarsa UN buufata xiyyaaraa Kaartuum keessatti mul'ate - Bitooteessa 2025.

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Buufatni xiyyaaraa Kaartuum giddugala magaalattii keessa kan jiru yoo ta'u, xiyyaaroonni fi gamoon tarminaala miidhaa cimaan irra ga'eera

Magaalli guddoon Sudaan Kaartuum lolli cimaa torban hedduudhaaf keessatti erga gaggeefamaa tureen booda amma haala nama ajaa'ibuun callisa guddaatu jira.

BBCnis gara magaalattii kan seenee waraanni biyyattii Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) irraa deebisee magaalattii erga dhuunfatee guyyoota muraasa booda ture.

Kunis haleellaa cimaan ji'a jahaaf kutaa giddu galeessa biyyattii keessatti gaggeeffamaa ture kan xumure fakkaata.

Yeroo tokko gidduugala daldalaa fi teessoo mootummaa Sudaan kan turte Kaartuum amma qola gubate taatee jirti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Magaalaa guddoo Sudaan barbadoofte keessaa wayita konkolaataan imalamu

Magaalaa guddoo kana deebiisanii qabachuun, waraana biyya keessaa waggoota lamaan dura waldhabdee aangoo waraanaa biyyattii fi RSF gidduutti gaggeeffame keessatti injifannoo isa guddaa ture.

Haata'u malee, yeroo kabaja ayyaana Eid daandii magaalaa guddoo irratti bahuudhaan namoonni achi jiran waraana akka xumurameetti ilaalan. Amma waldhabdeen kun kallattii kamii akka fudhatu ifa miti.

Jalqaba konkolaataa keenyaan gara masaraa pirezidaantii, kan RSF jalqaba waraana irratti dhuunfateetti qajeelan gabaaftoonni BBC.

Innis loltoota waraana RSF'f buufata barbaachisaa ture. Laftisaa balfaa fi caccabaa oflaalitiin kan uwwifamedha.

Teessoowwan yeroo ta'e hojiiwwan ofiisaatiif itti fayyadamaman urkaa uffataniiru. Fakkiiwwan muraasni ammallee keenyaarratti akkuma fannifamaniitti jiru. Ibsaawwan bareedans baaxiirratti akkuma rarra'aniitti jiru.

Garuu wanti biraa hundi jechuun haala danda'amuun hatameera. Kan biraa hafee shiiboowwan fi keebiloonni elektirikii illee keenyaa keessaa harkifamanii baafamuun fudhatamaniiru.

Masaraan moorummaa humnoot RSFn to'atamee ture guttummaan saamameera

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Masaraan moorummaa humnoot RSFn to'atamee ture guttummaan saamameera

Miidhaa cimaan kan qaqabe kutaa gamichaa gara fulduraatiin. Waraanichi erga masaraa to'ateen booda, diroonii RSFn haleellamuun kan miidhameedha.

Seensi guddaan barbadaa'eera. Dhiigni gogee ammalleen gulantaalee irratti ni mul'ata. Foddaawwan sababii cacabaniifu Laga Abbaayyaa salphumatti ilaaluun ni dana'am.

''Masaraa ripablikaanoota keessa ta'ukootti gammadeera'' jechuun gaazexxeessituutti hime loltuun tokko.

"Yoo bakka kana seenu kun yeroo jalqabaakooti. Akkuma warra Sudaan kaaniitti eddoo kana nan eega. Akka bilisa bahuun barbaada ture. Kun nuuf mallattoo kabajaati.''

Akkasumas waraanaaf mallattoo aangoo murteessaadhas.

Gareen loltootaa uffata dhoksaa adda addaa uffatan masaraa pirezidaantii Kaartuum keessatti ayyaana kabaju. Hundi isaanii harka tokko ykn harka lamaan qilleensa keessa ol kaasaa jiru. Isaan gubbaatti chandelier tokko mul'achuu danda'a - Amajjii 2025.

