'Mana barumsaakoon yaade': BBC'n daa'imman zoonii waraanaatti argamaniif sagantaa eegale

Taareq, mucaan umuriin isaa ganna 10 Gaazaa irraa ta'eefi Safaa shamarree ganna 14 Sudaan irraa taate gara 2,000km waliirraa fagaatanii jiraatu. Gonkumaa wal arganii hin beekan, garuu haala hamaa ta'e tokko qooddatu, innis waraanni barnoota isaan dhabsiiseera.
"Manni barumsaakoo diigamee yoon argu gadda guddaan natti dhaga'ame. Akka kanaan dura turetti akka deebi'us nan hawwa," jechuun Taareq Gaazaa irraa BBC'tti hima.
"Wanti hundi mudatuulleen ani barachuu hin dhaabne. Mana keessatti barataa yerookoo tokkollee akkan hin qisaasne mirkaneessaan jira. Kanaaf, yoon mana barumsaatti deebi'u qophaa'aan ta'a," jechuun dabalee dubbata.
Safaa ogeessa baqaqsanii yaaluu onnee ta'uuf abjuu qabdi. "Hanga ammaatti abdii akkuman qabuttan jira" kan jettu Saafaan, wal waraansa Sudaaniin garuu yaadannoowwan nama gaddisiisan qabdi.
"Reeffi namootaa bakka hundatti faffaca'ee ture, kunis gaddi garmalee na rifaasisee, lubbuu namaa baduu dhiisee lubbuu baraaruuf sababa ta'uu akkan barbaadu na taasise."

Taareqii fi Safaan ijoollee miliyoona 30, akka Dhaabbanni Daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (Unicef) jedhutti Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa keessatti barnootaan ala ta'an keessaa tokko.
Isaan keessas walakkaa ol ykn miiliyoona 16.5 kan ta'an Sudaan qofa keessatti akka argaman tilmaama.
Deebii kanaatiif BBC World Service sagantaa barnootaa badhaasa injifate Dars ykn Barnoota Afaan Arabaatiin eegaleera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa darbe "daa'imman kuma 600 ol kanneen umuriin isaanii barnootaaf ga'e Gaazaa keessa jiran hundi barnoota hin arganne," jedhu dubbi-himaan Unicef Saaleem Oweyis.
"Akkaataa walitti bu'iinsi, tasgabbii dhabuu fi muddamni barnootaa fi barumsa daa'immaniirratti miidhaa dhugaa geessisaa jiru agarsiisaa jirra," jechuun dabaluun dubbatan.
Sudaan keessatti, erga wal waraansi humna biyyattiifi Humna Addaa (RSF) gidduutti eegalee waggaa lamaan darban keessatti, daa'imman miliyoonaan lakkaa'aman kaampiiwwan baqattootaa bakka itti barnootni kaka'umsa naannootii itti argamu keessa jiraataa jiru.
Ministirri Barnoota Sudaan, Ahmad Kaaliifaan af-gaaffii BBC waliin taasiseen, hanga badii mudatee kaasaniiru.
"Bulchinsi kamiyyuu hin hafne," jedhan. "Sudaan manneen barnootaa mootummaa tilmaamaan gara kuma 15 ta'u qabdi. Manneen barnootaa kunneen keessaa %60 hanga %70 kan ta'an guutummaatti barbadaa'uun, bu'uuraalee, caasaalee misoomaa fi kitaabota isaanii dhabaniiru."
"Naannolee nageenya qaban keessattillee sababa milishoonni sirnaan balleessaa raawwataniif manneen barnootaa miidhaan irra gaheera."

Dars jalqaba bara 2023tti shamarran mana barumsaa sadarkaa lammaffaarraa dhorkaman dabalatee, daa'imman Afgaanistaan keessa jiraniif barnoota dhiyeessuun kan jalqabame.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii daa'imman daree irratti hirmaachuu hin dandeenyeef ''sarara jireenya barumsaa'' jechuun ibseera.
Sagantaan daa'imman umuriin isaanii waggaa 11 hanga 16 gidduu jiraniif kan qophaa'e Dars Arabic kunis, torbanitti barnoota herregaa, teeknooloojii, haala qilleensaa fi fayyaa sammuu dabalatee, gosoota barnootaa adda addaa irratti barumsa kenna.
Akkasumas waa'ee seenaa ijoollee, kan akka Taareqii fi Safaa, kan waraanaa fi gufuuwwan biroo isaan mudatan illeen barachuudhaaf kutannoo qaban kan of keessaa qabatudha.
Kutaan jalqabaa Dilbata Guraandhala 9, BBC News Arabic TV irratti tamsa'eera. Kutaaleen haaraan torbanitti Dilbata sa'aatii 05:30 GMT (07:30 EET) kan tamsa'an yoo ta'u, irra deebiinsaa ammoo sa'aatii 10:05 GMT (12:05 EET) fi torban guutuu kan tamsa'u ta'a.
Sagantaan kun BBC News Arabic YouTube dabalatee, akkasumas tajaajilawwan raadiyoo sarara jireenyaa Gaazaa fi Sooriyaa dabalatee, waltajjiiwwan dijitaalaa irrattis ni argama.