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Manni nyaataa tokkos loltoota masaraa pirezidaantiiitti Eid kabajaa, kanneen namoota hedduu biratti gootota jedhamanii jajamaa jiraniif, nyaataa ayyaanaa dhiyeesse
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni yeroo ayyaanni Eid Muslimaa jalqabu sirbaa fi shubbisan gammachuun isaanii ibsatan.

Manni nyaataa naannoo sanaa tokkos ayyaana isaaniif nyaata dhiyeesseef. Isaanis, magaalaa guddoo biyyattii keessatti namoota hedduu biratti akka goototaatti jajamu.

Haata'u malee, injifannoon isaanii kan haarsaa guddaa kaffaluun argameedha.

Sadarkaan badiisa giddugala Kaartuum keessatti mudatee kan nama ajaa'ibsiisudha: waajiraaleen ministeerota mootummaa, baankonnii fi bilookiiwwan waajjiraalee dhedheeroonni gurraacha'anii gubatanii dhaabbataniiru.

Buufata xiyyaara idil-addunyaa magaalattii keessaa bakka awwaalchaa xiyyaaronni caccabanii, paaspoortii fi kutaan ittiin imalaan simatamu daaradhaan haguugameedha.

Gaazexessitoonni BBC daandiirra suuta jedhanii konkolaataa oofaa turan sababii karaa irratti fanjiiwwan waraanaa hin dhohin akka hin mudanneef jecha.

Bakka walqunnamtii tokkotti tullaan kutaaleen qaamaa namaa alaalaa ni mulata. Buqqeen mataa lamas ifatti mulʼata ture. Karaa irraa gara meetira 100 (328ft) gadi bu'ee reeffi namaa tokko konkolaataa miidhame fuuldura ciisee mul'ata.

Kaatediraala Qulqulluu Maatewos, kan bara 1908tti Ingilizootaan ijaaramee fi bakka waaqeffannaa ummata Kiristaanota biyyattii keessatti argaman lakkoofsa xiqqoo ta'un tajaajila.

Fakkiiwwan baaxii saa bareedanii tolfames hin tuqamne.

Boolli keenyaa irra jiru tokkos kan bakka dhukaasni uree keessaan darbe agarsiisa. Fannoon tokko lafarratti kufee mulata.

Haata'u malee, gamoolee magaalattii keessa jiran hedduu caalaa baayyee kan sadarkaa gaariirratti argamu fakkaata.

Foddaan Kaatediraala Qulqulluu Maatewos Kaartuum keessatti argamu kan haala gaariin faayame kan urjiilee fi fannoo halluu diimaa, warqee, diimaa fi magariisaatiin dibame agarsiisu - Bitooteessa 2025.

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Kan nama ajaa'ibu keessa Kaatediraala Qulqulluu Maatewos kan masaraa pirezidaantii irraa fagoo hin taane baay'inaan osoo hin tuqamin hafeera

Loltuun caccabaa lafa jiru qulqulleessaa tuee tokkos miidhaa irra caalaansaa kan qaqqabe dhukaasa naannoo bataskaanaatti banameen akka ta'e dubbate.

"Mana Waaqayyoo" namni barbadeesse hin jiru, garuu loltoonni RSF gamoo sana keessatti kabaja dhabsiisan jedha.

Ilmi isaa guyyaa jalqabaa waraanni biyyattiitti eegalu akka dhalate kan dubbatu yoo ta'u, sababa lolli dhaabbachuu hin dandeenyeef ammallee carraa gara manaatti deebi'ee mucaasaa itti arguu akka hin arganne dubbate.

Waraanni RSF akkasumas naannoo ergamoonni dippilomaasii itti argamanis dhuunfataniiru.

Yeroo lolli kun jalqabu biyyoonnii fi dhaabbileen hojjettoota isaanii baasuudhaaf sardamaa turan.

Seensa imbaasii Biriteen irratti, dhaadannoon RSF keenyaa irratti barreeffameera.

Ijaarsi rasaasa dandamatu gamoo kanaa baay'inaan kan jiru yoo ta'u, garuu mallattoolee miidhaa hedduu qaba.

Alaabaa ciccitaa gulantaa gamoo miidhame Imbaasii Biriteen irratti hafe ni mul'ata Bitooteessa 2025

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Alaabaa ciccitaa gulantaa gamoo miidhame Imbaasii Biriteen irratti hafe ni mul'ata

Buufata konkolaataa duuba jiru keessatti konkolaattonni hedduun barbadaa'anii dhaabbataniiru.

Karaa biraatiin alaabaa UK sadarkaa gamoo haleellame tokkoo irratti fannifamee, cicciramee fi xuraa'ee mul'ata.

Wal waraanni Sudaan kunis kan waggoota 70 keessatti yeroo sadaffaaf gaggeeffame yoo ta'u, karaa tokko tokkoon, kanneen duraanii caalaa isa hammaataadha. Waldhabdeen kanaan dura kutaalee biyyattii biroo keessatti gaggeeffame.

Haata'u malee, warranni inni kun wiirtuu Sudaan keessaa badii qaqabsiisee, qoqqoodinsa kan jabeessee fi biyyattii addaan qooduuf sodaachisaa jira.

Naannoo lolaa irraa daran fagaatee, ayyaanni Iidaatiif namoonni daandii irratti yaa'uun kanajatan.

Waraanichi bakka biraatti itti fufulleen, namoota achi jiraniif waraanni dhumeera.

Dubartoota kana dabalatee mana nyaataa soorata naannoo sanaa keessatti argamutti, jiraattonni Kaartuum waggoota lama keessatti yeroo jalqabaaf uffata uffachuun Eid kabajaa kan turan.

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota kana dabalatee mana nyaataa soorata naannoo sanaa keessatti argamutti, jiraattonni Kaartuum waggoota lama keessatti yeroo jalqabaaf uffata uffachuun Eid kabajaa kan turan.

Waraanni kun gochaajeechaatiin kan himatame yoo ta'u, guyyoota darban keessa namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman lola kana baqachuu isaanii gabaasni ni mul'isa.

Garuu ammoo Kaartuum keessatti namoonni xumura dhuunfannaa gara jabeenyaa RSF kabajaniiru.

Miirri kun kutaa naannoo Lixa al-Jeraif jedhamuttis cimaa ture.

"Irra deebi'ee akkan uumametti natti dhaga'ama," jedhe Osmaan al-Bashir, tarree rakkina waraana kanaa erga caqasee booda ijisaa dhugaa haaraa kanaan ibsee. Afaan Ingiliffaa isaa BBC World Service irraa akka barate natti hime.

Du'aa Tariq ammoo aktivistii dimokiraasii deeggeru yoo taatuu, isheenis qaama sochii bara 2019tti hogganaa waraanaa Omar al-Baashir kan bulchiinsi abbaa irree gara waggoota 30f ture kuffiseeti.

Ollaanshee waraana kana akka dandamatu gargaaruu irratti xiyyeeffachaa turte. "Waggaa lama booda yeroo jalqabaaf Eid kabajna," jette.

"Ofiikoo dabalatee namni hundi uffata uffatee jira! Miira baay'een nutti dhagahama, akkamitti akka deebiinee jiraachuu danda'amu barachuuf yaalla. Bilisummaan nutti dhagahama, nutti salphateera, qilleensi illeen waan addaa urgaa'a."

Aadde Taariq yeroo waraanaa nyaanni waan dhumeef, magaalattiin RSFn saamamtee, waraanaan marfamuu fi gargaarsi Ameerikaa waan addaan citeef waa bilcheessuuf rakkatte turte.

Ammalleen hanqiinni nyaataa jira, garuu amma abdiin jira.

Masaraa mootummaa

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Masaraa mootummaa Kaartuum, Sudaan keessaa Bitooteessa 2025

"Miira ajaa'ibaatu natti dhaga'ama. Nageenyi natti dhagahama. Beela'us miira guddaatu ​​natti dhagahama," jedha maanguddoo Kaasim Agraa.

"Beekta, dhimma hin qabu. Bilisummaan baayyee barbaachisaadha."

"Akkuma argitan mobaayila qabadheen deema" jedhee bilbila kiisii isaa keessa jirutti akeeke.

"Gara torban lama dura mobaayila baattee deemuu hin dandeenye ture."

SNamoonni hedduun kutaalee Kaartuum adda addaa keessa jiran kan BBCtti himan waanuma sana fakkaatuudha.

Bilbilli harkaa addunyaa alaaf sarara jireenyaa yoo ta'u, hanna loltoota RSF irratti xiyyeeffataniif ammoo ijoo ture.

Beelli itti dhaga'amus jiraataan Kaartuum Kaasim Agraa miira bilisummaatti gammadaatii jiru. Bilbila harkaas qabatanii jiru. Magaalattiin akka deebitee ijaaramtus abdii qabu

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Beelli itti dhaga'amus jiraataan Kaartuum Kaasim Agraa miira bilisummaatti gammadaatii jiru. Bilbila harkaas qabatanii jiru. Magaalattiin akka deebitee ijaaramtus abdii qabu

Obbo Agraan magaalaan Kaartuumii fi biyyattiin deebiitee dandamachuu akka dandeessu abdii guddaa qabu.

"Mootummaan invastaroota fiduuf deema jedheen yaada: Ameerikaanota, Sa'uudii, Kanaadaa, Chaayinaa, biyya kana deebi'anii ijaaruuf jiru jedheen amana."

Ijaarsi guddaan akkasii raawwatamuulleen, Kaartuum amala aadaa fi ijaarsa adda ta'e qabaachuu ishee tilmaamuun nama rakkisa.

Dubartoonni hedduunis waan irra deddeebiin bakka biraatti dhagahamu dhageessisan. Innis, halkan dammaqanii erga saamtonni RSF cabsanii seenu jedhanii sodaatanii booda dhumarratti amma deebi'anii rafuu danda'u dubbatu.

Ulfaatinni sodaa fi kasaaraa ulfaataadha: seenaa miidhaa baay'ee, jireenya balaadhaaf saaxilamee fi jeeqame hedduuti jira.

Kaartuum deebi'anii ijaaruun hojii guddaa ta'a akkasumas dhiibbaan xiinsammuu jiraattotashee irra gahees qormaata ta'a

Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Kaartuum deebi'anii ijaaruun hojii guddaa ta'a akkasumas dhiibbaan xiinsammuu jiraattotashee irra gahees qormaata ta'a

"Ijoolleen keenya miidhaan sammuu irra gaheera," jedhan Naajwaa Ibraahim.

"Ogeeyyiin sammuu isaan akka gargaaraniif isaan barbaachisa. Obboleettiin koo barsiiftuu waan taateef ijoollee waliin hojjechuuf yaaltee turte, garuu gahaa miti."

Aadde Taariq's akkasumas dhiibbaa waraanni kun geessise ilaalchisee gaaffii qabdi: "Magaalattiin ammas yoom deebiite dhaqqabamti, yoomis banamti?"

"Akkasumas akka aktivitiitti gaaffii dhuunfaakoo kan biraa tokko, bilisummaa fi mirgoonni warraaqsa waggoota shanan darban keessatti arganne hundi maal ta'a?" jechuun waggoota mootummaan siiviilii fi waraanaa waliinii gara bulchiinsa siiviiliitti deebi'uuf hojjechaa ture eeruudhaan, waggoota Baashir aangoo irraa kaafamuu booda turan yaadachuun gaafatte.

"Deebii'ee amma hawaasa siivikiitiif, gahee baatootaaf, aktiivistootaaf, qabsaa'ota bilisummaaf akkam ta'a? Ammas egereen keenya mirkanaa'aa miti."

Eenyumtuu waa'ee egeree Sidaan irratti mirkan miti.

''Ummata Daarfuriif kadhanna,'' kan jette shamarreen ganna 16 Hawaa Abdulshafiea, lixa bittaattii bakka to'annoo cimaa RSF, bakka rakkoon namoomaa hammaataa ture fi bakka xiyyeeffannaan waraanaa gara sanatti jijjiirama jedhamee eegamuu eeruudhaan.

"Waaqayyo isaan haa eegu."